Maaltu dhibee kanaaf nama saaxila?
1. Saalan dubara ta’uu,
2. Furdina garmalee,
3. Ulfaa’uu,
4. Umuriin dabaalaa deemuu,
5. Yeroo dheeraaf dhaabbachaa turuu. Kunis, yeroo baay’ee namoota hojiidhaaf jecha dhaabachaa turan fakkeenyaaf barsiistonni,waardiyyaan, ogeessonni fayyaa fi kkf dhibee kanaaf nii saaxilamu.
Qaama keenya keessaa eessa eessatti mul’achuu danda’a?
Dhiita’iinsi hidda dhiigaa kan dhiiga gara onneetti deebisan kun bakki inni itti mul’achuu danda’u:-
1. Luka irratti,
2. Ujummoo nyaata afaan irraa gara garaachaatti dabarsu kan “Esoofagasii” jedhamu irratti,
3. Gadameessa irratti,
4. Qaama saalaa dubaraa irratti,
5. Hooffaa ykn kan ‘pelvisii’ jedhamuun beekamu, qaama keenya kan garaadhaa gadii fi sarbaa dhaa olii keessatti,
6. Lafa bobbaatiin hanga ba’uttii keessatti kuufamee taa’u kan ‘rektamii’ jedhamu irratti illee nii mul’ata.
Mallattooleen isaa maali?
1. Dhukkubbii luka keessaa dhahatu (Aching leg pain)
2. Ulfaatina luka irrattii erga sochii ga’umsa qaamaa hojjetanii xumuranii booda namatti dhaga’amu.
3. Dhiita’uu luka gara gadii (ankle swelling)
4. Cululuquu fi jijjiirama gogaa naannoo dhiita’aa hidda dhiigaa biratti argaman.
5. Madaa’uu luka irrattii.
6. Kantaruu dhiigaa fi kkf illee dhufuu nii danda’u.
Akkamittiin yaalama?
1. Hidhaa luka irratti godhamu kan deddeebii ykn marsaa dhiigaa fooyyessu (compression stockings)
2. Baqaqsanii yaaluu
3. Hidhuu (ligation and stripping)
Akkamittiin of irraa ittisna?
Haalotni armaan gadiitti barreeffamanii jiranis, dhiita’uu hidda dhiigaa kana mallattoo isaa fooyyessuutti dabalatee, dhibeedhuma kana iyyuu nurraa ittisuun nu fayyadu.
1. Sochii ga’umsa qaamaa hojjechuu (fkn sussukuu).
2. Furdinaa qaamaa hir’isuun.
3. Yeroo dheeraaf bakka tokko dhaabbachuu irraa of qusachuu.
4. Luka waliin maranii ykn wal-irra kaa’anii yeroo dheeraadhaaf taa’uu amaleeffachuu dhiisuun.
5. Gaafa rafan luka ofii jala carqii xiqqoo kaa’uun olkaasanii akka dhiigni gara onneetti deebi’uuf gargaaru (Inni kun keessumaa namoota dhibeen kun irratti mul’ateef nii gorfama.)