Oduu Haaraya

Tokkummaa ykn tumsa humnoota Oromootiif iyyuun tumsa hunda hammataa alaa diduu miti

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, tokkummaa diduun humna diiguu dha; tumsa diduun ammoo humna laaffisuu dha. Yoon akkana jedhu maal jechuu kooti? Gabaabumatti, yoo tokkummaa hin qabaanne, humna horachuu hin dandeenyu; kan duraan qabnu illee gara gara faca’ee badaa deema. Yoo tumsa hin qabaanne, humna cimaa diina injifachuu danda’u uumuu ykn horachuu hin dandeenyu; diinnis nurratti cimaa deemee, umrii bittaa gabrummaa dheereffata jechuu dha. Egaa, tokkummaa fi tumsi, tokko kan biraatiif bu’ura ta’ee, akka damee muka tokkoo babal’achaa akka deemu hubadhaa! Tokkummaan yoo jiraate, innis guddatee tumsa ta’a; tumsis babal’achaa deemee, tumsa guddaa hunda hammataa tokko dhalcha ykn fida. Yoo tokkummaan hin jiraane ykn hin uumamne, tumsi uumamuu hin danda’u; tumsa biraa hunda hammataa fiduun sirumaa waan hin danda’amne ta’a jechuu dha.

 

Waayee ijaarsa tumsa hunda hammataa (All-Inclusive-Alliance) ilaalchisee amma illee marii oo’aan deemaa jira. Amma illee namoota gara garaa irraa yaadni adda addaa dhiyaachaa jira. Akkan yaadolee (comments) gara garaa irraa hubadhetti, yaadni namoota irraa dhiyaate waan bifa sadi qabu natti fakkaata; akka waan tokko tokko ibsuu dhaaf natti tolu garee saditti hiree ilaaluun yaala.

 

Garee tokkoffaa: Isaan kun namoota tumsa hunda hammataa hin barbaadne yoo ta’an, sababni isaan dhiyeessan, kanaan duras tumsi gara garaa yaalamee, garuu qabsoo bilisummaa Oromootiif (QBOtiif) bu’aa tokko illee otuu hin fidin waan hafeef, ammas tumsa biraa ijaaruun waan Oromoo dhaaf bu’aa fidu miti jedhanii warra ijaarsa tumsa akkanaatiin mormanii dha.

 

Garee lammaffaa: Isaan kun ammoo tumsa hunda hammataa ijaaruun barbaachisaa dha, garuu dura tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO keessatti ijaaramuu qaba warra jedhanii dha ykn yaada jedhu dha. Ani illee yaadni kiyya garee kana keessa gala. Maaliifa akka ta’e barruu kiyya kan kana duraa keessatti ibsuu yaaleen ture; ammas irra deebi’ee kanaa gaditti waan tokko tokko kaasuu ykn ibsuun yaala.

 

Garee sadaffaa: Namonni tokko tokko ammoo dafanii Wayyaanee kuffisuu dhaaf tumsa hunda hammataa ijaaruun amma barbaachisaa waan ta’eef, kanaaf yeroon kennamuu hin qabu; hamma tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO keessatti ijaaramutti yeroo dheeraa fudhachuu yookaanis ammoo sirumaayuu otuu hin milkoofne illee hafuu waan danda’uuf, kana eeguun yeroo fixuu dha warra jedhanii yaadan fakkaatu.

 

Haala yeroo ammaa mooraa QBO keessatti mul’atu yoo ilaalle fi hubanne, dhugaa dubbachuu dhaaf waa hunda gaafii keessa galchaa jira; abdii illee waan hir’isaa deeme fakkaata. Araarri fi tokkummaan qabsaa’ota fi jaarmayootaa keessumaayuu yaaliin deebisanii tokkoomsuu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waan milkaawu fi xumuramu hin fakkaatu. Otuu waayeen kun hawwii fi abdii guddaa dhaan eegamaa jiruu, jidduu dhaan wanti gaddisiisaan tokko tokko dhaga’ama. Kan kanarraa ka’e tokkummaa fi tumsa mooraa QBO gaafii keessa galche ykn galcha. Taa’anii wal ilaaluurra ykn waliin mormaa yeroo fixuurra xinnaatu illee waan tokko godhuu wayya yaada jedhutti nama geessa. Kanaaf, namoonni tokko tokko (warri garee sadaffaa keessa galuu danda’an) waan tokkummaa ykn tumsa Oromoo irraa abdii murataniif, teenyee hamma kun ijaaramutti hin eegnu, tumsa alaa barbaaduu wayya jedhanii yaadan natti fakkaatu.

 

Tumsa cimaa hunda hammataa ijaaruun barbaachisaa kan ta’u diina cimaa waliin qaban Wayyaanee faashistii kana dafanii kuffisuufi. Kun akka yaadaatti dhugaa dha; humna cimaa diina injifatu uumuu dhaaf tumsi akkanaa barbaachisaa akka ta’u mamiin ykn shakkiin hin jiru; kanatti hunduu waan amanuu qaban natti fakkaata. Haa ta’u malee, gaafiileen asirratti ka’an ykn ka’uu qaban: Tumsi akkanaa kun yoo akkamitti ijaarame bu’aa fiduu danda’a? Oromoo ykn QBO ti moo ormatu bu’aa caalaa irraa argata? Yoo diinni cimaan kun kufe booda hoo rakkoon QBOrratti fidu jiraa ykn jiraachuu malaa? fi kan kana fakkaatanii dha. Kanaaf, waa hunda gadi fageenyaan xinxaluu fi ittiyaaduu, akkasumas ittiqophaa’uu barbaachisa. Kan dabre irraa muuxannoo argachuu fi irraa barachuu kan barbaachisus yeroon isaa amma. Kan dabre irraa yoo hin baratamne ammoo, deebi’anii rakkoo’uma wal fakkaatu keessa akka seenan ykn galan nama godha jechuu dha.

 

Rakkoo dubbachuun karaa tokko; furmaata rakkoo barbaaduun ammoo karaa biraa ti. Amma garuu rakkoo kaasanii ykn dubbatanii dhiisuu qofaa otuu hin taane, hamma danda’ame, karaa danda’ameen furmaata rakkoo barbaaduun dirqama ta’a. Yaadni fi malli gara garaa maddani illee, furmaanni xumuraa waliin argamuu qaba. Furmaanni akkanaas kan argamuu danda’u yoo waliin haasa’an fi waliin mari’atan malee, taa’anii wal ilaaluu ykn waliin mormuu qofaa dhaanii miti. Taa’anii wal ilaaluu fi waliin mormuun umrii bittaa diinaa dheeressa malee uummata Oromootiif ykn qabsoo bilisummaa isaatiif bu’aa tokko illee hin fidu; kanuma arginee dabarre fi amma illee argaa jirruu dha. Oromoon humna cimaa uumuu otuu danda’uu humna qabu sanaa laaffisaa deemuun qaanii guddaa dha. Tokkummaa ykn tumsa ofii abdachiisaa ijaaruu otuu danda’uu tumsa alaa barbaaduunuu kan nama dinquu dha yoon jedhe waanan dubbii oo’ise natti hin fakkaatu. Wayyaaneen saba bicuurraa dhufte, garuu duraan mooraa ofii keessatti humna ofii waan cimsiteef kunoo har’a sadarkaa kanarra geesse.

 

Obboo Fayyis Oromia mata duree “Tumsi hunda hammataan yaadame kun adda ta’uu danda’aa? (Afaan keenyattan hiike)The suggested All-Inclusive Alliance: Can it be different and make a difference?” jedhuun barruu dhiyeesehttp://gadaa.com/oduu/?p=5138. Gaafiin inni kaase kun gaafii gaarii, gaafii barbaachisaa, kan Oromoon hunduu of gaafachuu qabu, kan xinxaala bal’aa barbaadu fi ittiyaaduu fi itti qophaa’uus barbaachisuu dha. Dhugaa dha, tumsoota hamma har’aatti yeroo fi haala adda addaa keessatti ijaaraman irraa maaltu adda isa godhuu danda’a? Akkamitti adda ta’uu danda’a jennees of gaafachuun barbaachisaa dha. Barbaachisa tumsa akkanaa qofaa otuu hin taane, akkamitti akka ijaaramu irratti illee gadi fageenyaan ittiyaaduun murteessaa dha. Yoo qophii gaariin godhame malee, diinuma waliin qaban faashistii kana dafanii kuffisuu dhaaf jedhanii muddamaan waan biraa keessa galuun akka hin uumamne sirriitti itti yaaduu nama barbaachisa jechuu kooti. Kanaaf, barruu kiyya kan kana duraa keessatti sadarkaa sadarkaa dhaan hojjechuu qabna jedhe. Sadarkaalee kana keessatti ammoo waa hundatu xinxaalamuu danda’a; ciminni fi laafinni ni hubatama; akka humni guddachaa fi cimaa deemu taasisa; walirratti duuluun hafee irree tokkoon akka diinarratti duulamu godha.

 

Wanti tokko kan hubatamuu qabu, ijaarsa tumsa hunda hammataa tokko keessatti humni miseensota (jaarmayoota) tumsa kanaa yoo waliin hin qixxoofne ykn walitti hin dhiyaanne fi humni miseensa (jaarmayaa) tokkoo kan biroo kan caalu ta’e, miseensa ykn miseensota, kan humna laafaa qabani irratti dhiibbaa godhuu waan danda’uuf, boodarra kaayyoo isaanii irratti illee rakkoo fiduu danda’a. Kanaaf ammoo Wayyaanee’umtuu fakkeenya ta’uu dandeessi. Humna ofii cimaa waan qabaatteef ykn horatteef tumsa ijaarte keessatti kan biroo irratti dhiibbaa gootee, kanattis fayyadamtee, waa hundaa harkatti galfattee, kunoo akka barbaadde fi waan barbaadde godhaa jirti. Akka rakkoon akkanaa ykn walfakkaataan hin dhalanne ykn hin uumamne, dura itti qophaa’uun barbaachisaa ta’a. Qophiin duraa kun ammoo mooraa ofii keessatti nagaa fi araara buusanii, humna ofii cimsuu dha. Humni ofii kunis rakkoon tokko illee yoo uumame, kan kanaan mormuu fi injifachuu danda’u ta’uu qaba; kan uummanni itti amanuu fi abdatu, kan uummata of duuba hiriirsu ta’uu qaba. Humni akkanaa ammoo, ammas kanuman jechaa ture sanan irra deebi’aa, tokkummaa ykn tumsa mooraa QBO keessatti ijaaramu irraa dhufa; kanarraa abdii murachuun nurra hin jiru. Tumsa hunda hammataa ijaaruu dhaaf kun haalduree ta’uu qaba jedheen amana; hundee gaarii ijaaruuf malee tumsa hunda hammataa diduufis miti.

 

Kanaaf, wanti hunduu sadarkaa sadarkaa dhaan hojjetamuu fi tumsa hunda hammataa dura tokkummaan ykn tumsi humnoota bilisummaa Oromoo ijaaramuu qaba. Carraan tokko yoo argame, ammas akka nu hin dabarre ciminaan irratti hojjechuu fi waa hunaafuu of qopheessuun murteessaa dha. Haalli uummanni keenya fi qabsoon bilisummaa isaa keessa jiran yeroo dhaa yerootti ulfaachaa waan dhufeef; diinni keenya ammoo yeroo dhaa yerootti cimaa waan deemuuf, kaayyoo ganamaa, kaayyoo galgalaa jechaatuma waliin mormuu fi wal dadhabsiisuun, tokkummaa ijaaruu dadhabuun uummata keenyaaf bu’aa hin fidne, fiduus hin danda’au. Akka uummanni keenya gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e kana jalaa/keessaa ba’u, akka haalli QBO tolfamu, akka humni keenya jabaatu fi cimu, xinnaatu illee waan bu’aa tokko fidu irratti waliin hojjechuu dha malee, akkuma dur faashinii’uma dura sana irra deddeebi’uun, sirbuma dur sirbuun diinaaf karaa tolcha malee Oromoon bu’aa irraa hin argatu. Kan dabre irraa barachuu qabna; kanarraa muuxannoo argachuu fi irraa barachuu danda’uun ammoo beekumsa guddaa fi/ykn gabnummaa dha.

 

Dhumarratti, marsaa (website) www.voiceoforomia.com irratti suuraa torbanii (picture of the week) jedhu jalatti dhaamasi Odaa Oromoo yeroo hunda sammuu Oromoo keessatti mul’achuu qaba; DO NOT BE THE GENERATION THAT LETS OROMO DOWN, COME TOGETHER!!  Dhaamsi fi yaamichi kana caalu hin jiru. Kan yaamicha kana dide, kan waayee kana dagate seenaan isa gaafata. Dhaloota seenaa balleesu otuu hin taane, dhaloota seenaa boonsaa hojjetee dabru ta’uu qabna. Waliin haa haasofnu, waliin haa mari’annu, waliigaltee haa uumnu, tokkummaa haa ijaarru, tumsa waliif haa taanu. Walirratti duuluu dhiifnee, irree tokkoon diinarratti haa duullu. Uummanni Oromoo ijoollee isaatiin boonuu qaba malee, ittiin qaana’uu hin qabu. Nuyis bu’aa ykn dhimma dhuunfaatiif jennee waayee uummata keenyaa dagachuu dhaabuu qabna.

 

Galatoomaa.

 

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *