Oduu Haaraya

HIDHATA ABAARII FII MOOTUMMOOTA HABASHAA

Ebla 24, 2016

Abbaa Urjii tiin

“Duumeeysaa rooba fida – roobaa galaana fida,” ja’u. Kuni gaafa jiruu fii jireenyi lammii dhunfata isaanii jala ture, gaafa uumamni (nature) sadoo fii gammachuun hawaasa badhaasu. Ee! Gaafasumaa, ali-ali/yaroo-garii duumeeysi qe’eerraa ni dhabama. Duumeeysi dhabamnaan roobni ni hanqata. Roobni hanqannaan boolla midhaanii banatu. Bonni walitti dhaabbatee midhaan boolla ifii keessa jiru yo fixan kan gandaa, san dhumnaan kan gosaatti abaar bahu. Kana dabarran, “Maganeey magan!” tu dhufa. Meeyra jiidhaa qabatanii, “Maganeey magan!” jechaa hujuba dhaqanii qoma qulqulluun Maganoo kadhannaan, alasuma Leeymoon jirkaa roobaa waaqarraa gadi harcasee, namaa-sa’aa fii mukaa-citaa dheebuu baasa.” Ja’an, dur…, dur…, odoo warri uumaa fii uumamaaf kabajaa hin qabne lammiirratti hin abboomin; odoo Hujubni Qullubbii Galma Gabreelitti hin geeddaramin.

Eega waan Gabreelii kaafnee fuu, sheekkoo hiriyaan koo gurratti na hasaaseen isiniif dabarsaa… gabaa! Gaaf tokko, namicha magaalaa keessa dhama’aa oolee, galgala, daabboo lama bitatee gala deemaa jiruurraa, Mataskaana Gabreelii biratti, dukkana keessatti, daabboon harkaa buute. Yaroo tana, namichi gama Mataskaanaa garagalee, “Yaa Gabreelii! yo daabboo too naaf arkamsiifte takka siifiin kenna,” je’ee itti waywaate. Isumaa san je’e, hangaasuun lafa ibsitee, ijji, daabboo lameen keessa takkarra buute. Takkitti arkannaan, “Yaa Gabreelii,” je’e, kan reefu mataa gadi qabatee kadhate, amma boquu ol-qabee, “ani daabboo too argadhee, atiis tee barbaaddadhu,” je’ee nii, karaa manaa kaate. Akkaan sheekkoo dhagayeen, kofla booda, “abadan namni kuni Oromoo miti. Munaafiqni safuu hin beeyne kuni Habasha,” ifiin je’e. Maalif akkaan je’e, boodaan itti deebi’a.

Ummanni keenya gaafa Mootummaa Fugugiin (Ripublic) if bulchaa turan, namaa-sa’aa bira kutanii mukaa-citaaf mirga jireenyaa, kan uumaan qaban, kabajaafii turan. Yakka fedheef lubbuu namaa hin galaafatan. Bineensa hin ajjeesan. Qalanii hin nyaatan. Bobeeysaaf kan dhimma itti bahan, meeyra lataa lubbuu qabu odoo hin taane, muka goggogee qoraanawe qofa. Duuba, eega gabrummaa jalatti kufanirraa kaasee, haalli kun heera sirna bulchiinsa Habashaa tiin dhaalame. Sirna bulchiinsa Habashaa keessatti mukaa-citaa fii beeyladaa hanqatee dhalli-namaa mirga hin qabu. Mirgi kan Mootii qofa. Mootiin, nama shiftummaan lubbuu namaa-sa’aa fii mukaa-citaa galaafatee, humnaan hawaasarratti abboomee jiraatu. Habasha biratti ummata ykn heera ummataa wanni ja’u hin jiru. Wanni jiru, Mootii fii gabbaarii ykn Abbaa Irree fii kan mataa gadi cabsatee jalatti bulu. Hawaasa Habashaa keessatti, takkaa mootummaan tan fugug/ummataa taatee hin beeytu. Isiin yaruma hunda tan Abbaa Irree ti. Heeraa fii aadaa isaaniitti, hawaasni kan gaggeeffamuu qabu warra ifiif if keessaa filateen odoo hin taane, irree ni. Kan haala bulchiinsa isaanii hin jaalanne, naannoo sanirraa baqachuu ykn daggala seenee, shiftaa tahee, humnaan aangoorraa buusee ifiif koruu qaba. Haalli kuni, hawaasa isaanii lolaan adda bahuu hanqise. Hawaasa shororkaawaa keessatti, ummata malees, uumamni nagaya dhaba. Nagaya dhabiinsi kuni namaa-sa’aa abaariif qaadhima. Kanaaf, ummanni Habashaa takkaa abaariin adda bahanii hin-beekan. Mirkanii kanaa tiif, abaar bara 1535 kan Futuh al-Habashaa keessatti galmeeffame-rraa kaasee, kan baroota 1540, 1611, 1623, 1634, 1650, 1653, 1678, 1700, 1702, 1742, 1752, 1783, 1789, 1796, 1800, 1829, 1835 fii 1880 mudatan ragaa dha. Abaar kuni kan galmaawe, odoo ummanni naannoo sanii, gariin lafa gammoojjummaa qabdu keessa qubatan, nagayaan jiraatanii ti. Yo sirritti xiinxalame, abaar kuni, naannoo mudatetti, jijjiirama mootii ykn dhufiinsaa fii kufiinsa mootota Habashaa tiin wal-qarqabee arkama.

Gaafa Minilik Oromiyaa fii naannota biraa tiis dhunfatee Xoophiyaa uummate, biiyti tuni, Faranjootaan, biyya zambiila daabboo tan Afrikaa mara beela baaftu (The breadbasket of Africa) ja’amte. Garuu, kaayoo Qaallichaa tan biyya zarafuu fii ummata gabroomfachuu, akkuma ummataatti, uumamni biyyaa tiis ganamumaan dura dhaabbate. Akkuma lola Canalqoo kan 1887-rraa Minilik hara baafateen, abaar dhufiinsaa fii kufiinsa mootummootaa Habashaa farrisu, bara 1888 – 1892 jidduu, biyya dhunfate. Abaar Faranjoonni (The Great Famine of Ethiopia) moggaasaniif kuni, baroota afuriif rooba hanqisee, mukaa-citaa goggoysee, namaa-sa’aa lafarraa duguuge. Gaaga’amni gaafas lubbuu namaarra gaye himufillee hin tolu. Akka galmeen seenaa ibsitutti, ummata biyyaa kan gaafasii keessaa harka sadihirraa tokkoo (1/3) tu dhume. Abaarsa  mootummaa Habashaa faana deemu kana dura, hawaasa biyya Oromoo keessatti abaar seenaa galmeeffatee hin beeku.

Dallansuun uumamaa kuni, ayyaanaa fii feestaa guddaa gonfata mootummaa tiif (coronation) Minilik qopheeyfate duraa ukkaamse. Abaarsi uumamaa yoomi san qofatti jalaa hafe, abaar bara 1913 tiin du’a isaa farrisee, Muddee 12, 1913 adunyaarraa galche. Yaroo tanaas, akkuma feestaa gaafa mootomuutti, awwalcha isaa irraa gidiraa/ulfina fuudhe.

Haaluma kan Minilikitti, mootomuu Hayle Sillaasee kan bara 1930-tiis, uumamani abaar cimaa bara 1929-ii, kan mootummaarratti fincila guddaa kaaseen simate. Simannaa haala kanaan jalqabe itti fufuun, bara 1958, anaa reefu dhalatu, abaar biyya Tigree keessatti lubbuu namaa 100,000 ol galaafateen, fincila General Mangistuu Naway kan bara 1960-ii itti kaase. Sanitti aansuun, bara 1966 keessa, abaar Amaara lafarraa duguugeen mootummaa isaa doorsise.  

Gaafa kaan, anaa guddate, bara 1974 keessa, akka mana barnootaa tii baneen, barattoonni mana barnoota Medhaane-alem kan Biyyoo Adaree guutuun, dirree kubbaa seennaa magaalaa jiru dheeyne. Anaa fii barattoota gulantaa lamaffaa mara wanni achi geeyse, daawwannaa filima tokkoo ti. Filimni “The Hidden Hunger,” (Abaar Dhokote) kan ja’amu, kan Jonathan Dimbleby, gaazexeessaa biyya Engilizii tiin qophaawe. Filimni abaar ummata Walloo-rratti bu’e agarsiisa. Sababni maqaan akkasii  moggaafameef, rakkoon ummata Walloo mudate kuni, lammii biyyaa tii fii hawaasa adunyaarraa-hiis waan dhooyfamee fi. Filmiin Jonathan, kumaatama ummata Walloo, warra waan nyaatan dhabarraa, foon qaamaa irraa dhumee, lafeen qofti hafte agarsiisa. San malees, odoo ummanni Walloo abaariin dhumaa jiruu, Mootiin Moototaa, Soora Qabeessi Duraa, Hayle Sillaaseen, haala guyyaa dhaloota isaa kan saddeettamaa itti kabajate agarsiisa. Ayyaana Mootichaa tiif, kaartoonnan farshoo kanneen miliyoona hedduun biyya alaarraa bitamanii fii keeka Xaaliyaanii dhufe agarsiisa. San bira taree, sadoo Mootichi afeeramtoota isaa ittiin qananiisu, cooma baadhatamee ummata keessaan deemamuu fii warra nyaata quufanii, qaruuraa shaampaanyii waliin dhawaa gammadaa deeqqifatu agarsiisa. Isa maddii, reeffa ummataa kan awwaalcha dhabee daandii dheertuurra tarrifamee fii kuufame, wal-bira qabaa, onnee daawwataa fudhata. Mootichaa saricha isaa, Luuluu, saanaa dahabaa keessaa foon bareedaa nyaachisu agarsiisuun dhiiga namaa danfisa. Itti fufuun, da’imoota haadha duuterraa harma goggogaa hodhaniin imimmaan namarraa xuruursa.

Jonathan, haala abaarii fii kan Mootichaa wal-faraqaa fidaa, maayyiirratti, abaar kana dhooysuuf ijibbaata Mootummaan Xoophiyaa gootee fii isaas ugguruuf dhiibbaa irraan gayan himuun, Mootichaa fii mootummaa saaxileessa. Sanirratti, eega abaar naannoo sanitti bu’e barri tokko dabruu fii haalli kuni hamma yoonaatti dhooysatti waan qabameef,  gargaarsi tokkolleen ummataaf godhamaa akka hin jirre ibsa. Abaar kuni, hamma yoonaatti, lubbuu namaa 200,000 ol galaafachuu gabaasa. Dhumarratti, yaroo gabaabduu keessatti yo hin dirmatamneef, ummanni dhumuuf jiraatu dacha warra duruu gaaga’amanii tahuuf akka jiraatu hubachiisuun filima xumura.

Filimni warra achi ture hunda anaannataan hudhe. Halkan san namuu akkuma tahu-tahee manatti gale. Borumtaa, baratoonni akka mana barnootaatti wal-geenyeen, suuraa Hayle Sillaasee gubuun hiriira diddaa bulchiinsa isaa jalqabne. Naannoo teenya malees, iddoo filimni itti daawwatame maratti, ummanni Mootichaa fii mootummaa isaa abaarsaan darbachutti seenan. Dallansuun uumamaa kan fincila ummataa tiin dabaalame, Mooticha baroota afurtamii afuriif, kan dura dhaabbatu cabsee-baysee, irreen biyya bulchaa bahe; kan sodaatamuu bira dabree akka Waaqaatti sujiidamaafii turerraa, sodaa fii ulfina mulqee, Birraa 12, bara 1974, siree jalaa fuudhee lafaan-dhawe.

Gaafa gaaga’amni goolabametti, abaar Walloo, lubbuu Oromootaa fii Afaroota 400,000 – 800,000  jidduu galaafachuun galmeeffame. Abbar sanitti aanee kan dhufe, kan bara 1983 – 1985 ti. Abaar kanaaf Faranjoonni maqaa “The worst famine to hit the country in a century” moggaasaniif. Kan kana ja’aniif, miidhaan abaarichaa kan gaafa Miniliki biyya dhunfate waliin waan walitti madaalamee fi. Dallansuun uumamaa kuni, iccitiin isaa Dargii jalaa bahee, gurra hawaasa adunyaa seenee, gaafa dirmachuu arkatetti, abaar qaata hidda hidhate. Lafa Tigree, naannoo abaar itti bu’e, warra dura dhaqan keessaa gaazexeessaan BBC, Michael Buerk, “a biblical famine in the 20th Century fii “the closest thing to hell on Earth” jechuun adunyaaf gabaase. Gabaasaan isaa hawaasa adunyaa mara garaa raase. Gargaarsa gaaga’ama abaar kanaa tiif, mootummoonni waan dandayaniin tarree galan. Warri amantii galmoota aabudaatti safii gargaarsaa miseensotarraan deeman. Wallisoonni babeekkamoon kophaa fii walotti walleelee baasanii horii guuran. Joolleen mana barnootaatti, liiraa karameellaaf ol kaayyatan gumaachan. Anilleen jaarmaya Islamic Relief Canada (IRF) waliin Zakaa fii sadaqaa funaaneef.

Abaar kuni, lubbuu namoota miliyoonaa fudhate ja’ama. San malees, miliyoona saddeetii ol miidhuu tu gabaafame. Yaroo uumamni bulchiinsa isiirraa dallansuu qabu haala kanaan agarsiisu, Dargiin, ooyrota gurguddoo qotee bultootarraa saamuu fii hayyama seedata midhaanii kan jimlaa ummatarraa fuudhee if harkatti galchuurratti sukukkulaawaa ture. Gocha isaa kanaan, oomishaa fii raabsaa midhaanii xiqqeessuu malees, qonnaan bultoota 500,000 gali-dhablee fii daldaloota 25,000 huji-dhablee godhe. San biratii, dhibdee ifiif uumee fii tan uumamaa mara ija irraa cufatee, lubbuu namaa tii fii qabeenya biyyaa duula injifachuuf hin-jiraannerratti qisaasaa ture. Haala sanii niis, kan abaar galaafaterratti, inni niis, yaruma san keessatti, ummataa fii loltoota jidduu lubbuu 150,000 caalaa halaake. Akkasumaa waliin, dhibdee abaar kan dallansuun uumamaa itti fidderraa odoo hin kabsatin, bara 1991 achi buutee miila Bakhar tahee, mootummaan isaa tan Wayyaanee tiin dhaalamte.

Yaroo reefki Tigree awwaalcha dhabee karaarra tuulamaa ture, Wayyaaneen, tan silaa isaaniif dhaabbatte, ummata gargaaruu dhiiftee, gaaga’amarraa bu’aa buufachutti bobbaate. Horii miliyoonaan lakkaawamu kan gargaarsa ummataa tiif karaa isii xiixa ture, rakkatoon gayuu dhiiftee, dhimma dhaaba isiirra oolfatte. San bira kuttee, miseensota isii daldaloota midhaanii fakkeessitee, midhaan isii, halkan tokkotti, iddoo sadihitti Faranjoota waldaya gargaarsaa bakka bu’anitti gurgurtee, horii isaa khiisha kaayttee, midhaan boollatti deeffachaa turte. Kan hunda caalaa nama naasisu, warra ummata rakkate gargaaruuf midhaan barbaadu, haala saniin gowwoomsuu isiitti dhaadachaa turuu isii ti. Hujii aadaa akkanaa tu namicha daabboon jalaa badde Habasha godhe.

Dargiin kufee shiftoonni Tigree aangoo mootummaa dhunfachuun namaa-sa’aa fii mukaa-citaa naannoo san dhibdee dur daranii tiif saaxile. Tigreen takkaa abaariin adda hin-bahin, kan mormuun ajjeesaa ykn hidhatti guuraa, qabeenya biyyaa akka waraabeessa lafee arkatetti qoqorutti seente. Daggala biyyaa, hamma gaaga’ama mootummoota duraanii jalaa hafe, ibidda itti qabsiiftee lafa isaa sooreeyyii alagaatti gurgurachutti bobbate. Akkuma daggala gaaraatti, lafa baadiyyaa fii magaalaa tiis qubataa fii daldalataa irraa kaasuuf ibidda itti qabsiisuu tooftaa godhatte. Haala kanaan, gaaga’ama baroota diiydamii shanan dabran biyyatti fidde, ummata malees, uumamni arkaa dhageeytii jibbee itti fincile.

Wayyaaneen akkuma kan ummataatti fincila uumamaa tiis dhooysuuf ijibbaata guddaa goote. Abaar guyyuma-guyyaan ummatatti faana fuudhaa jiru, feestaan ukkaamsuuf, ji’uma saddeet dura, akka waan biyya ofiirraa baqachuun faayaatti, baqatootaaf, “Guyyaa Diaspora” jachuun, ayyaana qopheessite. Hoggaa baqattoota, lafaan isiniif kennaan sobdee, noolii xayyaaraa irraa baaftee/irriftee hoteela bilaashii fii bashannana adda-addaan tiin qananiiftu, ummanni biyyaa tii fii uumamni “ajab!” ja’an.

Wayyaaneen biyya zarafaa, yaroo abbootii garaa kanaa waliin fanxaziyaa godhaa jirtu, naannoo gariitti, duruu, lammiin miliyoonaan lakkaawaman bishaan jiirkaana tokko barbaacha amna cinaa guyyaa deemuu jalqaban. Daa’imman miliyoona jahaa ol qaata waan nyaatanii fii dhugan dhabanii booyaa jiru. San keessaa miliyoonni duruu laaw’atanii harka Waaqaa seenan. Beeyladoonni waan dheedanii fii dhugan dhabanii akkuma raaretti bobbaafamaniin, ol deebi’uu dadhabanii, kumaatamaan dirree goggooyduu keessatti dudu’aa jiru. Abaar taraa tana tiif, jaarmayni Gamta Mootummootaa (UN), ammaaf, “worst drought in 50 years” moggaaseefii jira. Yo kheeyrii hawwuuf tahe malee, kuni abaar bara 1966-a tiin adda. Yo tahellee kan bara Dargii tiin wal-gita.

Iccitiin abaar kan Wayyaaneen olola misooma kijibaa tiin ukkaamsuu barbaadde, duraa ala baanaan, akkuma aadaa isiitti, zaliilaa ummataarraa saaqa buufachuuf mala dhawachaa jirti. Haaluma ammaan dura gootetti, miidhaan boolla isii keessaa baaftee, Faranjootarraa horii ittiin guurrachuu irraa if duuba hin deebitu. Midhaan gargaarsaa kan harka isii seenuu, ummata beelaweef hiruu mannaa, waraana biyya keessa bittinneessitee iddayyuu beelawaa jiru ittiin nafaquuf qophooytee jirti. “Harki hanna bare dooluu sossooha,” ja’anii mitii?

Goolabbiif, akka seenaan hidhata abaarii fii mootummoota Habashaa mirkaneessutti, abaar bara kanaa tiis, akkuma kanneen isa duraatti, callaqqisa uumamni diddaa bulchiinsa Habashaa tiif qabu. Kan dhufee fiis, akkuma kanneen ammaan duraatti, namaa-sa’aa galaafachuu qofaaf odoo hin taane, du’a mootummaa Wayyaanee farrisuu fi .

Oromiyaan ni bilisoomti!

Yaadaaf: abbaaurjii@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Murtiilee Konferensi Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) 15.08.2020

Nuti, kanneen yaa’ii guyyaa hardhaa 15.08.2020 mataduree “Beekumsa hidhachuudhaan Oromoo fi Oromiyaa roorroo diinaa irraa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *