Oduu Haaraya

Tumsa hunda hammataa alaa dura tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO keessatti ijaaramuu qaba

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Waayee tumsa hunda hammataa (All-Inclusive-Alliance) ilaalchisee, turban lamaan dabran keessatti, marii oo’aan akka godhamaa ture ni yaadatama. Barruulee qofaa otuu hin taane, gaafii fi deebiin illee namoota gara garaa wajjin akka godhamaa tures ni beekama. Waayee ijaarsa tumsa akkanaa kanarratti yaadni fi ilaalchi adda addaa mul’atan illee, ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, akka ilaalcha kiyyaatti, Wayyaanee faashistii kana buqqisanii achi darbuu dhaaf tumsi hunda hammataan barbaachisaa ta’a. Tumsi akkanaa ijaaramee, humni cimaan yoo uumame malee, Wayyaanee hamma funyaaniitti hidhate fi humna waraanaa cimaa qabu injifachuun waan hin danda’amnee dha.

 

Diina waliin qaban tokko kuffisuu fi injifachuu dhaaf warri diina tokko qaban waliin hojjechuu barbaaduu fi tumsa ijaaruun waan haarayaa miti; kanuma addunyaa kanarratti mul’atu fi beekamuu dha. Kan biraa hafee, biyyootuma diingadee fi teeknoolojii dhaan guddatani fi humna cimaa qaban illee yoo ilaalle, diina waliin qaban tokko dafanii injifachuu dhaaf jedhanii tumsa ijaaru. Yoo akka gaariitti ijaarame, tumsi yeroo fe’e, bakkee fe’ettuu barbaachisaa dha. Haa ta’u malee, warri tumsa tokko ijaaran, fe’ii ykn kaayyoo mataa mataa ofii waan qabaniif, tumsa ijaaramu kana keessatti, fe’ii fi kaayyoon kun hunda birattuu beekamuu, amanamuu, kabajamuu fi fudhatamuu illee qaba. Bu’urri waliigaltee kana ta’uu qaba; dura kanarratti yoo waliigalan booda, kaayyoo waliin qaban tokko galii dhaan ga’uuf karoora baafatu. Galii waliin qaban sana booda rakkoon biraa akka hin uumamne ykn akka rakkoo walitti hin uumne waliigaltee tokkorra ga’u jechuu dha.

 

Diina waliin qaban tokko injifachuu dhaaf, makmaaksi “diinni diina kiyyaa fira kiyya” jedhu tokko ni ka’a. Haa ta’u malee, waayeen akkanaa yeroo dhaaf hojjetu illee dhugaa yeroo hunda ta’u ykn mul’atu miti. Maaliif yoo jedhame, diinni diinuma malee fira ta’uu hin danda’u. Fakkeenyaaf, namoonni lama diina walii ti ykn kaayyoo walfaallessan qabu haa jennu. Isaan kun lamaan ammoo diina walii tokko qabu. Diinni waliin qaban kun cimaa waan ta’eef, isa kana waliin kuffisuuf jedhanii namoonni lamaan kun walgargaaruu ykn tumsa waliif ta’uu barbaadu. Kanaaf, diinni diina kiyyaa fira kiyya jedhamee yeroo dhaaf waliigalteen godhama malee, hamma rakkoon namoota lamaan sana jidduu jiru furmaata argatutti isaan diinuma walii ti. Yoo diina cimaa waliin qaban sana kuffisan booda deebi’anii walirratti duuluunis hin oolu jechuu dha.

 

Gara qabsoo bilisummaa Oromootti deebi’uu dhaaf, nuyis akkuma ormaa, diina cimaa Wayyaanee kuffisuu dhaaf, warra diina kanaan morman hunda wajjinuu tumsa ijaaruun barbaachisaa ta’a ykn ta’uun isaa hin oolu. Tumsa hunda hammataa ijaaruu dhaafis wanti sodaannu hin jiru; yoo ijaarame illee akka bu’aa tokko nuuf fiduu danda’u waan mamii qabu natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, ijaarsa tumsa akkanaarratti baay’ee of eeguu qabna. Otuu hin jalqabin akka hin diigamne; bu’aa nuuf fida otuu jennuu galii booddee QBO irratti rakkoo akka hin uumne, waan hundaa gadi fageenyaan xinxaaluu fi waliigaltee tokkoon tarkaanfiin kun sadarkaa sadarkaa dhaan akka godhamu, waliin mari’achuu fi waliin itti qophaa’uun murteessaa dha.

 

Sadarkaa sadarkaa dhaan yoon jedhu maal jechuu kooti? Waliigaltee tokkoon yoon jedhu hoo maal jechuu dha? Gaafilee kanaaf deebii otuu hin kennin dura waan tokko kaasuun barbaada. Akkuma yaadatamu fi beekamu, bara 2006 yeroo AFDn  ijaarame, ULFO yeroo sanaa keessatti, otuu waliin hin mari’atin fi waliigalteen tokko hin godhamin ABO garee tokkoon qofaa, jaarmayoota Oromoo kan biraa tokko illee otuu hin dabalatin tumsi bilisummaa fi diimookraasii sun ijaarame. Bu’aa tokko ni fida jedhamee abdiin irraa eegamu illee, bu’aa tokko malee akkuma ijaarametti hafe. Sababa ijaarsa tumsa kanaatiin kan ka’e, siriidhaa mooraa QBO keessatti walirratti duuluu fi wal dadhabsiisuun uumame; humna gara gara facaase; jaarmayoota jidduutti rakkooleen akka uumaman taasise. Tumsi kuni illee bu’aa malee laafee hafe. Kaayyoon inni ijaarameef badaa hin turre.

 

Egaa, gara gaafilee kanaa olitti ka’anitti deebi’uu dhaaf, kan dabre kana irraa barannee, muuxannoos irraa argannee, kan gara fuulduraatiif of qopheessuu qabna. Waan tokko godhuu dhaaf dura waliigaltee tokkorra ga’uun baay’ee barbaachisaa fi murteessaa dha. Tumsi hunda hammataan tokko yoo ijaarame, nuufis bu’aa akka fidu ykn fiduu danda’u amanuu qabna; yoo itti amanne booda ammoo ciminaan waliin irratti hojjechuu qabna. Yoo itti amanne, bakkaan ga’uuf carraaquu malee, waliin mormuu fi gufuu walitti ta’uun uummata Oromootiif bu’aa hin fidu jechuu dha. Waliigaltee tokkorra ga’uu dhaaf ammoo waliin haasa’uu, waliin mari’achuu, amananii wal amansiisuu, furmaata waliin barbaaduu dha. Kanatti aanee wanti hunduu sadarkaa sadarkaa dhaan itti fufa.

 

Sadarkaa sadarkaa dhaan yoon jedhu ammoo dura mooraa QBO keessatti tokkummaa ykn tumsa qabsaa’ota fi jaarmayoota Oromoo ijaaruu fi sana booda tumsa alaa barbaaduu dha. Akka yaada kiyyaatti waayeen ijaarsa tumsa hunda hammataa (All-Inclusive-Alliance) sadarkaa afuriin otuu hojjetamee gaarii natti fakkaata.

  • Sadarkaa tokkoffaa: yaaliin araaraa fi tokkummaa Adda Bilisummaa Oromoo kan adeemaa jiru xumuruu dhaan, garee sadeen deebisanii tokkoomsuu, ABO tokko godhuu dha.
  • Sadarkaa lammaffaa: ABO tokko ta’e fi ULFO yoo danda’ame walittibaqsanii jaarmayaa bilisa baasaaTOKKO godhuu; yoo hin danda’amne ammoo tumsa jaarmayoota kana lamaanii (Tumsa Humnoota Bilisummaa Oromoo) ijaaruu
  • Sadarkaa sadaffaa: tokkummaa humnoota bilisummaa Oromoo (ABO+ULFO=TOKKO) ykn tumsa jaarmayoota lamaanii (ABO+ULFO) fi humnoota bilisummaa saboota biroo wajjin (waliin) tumsa bilisummaa saboota cunqurfamaa ijaaruu
  • Sadarkaa afraffaa: Tumsa hunda hammataa (All-Inclusive-Alliance) kan humnoota bilisummaa fi humnoota diimookraasii walittqabu ijaaruu dha.

 

Yoo waliigalteen jiraatee sadarkaa sadarkaa dhaan akkanatti hojjetame,tokkoffaa walirratti duuluu fi wal dadhabsiisuun dhaabbatee, humna qaban hundaa qindeessanii diinarratti duuluuf haala tolcha. Lammaffaa, tokkummaa fi tumsi sadarkaa ofii eegee ijaaramaa deemu, akkasuma humna guddisaa fi cimsaa deema. Sadarkaalee kana keessatti waan hundatu xinxaalamaa, laafinni fi ciminni hubatamaa, muuxannoon irraa argatamaa, tokko kan biraatiif hundee gaarii uumee, hidda cimsaa deema. Rakkoon tokko illee kan uumamu yoo ta’e, dafee diigamuu hin danda’u. Karaa biraatiin ammoo abdii uummataa waan guddisuuf akkasuma illee hamilee isaanii waan cimsuuf, onnee dhaan qabsoo bilisummaa duuba akka hiriiran taasisa.

 

Walumaagalatti yoo ilaalame, tumsa hunda hammataa tokko ijaaruu dhaaf, wanti nu sodaachisu hin jiru; garuu dura sirriitti itti qophaawuun barbaachisaa dha. Keessumaayuu warra nu wajjin kaayyoo walfakkaataa qaban, humnoota bilisummaa saboota cunqurfamaa waliin tumsa ijaaruun barbaachisaa qofaa otuu hin taane, murteessaa dhas. Yoo sadarkaa sadaffaarra geenyee, humni bilisummaa saboota cunqurfamaa cimaan uumamee, warri booda sadarkaaafraffaarratti tumsa hunda hammataatti dabalaman (humnoonni diimookraasii Habashaa?) kaayyoo humnoota bilisummaarratti rakkoo fiduu dhaaf ykn garagalchuu dhaaf yoo yaada qabaatan illee, ciminni humnoota bilisummaa waan isaan sodaachisuuf akka ofiif barbaadan ta’u ykn godhuu hin danda’an jedheen amana.

 

Yoo hunduu sadarkaa ofii eeganii, milkii dhaan hin xumuramne fi humnoonni bilisummaa laafan, Habashoonni tumsa hunda hammataatti dabalaman, yoo kan ciman ta’an, galii booddee kaayyoo humnoota bilisummaa, keessumaayuu kaayyoo Oromoorratti rakkoo uumuu danda’u. Yaaddoo kana kan na kaasise haala tolfame tokko keessatti, Habashoonni yoo isaanitti tole, dafanii tooftaa jijjiiruu dhaaf muuxannoo bara dheeraa waan qabaniif; waayee akkanaas dafanii waan hojiirra oolchaniif, kan dabre irraa baratamee, gara fuulduraatiif akka sirriitti itti yaadamu fi qophii gaariin akka godhamuufi. Kanaaf, durumaanuu ijaarsa tumsa hunda hammataa irratti baay’ee of eeguu qabna jedhe. Sodaa biraa qabaadhee ti miti. Tumsi akkanaa yoo ijaarame akka bu’aa nuu fiduu danda’us nan yaada. Bu’aa kan fidu garuu yoo karaa qulqulleessaa deemne fi sadarkaalee kanaa olitti ka’an milkii dhaan xumurree dha. Kanaaf ammoo waliigalteen mooraa QBO keessatti godhamu bu’ura waan hundaa ti; hunda caalaa murteessaa dhas.

 

Egaa walumaagalatti, maaltu godhamuu qaba? Ijaarsa tumsa hunda hammataa kanaaf akkamitti of qopheessuu ykn itti qophaa’uu qabna? Qophii jabaan hunda dura, mooraa QBO keessatti nagaa fi araara buusuu dha; olola walirratti oofuu, walirratti duuluu fi wal dadhabsiisuu dhaabuu dha; walitti dhufuu fi waliin haasa’uu, waliin mari’achuu dha; amananii wal amansiisuu dha. Erga hunduu uummata Oromootiif dhaabbanna jedhani, xinnaatu illee waan uummata keenyaaf gaarii ta’u tokkorratti waliigaltee uumuu; waan humna keenya cimsurratti waliin hojjechuu; waliin mormuu dhaabuu; tarkaanfii lama duubatti deemuurra tarkaanfii tokko fuulduratti waliin deemuu wayya. Akkan meediaalee tokko tokko irraa dhagayetti, konfaransiin hoggantoota Oromoohunda qabataan tokko godhamuuf akka yaadamee dha. Konfaransii akkanaa kana keessatti carraa gaariin argamee, wanti hunduu bal’inaan mari’atamee bu’aa tokko akka fidu abdiin qaba.

 

 

Galatoomaa.

 

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *