Oduu Haaraya

Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessa maaltu adeemaa jiraa?

Abdii Boruutiin

Yeroo ammaa, yoomiyyuu caalaa, diinni kan xiyyeeffachaa jiru dhaabota (dhaabilee) ykn jaarmayoota Oromoo, kan isaan morman, qofaatti otuu hin taane, dimshaashumaan Oromootti, keessumaayuu Oromummaatti akka ta’e ifa ta’aa jira. Wayyaaneen hamma har’aatti maqaa Adda Bilisummaa Oromootiin (ABOtiin) uummata keenya hidhaa, dararaa fi ajjeesaa turte. Har’a garuu dhaabni tajaajila ishiitiif ijaaramellee – OPDOnillee xiyyeeffannaa kana jalaa hin baane. Miseensotni dhaaba kanaas mana hidhaatti guuramaa akka turan (jiran?) meediyaalee gara garaarratti mul’achaa ture ammas jira. Walumaagalatti, adamsi fi hidhaan uummata keenyarra gahaa jiru bifa fi aayinaa biraa agarsiisaa jira. Wayyaaneen sababa gara garaa uumtee kanaan uummata keenya mana hidhaatti haa guurtu malee, sababni guddaan sodaa warraaqsaa akka ta’e waan nama mamsiisuu miti.

Haa ta’u garuu, oolee bula yookaanis ni tura ta’a malee, uummatni gabrummaa fi roorroo jala jiru, kana keessaa bahuun waan hin hafnee dha. Gabroonfataa fi roorrisaanis, har’a waa hundaa waan harka isaatii qabuuf; waan humna caalaas qabuuf; akka ofiif barbaade godha malee, kufaatiin isaatiis hin oolu. Karaa biraatiin booll’a itti awwaalamu qopheeffachaa jira jechuu dha. Gochaan Wayyaaneen dalagaa jirtu kun, karaa lamaan ilaalamuu danda’a: Karaan tokko, bubbeen warraaqsa uummataa, kan Aafrikaa kaabaatti jalqabe kun, gara Aafrikaa bahaas dhufee; isaanis fuudhee deemuu akka danda’u; akka hin oollees waan beekaniif, haalli akkanaa impaayara kana keessatti akka hin uumamne, uummata sodaachisuu fi hamilee cabsuufi. Karaan biraa ammoo, humni mormitootaa biyya keessas ta’ee biyya alaa keessatti, baay’ee laafaa akka ta’e Wayyaaneen waan beektuu fi hubattuuf; tuffii fi eenyutu maal nu godhuu danda’a kan jedhurraa kan ka’e uummata keenya akka barbaadde godhaa jirti.

Jaarmayootni Oromoo ammoo, haala uummatni keenya keessa jiru fi haala ardiin Aafrikaa yeroo ammaa keessa jirullee hubatanii, silaa yoomiyyuu caalaa tokkomanii humna jabaa fi abdachiisaa uumuuf ciminaan hojjechuutu isaanirra ture. Tokkummaa dhugaa kan barbaachisullee yoomiyyuu caalaa amma ture jechuu dha. Haa ta’u malee, yeroo ammaa wanti mooraa QBO keessa adeemaa jiru waan namaa galu hin fakkaatu. Akkan ofii kiyyaa hubadhutti, afaanfaajjiin tokko tokko mul’achaa jru. Kan gadi bahee waan tokko ifa godhus dhabame. Dhugaa fi dhara jirus addaan baasuun rakkisaa ta’e. Wanti dalagamaa jirus akkasuma ifa ta’ee, uummata keenyatti hin himamu. Wanti dalagamullee balbala cufaa duubatti waan ta’u fakkaachaa jira. Qabiyyeen barruu kiyyaa kan har’aa waayee kanatti xiyyeeffata.

Eessaa akkan jalqabu na rakkisullee, mee waayee tokkummaa qabsaa’ota Oromoo irraa ka’uun yaala. Akkuma dhaga’ame fi beekamu, yeroo dabran (turban dabran) keessatti, oduulee gaariin mumul’achaa turan. Karaa tokkoon, jaarmayootni lama RDOLF fi ULFOn walittibaqanii jaarmayaa tokko ULFO akka ta’an ibsa baasanii turan. Tokkummaa kanas gammachuu dhaan simannee turre. Karaa biraatiinis, yaaliin araaraa fi tokkummaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kan ji’oota shanii ol adeemaa ture, sadarkaa gaariirra akka gahe, koreen tokkummaa ABO ibsa baasee ture. Kuni gammachuurratti gammachuu biraa akka dabalen yaada. Yaamichi tokkummaa uummata Oromoo dhaga’amaa waan jiruuf, uummata keenyaaf gammachuu; diinaaf ammoo gadda akka ta’u nama hin mamsiisu.

Kuni ta’ee otuu jiruu, dubbiin ifa naaf hin taane karaa biraatiin mul’achaa jira. Inni tokko, ibsa koreen tokkummaa ABO baase wajjin walqabsiisee, dhaamsa ULFOn baase dha. Dhaamsi kunis waayee tokkummaa ABO ilaalchisee, gammachuu isaanitti dhaga’ame ibsuuf ture. Haa ta’u malee, karaa biraatiin, ibsa jaarmayaan Adda Deemookraasii Fincila Bilisummaa Oromoo (ADFBO) yookaanis Afaan Ingiliziitiin Revolutionary Democratic Oromo Liberation Front (RDOLF) baase bilisummaa.com irratti dubbiseen ture. Akka ibsi kun agarsiisutti, miseensi haaraan ULFO kun (RDOLFn) ibsa koree tokkummaa ABO sanarraa akka of qusatu fi akkasumas ibsa (dhaamsa) ULFOn baase sana akka balaaleffatu dha. Waan tokkorraa shakkii qabaachuun mirga abbaa fedhee ta’ullee, wanti naaf hin galle; erga RDOLF, ULFO wajjin walittibaqee jaarmayaa tokko ta’ani, ULFOn RDOLFn otuu hin mari’atin ykn hin beeksisin maaliif dugda isaanii duubatti ibsa ykn dhaamsa kana baase? RDOLF hoo erga ULFO keessa jiraate, akkamitti waayee kana otuu hin beekin hafe? Moo tokkoomuu isaaniitu hin milkaawin?

Jaarmayootni walitti baqanii, jaarmayaa tokko yoo uuman, hoggana tokko qabaachuu malu. Akkana jechuun ammoo, RDOLF fi ULFOn walitti baqanii ykn tokkoomanii jaarmayaa tokko yoo ta’an, hogganummaa tokko jalatti uumamu jechuu dha; hoggana tokkotu ijaarama jechuu natti fakkaata. Yoo akkana ta’e ammoo, dhaamsi ULFO sun yoo gadi bahu, RDOLFn maaliif quba otuu hin qabaatin hafe? Durumaanuu tokkummaan sun hin xumuramne ykn hin milkoofne jechuu dhaa? Asirratti maaliif dubbii oo’ifta naan hin jedhinaa!! Kanaan duras ULFO keessatti rakkoon tokko waan uumame natti fakkaata. Nan yaadadha, waayeen kun yeroo sana Raadiyoonii Hawaasa Oromoo Minisootaa (OCR-MSP) irrattillee dubbatamee ture. Gara jaarmayaatiin wanti ifa godhamee gadi bahe garuu hin turre.

Waayee kana ibsuuf waan tokko tokko dubbistoota yaadachiisuun barbaada. Bara dabre (2010) baatii (ji’a) Bitootessa keessatti, jaarmayootni Oromoo sadi COPLF (GABUO), FIDO (AWDO) fi UOPLF (ATBUO)n walittibaqanii jaarmayaa tokko ULFO akka uuman ni yaadatama. Akka naaf galetti, jaarmayootni kun sadeen tokko ta’anii hoggana tokko jalatti akka socha’anii dha. Kuni ta’ee otuu jiruu, jalqaba bara kanaarratti (2011) bakka bu’ootni FIDO fi QC ABO Obboo Jaarraa Abbaa Gadaa fi Obboo Galaasaa Dilboo marii araaraa akka godhanis himamee ture. Wanti ifa otuu hin ta’in hafe garuu, FIDOn bakka ULFO bu’ee dhiyaachuu ykn akka jaarmayaa tokkootti  kophaa dhiyaachuu dha. Akkuman kanaa olitti ibse, gaafii fi deebii yeroo sana OCR-MSP irratti ta’e tokko akkan dhaga’etti, FIDOn guutumaa guutuutti ULFO wajjin akka walitti hin baqini fi warri alatti hafan akka jirani dha. Kanarratti garuu gama ULFOtiinis ta’ee gama FIDOtiin ibsi kenname hin turre.

Gara ABOtti  deebi’uu dhaaf, asittis wanti ifa naaf hin taane tokko jira; innis KY ABO ilaalchisee ti. Ammas nan yaadadha, yeroo SG ABO wajjin tokkoomuuf waliigaltee mallatteessan sana, garee lamaani irraayuu bakka bu’ootni jaarmayootaa dubbatanii turan. Isaanis kan jedhan, ji’a (baatii) shan keessatti koreen tokkummaa ijaaramee; walgahiin adda addaa bakkee adda addaatti taasifamee; hojiin tokkummaa akka xumuramu fi sana booda korri sabaa godhamee; achirratti hoggantootni, ABO tokko ta’u kanaa, akka filatamuuf deeman ibsamee ture. Korri sabaa kunis gara fuulduraatti ta’uu waan danda’uuf; waayee kanas ilaalchise wantin beeku waan hin jirreef; kanaaf muddamee waa jechuu hin barbaadu.

Akkuma meediyaalee tokko tokkorratti dhaga’ame fi argame, KY ABO dhiyoo kana jila qabsaa’otaa qopheessee akka ture dha. Jila qabsaa’otaa kanarratti ammoo filatnoon hogganaa akka godhame dubbatamee ture. Fakkeenyaaf, dura-deemaa  KY ABO kan turan Gen. Kamaal Galchuu, akka Hayyu-Duree jaarmayichaatti akka filataman beekamee jira. Haa ta’u malee, wanti asirrattis ifa naaf hin taane, yoo ABO garee lamaan (KY fi SG) tokkooman; yoo korri sabaa hundaa hammatu tokko godhame; asirratti ammoo hogganni haaraan? kan filatamu ta’e, silaa Hayyu-Duree (HD) ABO filuun hin oolu ta’a. Gaafiin asirratti ka’u garuu, korri sabaa jedhame sun otuu hin godhamin; sanumaa asitti HD jaarmayichaa filuun maaliif barbaachisaa ta’e? kan jedhu dha. Moo yookaanis adeemsa tokkummaa kanatu otuu naaf hin galin hafe?

 

Asirratti, wantin dubbistoota barruu kiyyaa hubachiisuu barbaadu, tokkummaan ilmaan Oromoo, keessumaayuu tokkummaan qabsaa’otaa hawwii kiyya isa guddaa waan ta’eef, waayee kanas qalbii dhaan hordofaan jira. Isa kanatu akkan waan mooraa keenya keessa adeemaa jiru hubadhu na godhe. Waan ta’aa ykn dalagamaa jiru (dhugaa jiru) beekuun ammoo mirga abbaa dhimmaa – kan uummata Oromoo ti jedheen amana. Kanaaf, uummata keenyaaf waayee kana ifa godhuun barbaachisaa ta’a. Kanaafan anis, akka nama tokkootti – akka Oromoo tokkootti, yaadan qabu dhiyeessuu barbaade malee, afaanfaajjii uumuufii miti. Wantin dogoggore yoo jiraate abbaan fedhe na qajeelchuu danda’a. Kanas fudhachuuf anis qophii dha. Yeroo ammaa yoomiyyuu caalaa tokkummaa dhugaa kan nu barbaachisu waan ta’eef, kanarratti ciminaan hojjechuu fi warra tattaaffii kana godhanille jajjabeessuun; akkasumas gammachuu dhaan simachuun dirqama Oromoo ta’uu qaba jedheen yaada.

Dhumarratti, akkuma yeroo biraa, wanti ani irra deddeebi’ee dubbachuu barbaadu, tokkummaan humna; humna cimaa dhaan malee diina injifachuun hin danda’amu. Kanaaf, mooraa keenya (mooraa QBO) kessatti humna cimaa fi abdachiisaa uumuu dhaaf; karaa kanaan waa hundaafuu of qopheessuu dhaaf, tokkummaa ykn tumsa humnoota Oromoo cimsuun dirqama ta’uu qaba. Yoo humni mooraa keenyaa jabaate fi cime, wanti nu sodaachisu hin jiru. Wal amanuu fi wal abdachuu qabna; wal jajjabeessuu qabna. Har’a tokkummaa jaarmayootaa fi qabsaa’otaa dhiisii, waliigaltee fi tokkummaan namoota lamaatuu barbaachisaa dha. Waayee akkanaas gammachuu dhaan simachuu qabna malee, kanarraa of qusachuun sirrii natti hin fakkaatu. Yoo nuyi wal jajjabeessine fi hojii waliis kabajne, hamilee diinaallee cabsuu dandeenya; yoo nuyi wal shakkine garuu, diinaaf karaa baafna jechuu dha. Dhugaas haa dubbannu; dhugaas haa baafnu. Wanti uummata keenya jalaa dhokatu hin jiru.

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *