Oduu Haaraya

Sochii Bilisummaa Oromoo fi Jaarmota Bilisummaa

Oromiyaan ammayyuu qabaa jala jirti. Oromoon hardhallee lafa saanii, qabeenya sanii, mirga nam tokkee, mirga ummataa fi birmadummaa saanii akka sarbamanitt jiru. Aadaan, dudhaan, afaannii fi eenyumaan saanii dimshaashumatt akka lamuu seenaa keessatt sabummaa hin himannef haqamaa turani. Jeequmsa 1960ootaaf kaasaa kan tahan tuqaalee kana turani. Caalatt badaa kan ta’e, ummata tokko tahun saanii fakkeessaaf erga barameefiillee, qoteebulaa lafa saa irraa buqqisanii “investor” sabgidduu fi naannaa kan lafaaf bishaan haddhaan faalanii fi bosona fanfana malee cagadanitt gurgrachuun ariitii guddaaan gaggeeffamaa jirachuu dha.

Lafti Oromiyaa akkuma bara atsootaa kan finnaa koloneeffataa malee kan ummata Oromoo miti jedhame. Oromoon haala kanaan dura arganii hin beekneen manahinqabnee fi hojihinqabnee tahan. Ofii qooqaa qabeenya saanii samameen koloneeffataa fi “investerooti” yoo bashannanan ta’anii garaa hooqqataa laalu. Imaammata addaddoomsaa (Apartayid) ofirroo akkasii fi waan isaan moo’ummaa Oromiyaa, seenaa, aadaa fi afaan saatt tolchan diiguun salphaa dha kan jedhu hin jiru, garuu hamma fedhe haa fagaatuu, waan fedhe haa baasisuu malee kan hin dandahamne hin jiru. Hanga faanfanni, buqqifamni, tuffatammi sabummaa irratt hundaawe jirutt “addaddomsaa” yk “apaarteyid” malee waan bira jedhamuu hin dandahu. Kaasaan “Sochii Farra Adaddoomsaa” kan bakka bu’ooti saboota gammoojii empayerittTurkaanaa kaasee hanga Matakkalitti (Omotikii fi Naayilotic) jiran dubbatan kana. Sun imaammata kolonota empayeritt hunda irrati shakalamaa jiru. Kanaaf kolonoti hundi tokkummaan “Addaddoomsaa Itophiyaa matumaa!” jedhuu qabu.

Oromoon nagaan iyyannoo saanii dhageessifachuu yaalanuu ofumaa dhama’uu tahe. Ka’aa fi kufaatiin jalqabaa, dhaaba Oromoo hunda haammatu Waldaan Maccaa fi Tuulamaa (WMT), waan lama, Oromummaan akka hin duunee fi koloneeffataan nagaan gaaffii saaniif deebii kennuu akka hin feene taliila godhe. Sana waan taheef quurrama jiru walitt gurmeessee kan furmaata itt soqu dhaabi malbuchaa jirachuun barbaachisa akka tahe mamii malee mirkanaawe. Yerooma sana addunyaan wajiija warraaqsaa keessa ture. Bakka hallee mirga noolaa, mirga dubaroo fi murna bubbucuu akkasumas sochooti addoota bilisummaa finiinaa turan. Jarri kun kaasaa keessaa irratt dabalamanii ofbara malbulchaa dargaggoo barasiitt hedduu gumaachan. Oromummaa ammayyaan farra sanyeessaa, faanfanaa fi gadi qabaa sabii tokko saba biraa irratt raawwatuti. Ilaalchi Oromummaa dhaabaa fi dagaleen saa dhaalmaa demokraasii Gadaa keessaa madde.

Sabi Oromoo hawwaa fi abdii birmadummaa fi walabummaa qaba. Sanneeni kan kaayyoo, akeeka waattahisaa sabichaa kan unkessani. ABOn satoo dhaalmaan Gadaa irraa dhufanii fi hawwaa fi abdii sabichi birmadummaaf qabu walitt dabalee sagantaa malbulchaa qabsoo Oromoo hangammeessa tokko irra ka’ee. ABO, ABO isa beeknu kan tolche fi ujuu fi ayyaana sabichaa waan taheef addaanjirato kamuu sammuu ummataa keessaa haquu kan dadeenye. ABOn hojii ofiitiin goota hunduu kabajuu fi akka lalisus fi deggeruu tahe. Tooftaa fi tarsimoon fooyya’uu ni dandaha garuu manii ABOn walabummaa Oromiyaa irrati lafa kaa’e akka dhoofsisaaf dhihaachuu hin dandeenye jalqabumaa firaaf haa tahuu diinaaf qulqullaawuu gaafataa. Oromoon hiree ofii murteeffachuuf carraa itt sagalee saa dhageessifatu argachuu qaba. Kana irratt qoodi ABO akka inni walabummaa foo’atu kakaasuu malee Itophiyaa keessa kennati bilisi akka jiraatu qabsaawuu miti. Sun dhimma keessaa kolneeffataatii. Garuu waan sabi Oromo murteeffate ni fudhata. Finnooti Tokkooman (UN) akka miseensi saa finnaan Itophiyaa Chatar, Konvenshinoota fi Murtoolee saa ulfessisu gochuu dirqama seeraa fi safuu qaba.

Oromoon iyyannoo dhiheeffachuu itt fufanuu deebiin nagaa hafee salphinaa fi tuffiin simatamu turani. Haalli malbulchaa ukkaamsaan akkasii fi gadi qabii afuraa hin fudhachiifne walirraa hin citine miseensota hawaasa Oromoo irra gahe caalaa walitt butachuu fi murteeffachuu jajjabeesse. Akka lubbuu ofii irratt mirga qabaatanii fi birmadummaa, barumsa fi misoomaaf is mirgi qaban kabajamuuf gaafachuuf kakaase. Quurrammi dhaloota dhalootatt daddarbaa dhufe hundi walitt kuusamee WMT gubbaatt dhoofne akka uumamu godhe. Garuu baayyee utuu hin turin ittifamun ari’ame. Sun gaaga’amtooti utuu gaaffii du’aa fi jireenyaa irra hin gahin bulcha Habashaaf aagii tufsiifachuu fi badii ummatoota kolonota irratt tolfame hunda diiganii sirreessuuf carraa guddaa kenneefii ture. Hacuuccaa caalaan saamicha humna namaa fi qabeenyaa akka itt fufu iggitii dhabuun yk aanggoo irraa bu’uun balaa haaloo bahachaa nutt fidinnaa jedhanii sodaataniif furmaata hin tahu. Ofirrummaa diinaa akkasiin didhamanii dargaggoon sochii sochoota Oromoo kanaan duraa irraa akaakuun adda taheen gad bahani.

WMT utuu hin kufin akkaataa Oromoon gosaa fi godinaa hundaa itt walarguu saqee ture. Carraa sanaan dhaabi malbulchaa manii fi dhimma taliila qabu sochii sabaawaa hoogganee sirna kolonummaan walqabuuf murteeffate seenaa sabichaa keessatt yeroo jalqabaaf bara 1974 bu’uurfame. Akkasitt dhaabi Kallacha Qabsoo Oromoo, ABOn Oromiyaatt dhalate kan guddate. ABOn dhaabaa amantalaa kan dugeeffannoota tokko irra kan biraa leellisu miti, garuu bilisummaa dhugeeffannoo ni utuba. Waan fedhanii fi nagaan akka fedhanitt hooqubaa galchuun mirga dhalootaa akka ta’e amana. Akka akeekaatt gargaarsa halagaa irraa ni gaafata garuu eenyyuufuu hin baabsu; finnoota Habashaa hafee aanga’ootaafuu jalee hin ta’u. Kanneen mirga ilmoo namaa, nagaa fi walabummaa jaallatan waliin miiltomuu dandaha. Hariiroon saanii wal deggeruuf malee irratt hirkachuu tahuu hin qabu. Danuun seenaa al tokko hoggansa biyyaa baase taha garuu qabsoon qoma walitt rigan malee halaaltoo’on hin ta’u; biyya sun barbaachisutt deebi’uu qaba. Dhaabota walaba, of irratt hirkato gaaddisa halaga jala hin ruuqamne qofatu biyya walaba argamsiisa.

ABOn ollota Oromo altokko koleneeffattuu jalatti kufaniif ilaalcha addaa qaba ture. Lachanuu seenaa walfakkaata kolonummaan duraa fi boodaa hirmatu. Lakkoofsaan jabinni saanii adda adda ta’uu ni danda’a garuu sabummaa 80 ol ta’an, biyyoota moo’ummaa qabaataa turan ta’uu fi hanga hardhaa kan balleesuuf dhufe ofirraa ittisaa leeyuun beekamaa dha. Biyyaa fi birmadummaa saanii deebifachuuf fincila hedduu yaalaniru. Garuu ogeeyyii waraanaa alaa fi conqurfamaa tokko kan biraa irratt hiriirsuun dabsatamani. Tooftaa hamaa koloneeffataa akkasii fashalsiisanii cunqurfamoota qabsoo ittisaaf walitt fiduuf tarkaanfiin fudhatamaa ture. ABO fi qabsaawota saboota biraa walii tumsanii “Qabsoo Warraaqaa Cunqurfamoota Itophiyaa (QWCI)” kan jedhamu ijaarratanii turani (1977). Miseensoti gammoojii, daarii Somalia, Kenya, Uganda, Sudan, Gabra Diimaa fi Finnoota Kibbaa kan jedhamanii fi Oromiyaa madaqfattaman.

Qayyabannoon ture QWCI bulcha nama nyaataa sana jalatt hojii laf jaalaan jaarmota sabaa ijaaruu fi cunqurfamoota kakaasuuf golgaa taha jedhameetu. Achuman hidhata cunqurfamootaa uumuun qabsoo farra kolonummaa gaggeessanii birmadummaa, walqixxummaa fi walabummaa argamsiisuu dha. Yeroo hojjetaa ture QWCI qabsaawota cunqurfamootaa heddhuu hiraarsa irraa baraare. Nafxanyooti akka fakiifuullee sabboonota dhiphoo, dubatt harkiftuun tolfameett qubaa itt qabuun gaada jala galchuun yeroo itt hin fudhanne. QWCI erga maal akka tahe beekamee duuba isaan firrisuun utuu badii caalaan hin dhaqabin of diige. ABOn yeroo qabsoo fi isa duubas miltummaan akka dandahamuu dhaabbi qabu sagantaa malbulchaa keessatt taliilessee kaa’eera. Jaarmota ibantaa tahan waliin qubaa walqabaachuu ergii jalqabee tureera. Koloneeffataa gara dhufett dachaasanii waliin gadadoo ummata saaniit xumura gochuun wal amantee uumuu hojii guddaa gaafataa. Kooloneefatooti ummata bucuu keessaa maddu. Kolonooti walii gallaan bakka dhufanitt dachaasuun duula al tokkoo hin caaluu. SBO Oromoo qofaaf hin dhimmamu. gadadoo ollootaafis ni quuqama. Tokko tokkoon ummatoota kolneeffamanii hin bilisoman taanaan godinattiin nagaa hin argattuu.

Dhaaboti sochii bilisummaa Oromoo bara kana hunda xiyyeeffannoo gahaa aangoo dubaroof hin laatne. Dubaroon Oromoo loltummaati obbolaa saanii dhiiraa gadi miti. Itt seenuuf kan carraa argatan yaroon qabsoo kurnan arfan darban keessatt sana ragaasisaniiru. Dur hiroon hojii yeroo dubaroon dhimma qeyee fi guddina ijoolleef ittgaafatama qabaatan dhiirrii jiruu alaa, kan adda dilii dabalatutt gaafatamu turani. Kun gumaacha dubartootaa galaa fi hidhannoo qopheessuu fi faradoo sooranii fe’anii duultotaaf qopheessuu akkasumas ittisa duubbee irratt qooda fudhachuun tajaajiluu saanii irraanfachuun miti. Amma haalli jijjiiramee ra. Garaagarummaan saanii kan caasaa malee kan akaakuu akka hin taaane hubatamaa jira. Kanaaf hariiroon hojii dhiiraa fi dubaroo gidduu deebi’ee gamaaggamamuu gaafata. Addattuu yabboon dirree hundaa qooda fudhannaa dubartiif banaa tahuu qabu. Saala saaniin utuu hin tahin waan tolchuu dandhaniin madaalamuutu irra jira. Saalli tokko isa kaan caalaa bilisummaaf dhimmama hin hin jedhamu. Kanaaf sadarkaa hundi akka dhiiraaf tahan dubaroo dandeettii qabaniifis banaa tahuu qabu. Oromiyaan qooda fudhannaa fi bilisooma dubaroo see malee bilisoomuu hin dandeessu. Kanaaf dubartooti Oromoo qabsoo qara lamaa, mirga walqixooma ilmaan namaa kan walqixummaa saalotaa dabalatuu fi qabsoo bilisummaa biyya saanii, Oromiyaaf waamamaa jiru.

ABOn kurnan afran darban keessatt dhaabota isa duraa haa tahanii kan waliin jiraatan hunda caalaa jija galmeesseera. Garuu bayyinni Oromoo fi qabeenyi silaa hiriirsuu dandahu yoo laalamu caalaatu irraa eegama ture. Sun hafee dhaaba qilleensa hin galchin cimaa kan harka hin mullane fagoott ittisu dandahu hanqachuun, waldhabdee keessaa fi ganaaf saxilamaa bahe. Waldhabdeen keessaa baqaqatt geese. Kan irraa citan wayyabi kaayyoo bilisummaa fi walabummaa isa kan haadhoon walfakkatu hordofu. Garuu dhiheenyatt qubi lamaan tokko ifaan bu’uuraa Itophiyaan bobba’aa jiru. Kanneen duubaa haa tahan kanneen duraa ABO isa eegalaa caalaa kaasaa Oromoo fulduratt dhiibuu hin dandeenye. Kun kan tahuu dandahe rimsama “Sirna Addunyaa Haaraa” akka hin taanett hubachuu fi daayi guddichi harkaa bu’uu saafii.

Dhaaboti Mirga Ilmaan Namaa, sirna bulchaa jiruun roorroo Oromoo irra gahu, galati saanii hin badinii hedduu gabaasaniiruu. Silaa kan jarrii halaalaa dawwatanii beeksisan dhaaboti Oromoo keessa jiraachuun waan suduudaan dhandhamatan dursanii gabaasuutu eegama ture. Dandeettii ofii guddisanii warra gaaga’amtootaa gargaaruu fi kan hafan irraasi roorroo fachisuun sochii walakkaa jaarraa tokko lakkaawwatef hin heddumaatu ture. Malbulcheessoo kan ofiin jedhan irraa kana eeguun guddaa dhaa laata? Miti, garuu dursanii gaaffii jaarmaaf furmata argamsiisuu qabu. Jaarmoti wal tahanii battala bilisa tahe uuman malee halagaa jala taahani jaarmaa Oromoo ofiin jechuun rakkisaa taha. Dhaaboti malbulchaa hundi ABO irraa fottoqani. Kanaaf ABO ni jibbu yoo tahellee hamaa irraa baraaruuf itt gaafatama qabu. Dhiiga saanii fi qabeenya saaniin qalma diinaa irraa bararuuf waan itt dhangalaasaniif ABOn kan ummata Oromooti jechuu dha. Waamichi tokko tokkoon qabsaawaaf dhihaachu malu waan dandahan hundatt dhimma bahanii kiyyoo keessa akka bahee biyyaaf bulu faluu dha. Kan nammi amanuu qabu dogoggorri tokko yoo jiraate ABO utuu hin tahin nammooti itt gafataman akka jiranii. Nammu balleessaa taatota abba tokkootaaf ABO akka hin xireeffanne eeggachuu dha. ABO eeguu dhabuun gabatee meetii irra kaa’anii qabsoo Oromoo diina sabaaf dhiheessuutt lakkaawama.

Diinni eessa akka rukutuu qabu beeka. Dhaabi tokko walabummaaf haa tahu Empayera Itophiyaa demokratessuuf in dhaabbadha yoo jedhee diinaan akka balaa dhugaa fi riphaa qabutt malee addatt hin laalamani. Sagalee Oromoo ukkaamsuuf akka itt qabata ta’uufitt ABO dhaabaa gooltuu jechuun gubaa itt baasee. Gooliin addunyaa guutuun, “bu’uursistuu Islamessituu” lubbuu noolaaf giroo hin qabne wan taheef yeroo fi bakka hin yaadamnett balaa buusuun akk ummati sirna addunyaa haaraa irratti amantee dhabe shororkeeffamaa jiratu gochuutt maljechiifama. Yoomallee addunyaan guutummaatt hin fudhatamne tahe karoorri Wayyaanee dhimma yaadameef Oromoo shororkeessuuf hidhaa, du’aa fi badiisatt ofuuf tajaajilaa jira.

Oromoon bulchootaan yaada beccoo irratt walii hin gallee booqaan ABO jedhu itt bahee tarkaanfiin irratt fudhatama. Oromoon biyya halagaatt illee dorsisaa fi ciiga’amatu mataan baha. Dhugaan kun utuu jiru namooti Oromoo kan ABO dadhabsiisuuf ibidda diinni qabsiise irratt qoraan dabalan jiru. Ummatoota bulchootaan walii hin galle shoroorkeessuun koloneeffatootaaf waan dhaalmaati. Harma muraa fi harka muraa “Nugusootaa” yoo dhiifne, baruma dhihoo Dargiin “Goolii diimaa fi adii” jedhamanii kan ifatt gaggeeffaman agarreerraa. Kan Dargii dhaadataa ifatt tolfame. Gochi “Farra Goolaa” Wayyaaneen lafa jalaa fi ifatti, qoomtotaa fi tuuta guraarotaa tolfama jira.

Akki itt ABO fi dhaaboti akeeka sabaawaa walfakkaata qaban itt deemaa jiran sadarkaa deebisanii sirriitt haromsamuu barbaachisu irra gahaniiru. Tokkoffaa yoo manii tokko raajatu ta’e wanti kopha kophaa isaan deemsisu hin jiru. Silaa adda cimaa tokkummaa uumuun qaataa. Murnoota gidduu garaa dhaa wal amantee dhabu guddaatu jira. Hundu kaayyoo irraa cehame komee jedhu qabu, garuu dhugaa yk dhara tahuu saatiif ambatt bahamee marii ifaan yeroo itt tolfame hin jiru. Hoggansa dandeettii qabu amanamaa dhabuu, ofirrummaa, utuu mallattoon akeekkachiisa fincila dhufuuf jiruu arganii sirreesssuuf dhimma dhaba miseensota hoggansaa olhaanoo, ofiffummaa hogganootaa, hanqina yaada qeeqaan waa laaluu, fedha abba abbaa quufsuun hin dandahamne, Oromummaa olitt murnaaf amanamu, hanqina of bara malbulchaa, waldhabdee bucuu fi guddaa gargarbaafachuuf dandeettii dhabuu fi akkasumas haadaa hin mullanne gooftolii waantaphee, kanneen gargar bahiisaaf kaasaa tahuu malu jedhaman keessatt argamu.

Jiruu ammayyaan qaraa fi jinfuu gidduutt qunnamtii gufuu hin qabne ilaa fi ilaamee irratt hundaa’e gaafata. Akka guboon barsifata farra demokraasii tahan dhaabota malbulchaa Oromoo keessa jiran mamii hin qabu. Hundi saanii karaa saani dullacha dhiisanii ogummaan kan itt yaadame guddifachuuf walii galuu qabu. Hirrinni olitt tuqaman karra tokkummaa utuu hin seenin gatamanii sirna shaffisaa fi dhimma baasaa tahaniin bakka buufamuutu irra jira. Humna barsiifataa lakkisuun ni jabata taha, garuu ciminaa fi garaa qulqulluun yaallaan kan irra hin haanamne hin jiru. Kanneen oliti dhahamanii fi kaasotaa biraa akka bututa qabsoon, dhaaboti malbulchaa Oromoo bososa agarsiisuutt jiru. Waan irraa eegamu fiixaan baasuuf fulduratt furga’aa kan jiru akka hin jirre kan ifatt mullatu. Sannaayiroo ofii uumaniin xaxamanii tarkaanfachuu kan dadhaban fakkaata. Yeroon kan badu wal komachuu, qoccolloo keessaa fi hirphaf waldorgomuuttii. Guyyooti sabaa guyyoota hawaasomsaa utuu hin tahin guyyaa buusa jedhamaa jiru. Sun utuu guyyoota gara itt adeeman mari’atan rakkina jiru walitt himanii waliin fala itt barbaadan utuu tahe walamantee gaabbisuu dandaha. Sana irrayyuu hamee garagaraa yarsuu dandaha. Dhaaboti Oromoo lafa biyya abbaa saanii keesssa taakkuu dhuunfatan tokkollee dhabuun kan lammii garaa guban keessaa tokko. Baha, dhiha, kibbaa kaabaa daanga yartuun ceetee yoo diinni isaan fixee lafa fudhatu dhaaba kana hunda keessaa kan dhaqabuuf tokko dhiibu caalaa kan sabicha salphise hin jiru.

Yeroon saa yeroo gogaa durii keessaa muuxachuun of haromsanii. Akka baayyina fi jannummaa Oromoott kan qabatun hafee kan uggee ildiimuun jiraachuu hin qabu ture. Irra darbaa fi dadhabbii akka jiru waggootii hedduuf kan ilaala turan daawwattuu jijimoon jiru. Bara baraan wayyoominni yoo hin jirannee karaama sana irra maaf akka daddeebi’amu namaaf hin galu. Of gamaggamee hoggansi jannummaaan gadi bahee of qeequun fala itt barbades hin mullanne. Tokko tokkoon miseensa dhaabaa kennachuu fi sadarkaa kamittuu kennatamuuf dandeetii gahaa qabaachuutu hedama.Garuu yabboon irratt mari’atee of wayyeesu hin uumamneefii. Akka jaalaatt utuu hin tahin akka jaleett ajajaan yoo sussuku qofaa argama. Miseensa dirqama malee mirga qabaachuu isaa hin beekne irraa abdii attamiitu godhamuu dandaha? Of qoruun yoomuu kan yeroon itt hin dabarree. Dogoggorri kan ilmoo namati” jedhama; garuu amananii fudhachuun jannummaa gaafata. Qabsaawota Oromoo biratt of qoruu fi of qeequun laguu wan tahaa jiraniif cabuu qabu.

Waandhibnummaa hammaa bahaa gartuu baayyifachuuf madaqfannaa irratt agarsiifamu, luuxxee galtuu fi Itophistootaa dhaabicha keessaan akka mancaasan karra saaquu taha. Dhaaboti Oromoo kurnanootaaf waan hojjetan akkuma tokkott hojjechaa jiraatani. Hojii saani gamaggamanii tekinolljii fi beekumsa ammayaatt dhimma bahuu hanqina jiru wayyeffachuun yeroo saa ammaa. Hogganootii hojii irratt keessaan laalummaa fi kaasichaa galfati itt kennameef dhimmamaa agarsiisuu qabu. Amma kan dharra’amaa jiru hoggansa garaa saatii jaallewaan saa fi ummata Oromoo irraa amanamummaa argachuuf tattaafatutu. Sirni Gadaa, aadaa ilaa fi ilaameen mari’achuu, heera barreefame dura fagoo kaasee qaba. Kun akeekota bu’uura bulchaa, kan Oromoon milkiin bahuutt aggaammate bira darbuu hin dandeenye. Kana jechuun akeekoti bira, kan hiriyaa, kennataa, yeroon taahitaa irra turamuu, walabummaa abba tokkee fi dhaabaa leellisuunis irra ilaalamuu dandaha jechuu miti.

Qabsaawota Oromoo hunda qabsoo Oromoo gara manii saa dhumaatt furgaasuuf qooda fudhachiisuun ammaa. Kan sababa adda addaaf gargar deemanii turan hundaaf sagantaa waan akka madaqsaa fi wal amantee gabbisuu barbaachisa taha. Yoo ammayyuu manii dhumaa irratt waliigalu tahe hogganootii fi murnooti dhimma tarsimoo qabsichaa waliin hidhata qabu irratt, ergaa walmakaa akka hin dabarsinee of eeggachuu qabu. Jaarmoti Oromoo kaayyoo eegalaa sabichaa jabeessan maniinin saanii Repubilika Oromiyaa Demookraatoftuu dhaabuu dha. Akeeka kana kan qunnamtoota,iyya’oota yk tattaafannaa hariiroo ambaa keessatt calaqqifamuu qaban. Bara jaarmoti sirrummaan masagaman kana, doo’iin nama tokko yk gartuu tokkoon dhihatu waldhabdee hawaasa qabsaawotaa giduu fi ummata gidduutt jeeqama tasaa qofa afeeruu dandaha. Dhaabi tokko caasaa qoodi adda addaa ramadameef qaba. Waliigalatt sadarkkaa sadarkaatt tahitaan kennameera. gungummiin yoo dhalate akkaataan itt afuura baafatan jiraachuu qaba. Hojiin kan itt kenname hundaan wal quunnamuu fi mamii jiru fi waan hin qayyabamne utuu dhaabicha hin laashessin qulqulleessuun qoda hoggana beekaati. Waan halleefuu kan qayyabatamuu qabu sochiin Oromoon bilisummaaf tolchu utuu gaaffiin sabaa deebii hin argatin hoggansi jeraatee dhiisee hin dhaabbatu. Ha tahu malee hogggansi dudhama qabu dura deemu jiraachuun sirna fi namamusa injifannof barbaachisu kennuufii dandaha.

Oromoon dammaqani of baran hundi waan hawaasa, waldaa ogummaa, dhaabota dhugeeffannoo fi malbulchaa, sochoota hawaasaa kkf keessa deemaa jiru ni hubatu. Yeroo kanneen ummata saanii aangessuuf haala mijjeessuuf carraaqan, hankaaaksitooti keettoo diinaa tahan yk wallaloti lammii masaga badan itt ejjetanii jalaan yoo qurxan mullatu. Bu’uura ifaan ijaaramuun mirga Oromoo hundaati. Garuu qabsaawota walabummaa fi bilisummaaf lolan of fakkeessuun qabsicha mucuceessuu yaaluun yakka. Bakka jarri kun gahan hunda qaamicha keessatt baqaqammi hin ooluu. Yoo dammaqee of eege malee gochi Oromoo ijaarame jara kana irraa hin hafu. Si’anaa dhaabota Oromoo hunda keessatt akka commee quqummuudaa jiru.Ergamtooti kun keessa Oromoo waan beekaniif fira fakkaatanii seenuun murna hawaasaa tokko irra goranii isa biraa sababa malee jibbisiisuu yaaluu. Gargar bahi dhaabota amantee, dhaabota malbulchaa, dhaabota hawaasaaf fi dhaabota teknikii irra gahe harki caaluu hojii saaniiti. Nama itt dhihate amanuun, miira sabaa Oromoo fakkaata. Nammi Oromoo yeroo fedha sabichaatt dhufu of eeggannoo gochuun, akka amanamummaa murna tokkoon karaa irraa hin maqfamne wan dhihatu hunda qeeqaan ilaaluu dha.

Murnooti Oromoo jaarroleef gargar waan jiraataa turaniif hooda waloo irratt kan dabalatanis kan hanqisanis ni qabaatu. Kan amma waliin qaban, dheerina baraa keessa kan dhaban akka caalan hedama. Hundi kana baree garaagarummaa jiru walii kabajuu dha. Garaagarummaan saannii akka urgooftuu bulluqa sabaatt ilaalamu dandaha. Garuu of eegganoon kan barbaachisu namooti rakkina dhuunfaa qaban akka kan murna guddaa godhanii hin dhiheessine. Gochi akkasii akka walitt riqacha ummataa hin booressine dursanii itt dammaquu dha. Jarri akkas tolchan, wallaalinaan fakkaattii guddicha sabaawaa arguu kan dadhaban yk ergamtuu diinaa tahuu dandahu. Yeroo dubbiin akkasii jiraatu tartiiba amanamummaa lafa kaa’uun dansaa. Sabboonaa Oromoo hundaaf sabichaaf amanamuun kan murna keessa jiranii dursuu qaba. Yeros qofa akka ummataati daaya tokkoon sosso’uu danda’ama. Manguddoon dhugaa Oromummaa malee durfannoo biraa hin qabne, hunda walqixxeett ilaalan, kana irratt gargaaruu dandahu taha.

Qabsoon Oromoo farra hacuuccaa kolonummaati. Habashaa haa tahu Oromoo kan imaammata kolonummaa afarsu nyaapha. Waan fedheefuu haa tahu sabboonaan dhugaa miseensa qomoo ofii taheef kan mooraa diinaa tajaajiluf leelloo agarsiisuu hin qabu. Kan kaayyoo ofii dhiisee kaayyoo fi ajaja halagan socho’u maaf tuqxan jechuun, waan kan jedhe keessa deebi’ee ilaaluu qabu. Yeroo jireenyi sabichaa dhaamsamuuf dorsisamaa jiru kana nammi bu’aa ofii fi murna ofii dhiphoo tokkoof lammii saatt lola bane angoo fi barcuma argachuu yaalu, akka sabichi sana caalaa guddaa tahe hubachuu dadhabuu dha. Jarri akkasii kanneen uumaan qabsichaa inni dhugaa hin galleef yk tuqaa mooraa diinaa ka’anii qotuun ol yaa’ani. Kan sabaawummaa fi ibantummaa gargar hin baafanneef rakkinni of bara malbulchaa dhabuun suukii dagnaan qofaan masakamuu dha; gorsi tahuuf, afuura guddisanii fudhachuun itt baha wan tolchaa jiranii madaaluu dha.

Yeroo jarri fandalalooti kun, beekota maqaa ofii dura irrabuusa qaban tahan caalatt fokkuu taha. Sabichi gara saatiin beekoti kun harqoota kolonii jalaa bahuu na gargaaru jedhee abdata. Garuu hin barre malee jara sana kan caalaa harqooticha jabeessee cinqaaruu diina gargaaran. Kanaaf sabboonoti dhugaa jara fakkeessituu akkasii irraa faccisuu yk hadhaadhiyuu qabu. Jara sana harka hamaan kan qabsoo sabaa facaasuu yaaluun namoota, godinaan, dhugeeffannoo fi barumsaan wal irratt kan hiriirsan. Qabsaawoti Oromoo sana caalaa akka beekan abdatama. Dhaaboti hawaasomaa fi malbulchaa fedha Oromoo fulduratt dhiibuuf ijaaraman kanneen dhiheenya itt dhufan dursanii qorachuun misha.

Dhaaboti malbulchaa finnoota miti. Jaarmota fedhaan duulotaa biyya saanii bilisa baasuuf dhaabbatanii. Hojjetooti saanii waliinjiroo bakka bu’uuf utuu hin tahin dandeettii saaniif kennatamu. Hoggansii biyyaa alaa tasgabii fi nagaa qabutt cunqeeffamuun duubati harkiftuu godinaan barcuma hiraachuu kolomsiise. Kun hanga hoggansi dirree qabsoo Oromiyaa keessati deebi’utt, itt fufa. Kan mataan fayyaa hundi tarkaanfiin eeggatuu sana. Yoos qofa kan ayyaanlaallatooti barcuma barbaadan warraaqxota dhugaa, biyya saaniif gaagaa barbaachisu hunda fudhachuuf qophii tahan gargar secca’aman. Hiriyooti bakka dhaloota saaniif utuu hin ta’in dandeeti qabaniin injifannoott nugeessu kan jedhanii amanan kennatu. Namooti akkasii hundi,hiriyooti itt amanan warra, qomoo, gosa yk godinaa tokko keessaa tahuu ni dandahu. Akkasumas nammi muxannoo saanii keessa hin dabarre haala addaa jalatti qabsaawota bulanitt muruuf dandeettii hin qabu.

Qeerroon (dargaggoon) Oromoo, qaamaan bira jiraachuu hoggansaa utuu hin eeggatin wareegama guddaa baasaa socha’aa jiru. Kaka’isii tasaa baratoota Bahaa, Wiirtuu, Kibbaa fi Lixatt yeroo tokkummaan biyya saanii dorsifamee akka sochiin bilisummaa hoggansa hin eegganne agarsiisuun, hogganootaa dhaabota Oromoo akka caalaa dhimmamanii hala dhaqabachuuf tattaafatan akeekkachiisuu hin oolle. Kanneen dhimma itt bahuu dandahaniif annisaa riphaan angoo namaa fi qabeenyaa sabichi furgaasuu dandahu guddaatu jira. Kan kutatan yoo xinnaate loltuu kumkuma kudhan bobbaasuu fi sana gurmeessuuf qabeessa calleeffamuhammana hin jedhamne argachuu dandahu. Hooggansi ammaaf barsiifata ofiin walqabaa jiru. Sana keessaa bahuuf sirna demokraasii Gadaa kan bakka hallett ta’uu guddifachuun hooda saa kan akka yeroott sonawuu qabu dhiisuu dandahu.

Qabee Gadaa demokrassii keessa, qunnamtii karaa hundaa jajjabessuu fi yaa’a murtii kennuu keessati miseensoti qooda fudhachuu faatu argama. Hogganooti demokratawoon banti riqaa qofa irraa gadi utuu hin tahin, lafaas ol ilaaluu qabu. Hogganni Oromo qindeessaa tattaaffii miseensotaa malee akka nakkaroota saa gooftaa saanii miti. Sadarkaa hundatt kennati foo’ama caalaa leellifamaa. Demokrasii Gadaa keessatt yaada wal ta’isaa ijaaruun qooda guddicha hoggansaatii. Qoodi gogeessa Gadaa tokko hangammeessa bulchaa kan duuba dhufan fooyyessuu dandahan lafa kaa’uu dha. Dargaggoon akka shakala dabaanbulummaa fi farra demokrasii tahanitt hin saaxilamne eegganoon ni tolfama ture. Hamma darabeen aangoo fudhachuu saanii gahutt shaakala heeraan bulmaataa fi jaalbiyyumaa daawwataa fi shaakalaa guddatu. Hogganoota egerii qopheessuun kanumaa, raajii biraa hin qabu.

Oromoon naannicha keessatt qooda fudhatanii nagaa fiduuf dandeettii riphaa guddaa qabu. Garuu garbicha naga qabeessa qabaa hamaa gooftaa jalaa tahuu hin fudhatanii. Hamma yoonaatt gaafatamaa kan jiran sanaa. Oromoon gaaffii salphaa gaafataa jiru, mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu hojiirra akka isaanii ooluu fi mirgi ummataa fi abba abbaa akka kabajamu. Kan gaafatame kanuma yoo tahu maaljechi kennameef isaan gooltuu jeequmsatt amananii kan jedhu. Oromoon gonka eenyuunuu goolanii hin beekanii garuu waraana hamma funyaaniitt hidhatee isaanirra buufatee jiruu fi guyyuu isaan shororkeessun biyya ofii keessatt walitt bu’aniiru. Finnaan Itophiyaa miseensa Saboota Tokkoomaniiti. Oromoon kakaa isaan walii qaban hin wallaallee. Garuu finnaa xaranga’aa callisanii hin laalan abdii jedhuun gidiraa saba miseensa hin taane akka Oromiyaaf gurra kenninnuu lata jechuunii. Qaammi caccaba empayerota Awuropaa deggeraa ture kan Empayera Itophiyaa kan akkuma kan saanitt ijaarame walittii akka hin bane jechuun maalifaa hin qabu. Oromiyaan walaba tahuu barbaaddi, sadoon jiraatus ni walabomti.

Seenaa saanii dheeraa keessati miseensoti dhaabota Oromoo akka kanneen lola jaallatanii fi nagaa jaallataniti qubaa walitt qabanii hin beekan turani. Bakka lamatt baqassuun akkasii madda halagaa akka sanatt isaan arguu fedhan irraa dhagahame. Sun bakka laafaa eegaloota jalbiyyaa hin taanee tuquu hin oolee. Jarri akkasii maaliifuu, eenyuufuu dhimma hin baafnee, haran kosii gatan dhoqqeedha. Oromoon mirga saanii fi biyya saanii kan sarbe ofirraa faccisuuf ijaaraman malee lola jaallatanif miti. Karaan nagaa xaxaa itt taanaan sibila kaasani. Nagaa fi araaraa kan Oromoo caalaa faarsu hin jiru. Garuu yeroo du’ii fi jireenyi wal hin calle lachanu furaa hin qabani. Eenyuu jeeqa, jeeqan deebisuu akka dandahu garuu kan nagaa gachisiisu akka hin jirre diina barsiisuuf. Dandeettii saanii ijaaruun diina didhanii diriira nagaatt akka dhufu giddisiisuuf sana murteeffatan. Akkasitt kan isaan sibila kaasuu malbeekiin walcinaa oofuu kan murteeffatan. Hammam gadoodaa yoo oole dadhabaa kan dhaggeeffatu hin jiru. Kan biyya namaa qabatanii qabeenya saatiin jiratan dirqiin malee fedhan diriiraa dhoofsisaatt hin dhufani; aangoo irraa buunaan qananii bacarraqaa dhabanii fi yakka itt gaafatamuu dandahan heduu. Anga’oon addunyaa sinsinaawoo dha, yoo Oromoon michuu hundee hin qabne sobaa tahuu empayerichaa agarsiisuu dandahe qofa wan jedhaniif isaan fudhata. Yeroo hundi waliin yaaduutt kahu fagoo mitii; yeros ofirroo dirqiin diriiraa nagaatt fiduun Oromoof rakkisaa hin ta’uu.

Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Amajjii 2015

Source: gubirmans.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *