Oduu Haaraya

Bar-kurneen dhufu uummata Oromootiif maal fida laata?

Abdii Boruutiin 

 

Erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee uummanni Oromoo qabsoo bilisummaa hadhaawaa otuu hin godhin oolee buluu baatus; qabsoo kana keessatti jijjiiramni tokko tokko argamanis, gaafiin isaa kan bu’uraa deebii argachuu hin dandeenye. Hamma (hanga) gaafiin kuni deebii argatutti qabsoon kunis itti fufa malee kan dhaabbatuu miti. Akkuma dhaloota kaleessaa irraa kan har’aatti dabre, dhaloota dhufuttis dabra malee humni fe’e’qabsoo bilisummaa uummata keenyaa galii isaa irraa hanbisuu hin danda’u. Gabaabumatti ni tura ykn achi dheerata malee bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa waan hin hafne dha. Haa ta’u malee wanti barbaadan tokko akkanumatti hawwii’umaa fi yaada’umaan kan dhufu waan hin taaneef waan barbaadan sana argachuu dhaaf jabaatanii hojjechuu nama barbaachisa. Bilisummaa uummata fi walabummaa biyya tokkoo dhiisii wanti salphaa ta’e tokkoo yoo hojjetaniif malee akkanumatti laayyootti hin argamu jechuu dha.

Qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) of duuba garagallee yoo hubannu, wareegama guddaan kaffalamu illee; lubbuun ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaawaman galaafatamani illee, xinnaattus baay’attus jijjiiramnii fi bu’aan tokko tokko otuu hin argamin hafanii hin beekan. Yeroo mootummoonni Habashootaa jijjiiraman xinnaatu illee uummata keenyaaf jijjiiramni tokko otuu hin mul’atin hafee hin beeku jechuu kooti. Jijjiiramoonni kun garuu uummata Oromoof quubsaa hin taane. Gaafiin isaa yeroo hundaa otuu hin deebi’in hafe. Kanaaf ammoo haala keenya xinxaaluu fi gaafiilee: Maaliif gaafiin Oromoo deebii otuu hin argatin hafe ykn ture? Maaliif galii barbaadne sana otuu hin ga’in turre? kan jedhan kaasuun barbaachisaa dha. Sababa kanaa barbaaduu ykn beekuu jechuu dha.

Sababoonni biroo yoo jiraatani illee, ani sababoota gurguddoo saditu QBO galii irraa tursiise jedheen yaada. Isaan kunis:

  • Haala amma addunyaan keessa jirtu
  • Cimina diina keenyaa fi
  • Waliigaltee, tokkummaa fi humna dhabuu keenya dha

Haala amma addunyaan keessa jirtu

Haala addunyaan bara 1990 waggoota diigdama dura keessa turte fi har’a keessa jirtu walitti akeeknee yoo ilaalle, haalli har’a jiru qabsoo bilisummaa uummatootaaf waan tolu hin fakkaatu. Fakkeenyaaf gaafiin qabsoo hidhannoo akka waan biraatti ilaalama. Akka shororkeessummaa itti kan ilaalamu illee hin dhabamne. Qabsoo hidhannootiin bilisummaa arganna jedhanii amansiisuun yeroo ammaa ulfaataa ta’aa jira jechuu dha. Karaa biraatiin ammoo maqaa diimookraasiitiin daldaluu fi addunyaa afaanfajjessuun faashinii haarayaa ta’e argamaa jira. Kanaaf ammoo hojiin Wayyaaneen dalagaa jirtu fakkeenya ta’u danda’a.

Cimina diina keenyaa

Cimina diina keenyaaf sababoonni gara garaa jiraachuu danda’u. Sababootuma gurguddoo kanaa olitti kaase kanaa yoo ilaalle, sababni tokkoffaa (haala addunyaa) fi inni sadaffaan (waliigaltee dhabuun keenya) sababoota diina keenya cimsanii dha. Wayyaaneen kan cimuu dandeesse karaa tokkoon akkuman kanaa olitti ibse haala addunyaatti fayyadamtee yoo ta’uu, karaa biraatiin ammoo tooftaa baafattee, addaan hirttee bituu dhaaf walirratti duulsisuu, ishiitti garagaluu dhiisanii akka ofiif wal dadhabsiisan taasisuu dhaan humnoota biroo laaffisuu ishii ti. Laafinni humnoota kanaa ishii dhaaf jabeenya fi cimina guddaa ta’e. QBO akka galii irraa turu sababa tokko ta’e jechuu dha.

Waliigaltee, tokkummaa fi humna dhabuu keenya

Waliigaltee, tokkummaa fi humna cimaa dhabuun sababoota QBO naaffisani fi galii irraa tursiisan keessaa isa guddaa tokko dha jedheen amana. Diinni keenya kan nuitti cimuu danda’e, addunyaan illee ija biraatiin akka nu laaltu kan godhe ykn godhu isa kana. Akkuma makmaksi Oromoo “Yoo abbaan iyyate ollaan namaa mirmata”jedhu waliigallee sagalee tokkoon ollaatti ykn addunyaatti iyyachuu dhiifnnee kan walitti iyyinu, walirratti duullu, wal dadhabsiifnnu yoo ta’e, “Ofiifuu ni duuti, maaliif of huuti” jedhanii nu tuffachuu malee waan nuuf mirmatan natti hin fakkaatu. Akkuma “Yoo waliigalan alaa galan”jedhamu, waliigaltee keenyatu akka waliin manatti gallu nu godha. Yoo kuni hin taane alumatti hafna jechuu dha. Egaa sababni QBO galiirraa tursiise inni guddaan tokko kana dha.

Namnni tokko dhukkubsatee mana hakimaa yoo deemu, hakimiin dura dhukkuba isaa arga; kanaaf ammoo sababni maal akka ta’e beeka; achii ka’ee qoricha dhukkuba kana fayyisu ajajaaf. Namni kunis qoricha kana fudhatee fayyuu danda’a. Qabsoon bilisummaa Oromoos akkanumatti ilaalamuu danda’a. Dhukkubni keenya qabsoon keenya naafuu dha; galii hawwine irraa turuu dha. Sababoonni kanaa ammoo akkuman kanaa olitti kaasee yoo ta’an, inni guddaan garuu waliigaltee, tokkummaa fi humna cimaa abdachiisaa dhabuu dha. Dhukkuba tokkoof qorichi adda addaa jiraachuu danda’u illee, kan dafee fayyisu qoricha gaarii tokko dha. QBOs kan cimusu fi galiitti dhiyeessu inni guddaa fi hunda caalaa murteessaan waliigaltee uumuu, tokkoomuu, tokkummaa ykn tumsa cimaa ijaaranii humna cimaa horachuu fi kanaan qabsoo finiinsuu dha. 

QBO kan Adda Bilisummaa Oromootiin gaggeeffamaa ture kan bara 1991 duraa yoo ilaalle, isa sanatu bu’aa guddaa uummata keenyaaf fide, yoo tokkummaan qabsaa’otaa ture sana jechuu kooti. Erga mooraa QBO keessatti rakkooleen adda addaa dhalatanii, ABOn gara gara hiramee kaasee qabsoon kun naafuu malee jijjiiramni tokko illee hin mul’anne. Sirumaa galiin keenya achi nurraa fagaachaa deeme. Waliigaltee dhabuun, waliin mormuu fi karaa walitti cufuun kan nuuf fide yoo jiraate bar-kurnee lama bu’aa malee turu fi qabsoon tunis qancaruu dha; diinni ammoo yoomiyyuu caalaa cimaa deemuu dha. Kuni hoo maal fide? Lakkaawamee waan hin dhumneef, gabaabumatti, uummanni keenya biyya keessattis ta’ee biyyaa alaatti dararamuu bira dabree biyyi keenya illee gurguramee dhumaa deemuu dha.  

Waayeen keenya akka makmaaksa Oromoo “Erga waraabessi dabree sareen dutte”jedhu fakkaatu illee, mee ammumaa itti yaadnee, kan dabre dabree gara fuulduraa haa ilaallu. Kan dabre irraa barannee kan dhufu fooyyessuu haa yaallu. Kanaaf ammoo qorichi ykn meeshaan waliigaltee fi tokkummaa dha. Barruulee kiyyaa hunda keessattuu waayee tokkummaa akkuma sirbaa weellisaa turuu fi ammas itti jiruuf waanan dubbistoota ifachiise natti fakkaata. Haa ta’u malee furtuun rakkoo keenyaa waliigaltee fi tokkummaa qofaa waan ta’eef  hamman hawwii kiyya kana hojiirra oolee argutti weellisuu hin dhaabu. Yoon kanaan isin ifachiise dhiifama naaf godhaa. 

Egaa gara gaafii mata duree barruu kanaatti deebi’uu dhaaf, bar-kurneen dhufu maal akka nuuf fidu beekuun rakkisaa ta’u illee, akkuma bar-kurnee dabree bu’aa tokko malee duwwaa ta’ee akka hin fafne, jalqaba bar-kurnee (2010) kana irratti waan hundaa gamaaggamnee haa ilaallu; Balleesa dabre irraa haa barannu; kan dabre irraa muuxannoo argachuun beekumsa fi dandeettii guddaa dha. Balleessi guddaan ammoo, akka ilaalcha fi yaada kiyyaatti, ammas irran deebi’aa waliigaltee dhabuu, waliin mormuu, karaa walitti cufuu, walirratti duuluu, humna walii dadhabsiisuu, diinaaf karaa baasuu fi akka nurratti cimu taasisuu fi k.k.f. dha. 

Rakkooleen akkanaa kun bar-kurnee dabran keessatti awwaalamanii hafuu qabu. Bar-kurnee jalqabe kana keessatti nagaa fi araara buusuu dhaaf boqonnaa haaraan banamuu qaba. Nuyis waliin mormuu dhiifnnee waliigaluu fi humna cimaa horachuu ykn qabaachuu akka dandeenyu addunyaatti himuu qabna. Yoo akkanatti cimne hunduu nu duuba fi nu wajjin dhaabbachuu danda’u. Deeggarsa nuuf kennuu danda’u. Duris taanan cimina keenyatu akka biyyi keenya Oromiyaan illee addunyaarratti beekamu taasise. Kanaaf waliigalteen tarkaanfii duraa fi isa guddaa ta’uu qaba. Yoo waliigalle, tokkoomnne, tokkummaa ykn tumsa dhugaa cimaa ijaaruu dandeenye, humna cimaa fi abdachiisaa horachuu dandeenya. Yoo kana qabaanne ammoo waabii guddaa qabna jechuu dha. Yoo kuni hojiirra oole bar-kurneen dhufu jijjiirama fi bu’aa tokko akka nuuf fiduuu danda’u mamiin waan jiru natti hin fakkaatu.

Dhiyoo kana barruu dhaamsa fi ibsa ijjannoo manguddoota Oromoo Minnesota kan jedhu tokko dubbiseen ture. Barruun kun maddi isaa hammam qabatamaa fi amansiisaa akka ta’e beekuun na rakkisu illee akkan odeeffannoo irraa argadhetti nagaa fi araara buusuu dhaaf manguddoonni yaalii godhaa akka jirani dha. Wantin kana jedheef akkuma kanaan dura WBO ZK jedhanii barruulee gara garaa facaasaa turanii, booddee irra garuu oduu gaddisiisaa nu dhageesisan akka hin taane shakkeetani; yoon balleese kanaafi illee dhiifama naaf godhaa.

Karaa biraatiin ammoo jalqaba’uma bara kanaa irratti meediyaalee tokko tokko irratti fakkeenyaaf VOA sagantaa Afaan Oromoo fi raadiyoonii sagalee Oromiyaa (voice of Oromia) irratti bakkabu’oonni jaarmayoota bilisa baasaa keenyaa gaafii fi deebii akkasumas marii godhaa akka turan kan yaadatamuu dha. Akka achiratti dubbatametti qabsaa’onni keessumaayuu hoggantoonni ABO garee sadeenii wajjin (waliin) haasa’aa akka jirani fi mariin akkanaa kunis sadarkaa guddaarra akka gayee dha. 

Yoo yaaliin manguddoonni irra jiru jedhame kun milkaawee, qabsaa’ota walitti araarsuu kan danda’an ta’e; yoo hoggantoonni ABO waliigaltee irra ga’anii walitti deebi’anii kan tokkooman ta’e, akkuman kanaa olitti jedhe, bar-kurnee jalqabe kana keessatti seenaa boonsaa tokko barreessuu dandeenya jedheen yaada. QBO haarmsuu fi cimsuu dhaaf kuni ammoo tarkaanfii duraa fi murteessaa dha. 

Dhumarratti dhaamsi anis jaarmayoota bilisa baasaa keenyaaf keessumaayuu hoggantoota keenyaaf dabarsuu barbaadu akka kanaa gadii ti. Yoon akkana jedhu ammoo isin caalaan beeka ykn gorsaan isiniif ta’a jedhee otuu hin taane rakkooleen keenya akka furmaata argatan yaada fi dhaamsa kiyya isiniif dabarsuufi.

  • Kaayyoo fi galiin keessan tokko (bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa) waan ta’eef karaa achi ittiin geessan tokko irratti walii galaa
  • Tokkoomaa, tokkummaa dhuagaa waliin ijaaraa, tumsa walii ta’aa, mala waliin barbaadaa, tooftaa fi tarsiimoo tokko lafa kaawwadhaa, kanarratti waliin hojjedhaa
  • Yoo danda’ame walittibaqinsaan tokkummaa cimaa ijaaraa, yoo kun kan hin milkoofnne ta’e tumsa dhugaa cimaa tokko (fkk. ULFO) jalatti, mooraa QBO keessatti waliin hojjedhaa, waliin mormuu fi kara walitti cufuu dhaabaa
  • Waraana bilisa baasaa cimaa waliin ijaaraa (fkk. WBO cimsuu) baay’inaanis ta’ee aayinaa dhaan kan kaayyoo keenya galii dhaan ga’uu danda’u akka ta’u godhaa. Kuni waabii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ti.
  • Haala addunyaan amma keessa jirtu illee waliin gamaaggamuu fi xinxaaluu dhaan tooftaa fi tarsiimoo, kan kana wajjin deemuu danda’u, tokoo irratti walii galaa. Waayeen kun qabsoo finiinsuu dhaaf murteessaa dha jedheen yaada
  • Diina faashistii kana dafanii ofirraa buqqisanii darbuu dhaaf tumsa biraa barbaaduun waan hin oolle ta’a ykn ta’uu danda’a. Kanaaf yoo tumsa biraa barbaaddan dura waliin mari’adhaa, waliigaltee godhaa. Kophaa kophaa gara gara hin deeminaa
  • Marii irra jirtan jedhame kana fiixa baasaa ti, waliigalteen keessan uummata keenyaaf gammachuu diinaaf ammoo gadda guddaa akka ta’u godhaa. Oduu gaarii nu dhageessisaa.
  • QBO haaromsaa, bifa fi aaynaa biraatiin waliin finiinsaa, uummanni Oromoo irree tokkoon akka isin duuba hiriiru godhaa. Waaqni/rabbi waliigaltee isiniif haa kennu. Galatoomaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *