Irraa maqeeyyii (exceptinos)
Irraa maqeeyyii
Jechoonni afaan Oromoo kornaya naayummadhaan ykn kormummaadhaan ittiin beekkaman waan qabaniif, naayyeefii kormetti gargar qoodama. Uunkaa sagalee birsaga maaheeysaatirratti qabaataniiniis, kornaya isaanii beekuun ni dandayama. Mallattoolee kormummaa mul’isan keessa, mallattoon takka birsaga maaheeysaa sagalee gabaabduun xumuraman qabachuudha.
Haalli kanaan addaatiis ni jira. Jechoota uunka birsaga maaheeysa kormummaa mul’isu qaban keessa, gariin isaanii naaya.
Naaya = feminie
Korma = masculine
Fk
Intala, Haadha, Heefa, Lafa biyya……………..kkf
Jechoonni kunneen jechoota ’a’ gabaabduudhaan xumuraman tahanillee, ennaa matimummaadhaan hirmaatan matim-mul’istuun “ni” jedhamtu hin maxxanfatan. Jechoota uunkaa sagalee birsaga maaheeysaatiin walfakkaatan wajjiiniis haala tokkicha hin qaban.
Fk
Intala + Ti = Intalti
Haadha + Ti = Haati
Biyya + Ti = Biyti
Lafa + Ti = Lafti
Jechoonni dubbifamtoota lama lamaan xumuraman, matimummaadhaan yoo hiriiran, matim-mul’istuu ’i’ jedhamtu maxxanfatan.
Fk
Akka + I = Akk i
Bakka + I = Bakki
Birbirsa + I = Birbirsi
Biyya + I = Biyyi
Damma + I =Dammi
Dayma +I = Daymi
Dubra + i = Dubri
Ejersa + I = Ejersai kkf…
Gandi keenya, ka gaamaati
Harki afaan hin wallaalu
Sirni awwaalcha haala akkamiin hobbaafama
Jilbi na iitawe
Ejersi mana keenya bira jiru jige.
Rifeensi kiyya qaciicaadha.
Birbirsi ejersa fakkaatu hin jiru.
Duuyddi maal si tahe?
Bokkenyi guddaan, jirka yookiin yandoo jedham.
Fageenyi lafaa, kum-meetiraani (kilomeetiraan) dhawama.
Akki ati jettu akkami
Bakki hojii, bitii- gurguriidhaa itti hojjatamu machaaraa jedhamti.
Garri lameenuu waltahan
Dammi qoricha.
Keessi manaa maal fakkaata?
Fageenya =distance
Dheerina = length
Hojja = height
Meetira ni dhawan malee hin saffaran. Oromoon dhudhuma dhawawi, yookiin taakkuu dhawi jedha malee, dhumdhuma saffari hin jedhu. Wanni saffaramu, kan hammaaramu qofa.