Oduu Haaraya

Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hogganummaan dargaggootaa fi dubartootaa murteessaa dha

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Biyyoota diinagdee fi teeknoolojii dhaan hin guddatin fi biyyoota dhiibbaan amantii dubartoota irratti godhamu tokko tokko keessatti yoo ta’e malee, biyyoota teeknoolojii dhaan guddatani fi hawaasa baranee (modern society) keessatti gaheen ykn qoodni dubartoonni taphatan ykn gumaachan baay’ee guddaa dha. Hawaasa akkanaa keessatti, murtiin (descision) tokko dubartoota malee hin godhamu. Jireenya dhuunfaa keessatti illee niitiin (haati warraa) harka mirgaa dhirsaa (abbaa warraa) ti jedhama. Kun kan agarsiisu ammoo dubartootaaf bakkee guddaan akka kennamuu dha. Qabsoo bilisummaa uummatootaa kessattis dubartoonni gahee guddaa akka taphatan seenaan illee ni mul’isa. Qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessattis gaheen dubartoota Oromoo akkasuma. Gaheen kun ammoo sadarkaa hogganummaa irratti ol guddatee, ittigaafatamni dubartootaa yoo dabale qabsoo kana cimsuu dhaaf murteessaa ta’a jedheen amana.

 

Dargaggoota yoo ilaalle ammoo, akkuma humni isaanii cimaa ta’e, waan tokko godhuu dhaaf dhaloota biroo caalaa fe’iis, humans, hamilees qabu. Waayee tokko isaan barsiisuu, amansiisuu fi kanaaf illee isaan qopheessuu barbaachisa malee, yoo waan tokkotti amananii fudhatani fi of qopheessan, waan sana hojiirra oolchuu dhaaf; bakka ykn galii dhaan ga’uuf onnee cimaa fi kutannoo dhaan waan sana xumuruu barbaadu, ni danda’us. Wanti isaan kan biroorraa keessumaayuu manguddootarraa barbaadan muuxannoo, gorsa fi yoo barbaachisaa ta’e, too’annoo dha. Dargaggoonni abdii egeree waan ta’aniif, manguddootas ta’ee warri umrii dhaan ol hiiqaa deeman, warra boru bakkee isaanii bu’an, dargaggoota har’aa, of jalatti qopheessuu, barsiisuu ykn leenjisuu, gorsuu fi hojii isaanii illee too’achuu qabu. Yoo manguddoonni har’a qophii kana hin goone, gaaf isaan dadhaban ykn dulloomaa deeman bakkee isaanii sana guutuun rakkisaa ta’a. Kanaaf, dargaggoota bakkee isaanii bu’an har’a qopheessuun, sadarkaa hogganummaa keessattis ittigaafatama akka fudhatan godhuun barbaachisaa dha.

 

Biyyoota diinagdee fi teeknoolojii dhaan guddatan, kan diimookraasiin illee aadaa ta’e keessatti, fakkeenyaaf biyya Jarmanii, dhaabileen siyaasaa gurguddoon of jalatti gurmuu dargaggootaa ijaaru; karaa hundaan gargaarsa godhuu dhaan boruuf ykn egereef isaan qopheessu. Kun karaa lamaan hubatamee ti jedheen yaada. Karaan tokko, gaheen dargaggootaa hawaasa keessatti murteessaa waan ta’eef yoo ta’u; karaan biraa ammoo akkuman kanaa olitti ibse, boruuf, egereef har’a isaan qopheessuufi; hogganummaa isaaniitiif hundee gaarii ijaaruufi. QBO keessattis hoggantoonni keenya akkanumatti hojjechuu fi hogganummaa dargaggootaaf har’a qophii godhuun gaarii dha jedheen yaada. Yoo dubartoonni fi dargaggoonni sadarkaa hogganummaa kanaaf hin qophoofne ykn akka qophaa’an hin taasifne, qabsoon kunis waan cimu natti hin fakkaatu. Kanaaf, karaa danda’ameen, bakkee danda’ametti dargaggoota fi dubartoota keenya jajjabeessuu, gurmeessuu fi hogganummaa keessatti ittigaafatama akka fudhatan godhuun barbaachisaa qofaa otuu hin taane murteessaa dhas.

 

Dhugaa dubbachuu dhaaf, haalli yeroo ammaa mooraa QBO keessa jiru fi amalli hogantoonni keenya agarsiisaa jiran waan hamilee dargaggoota keenyaa jabeessu hin fakkaatu. Amala akkanaa qabanii dargaggootaaf fakkeenya gaarii waan ta’uu danda’an natti hin fakkaatu. Yoo waliigaluu hin dandeenye; rakkoolee isaan jidduutti uumamniif furmaata waliin barbaaduu fi argachuu hin dandeenye; kana bira illee dabranii walirratti duuluu dhaan yoo dhiiga walii dhangalaasan, dargaggoonni kanarraa maal baratu? Dhaloota dhufuuf hoo maal dhiisanii dabru? Fincila diddaa gabrummaa keessatti, wareegama dargaggoonni keessumaayuu barattoonni Oromoo kaffalan kan akka laayyootti ilaalamuu miti. Hoggantoonni keenya biyyoota alaa biyyoota nagaan jiru keessatti, waliigaltee dhabanii walirratti duulan; dargaggoonni keenya garuu biyya faashistiin bitaa jiru keessatti meeqatu lubbuu isaanii dhaban? Hogganummaa fi qabsoo dhaaf isaan qopheessuunuu hafee, bakkee isaan gargaarsa tokko malee falmataa turani fi jiranitti kan isaan dhaqqabe jiraa? Waayeen kun itti yaadamuu qaba.

 

Yoo haalli yeroo ammaa mooraa QBO keessa jiru kun jijjiiramuu fi fooyya’uu baate; yoo hoggantoonni jaarmayoota keenyaa waliigaltee uumanii wajjin(waliin) hin hojjenne; yoo wanti hunduu akkuma amma jiru kanatti itti fufe, hamileen uummata Oromoo keessumaayuu hamileen dargaggootaa akka hir’achaa deemu fi diinaani illee gowwoomuu akka danda’an waan mamii qabu natti hin fakkaatu. Waayee kana dagachuun rakkoo guddaa keessa nama galchuu danda’a. Beekumsi, dandeettii fi gaheen dargaggootaa fi dubartootaa akka laayyootti ilaalamuu hin qabu; akkanatti kan ilaalamus miti. Dargaggoota keenyaaf bu’urri gaariin godhamuu qaba; jajjabeeffamuu qabu. Qabsoo jalqabe fi deemaa jiru kana kan galii dhaan ga’ani fi abdii egeree ta’an dargaggoota keenya. Dirqama fi ittigaafatama fudhatanii QBO galii hawwametti akka geessan, har’a isaan qopheessuu fi hojii dhaanis, amalaanis fakkeenya gaarii isaaniif ta’uun dirqama dha.

 

Karaa biraatiin yoo ilaalame ammoo, hoggantoonni ykn manguddoonni keenya, kan har’a qabsoo bilisummaa kana gaggeessaa ykn hogganaa jiran, yeroo dargaggummaa isaanii, haala baay’ee ulfaataa ta’e keessatti qabsaa’anii bu’aalee gurguddoo waan fidaniif, isaaniif kabaja guddaa kennuun barbaachisaa qofaa otuu hin taane, dirqama Oromummaatis jedheen amana. Qabsoo bilisummaa uummata tokkoo dhiisii jireenyuma dhuunfaa keessattuu balleessa hojjechuun kanuma jiru dha. Ilma namaa ta’ee kan balleessa hin hojjenne, kan kanaa ala ta’u hin jiru. Hoggantoonni fi manguddoonni keenyas qabsoo kana keessatti balleessa hojjetanii jiru; gara fuulduraattis balleessa hojjechuun hin oolu; kan hojjatutu balleessa; kan cal jedhee taa’u, kan homaa hin goone balleessa dalaguu hin danda’u. Kanaaf, balleessa dalagamee darbeef, irra deddeebi’anii dubbachuu dhaan manguddoota keenyaaf kabaja dhabuun ykn kabaja dhoowwachuun sirrii miti; kun aadaa Oromootis natti hin fakkaatu. Balleessa dabreef dhiifama wal gaafachuu fi dhiifama waliif godhuun akkasumas wal kabajuun, xiqqaan guddaa kabajuun aadaa Oromoo bareedaa dha. Kan uummata ykn saba keenyarratti waan badaa fi daba hojjete fi/ykn hojjetu seenaanuu ni gaafata; kana jalaa ba’uu hin danda’u.

 

Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) otuu hin ijaaramin dura haala ture fi kan har’aa walitti akeeknee yoo ilaalle, garaagarummaa guddaan akka jiru abbaa fe’eefuu kan ifa ta’u dha jedheen yaada. Haalli dargaggoonni yeroo sanaa keessa turani fi dargaggoonni har’aa keessa jiran baay’ee walirraa fagaataa dha. Wanti biraa illee yoo hafe, sadarkaa teeknoolojiin har’a irra ga’e yoo ilaalle, dargaggoota har’aatiif bu’aaqabeenya (advantage) guddaa dha. Karaa adda addaatiin walqunnamuun, odeeffannoo (information) waliif dabarsuu fi waliin haasa’uu dhaaf meeshaalee teeknoolojiitti fayyadamuun har’a waan salphaa ta’uuf, karaa kanaan haala gaarii tolcha. Bakkee gara garaatti dargaggoota keenya gurmeessuu fi qabsoo kanaaf qopheessuun har’a akka yeroo dur ulfaataa waan ta’u natti hin fakkaatu jechuu kooti. Hogganummaa cimaa fi kan waan hunda qindeessee waan yaadame tokko hojiirra oolchu qofaa barbaachisa.

 

Sadarkaa har’a teeknoolojiin irra gahe qofaa otuu hin taane, karaa biraatiin yoo ilaalles, sadarkaan dammaqinsa uummata keenyaa fi sadarkaan sabboonummaa Oromoo har’a irra ga’an dargaggoota keenyaaf bu’aaqabeenya biraa ti. Har’a xinnaatu illee aadaan keenya babal’achaa, sabboonummaa fi Oromummaan guddachaa waan deemuuf, dargaggoota keenyaaf keessumaayuu warra dhaloota qubee (qubee generation) ta’aniif haala gaarii tolchaa jira. Wanti amma barbaachisu hogganummaa cimaa, kan dargaggoota of jalatti ijaaree, gurmeessee hogganummaa boruutiif illee isaan qopheessuu dha. Dargaggoonni ammoo haala gaariitti fayyadamanii hamilee cimaa dhaan, onnee dhaan, garaa kutannoo dhaan qabsoo kanaaf of qopheessuu qabu.

 

Akkanatti gara lamaaniinuu (gara hoggantoota ykn manguddoota fi dargaggootaa) yoo hojjetame, wanti hunduu karaa gaarii qabatee deema. Gaheen dubartootaa fi dargaggootaa hamma sadarkaa hogganummaatti guddachuu qaba. Qoodni isaan gumaachan murteessaa akka ta’u hubatamuu qaba. Qabsoo kana duuba isaan hiriirsuu qofaa otuu hin taane, hogganummaa dargaggootaa fi dubartootaaf ciminaan hojjechuun; isaan jajjabeessuun, kanaaf illee isaan qopheessuun; dargaggoonni ammoo gama isaaniitiin jijjiirama bu’uraa fiduu dhaaf; kan hamma har’aatti akka gaariitti hin hojjetamin fooyyessuu dhaan, qabsoon bilisummaa Oromoo akka cimu godhuun barbaachisaa qofaa otuu hin taane murteessaa dhas jedheen amana.

 

Galatoomaa.

 

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *