Oduu Haaraya

Tokkummaan uummanni Oromoo barbaadu tokkummaa dirqamaa kan kaayyoo tokkorratti bu’ureeffamu dha

  

Abdii Boruutiin
Qbsoon bilisummaa Oromoo (QBO) barbaachisaa kan ta’e fi ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaawwaman lubbuu isaanii kana keessatti kan dhaban, uummanni ykn sabni keenya gabrummaa Habashaa jalatti waan kufee fi amma illee jala jiruuf; bilisummaa fi biyya ofii waan humnaan dhabeef, kan dhabe sana hundaa deebisee argachuu dhaafi. Walumaagalatti kaayyoon QBO bilisummaa uummata keenyaa fi abbaabiyummaa isaa deebisee argachuu dha. Kuni kaayyoo guddaa kan nuyi qabsaa’ota dhugaa ti ofiin jedhan hunduu dhaabbataniif ykn qabsaa’aniif ta’uu qaba. Kanaaf dhaabbachuu qofaa otuu hin taane, isaaf illee wareegama kaffaluun kan barbaachisuu dha.

Dhugaa kanatu qabsaa’aa dhalche ykn dhalcha; isa kanatu jaarmayaa bilisa baasaa uuma. Kaayyoo guddaan bilisa baasotaa ammoo uummata ykn/fi saba dhaabbanneef jedhan gabrummaa jalaa baasuu dha; bilisummaa fi abbaabiyummaa dhabe sana deebisee akka argatu godhuu dha. Qabsaa’aan ykn bilisa baasaan tokko ammoo rakkoo jiru (gabrummaa) kana hubate, kanaafis furmaata argachuu dhaaf erga qabsoo kana keessa seenee, hamma kaayyoo isaa galii dhaan ga’utti ni wareegama malee duubatti hin deebi’u; asii fi achi hin jedhu. Qabsaa’onni dhugaa kan wareegamanis kana’umaaf jedhanii ti. Warri kaayyoo kanaaf qabsoo kana keessa jiran ammoo, jaalleewwan isaan biraa kufan kana yaadachuu qabu. Kaayyoo isaan wareegamaniif galii dhaan ga’uu qabu jechuu dha.

Tokkummaan qabsaa’ota fi jaarmayoota Oromoo maaliif barbaachisaa akka ta’e ykn ta’u yeroo baay’ee barruulee gara garaa keessatti ibsuu yaaleen ture. Gabaabumatti irra deebi’ee ibsuu dhaaf, tokkummaan barbaachisaa kan ta’e ykn ta’u kophaa kophaa qabsaa’anii, humna addaan hirameen diina injifatanii galii hawwame ga’uun waan hin danda’amneefi; tokkummaan humna waan ta’eefi jechuu dha. Tokkummaan bifa lama qabaachuu danda’a. Tokko, tokkummaa fe’iirratti hundeeffame yoo ta’u inni biraa ammoo tokkummaa dirqamaa kan kaayoo walii tokkorratti bu’ureeffamu dha. Asirratti wanti hubatamuu qabu, tokkummaa ijaaruuf ykn tokkoomuuf fe’iin barbaachisaa miti jechuu kiyyaa miti. Fe’iin jalqaba gochaa tokkoo ti. Haa ta’u malee, fe’ii dura yoo dirqama beekan, wanti godhamu sun faayidaa guddaa qabaachuu danda’a jechuun barbaade. Mee tokko tokkoon ibsuun yaala.

Namni tokko waan tokko godhuuf fe’ii yoo qabaate, hammuma fe’iin isaa jirutti waan sana itti fufa; yoo fe’ii dhabe (yoo wanti sun isa hin gammachiifnne) yeroo barbaade waan sanarraa of qusata ykn qusachuu danda’a; akka dirqamaatti waan hin fudhanneef ykn hin ilaalleefi jechuu dha. Wanta tokko durumaanuu jalqabarratti akka dirqamaatti  kan fudhatu ykn ilaalu yoo ta’e, wanta barbaadu sana hamma argatutti ykn galii dhaan ga’utti waan sanarraa of qusachuu hin danda’u ykn hin barbaadu. Fe’ii fi dirqamni garaa garummaan isaanii asirratti jechuu dha. Tokkummaan qabsaa’otaa fi jaarmayoota Oromoos akkuma fakkeenya kanaatti ilaalamuu danda’a.

Qabsaa’otas ta’ee jaarmayoonni Oromoo, keessumaayuu bilisa baasonni, uummanni keenya tokkummaa isaanii waan barbaadeef ykn hawweef qofa; yaamicha’uma uummataatiif owwaachuu dhaaf jedhanii ni tokkoomna ykn tokkoomnne jedhanii, dirqama isaanii otuu hin hubatin, fe’ii qabaniin qofaa tokkummaa kan ijaaran yoo ta’e, kun tokkummaa dhugaa ta’uu waan hin dandeenyeef, umrii dheeraa hin qabaatu, humna cimaas horachuu hin danda’u. Gaafuma (yeroo’uma) rakkoon tokko dhalate laafuu ykn diigamuu illee danda’a. Qbsoo kanas cimsuu fi galii dhaan ga’uu kan danda’u hin ta’u. Garaa qulqulluu dhaan wajjin (waliin) hojjechuun illee rakkisaa ta’uu danda’a.

Yoo hunduu kaayyoo tokkoof dhaabbatan; kaayyoo kanas galii barbaadameen ga’uu dhaaf akka dirqamaatti fudhatan, garaa qulqulluu dhaan wajjin (waliin) hojechuu, wal gargaaruu fi tumsa walii ta’uu barbaadan; yoo hunduu kanattis amanan: tokkoffaa, tokkummaan qabsaa’ota akkanaa ofiifuu dhufuu danda’a. Dirqama fi kaayyoo ofii waan beekaniif, kunis kan walii waan ta’ee; kanas galii barbaadan tokkoon ga’uu dhaaf waan murteeffataniif kan tokkoomuu isaan dhoowwu hin jiru jechuu dha. Lammffaa, tokkummaan akkanatti ijaaramu ammoo dafee humna cimaa fi abdachiisaa fida. Humni akkanaas dafee galii hawwameen ykn barbaadameen namaan ga’a. Kun tokkummaa dirqamaa (tokkummaa dhugaa) yoo ta’u, kan uummanni keenya barbaadus tokkummaa akkanaa ti. 

Waayee dirqamaa yoon dubbadhu, kuni karaa biraatiinis ilaalamuu ni danda’a. Akkuma argamu, dhaga’amu, beekamu fi amanamu; nuyi Oromoo dhiisii addunyaan illee kan beeku, uummanni keenya har’a gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa fi badaa ta’e keessa jira. Rakkoolee lakkaawamanii hin dhumne keessa jira jechuu dha. Gara tokkoon diina faashistii kanaan hidhamaa, dararamaa, ajjeefamee karaarratti gatamaa, balleesa ragaa hin qabneen hidhaan bara dheeraa fi duuti irratti murteeffamaa, biyya abbaa ofiirraa baqachaa jira. Bakkee baqatetti illee nagaa dhaan jiraachuu dadhabee jira. Gara biraatiin ammoo dhukkubaa fi beelaan akka baala mukaa harca’aa jira. Uummanni Oromoo kan beela hin beeknetu har’a biyya isaa dureettii keessatti jiruu namaa gadii jiraachaa jira. Biyyi teenya Oromiyaan bareedduu fi dureettiin illee gara tokkoon cicciramtee diinaan gurguramaa yoo jirtu; gara biraatiin ammoo lagoonni fi harooleen ishii summii dhaan badaa jiru. Rakkooleen keenya lakkaawwamanii kan dhumanii miti.

Egaa, kan qabsaa’aa dha ofiin jedhu fi jaarmayoonni bilisa baasota ofiin jedhan hunduu dafanii uummata keenya fi biyya keenya rakkoolee kana keessaa baasuu dhaaf dirqama qabu. Isaan qofaa otuu hin taane ilmaan Oromoo hunduu rakkoole kana keessaa ba’uu dhaaf ykn wal baasuu dhaaf tumsa walii ta’uun dirqama fi ittigaafatama lammummaa ti. Tokkummaa dhugaa ijaaruu dhaaf ykn tokkoomuu dhaaf rakkooleen kanaa olitti kaase kun sababa guddaa ta’uu qabu. Kanatu tokkummaa dirqamaa dhalcha ykn fida jechuu dha. Dirqama kana ammoo hunduu hubatanii tokkummaa humna cimaa fi abdachiisaa fiduu danda’u tokko ijaaruu dha. Kanaaf ammoo yeroon kennamuu hin qabu. Yoo kan yeroon kennamuuf ta’e; yoo dafe hin ijaaramin, furmaanni waliin hin argamin, badiin biyya fi saba keenyaa kan nu yaadnu caalaa dafee ta’uu danda’a; kuni hubatamuu qaba.

Akkan marsaalee gara garaarratti barruulee adda addaa dubbisetti, namoonni tokko tokko tokkummaa qabsaa’ota fi jaarmayoota Oromoo gaafii keessa waan galchan fakkaata. Kuni ammoo akka yaada fi ilaalcha namoonni adda addaa qabanitti. Yaadni fi ilaalchi ammaoo kan dhuunfaa ti. Tokkummaan qabsaa’ota fi jaarmayootaa “dynamics” yoo hin qabaanne bu’aa hin fidu warri jedhus jiru. Akka yaada kiyyaatti kun dhugaa ta’uu danda’a. Akkuman kanaa olitti ibse, tokkummaa fe’ii qofaarratti ijaarame, kann dirqama hin dursine yoo ta’e, kun jijjiirama fi bu’aa tokko illee fiduu hin danda’u; waan humna cimaa fi abdachiisaa hin dhalchineefi. Tokkummaa dhugaa kan dirqamaa fi kaayyoo tokkoof ijaaramu yoo ta’e garuu, kun humna cimaa fi abdachiisaa, kan waabii ta’u, waan fiduuf, kanarraa “dynamics” akka dhufu mamiin waan jiru natti hin fakkaatu.

Karaa biraatiin ammaoo, haalli addunyaan har’a keessa jirtu, qabsoo bilisummaa fi walabummaatiif akka namatti hin tolle kanuma beekamuu dha. Haalli addunyaan bar-kurnee lama (waggoota diigdama) dura keessa turte fi har’a keessa jirtu tokkoo miti. Kuni abbaa fe’eefuu ifaa dha jedheen yaada. Kanaaf, haala addunaa wajjin walitti qabanii yoo ilaalan qabsoon bilisummaa Oromoo kunis ulfaataa ta’uu danda’a. Qabsoon bilisummaa saba tokkoo yoomiyyuu salphaa ta’ees hin beeku. Yoo hunduu dirqama ofii beekanii, dhugaa dhaan wajjin (waliin) hojjechuu dhaaf, tokkummaa dhugaa cimaa waliin ijaaran, kun humna cimaa waan uumuuf, humni kuni ammoo dafee injifannoo fiduu danda’a. Addunyaa kana keessatti, yoo laafaa ta’an, yoo humna dhaban, kufanii hafuu dha; kan ol nama qabu ykn kaasu hin jiru. Yoo ciman garuu hunduu nama duuba ykn bira dhaabbatu. Qabsoo bilisummaa uummata ykn saba tokkoo keessatti haalli namatti tolu hin argamu. Qabsoo hadhaawaatu injifannoo fida. Bilisummaan kadhaa dhaan hin argamu. Wargeegama guddaa barbaachisa; kana kaffaluunis hin oolu.

Dhaabileen siyaasaa Oromoo kan walaba ta’anii biyya keessatti socha’aa jiran fakkeenyaaf kan akka OFC fi jaarmayoonni bilisa baasonni keenya kan biyya alaa jiran ilaalcha adda addaa fi kaayyoo galii booddee gara garaa qabaatan illee, kaayyoon waliin qaban tokko “bilisummaa” uummata Oromoo ti. Walabummaan Oromiyaa kaayyoo bilisa baasota fi hawwii Oromoo hundaa ta’u illee, bilisummaan uummata keenyaa galii hatattamaa ta’uu qaba. Uummanni kenya qawwee diinaatiin humnaan ukkaamamee akka hin dubbanne fi hin sochoone waan godhameef; humni isa ittisus isa bira waan hin jirreef, dararama guddaa keessa jira. Kanaaf, dafee bilisoomuu barbaada, dafee bilisoomuu qabas. Kanaaf haal-dureen hin jiru; gara Oromootiinis ta’ee gara alagaa fi diinaatiin jechuu kooti. Bilisummaan uummata keenyaa akka dafee dhufu ammoo, dhaabilees ta’ee jaarmayoonni kanaaf dhaabbatan ykn qabsaa’an karaa walitti cufuu, waliin mormuu fi wal dadhabsiisuu dhiisanii wajjin hojjechuu, wal gargaaruu fi tumsa walii ta’uu qabu. Kuni ammoo dirqama hundaa ti.

Jaarmayoonni bilisa baasonni keenya, ULFOs haa ta’u ABO garee sadeen, kaayoon isaanii kan walii tokko – bilisummaa fi walabummaa – akka ta’en yaada, amanas. Yoo kana ta’e ammoo, kaayyoon isaanii inni guddaan tokko’uma jechuu dha. Dirqamni isaaniis kana’uma galii dhaan ga’uuf jedheen amana. Egaa, kana hundaa otuu waliin qabanuu wanti akka hin tokkoomne ykn tokkummaa dhugaa hunda hammataa tokko akka hin ijaarre isaan godhu waan jiru natti hin fakkaatu. Kan kanarraa hafe, sababni biraa yoo jiraate illee dhimma dhuunfaa qofaa dha jedheen yaada. Yeroon ammaa garuu kan dhimma fi bu’aa dhuunfaatiif yaadanii miti; kan saba ofiitiif, uummata irraa dhalataniif yaadanii dha. Kanaaf, uummanni keenya kan qabsaa’ota fi jaarmayoota isaarraa barbaadu “tokkummaa dirqamaa, tokkummaa dhugaa, kan kaayyoo tokkorratti hundeeffame” dha. Kun dafee ijaaramuu qaba. Kanaan malee” dynamics” hin dhalatu, injifannoonis hin argamu.

Galatoomaa

  

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *