Oduu Haaraya

 “Qabsoon Ummata Oromoo Dhaaba Moosisuuf Osoo hin taane Ummata Oromoo Abbaa Biyyummaa isaa fi bilisummaa isaa  goonfachiisudha”

Filmaata dhufu ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa kenname.

Yeroo ammaan tanaa sirnni gita bittuun habashaa, murnni Wayyaanee bara bittaa isaa ummata keenya irratti dheerafachuuf filmaata sobaa adeemsisuudhaan sagalee ummataa hatee filmaata injifadhe jechuudhaan humna qawweetin deebisee uf moosisuuf qophii isaa xumurateeti jira.

Sirnni nama nyaataan wayyaanee akkuma mootummoota habasaa dabrraa fi dabareen biyya abbaa keennaa humna qawwween qabatanii ummata keenyaa fi qabeenya Oromiyaa barbadeessaa as gahanitti maqaa dimokraasii kijibaa, jijjiirama kijibaa fi warraaqsa kijibaa dhahachuun qabeenya keenya saamaa, ummata keenya lafa isaa irraa buqisaa, walumaa gala ilmaan Oromoo lafa irraa duguugaa har’a gahee jira.

Yeroo ammaa ilmaan Oromoo roorroon alagaa kun itti hammaatee inni kuun biyyoota hin beekne keessatti beelaa fi rasaasaan, inni kuun galaana keessatti irbaata qurxummii ta’uudhaan saaxilamee lafa irraa duguugamaa jira. Kanaaf, fakkeenyi Oromoota biyya Yemen, Kibba Afrikaa fi galaana Meditraniaan keessatti lubbuu isaanii dhaban kaasuun gahaadha. Oromoonni kana irraa hafan  rasaasa wayyaaneen lafarraa duguugamaa ,kaan ammo mana hidhaa wayyaanee keessatti ukkaamfamanii dararaa fi reebabichi hamaan irratti raawatamaa jira.

Haalli suukaneessaan kun ummata keenna irratti raawwatamaa osoo jiru gareeleen maqaa qabsoon daldaluu hujii dhaabbataa godhatan ummati keenya karaa isaa mijaawe hundaan diina akka ufirraa faccisu jajjabeesuu dhiisanii taa’aa nu eegadhaa yookaan numa qofa gabbaraa dhamsa jedhuun yoo ummata keenna burjaajessan arguu fi dhageefachuun kun kan jalqabaas kan dhumatis miti. Gareelen kun umama isaanii irraa eegalee karaa keenyaan yookaan fedha keenyaan maletti aduun Oromoof hin baatu yookanis hin dhiitu jedhanii abjootu.

Gara keenyaan Oromoodhaaf aduun karaa kamuu ba’uu ni dandeessi jennee amanna. Oromoon sirnna nama nyaataa wayyaanee uf irraa kaasuf  karaa isaa aanjawe kamiinuu wal gurmeessee yookaan dhaaba fedhe jalatti gurmaayee qabsaa’uf murnna yookaan dhaaba kamuu irraa eeyyama yookaan eebba fudhachuu isa hin feesisu jennes amanna.

Knaaf, ummanni keenya yeroo ammaan tanaa filmaata kana injifachuu baatus dhaaba bilisa ta’ee Oromodhaaf qabsaa’u jalatti hiriiree diddaa fi jibbaa diina kanaaf qabu agarsiisuun tarkaanfii fardii akka ta’e dhaabnni keenna ABOn B/G/Kamaal Galchuun durfamu gadi fageenyaan yaadachiisa. Akkuma Sooressi Qabsoo Bilisummaa Oromo Jarraa Abbaa Gadaa (R.I.P) bara lubbuun jiru akeeke Oromoon  yaadaan waliif galee tokko tayee  yoo diinaan oodeyyuu diina kana uf irraa kaasuu ni dandaya jedhe, yeroo ammaa kan nu hundi Oromoo fi Oromiyaa keessatti jajjabeesuu qabnu dhaaba  keenya waaqefadhaa osoo hin taane, dhaaba Oromoo fi Oromiyaa fakkaatu filadhaa, yoo sagaleen keessan hatame diina sagalee keessan dabse irratti finqilaa , sagalee keessan kabachiisaa kan jedhu ta’uu qaba jennee amanna.

Abjuu fi dhamaatin Oromoon akka dhaaba tokko qofa waaqefatu taasisuuf bara dheeraaf godhamaa turee fi ammas jiru qabsoo bilisummaa Oromoo urgee tokkoonuu hin geenye, uf duras garuu hin geesu kan jedhu ijannaa jabaa qabna. Sabni  keenya filmaata (option) adda -addaa qabaachuudha qaba. Yeroon ammaa yeroo sabni keenya Oromoon sammuu bilisa taate horatee hiree isaa ufii isaa murteefachuuf uf qopheese akka taye sochiin ummanni keenya biyya keessaa godhaa jiru diinaa fi firaafis ifa tayeeti jira abdii jedhu qabna.

Dhaabnni keenna ABOn B/G/Kamaal Galchuun durfamu ammaan tana dirqamaa fi gahee dhaabilee Oromo kan tayuu qabu Oromoo karaa hundaan humnneesuun sabni keenya qaama kamuu irraa waa eegachuu dhiisee dhimma qabsoo isaa akka harka isaatti galfatu jajjabeesuu fi kakkaasuu dha jedhee amana.

Dhuma irratti sabni keenya filmaata as deemu kana irraa jijjiirraa hundee (bilisummaa) kan hin eegnne yoo ta’es  tokkummaa isaa, jabina isaa fi diddaa diinaaf qabu sagalee isaa wwayyaane/OPDO dhoowwachuun dhaaba Oromo sammuu bilisa ta’een filachuun akka agarsiisu jajabeesina.

Qabsoon Itti fufa!

HD ABO – B/G/Kamaal Galchu

 

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …