Abdii Boruutiin
Jaarmayoonni bilisa baasaan keenya maal jedhu?
Kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) ilaalchisee yeroo ammaa intarneeta irratti marii oo’aan waan godhamaa jiru fakkaata. Barruulee gadaa.comirratti dhiyaatani fi yaada namoonni gara graaa achirratti kennan hundaa dubbisuu yaaleen ture. Barruulee kana keessaa tokko kan Obboo Fayyis Oromiyaa ti. Obboo Fayyis barruulee isaa kan adda addaa keessatti QBOn akkamitti galii booddee ga’uu akka danda’u kaayyoo fi karaa sadarkaa saditti hiree ibse. Isaan kanas I-Kaayyoo, kan yeroo gabaabaa, M-Kaayyoo, kan yeroo jiddugaleessaa fi E-Kaayyoo, kan yeroo dheeraa jedhee dhiyeesse. Barruu isaa kan dhiyoo kana ba’e keessatti filannoo dhufu ilaalchisee yaada isaa akka ifa godhe fi kanuma wajjin wal qabsiisee “Fayyis Oromia’s Ethiopian Political Spectrum” kan jedhu tokko akka dhiyeesse ni yaadatama.
Yaada’uma isaa kana fi kan namoonni gara garaa dhiyeessan wajjin wal qabsiisee anis barruu kiyya kan har’aa keessatti waan tokko tokkon kaasuu barbaada. Asirratti wantin hubachiisuu barbaadu akkuma yeroo biraa, ilaalcha fi yaada kiyya dhiyeessuu dhaaf malee, namoota, garee, dhaaba ykn jaarmayaa tokkotti hirkadhee yaada fi kaayyoo isaanii deeggaree kan biraa balaaleffachuufi miti. Akkan ofii kiyyaa yaadu fi uummata Oromootiif gaarii ta’uu danda’a jedhee kanan itti amanun barreessa jechuu kooti. QBO kana keessatti wanti irraa baratamuu fi muuxannoo irraa argachuu danda’amu, yoo ofiif humna cimaa hin qabaanne orma wajjin hojjetanii galii hawwame ga’uun akka hin danda’amnee dha. Gabaabumatti humna Oromoo cimaatu galii hawwameen nu ga’uu dhaaf waabii ta’uu danda’a jechuu dha. Waanan kana jedheef mee fakkeenyota tokko tokkon kaasuu barbaada. Haa xinnaatus haa baay’atus Impaayara kana keessatti jijjiiramoonni dhalatan hunduu QBO irraa burqan.
Bara 1974 Darguun mootummaa H/Sillaasee akka fonqolchu kan taasise QBO akka ibiddaa boba’aa achi ga’e ture. Yoo kan yaadannu ta’e sochii sana keessatti ilmaan Oromoo gayee guddaa taphatani. Jalqaba irratti sochiin sun kan hogganame illee ijoollee Oromootiin ture. Jijjiiramni ykn bu’aan inni fides tokko lafti kan qotee bulaa akka ta’u godhuu dha. Impaayara keessatti jijjiirama guddaa kana haa fidu malee gaafii uummata Oromoo deebisuu hin dandeenye. Warra gaafii uummata Oromoo kaasuu yaalani illee Darguun sabab adda addaa itti uumee akka rukutamani fi dhuman godhe. Warri kana irraa hafani fi xinnaatus qabsoo kana ittifufuu danda’an akka ABOn jiraatu fi guddatu godhan. ABOnis uummata Oromoo keessatti guddatee fi dagaagee bara 1991 jijjiiramni biraa akka dhufu godhe.
Bara 1991 mootummaan Darguu akka kufu kan taasise; uummata Oromoof qofaa otuu hin taane uummatoota cunqurfamtoota birootiif illee aduun akka baatu kan godhe fi abdii guddaa kan itti horachiise ABO ture. ABOn cimuu fi deeggarsa guddaa akka argate yoo hubattu Wayyaaneen tooftaa fi tarsiimoo jijjiirrattee, suuta suuta humna harka ishiitti galfattee, booddee irra akka ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa ba’u goote. Waraanni bilisummaa Oromoo (WBOn) illee akka miidhamu godhamee humni jijjiirama tokko uummata keenyaaf fiduu danda’u sun rukutamee, laafee hafe. Egaa kun hunduu kan ta’e ykn godhame damaqinsa dhabuu, of dagachuu fi orma amananii miidhama keessa galuu dha. Waayeen kuni ammoo gara fuulduraatti muuxannoo guddaa ta’uu qaba. Barumsi guddaan irraa argatamuu qaba. Wal malee orma ykn alagaa abdatanii fi amananii of dagachuun ammas miidhaa akkanaa nutti fiduu danda’a.
Ani akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti MEDREKs ija’uma kanaanan ilaala. Bu’aa fi jijjiirama nuuf hin fidan jechuu kiyyaa miti. Tarkaanfii tokko fuulduratti nu geessuu danda’u jedheen yaada. Mee isaanumtuu filannoo kana moo’anii Wayyaanee faashistii kana buqqisanii achi haa darban malee uummata keenyaaf bu’aan tokko hin dhufu jechuu miti. Wantin ani jechuu barbaade ammas akkuma dur orma wajjin yoo hojjennu, isaan amannee, of dagannee rakkoo biraa keessa akka hin galle dha. Damaqinsa guddaa dhaan wajjin hojjechuun baay’ee barbaachisaa dha. Keessumaayuu baay’ee murteessaan ammoo humna cimaa duubaa qabaachuu ykn horachuu dha. OFCn MEDREK keessa jiru jechuun galii hawwine ga’uu dhaaf waabii nuuf ta’u jechuu miti.
MEDREKs taanan abdii irraa qabaannu illee, gara tokkoon warra “article 39” gaafii keessa galchani dha. Artikilii barbaachisaa akkanaa kan fe’ii fi mirga uummattootaa jabeessu, kan hiree murteeffannaaf karaa gaarii baasu ni kaafnna jechuun isaanii diimookraatummaa faallessa. Kuni ammoo walabummaa sabootaatti karaa cufuu danda’a. Isaanis kanuma sodaataniiti article kana kaasuu barbaadan natti fakkaata. Yoo kana ta’e ammoo akkamitti gara walabummaa fi walfaanummaa itti deemuu dandeenya? Jarri kunis yoo filannoo injifatanii mootummaa dhaabanii, waanuma hundaa harka ofiitti galfatan booda toofta fi tarsiimoo isaanii jijjiiranii rakkoo nutti uumuu waan danda’an hin fakkaatuu? Waanuma ta’eefuu Wayyaanee caalaa badaan kan dhufu natti hin fakkaatu. Akka waan badaan illee nutti hin dhufnne ammuma itti yaaduu nu barbaachisa. Kanaaf ammoo mallii fi furmaanni waliigaltee uumuu, tokkoomuu, tokkummaa dhugaa ijaaruu, humna cimaa horachuu, duubaan, keessa fi alaan qabsoo finiinsuu dha. Yoo humni cimaan duuba jiraate galii keenya kan booddee irraa kan nu hanbisu hin jiru. Yaa ilmaan Oromoo, kan dabre irraa baradhaa, tokkoomaa, tokkummaa caalaa humni biraa hin jiru. Orma wajjin hojjedhaa malee hin abdatinaa, orma irraa qofaa waa hin eeginaa. Dammaqinsaan bitaa fi mirga ilaalaa. Balaa nutti dhufuuf deemu alaalatti arggaa, yeroo dhaan mala barbaadaa.
Yaada Fayyis Oromiyaa dhiyeesse itti deebi’uu dhaaf, akkuma inni barruu isaa keessatti ibse, kaayyoo yeroo gabaabaatti kan nu geessu OFC (MEDREK) yoo ta’u kuni walabummaa dura ta’a. Kan kaayyoo yeroo jiddugaleessaatti (walabummaa Oromiyaatti) nu tarkaanfachiisu ULFO dha. Kanatti fufee kan kaayyoo yeroo dheeraatti nu geessu AFD dha. Kuni ammoo walabummaa booda ta’a jechuu dha. Gabaabsee yoon ilaalu karaan kun: OFC (MEDREK)® ULFO ® AFD yoo ta’u, OFC ® I-Kaayyootti, ULFO ® M-Kaayyootti, AFD® E-Kaayyootti nu geessu jechuu dha. Akka ilaalcha kiyyaatti, yaada, karaa fi tarsiimoo gaarii dha. Asirratti garuu ABO garee sadeen yoo ilaalle, ULFO keessa akka miseensaatti kan amma jiru ABO QC ti jedheen yaada. AFD keessa ammoo hamman beekutti SG ABO ti. Kana Fayyisis barruu isaa keessatti ibsee jira. KY ABO warra jijjiiramaa ilalchisee wanti beekamu hin jiru. Miseensa ULFO ta’ani fi kan AFD ta’anii wanti ifa ta’e hin jiru jechuu kooti.
Egaa ABO garee sadeenis ta’ee jaarmayoonni hafan kan bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyatiif qabsaa’an yaada Fayyis kana irratti maal jedhu? Karaa kaayyoo sadeen kana (I,M E) wajjin (waliin) deemuu barbaaduu? Haaldureen jiraachuu ni maluu? Nuyi kan qabsoofnnu walabummaa Oromiyaatiif waan ta’eef kan sana booda ta’u kaayyoo keenyaa miti jechuun hin dhufuu? AFD ilaalchisee gareen tokko qofaa miseensa ta’ee wajjin (waliin) hojjechuu kan barbaadu yoo ta’e rakkoon uumamuu hin danda’uu? Yoo kuun garana, kuun garas kan deeman ta’e, waliin mari’atanii yoo waliigaltee tokkoon hin goone, ammas mooraa QBO kana keessatti wal dadhabsiisuun hin dhufuu? Yaada, kaayyoo fi karaa tokko irratti waliigaluu danda’uu? Gaafiileen kana fakkaatan kan ka’uu danda’an baay’ee dha.
Ani akkan yaadutti fi akka hawwii kiyyaatti, gabaabbatus dheeratus kaayyoo fi karaa tokko irratti waliigaluun baay’ee barbaachisaa fi murteessaa dha. Yoo kuni hin taane diina dhiisanii waliin mormuutu dhalata; olola walirratti godhuu fi wal dadhabsiisuutu dhufa. Akkuma amma argaa jirru humni keenyas ni laafa. Kuni dhaabbachuu qaba. Kaayyoon humnoota bilisummaa Oromoo kan hundaatuu walabummaa Oromiyaa akka ta’e mamiin waan jiru natti hin fakkaatu. Walabummaan biyya keenyaa haa argamu malee kan isa booda dhufus (walfaanummaa kan jedhamu) waan rakkoo fidu natti hin fakkaatu. Galii guddaan Oromoo hundaatuu walabummaa Oromiyaa ti jedheen amana. Yoo kana arganne, walfaanummaan ta’us ta’uu baatus; kanarratti waliigalteenis yoo dhabame, biyya keenya dureettii keessatti nagaa fi gammachuu dhaan jiraachuu ni dandeenya. Waan hundaa qabnna, kan nu hin qabne hin jiru. Walfaanummaas kan barbaadnu yoo ta’e ammoo kuni hundaafuu bu’aa guddaa fiduu bira dabree nagaa fi tasgabbii gaafa Aafrikaatiif hundee ta’uu danda’a jedheen yaada. Guddina fi dagaagina diinagdeef karaa gaarii dha. Erga walabummaa keenya argannee sana booda kan nu miidhu waan jiraatu natti hin fakkaatu. Kanaaf walfaanummaa kan hin barbaadneef sababni waan jiru natti hin fakkaatu jechuu kooti.
Waanuma ta’eefuu yoo haalli gaariin argamee, uummanni Oromoo hiree ofii murteeffachuu kan danda’u ta’e, galii isaas isumatu murteeffata jechuu dha. Haalli gaariin kun akka argamu ammoo waliigaltee uumuu, tokkoomuu, kaayyoo tokkoof karaa tokko wajjin deemuu dha. Waliin mormuu, wal irratti duuluu, karaa wal cufuu, humna offi laaffisuu dhaabuu dha. Mee asirratti metaphor Fayyis kaase tokkon irra deebi’a. Inni kunis QBO ilaalchisee fakkeenya baabura Jibutii dhaa ka’ee gara Finfinnee deemuu ti. Namoonni Jibutiitti baabura kana yaabbatan bakkeen itti bu’an (station) gara gara haa ta’u malee karaa fi baaburri isaan hunduu ittiin deeman tokko’uma. Namoonni tokko tokko Diree Daawaatti, kan biroo Adaamaatti, kan hafan ammoo Finfinneetti bu’uu barbaadu. Baabura kanatti rakkoon tokko dhalatee bakkee ga’uu barbaadan sana yoo hanqatan malee namoonni hunduu galii isaanii irraa hin hafan. Baaburri kunis yoo rakkoo teekniikaa qabaate yookaanis shiftoonni karaa irratti isa dhaaban malee bakkee ga’uu barbaade sana irraa hin hafu.
Yoo kaayyoo QBO wajjin wal qabsiifnnee ilaalle, rakkoon teekniikaa kun Oromoonni waliigaltee dhabuu, waliin mormuu, karaa walitti cufuu, wal dadhabsiisuu, humna walii laaffisuu fi k.k.f. Shiftoonni kuni ammoo diinota QBO ti. Akka gufuu nutti hin taane, akka galii hawwine irraa nu hin hanbifne tokko taanee, irree tokkoon, humna tokkoon injifachuu qabna. Kan kana irraa hafe yoo ofii kenyaaf rakkoo walitti uumne malee, yoo karaa tokko irratti waliigalle rakkoon waan dhalatu natti hin fakkaatu. Yoo nuyi waliin mormine diinni illee qaawwa kana argatee, addaan nu hiree, humna keenya laaffisuu danda’a. Yoo nuyi waliigalle garuu carraa kana hin argatu.
Kanaaf humnoonni bilisummaa Oromoo kaayyoo tokko qabaachuun barbaachisaa fi murteessaa dha. Kana irratti waliigaluu qabu. Karaa ittiin deeman waliin karoorfachuu qabu. Ammas irran deebi’a, humna cimaa horachuu qabu. Karaa biraatiin ammoo waliigaltees haa godhan, haa godhuus baatan waan barbaadani fi karaa barbaadan sana, kan waliigaltee isaan dhoowwe illee maal akka ta’e uummata Oromootiif ifa godhuu qabu. Wanti iccitii ta’e, kan dhoksaa dhaan godhamu, kan uummatni keenya beekuu hin qabne qabsoo kana keessa kan jiraatu yoo ta’e dhimma, fe’ii fi bu’aa dhuunfaa ti. Warri yaada fi karoora akkanaa qaban ammoo eessayuu ga’uu waan hin dandeenyeef saaxilamuun isaanii hin hafu. Akkuman yeroo baay’ee barruulee kiyya keessatti kaase fi ammas irra deebi’ee jechuu barbaadu waliigalteen bu’ura waan hundaa ti. Waliigalteen tokkummaa uuma; humna cimaa dhalcha; humni cimaan ammoo waabii waan hundaa ti.
QBO kana keessatti ba’aa bu’ii baay’ee agarre. Bitaas ilaalle mirgas ilaalle, olis baane gadis buune, walis qeeqn’e, walis arrabsine, walis abaarre, walirrattis duulle, barruulee baay’ees dubbifnne, meediaalee gara garaa irraa waa hundaa dhageenye, gaafii fi deebii baay’ees dhageenye. Kuni hunduu taakkuu tokko illee fuulduratti nu hin oofnne. Wal shakkuun, amantii walirraa dhabuun, wal qeequun dhaabbatee marii bu’aa uummata Oromootiif fidu godhuun barbaachisaa dha. Karaa waliin ittiin deemnu irratti waliigaluu qabna. Tokkoomnnee humna keenya jabeessuu qabna. Waan tokko qofaarratti cichuurra nuyis akkuma ormaa tooftaa fi tarsiimoo bu’aa nuuf fidu tokko irratti waliin hojjechuu fi galii keenyatti waliin deemuu qabna. Yoo akkana hin taane ammas akkuma dur jijjiirama tokko malee yeroo fi umrii keenya fixuu ta’a. Kanaaf, kan dabre irraa baradhaa, nu gaye jedhaa, waliigaltee uumaa. Uummata dhaabbatanii kana ilaalaa. Jaalleewwan wareegaman yaadadhaa. Kaayyoo fi karaa tokko irratti walii galaa.
Dhumarratti, yaadni Obboo Fayyis Oromiyaa dhiyeesses kaayyoo Oromoo tokko sadarkaa saditti hiruun isaa wal duraa duuba akka ta’aniif ykn ta’uu danda’aniif malee kaayyoo ganamaas ta’ee kan galgalaa waan faallessu natti hin fakkaatu. Karaa hunduu wajjin (waliin) deemuu danda’an jedheen yaada. Rakkoon kan uumamu garuu yoo karaa kana walitti cufnne dha; yoo waliin mormine dha. Waliigallee, itti amannee kan wal amansiifnnu yoo ta’e hunduu galii barbaadan sana irraa waan hafan natti hin fakkaatu. Waaqni/rabbi waliigaltee nuuf haa kennu. Galatoomaa.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com