Oduu Haaraya

Qabsoo Bilisummaa Oromoo maaltu laaffise ykn laaffisa?

Abdii Boruutiin

Gaafiin akka mata dureetti kaase kun onnee Oromootaa, keessumaayuu kan warra dhimmi kun isaan ilaaluu fi qalbii isaanii harkisuu, akka tuqun yaada. Gaafiin kun salphaa fakkaata malee, deebiin isaa xinxala bal’aa kan barbaadu fi kan laayyoo’umatti argamuu danda’us akka hin taane waan nama mamsiisuu miti. Qabiyyeen barruu kiyyaa kan waayee kana bal’inaan ilaalu fi deebii quubsaa kennu ta’uu yoo bagatelle, dhimma kana ilaalchisee waanan hawaasa Oromoo keessatti fi akkasumas adeemsa qabsoo kanaa keessatti hubadhen dhiyeessuu barbaada. Sababootni qabsoo kana laaffisan yookaanis laaffisuu danda’an baay’ee ta’uu malu. Qabxiileen ani barruu kana keessatti kaasu fi ibsuu yaalu sababoota biroo keessaa tokko tokko ta’uu danda’u jedhee waanan yaaduuf isaan kanarratti ilaalcha fi yaada koo ibsuun yaala.

 

Akka hubannoo kiyyaatitti, sababootni qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) laaffisan ykn laaffisuu danda’an jedhee yaadu fi asitti dhiyeessuu barbaadu, akka kanaa gadii ti:

1)    Kaayyoo ganamaa, kaayyoo galgalaa, kan yeroo gabaabaa, kan yeroo dheeraa,… jechaa yaadaan waliin mormuu fi kanarratti waliigaltee dhabuu ykn waliigaluu dadhabuu

2)    Tooftaa fi tarsiimoo gara garaa yaaduu fi kanarrattis walii galuu dadhabuu; akkasumas karaa qabsoon kun ittiin gaggeeffamu fi cimu tokkorratti waliigaltee dhabuu

3)    Oromummaan kan walii waan ta’eef, isa kanaaf dursa kennuun dagatamee; waan isa booda dhufu, kan waan dhuunfaa ta’eef dursa kennuu. Oromiyaa takka yaaduu dhiisanii kutaa, naannoo fi gandaan gara gara wal hiruu fi wal qoqqooduu

4)    Kutannoo dhabuu fi onnee guutuu dhaan waan tokkotti amananii, isa kanas bakkee tokkoon ga’uuf garaa qulqulluu dhaan, ciminaan hojjechuun hanqachuu

5)    Kaayyoo qabsoo kanaatti amananii; isa kanas galii hawwameen ga’uuf, dhugaa dhaan hojjechuuf otuu hin taane, namootni tokko tokko dhimma fi fedhii dhuunfaatiif jedhanii mooraa qabsoo kana keessa galuu. Isaan kun warra carraa gaarii barbaadan fi bu’aa dhuunfaa hawwan, Afaan Ingiliziitiin “opportunist” jedhamanii dha.

6)    Dubbachuu malee wanta dubbatame tokko hojii dhaan agarsiisuu dadhabuu; sababa kanaan jijjiiramni tokko otuu hin argamin hafuu ykn turuu; sababa kanaan deeggarsi uummataallee hir’achaa deemuu. Hanqina ykn hir’ina gochaa “lack of action” kan jedhamu jechuu dha

7)    Wanta qabsoo kana keessatti dalagamu uummataaf ifa godhuu dhiisuu; (itti)gaafatamummaan illee hir’achuu ykn dhabamuu. Afaan Ingiliziitiin “lack of transparency” kan jedhamu dha

8)    Yaadas ta’ee odeeffannoon; walumaagalatti sochiin qabsoo kana keessatti godhamu fi murteessaa ta’e karaa tokkoon qofaa yaa’uu. Innis baddaa dhaa gara jalaatti malee, hundeerraa kaasee gara baddaatti adeemuu dadhabuu

9)    Seerri fi heerri jaarmayaa tokkoo kabaja dhabuu fi abbumti fedhe ka’ee ani kana, ani sana jedhee ibsa tokko baasuu ykn waan tokko murteessuu

10) Tokkummaa dhabuu; sababa kanaan humna gara gara hiranii, kan jirullee laaffisuu; diinaaf saaxilamuu

 

Asirratti, qabxii kurnaffaa – waayee tokkummaa dhabuu kanan boodarratti fideef, sababootni hunduu tokkoffaa hamma saglaffaa (1-9) tokkummaarratti dhiibbaa guddaa waan godhaniifi ykn qabaniifi. Gabaabumatti ibsuuf, sababoota saglan kanatu waayee tokkummaa murteessu jechuu ni danda’ama. Asitti aansee qabxiilee kana gabaabinaan, tokko tokkoon ibsuun yaala.

 

Kaayyoo tokkorratti waliigaltee dhabuu

 

Dhugaan hunda jalaayuu dhokachuu hin dandeenye fi ifa ta’ee jiru, uummatni Oromoo humnaan bilisummaa fi biyya isaa Oromiyaa dhabe; uummata Habashaa dhaan koloneeffatamee fi har’allee gabrummaa keessa jiruu dha. Kun seenaa ragaa qabu waan ta’eef, waan waliin nama mormisiisu natti hin fakkaatu. Yoo dhugaa kanatti amaname ammoo, uummatni bilisummaa fi biyya ofii dhabe, waan dhabe sana deebisee argachuu barbaada; argachuu qabas. Kanaaf, kaayyoon QBO inni guddaanbilisummaa fi abbaabiyyummaa isaa deebisee argachuu ta’a. Kaayyoo kanaaf lubbuun ilmaan Oromoo meeqatu itti wareegame; itti wareegamaas jira. Kaayyoo kana galiin ga’uun dirqama qabsaa’ota hundaa ti malee, kaayyoo ganamaa, kaayyoo galgalaa, tooftaa yeroo gabaabaa, kan yeroo dheeraa,… kan nama jechisiisu ykn kan jedhamu jiraachuu hin qabu. Kaayyoon uummata gabroomee tokko’uma; kaayyoon ganamaa fi galgalaa hin jiru. Yoo ta’ellee, sagantaa jaarmayaa tokkoo isa ganamaa ykn kan jijjiirame jedhanii dubbachuu wayya natti fakkaata. Kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo akkuman tuqee dabre dha jechuu kooti. Kanarratti waliigaluun ammoo, dirqama Oromummaa ti; ittigaafatama sabbummaa ti.

 

Tooftaa fi tarsiimoo tokkorratti waliigaluu dadhabuu

 

Dhugaa dha, yeroo ammaa yeroo haalli addunyaa kanaallee jijjiiramaa fi ulfaataa ta’aa deemu dhiisii; yeroo’uma fedhee ta’u qabsoo bilisummaa keessatti haalli namatti tolu hin jiru; uumamuus hin danda’u. Kanaaf, haala ulfaataa fi walxaxaa ta’u kana keessatti tooftaalee fi tarsiimoolee gara garaa yaaduu fi yaaluun waan hin oolle ta’a. Yoo kaayyoo QBO isa guddaarratti kan rakkoo hin fidne ta’e; tarkaanfii tokkollee ta’u kan qabsoo kana gara fuulduraatti oofu ta’e, tooftaa’uma fedhee yaaluun barbaachisaa dha jedheen yaada. Waayee akkanaarratti waliigaluunis gamnummaa qofaa otuu hin taane, akka dirqamaattillee fudhatamuu qaba; yoo qabsoo kanaaf bu’aa tokko kan fidu ta’e jechuu kooti. Kun ilaalcha mataa kiyyaa ti. Tooftaa fi tarsiimoon tokko, qabsoo kana galii hawwameen kan hin geenye yoo ta’e garuu, waayee’uma kanarratti galgalaa ganama dubbachuun bu’aa hin fidu; faayidaallee hin qabu. Qabsoo kanatti gaaga’ama fida malee, cimsuus hin danda’u.

 

Oromummaa dhaaf dursa kennuu dagachuu

 

Oromummaan lafee dugdaa QBO ti yoon jedhe dhara hin ta’u. Akkuma namni tokko lafee dugdaa malee dhaabbatee deemuu hin dandeenye, yoo Oromummaan guddate malee, qabsoon kun cimuu akka hin dandeenye hundaafuu ifa ta’uu qaba. Oromummaan akkamitti qabsoo kana cimsuu danda’a? Oromummaan kan walii fi dura dhufu dha; kan kanaa alaa hunduu kan booda dhufani fi waan dhuunfaa ti. Yoo Oromummaaf dursa kennine; dursa kennuu qofaa otuu hin taane, isa kanas guddifne, tokkummaan ilmaan Oromoo akka uumamuu fi guddatu taasisa. Tokkummaan yoo jiraate ammoo, humni keenya akka cimu godha. Humni cimaan injifatnoo fida; qabsoo kanas galii hawwametti geessa jechuu dha. Karaa biraatiin ammoo, Oromummaaf dursa kennuun, diinni tooftaalee adda addaatti fayyadamee gara gara akka nu hin hirre nurraa ittisa. Oromummaa guddisuun har’a qofaa otuu hin taane, borullee, egerellee biyya takka ijaarrannee nagaa fi gammachuu dhaan akka jiraannu hundee nuuf ta’a.

 

Kutannoo dhabuu; dhimma fi fedhii dhuunfaatiif dursa kennuu

 

Akka natti fakkaatutti, waayeen kun lamaan tokko tokkorratti (tokko kan biraarratti) dhiibbaa godhuu danda’a jedheen yaada. Maal jechuu kooti? Mooraa tokko keessatti namootni fedhii fi kaayyoo gara garaa qaban yoo waliin jiraatan, hojiirratti sakaallaa walitti ta’uu danda’u. Mooraa QBO keessa, dhugaa dhaan qabsoo kanatti amananii otuu hin taane, fedhii fi dhimma dhuunfaatiif jedhanii, karaa adda addaatiin warri mooraa kana keessa seenan hin dhabamne. Warri akkanaa kun ammoo, qabsaa’aa kutataa, kan onnee guutuu dhaan qabsoo kana cimsuu barbaadutti gufuu ta’u. Carraa argametti fayyadamanii hamilee qabsaa’aa dhugaa cabsuu barbaadu. Qabsoo kana cimsuuf ykn galii hawwameen ga’uuf otuu hin taane, aangoof, ittiin beekamuuf, maqaa ittin argachuuf fuuldura kaatu. Kan dhugaa dhaan, garaa qulqulluu dhaan hojjetutti gufuu ta’u; akka garaa kutannoo dhaan hin hojjenne taasisu. Kana birallee dabranii tokkummaattis gufuu ta’u. Karaa kanaan qabsoo kana laaffisu jechuu dha.

 

Kan dubbatamu hojiirra ooluu dadhabuu;

wanta dalagamu uummataaf ifa godhuu dhiisuu

 

Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, akkan adeemsa qabsoo kanaa keessatti hubadhutti, rakkoo guddaan mooraa QBO keessa jiru inni tokko isa kana dha jedheen yaada; amanas. Yeroo baay’ee fi baroota dheeraa, akkana haa ta’u akkas haa ta’u; akkana haa goonu akkas haa goonu,… jechuu malee, dhugaa dubbachuu dhaaf, wanti jedhame hojiirra oolee hin argamu. Kun qeeqa otuu hin taane, dhugaa lafa jiruu dha. Karaa biraatiin ammoo, wanti qabsoo kana keessatti dalagamu yeroo tokko tokko waan ifa namaaf ta’uu miti. Fakkeenyaaf, mooraa kana keessatti rakkoon tokko yoo uumame, namni ykn hogganaan tokko gadi bahee uummataaf waan tokko hin ibsu; ittigaafatamallee fudhachuu hin fedhu. Murtiin dhimma tokkoo hoggantoota biratti ta’ullee, wanti dalagamu balbala cufaa duubtti waan godhamu fakkaata; uummataaf ifa hin godhamu.

Fakkeenya biraa kaasuuf, waayee yaalii araaraa fi tokkummaa mooraa ABO irrattillee, wanti yeroo ammaa irra gahame fi haala maal keessa akka jiru; maalirratti akka waliigalteen godhame; maala gochuuf akka karoorfatan uummataaf sirriitti ifa waan ta’e natti hin fakkaatu.

 

Walqunnamtiin jaarmayaa fi uummataa hir’achuu;

seerri fi heerri jaarmayaa kabaja dhabuu

 

Qabsoo kana gaggeessuun, hogganuu fi dhimma kanarratti murteessuun hojii fi ittigaafatama jaarmayaa ykn hogganootaa ta’ullee, hirmaatnaan uummataa barbaachisaa fi murteessaa dha jedheen yaada. Hogganaa cimaan uummata biratti mul’atee; hirmaatnaan uummataa akka jabaatu godhee; yaada uummataa dhagayee; qabsoo kanas qindeessee; uummata sochoosuu dhaan of duuba hiriirsuu danda’uu qaba. Baddaa taa’ee gara jalaatti murtii dabarsuu qofaa otuu hin taane, hojii isaa hundeerraa, uummatarraa jalqabuu qaba. Ilaalcha fi yaada uummataas dhaggeeffatee; gara hojiitti jijjiiruu yaaluus qaba. Yaadni fi odeeffannoon karaa lamaan yaa’uu qabu jechuu dha.

 

Waayee seera fi heera jaarmayaa kabajuu ilaalchisee, wanti mooraa keenya keessatti, yeroo tokko tokko mul’atu baay’ee nama gaddisiisa. Yoo tokko lafaa ka’ee marsaa intarneetaa irratti waan fedhe baasu; namoota arrabsuu fi abaaru; waan barbaade barreessu; namootaaf kabaja dhabu; kan biraa tokkos akkasuma gadi bahee, waan fedhe akka barbaadetti ibsa. Dhara fi dhugaa addaan baasuun baay’ee nama rakkisa. Hunduu maqaa jaarmayaa tokkootiin waan dubbatu fakkaatu. Waayeen akkanaa ammo, seera fi heera jaarmayichaaf kabaja dhabuu dha. Kanaaf eenyutu itti gaafatama? Uummatni hoo, akkamitti dhugaa fi dhara addaan baasuu danda’u? Waayeen kun rakkisaa qofaa otuu hin taane, farra QBO ti jedheen amana. Maaliif yoo jedhame, waayeen akkanaa kun nagaa booressa; akka tasgabbiin hin uumamne godha.

 

Tokkummaa dhabuu

 

Yeroo tokko tokko yoon taa’ee itti yaadu, tokkummaan dhabamuun ykn milkaawuu dadhabuun isaa waan nama dinquu miti. Akkuman kanaa olitti tuqee dabre, sababootni kanaa olitti (1-9) ka’an hunduu kan tokkummaatti gufuu ta’anii dha. Yoo rakkooleen kun furmaata hin arganne, tokkummaa dhugaa jiraaruun baay’ee rakkisaa ta’a jechuu dha. Kanaaf, dura rakkooleen kun furmaata argachuu qabu jedheen amana. Yoo kun hin taane, qabsoon kunis laafaa deema malee, cimuu waan danda’u natti hin fakkaatu. Rakkoolee bu’uraatiif furmaatni bu’uraa argamuu qaba. Yoo furmaatni kun argame, tokkummaan ofiif dhufa. Yoo tokkummaan jiraate ammoo, humna cimaa fi abdachiisaatu uumama. Isa kanatu injifatnoo fidee, qabsoo kanas galii hawwametti geessuu danda’a. Kanaaf, rakkoolee bu’uraa, kan mooraa keenya keessatti hidda horachaa deemaniif furmaatni argamuu qaba. Mooraa fi mana keenya qulqulleessinee nagaa fi tasgabbii uumuun hojii duraa ta’uu qaba. Qabsoon kunis akkanatti haaromuu danda’a jedhee yaada.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

 

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …