Oduu Haaraya

Oromummaan kan walii fi dura dhufu yoo ta’u, amantiin garuu kan dhuunfaa fi booda dhufu dha

Abdii Boruutiin
Mata duree kanaan barruu kiyya kan har’aa otuun hin jalqabin, duraan dursee gammachuu natti dhaga’amen ibsuu barbaada. Waaqayyo/Rabbi galanni haa ga’u, oduu gaariin dhaga’amaa jira. Tokkummaan jaarmayoota bilisa baasota Oromoo sadii (AWDO, GABUO fi ATBUO) akka milkaawe fi ULFOn akka jaarmayaa tokkootti, kaayyoo tokkoof, hoggansa tokko jalatti akka qabsaa’uuf deeman beeksisanii turan. Kana’umatti aansee dhiyoo kana ABO gareen lama, KY ABO kan Gen. Kamaal Galchuutiin hogganamu fi QC ABO kan J/ Dhugaasaa Bakakkootiin hogganamu tokkoomuuf akka deeman labsanii turan. Kun gammachuu irratti gammachuu nuuf dabalee jira. Qabsoo bilisummaa Oromootti illee abdii guddaa horachiisa jedheen yaada.

 

Oromoon kan gabrummaa Habashaa jalatti kufee fi ammas jala jiru akka uummata fi saba tokkootti malee akka amantii qabuutti miti. Diinni keenyas kan nu gabroonfataa ture fi jirus; kan nu hidhu, dararu, ajjeesu fi akka biyya abbaa keenyaa irraa baqannu ka nu godhus, akka Oromoo tokkootti malee akka Oromoo amantii waaqeffannaa, kristaanaa fi islaamaa qabnuutti miti. Ija diinaatiin Oromoon tokko’uma. Naannoo fi kutaa fe’e keessatti haa dhalatu, bakkee fe’e haa jiraatu, amantii fe’e haa qabaatu diinaaf Oromoon tokko’uma jechuu dha. Amantii dhaan addaan baasee kan nu ilaalu, tooftaa godhatee kanaan addaan nu hiree, akka wal qoqqoodnu fi walirratti duullee wal dadhabsiifnnu nu godhuu yoo barbaadu qofaa dha.

Akkuma diinni Oromoo akka tokkootti nu ilaalu, nuyis akkasumatti wal ilaaluu qabnna. Nuyi ilmaan Oromoo tokko. Eenyummaan keenyas isa’uma tokko, Oromummaa dha. Kun uumaa waaqaa/rabbii ti; uumaa dhalootaa ti. Kana jijjiiruu hin dandeenyu. Akka kafanaa baafannee lafa hin goonu ykn hin jijjiirru; akka xurii qaamaa ofirraa dhiquu hin dandeenyu. Oromoo taanee dhalanne, Oromoo taanee duuna. Mee fakkeenya tokkon kaasa: Daa’imti (child) yoo dhalattu fi guddattee of baraa deemtu, dura haadha fi abbaa ofii (warra ishii) beekti; ormaan addaan baafti. Warra irraa dhalatte sana dura hubattee beekti jechuu dha. Kuni ammoo eenyummaa ishii waan ta’eefi. Waayee amantiis ta’ee, bakkee (iddoo) itti dhalatte illee beekuu kan barbaaddu yoo guddattee of barte booda dha. Gabaabumatti amantiin ishii eenyummaa ishii booda dhufa jechuu dha. Abbaan fe’ee’amantii wajjin hin dhalatu.

Akkuma mata dureen barruu kanaa jedhu, amantiin kan booda dhufu fi kan dhuunfaa ti. Yoo dhalannee, guddannee, of barre booda waayee amantii kaafnna. Sana booda amantii barbaadne qabaanna. Kuni ammoo fe’ii keenya kan dhuunfaa ti. Oromummaan garuu eenyummaa keenya; kan wajjin dhalannu, kan wajjin guddannu, kan wajjin jiraannu fi kan wajjin duunu dha. Qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti waa lamatu akka waliigallu fi wajjin (waliin) qabsoofnnu nu godhu: tokko eenyummaa keenya, Oromummaa yoo ta’u, inni lammataa Oromoon hunduu kan waliin qabnu fi keessa/jala jirru gabrummaa dha. Eenyummaa (Oromummaa) fi rakkoo (gabrummaa) keenyatu walitti nu fida jechuu dha. Kanaaf, Oromummaan QBO keessatti gahee guddaa taphachuu qaba, taphatas.

Namni Eenyummaa ofii hin beekne ykn dagatu dhimma ofiitiif hubannoo kennuu hin danda’u. Eenyummaa ofii beeku fi kanatti amanuun damaqinsa qabaachuu dha. Dammaqinsi yoo hin jiraanne, eenyummaa ofii illee dagachuu ta’a. Waayee amantii yoo kaafnu, amantiin qulqulluu ta’ee, siyaasarraa (polotikaarraa) adda bayee jiraachuu qaba. Haa ta’u malee, akka yeroo baay’ee hubatametti, namoonni tokko tokko amantii siyaasa wajjin wal qabsiisanii, tokko tokkorratti dhiibbaa akka taasisu godhuu barbaadu ykn yaalu. Kuni sirrii miti. Fakkeenyaaf, kan seenaan illee ragaa ta’uu danda’u, amantii ortodooksii kiristaanaa yoo fudhanne, kun siyaasa keessatti gahee guddaa akka taphachaa ture fi amma illee akka jiru dha. 

Asirratti wantin hubachiisuu barbaadu, amantii kanarraa jibba qabaadhee ykn/fi isa kanarrattis olola oofuu kiyyaa miti. Dhugaan jiru garuu Habashonni amantii kanatti dhimma ba’anii (itti fayyadamanii) aadaa Oromoo fi eenyummaa keenya irratti dhiibbaa godhuu isaanii ti. Eenyummaa (Oromummaa) keenya balleessuu dhaaf wanti isaan hin yaalle hin jiru. Amantii dagla galchanii, afaanfaajjii uumanii akka Oromoonni eenyummaa isaanii illee gaafii keessa galchan taasisan. Eenyummaa ofii gaafii keessa galchuun ammoo dhimma ofii akka dagatan ykn sirumaa hiraanfatan godha. Waayeen akkanaa kun QBO keessatti gufuu guddaa ta’a; kanuma ta’ee argame illee dha. Kanaaf, amantii fi eenyummaan addaan ba’anii ilaalamuu qabu. Kan dursu tu dura dhufa; kan itti aanee dhufuu qabus akkasuma booda dhufa jechuu dha.

Waaqni/rabbi mirga namummaa dhalootaan namaaf kenna. Mirga ofiitiif falmachuun balleesa miti. Yoo mirgi namaa humnaan, qawwee dhaan namarraa fudhatame ykn dhiitame, kan mirgi isaa dhiitamu, humnaan ajjeefamu, bilisummaa fi biyya ofii dhabe ammoo kan dhabe kana hundaa deebisee argachuu dhaaf yoo humna qabuun, qawweedhaan falmate kun cubbuu ta’un irra hin jiru. Uumatoonni addunyaa kanaa, kann gabrummaa jala turan fi bilisummaa argatanis humnaan qawwee dhaan malee kadhaa dhaan hin arganne. Uummanni Oromoo bilisummaa fi biyya isaa humnaan dhabee, gabrummaa jalatti kufee, har’a illee kana’uma keessa waan jiruuf mirga ofiitiif falmachaa jira. Maaliif kana goota, maaliif mirga keetiif dubbatta, cal jedhii bitami, jedhee kunoo diinni humnaan akka barbaade fi waan barbaade godhaa jira.

Uummanni Oromoo bilisummaa fi abbaabiyummaa isaatiif falmachaa jira malee, daangaa ofii dabree orma hin tuqne, gara fuula duraattis kana hin godhu. Kan biyya abbaa, akaakayyuu fi abaabayyuu,….. isaa keessatti hidhamu, dararamu fi ajjeefamus mirga ofii kan waaqni/rabbi uumamaan kenneef waan humnaan dhabeef isa kanas deebisee argachuu dhaaf falmata malee kan biraa miidhuufii miti. Egaa dhugaan kana ta’e otuu jiru, namoonni tokko tokkoo QBO amantii dhaan wal qabsiisanii, warra qawweedhaan nama uukkaamse irratti qawwee kaasuun sirrii miti jechuun isaanii baay’ee nama dinqa. Cunqursaan ykn gabroonfataan qawweetti yoo fayyadamu, kan cunqurfame fi gabroomfatameef ammoo wanti dhowwaa ta’eef naaf galuu hin danda’u. 

Akkuman kanaa olitti tuqee dabre, amntii meeshaa godhatanii, siyaasa wajjin wal qabsiisanii kaayyoo biraa hojiirra oolchuuf yoo ta’e malee, amantii dhaan sodaachisanii ykn amantii sodaatanii mirga ofiitiif akka hin dubbanne godhuun ykn ta’uun eenyumma ofii fi dhimma ofii illee dagachuu ta’a. Eenyummaa fi mirgi ofii yoo kabajame fi wal kabajuunis jiraate, hunduu amantii fe’an qabaatanii nagaan wajjin jiraachuu danda’u. Karaa biraatiin ammoo amantii tokko kan biraa caalchisanii ilaaluun; kan kanaan ka’e tokko tokkorratti dhiibbaa akka godhu yaaduu fi yaaluunis nagaa booressuu dha. Kuni akka namoonni amntii gara garaa qaban wal qoqqoodan godha. Waayen akkanaa kunis hawaasa keessatti mul’achuu hin qabu.

QBO keessatti Oromummaan hundee qabsoo kanaa ti; hundee kanarratti wanti hunduu ijaaramuu danda’a. Manni illee hundee gaariirratti yoo hin ijaaramne, umrii dheeraa qabaachuu hin danda’u. Hundeen waliigaltee fi tokkummaa ilmaan Oromoo Oromummaa dha. Kanatu walitti nu fida; kanatu akka wal barbadnu nu godha; kanatu akka mirga keenyaaf waliin dhaabbannu fi qabsoo keessatti tumsa walii taanu nu godha. Ilmaan Oromoo foon tokko, lafee tokko, qaama tokko, dhiiga tokko. Harki, miille, ijjii fi gurrii mirgaa yoo hubame, dhukkubni kun bitaattis ta’ee qaama hundattuu dhaga’amuun hin hafu. Ijji takka hubamtee yoo imimmaan buuftu, kan biraas akkasuma wajjin boochi. Bakkee fe’e haa ta’u, kutaan qaama tokkoo yoo tuqame, qaama hundatti dhaga’ama. Rakkoon ilmaan Oromoo (uummata Oromoo) rakkoo Oromoo hundaa ti. Rakkoo waliitiif ammoo furmaanni walumaan barbaadamuu fi argamuu qaba.

Barruu kiyya kan har’aa otuun hin xumurin dura, waayee waliigaltee fi tokummaa jaarmayoota Oromoo ilaalchisee waan tokko tokko kaasuun barbaada. Yoo waaqayyo/rabbi jedhe, biiftuun Oromoos ba’uuf mul’achaa jirti. Hawwii guddaa uummata Oromoo kan ta’e, deebi’anii tokkoomuun Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) sadarkaa gammachiisaa irra ga’aa waan jiru fakkaata. Gareen lama tokkoomuuf akka deeman jalqaba barruu kanaarratti kaaseen ture. Waayeen kunis marsaalee gara garaarratti labsamee ture. Kun gammachuu guddaa dha. Hamilee uummata keenyaa fi kan qabsaa’otaa jabeessee, kan diina keenyaa cabsee, gantuulee qaanessa. Kun injifannoo isa tarkaanfii duraa ti, tokkoomuu danda’uunuu injifannoo waan ta’eefi. ABO gareen sadeenuu tarkaanfii kana itti fufanii, deebi’anii tokko ta’uu isaanii akka oduu gammachiisaa dhaan gadi ba’an abdiin qaba.    

Namnni akka malee beelaye fi dheebote waanuma argate tokko dafee nyaata ykn dhuga malee kana, sani jedhee filachuu hin danda’u ykn hin barbaadu. Namnni rakkoo badaa tokko keessa jirus akkamitti rakkoo kana keessaa akka ba’u yaada ykn yaalii godha malee, karaa kana ykn sana wayya jedhee rakkoo keessa taa’ee filannoo gaarii fi badaa dha jedhee hin yaadu. Wantin fakkeenya kana kaaseef, uummanni keenya har’a rakkoolee hamma kana hin jedhamne keessa jira. Dur qayee ofii keessa nagaan taa’uu ykn jiraachuu dadhabe, har’a garuu qayee sana illee dhabee algaa fi diinaan dhiibamaa jira. Yoomiyuu caalaa gabrummaa badaa keessa jira, qawwee faashistii Wayyaaneetiin ukkaamamee jira. Rakkooleen uummata keenyaa lakkaawamanii kan dhumanii miti. Waan kana ta’eef, uummanni keenya dafee bilisummaa ofii argachuu barbaada, kanas argachuu qaba.

Kanaaf, sabni keenya badii akkanaa kana jalaa akka ba’u, karaa danda’ameen qabsoo kana finiinsuun yoomiyuu caalaa barbaachisaan yeroon isaa amma dha. Warri uummata ykn saba kanaaf dhaabbanne jedhan hunduu, bilisa baasotas haa ta’an, jaarmayoota ykn dhaabilee siyaasaas haa ta’an, karaa walitti cufuu dhiisanii, karaa dafee bilisummaatti nu geessu tokko irratti waliigaluu fi kanas galii dhaan ga’uuf tumsa walii ta’uu qabu, waliif mirmachuu qabu. Kun kaayyoo keenyaa miti jedhanii waliin mormuu fi umrii bittaa diina keenyaa dheeressuun dhaabbachuu qaba. Baroota dheeraa bu’aa malee waan turreef, amma nu gaye jedhanii jijjiirama fi bu’aa tokko agarsiisuu dhaaf waliin hojjechuu qabu. Hunda caalaa ammoo jaarmayoonni bilisa baasonni keenya tooftaa fi tarsiimoo qabsoo kanaa haaromsuu fi aaynaa biraatiin qabsoo finiinsuu qabu. Waraanni bilisa baasaan waabii fi abdii bilisummaa waan ta’eef isa kana cimsuun murteessaa dha. 

Kaayyoo fi ilaalchi keenya adda adda ta’u illee, Oromoon har’a, kan Oromummaa ofiitti amanu, kan waayeen QBO galeef, kan mirga uummata ykn saba ofiitiif quuqamu, kan kanaafis qabsaa’aa jiru hunduu kaayyoon isaanii kan walii “bilisummaa” uummata Oromoo ti. Garaa garummaan jiru, galii qabsoo kanaa isa booddee fi karaa ittiin achi ga’anirra dha, akkaataa (method) qabsoo galii barbaadan sanaan ga’anii dha. Akkuman kanaan duras irra deddeebi’ee ibsuu yaale, dhaabileen biyya keessa jiran OFCn yoo dhuguma filannoo kana injifatan, jijjiiramni fi bu’aan tokko uummata keenyaaf dhufuu akka danda’un yaada; yoo filannoo’umti kunuu injifannoo agarsiisuu ykn fiduu danda’e jechuu kooti. Faashistii Wayyaaneen achii buqqa’ee, uummani keenya bilisummaa kan argatu yoo ta’e, kaayyoo keenya isa guddaa  galii hawwameen ga’uu dhaaf haalli gaariin uumamuu waan danda’uuf, uummata keenyas kanaaf qopheessuun ni danda’ama ta’a. Jaarmayoonni bilisa baasoonni keenyas kaayyoo qabsaa’aniif akkuma jirutti qabatanii; haala uumamu kanatti fayyadamanii qabsoo hidhannoo illee biyya keessatti cimsuu dhaaf tarkaanfiin OFCn godhu karaa gaarii banuu danda’a jedheen yaada. Kun tarsiimoo qabsoo ti; gamnummaa siyaasaa ti.

Kanaaf, hunduu karaa danda’aniin qabsoo bilisummaa kana galii dhaan ga’uuf tumsa walii ta’uu dha malee waliin mormanii wal dadhabsiisuun diinaaf malee uummata keenyaaf bu’aa hin fidu. Olola walirratti oofuun, karaa walitti cufuun, waliin mormuun dhaabbachuu qaba. Hunda caalaa barbaachisaa fi murteessaan ammoo yoo warri biyya keessa jiran hamma danda’an, karaa danda’aniin tattaaffii godhan, warri biyya alaa jiran ammoo tokkoomanii qabsoo duubaan, keessa fi alaan cimsuu dha. Yeroon ammaa yeroo tumsa walii ta’an malee yeroo walirratti duulanii miti. Eenyummaa (Oromummaa) fi rakkoo waliin qabnu (gabrummaa) tu akka wajjin (waliin) dhaabbannu, wal gargaarru, fi tumsa walii taanu nu godhu. Galatoomaa.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *