Oduu Haaraya

Badii darbe irraa kanneen hin baranne, badii fakkaataaf akka nu saaxilan hayyamuu hin qabnu: Oromoota haga har’aatti dogoggora seenaa irraa hin baranne irratti

Leelloo Sabaatiin

 

Hariiroon siyaasaa har’aan tana Impaayera Ixoophiyaa keessatti mul’achaa jiru, kufaatii Haayile Sillaasee fi Dargii jala, hariiroo siyaasaa mul’achaa tureen kan walfakkaatuu dha. Walfakkeenyi hariiroo siyaasaa yeroosi fi kan ammaa, bifaa fi ayinaan kan wal irraa dhaalame fakkaata.

Fincila ummattoota Kibba Impaayera Ixoophiyaatiin, Haayile Sillaaseen oggaa raafamu, egeree Impaayeratti irratti murteessuuf dhaaboti siyaasaa heddutu ijaarame. Dhaaboti siyaasaa kun hundi, Haayile Sillaasee kuffisuu irratti akeeka tokko yoo qabaatan illee, kufaatii isaa booda, fuuldureen Impaayeratti maal  ta’uu akka qabdu fi Haayile Sillaasee bakka bu’ee eennu Impaayeratti akka geggeessu irratti waldhabbii hundee qabu turan.

Dhaaboti kunneen keessaa, dhaabi EDU (Ethiopian Democratic Union) ykn ammo Gamtaa Dimookraatota Ixoophiyaa jedhee of moggaase, Haayile Sillaaseen nama tigreetiin bakka buufamee sirni abbaa lafaa kan Haayilee Sillaasee akka itti fufu kan barbaadu ture. Dhaaboti akka: Dargii (Koree Qandaalota Waraanaa), EPRP (Ethiopian People Revolutionary Party) ykn ammo Paartii Warraaqaa Ummattoota Ixoophiyaa, fi AESM-MEISON (All Ethiopian Socialist Movement ykn ammo Sochii Soshaalizmii Guutuu Ixoophiyaa ammoo, Haayile Sillaasee irraa aangoo fudhatanii, jijjiirraa xixiqqaa ykn fakkeessaa, kan Haayile Sillaasee kuffisanii aangoo haga qabatanitti fi  hanga aangoo isaanii cimsatan qofatti turu, fiduudhaan tokkummaa impaayeratti olaantummaa Amahaaraa jalatti itti fufsiisuu  kan barbaadan oggaa ta’u, kufaatii mootummaa Haayile Sillaasee fi jijjiirraa xixiqqaa osoo hin taane, impaayerichi hundeedhaan diigamee, ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa bilisa ta’anii hiree isaanii murteeffachuun mootummaa walaba ijaarrachuuf mirgi isaan qaban guutuutti akka kabajamuuf kan  bara 1973 ijaarame ammo ABO dha.

Akkuma armaan olitti tuqame, dhaaboti afran: Dargii, EDU, EPRP fi AESM (MEISON), eennu  Impaayerattii akka hoogganuu  yoo ta’e  malee, gateettii fi dugda ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa irratti itti fufanii tokkummaa Ixoophiyaa tiksuuf akeeka wal fakkaataa qabu turan. Haala kana keessatti, tokkummaa Impaayera Ixoophiyaa tiksuuf akeeka bu’uraa ykn hangafaa isaan qabaniif diinni inikkaa ykn waloo Adda Bilisummaa Oromoo waan ta’eef, aangoo Ixoophiyaa qabachuu irratti garaagarummaa walgidduutti qaban irra aananii Haayile Sillaasee bakka bu’uun  aangoo Ixoophiyaa eerga dhuunfatanii booda, diinni tarsiimoo isaan irratti duulanii dhabamsiisuuf karoorfatan ABO  ture. Haayile Sillaasee aangoo irraa buusanii bakka isaa qabachuufis ta’e, diina tokkummaa Impaayera Ixoophiyaa kan ta’e ABO itti aansanii dhabamsiisuuf, Oromoo tokko tokko maallaqaa fi aangoon of jala hiriirsuu meeshaa guddaa godhatanii dhimma itti bahan. Oromoo hagoo of jalatti hiriirsanii riqicha ykn meeshaa akeeka isaanii godhachuuf jecha, jaarmaa Oromoo kittilayyoo isaanii ta’an of jalatti ijaaran. Akeeki isaanii, dhaabota Oromoo kana dhimma bahanii, Haayile Sillaasee kuffisuun aangoo qabachuu, aangoo Haayile Sillaasee eerga qabatanii booda ammoo, deggersa Oromoo dhimma bahuun dhaabota aangoo irratti isaan dorgoman dhabamsiisuu, kana irratti eerga milkaahanii booda ammo itti fufanii dhaabota kana dhimma bahuun ABO dhabamsiisuu fi dhaabota kana dhimma bahuun eerga ABO dhabamsiisanii booda ammoo, dhaabotuma kana iyyuu dhabamsiisuun aangoo Impaayera Ixoophiyaa, olaantummaa Amahaaraa jalatti guutuutti dhuunfatuu ture.

Akka kanaan, AESM ykn MEISON, kanneen aangoo irratti isaan dorgoman billaa ittiin ciru fi itti aansuun ammo, ABO ittiin dhabamsiisu kan ta’uuf dhaaba Oromoo, Sochii Dimookraasii Ummata Oromoo ykn Oromoo People Democratic Movement jedhamu bara 1977 ogguu of jalatti ijaarratu, EPRP (Ethiopian People revolutionary Party) ykn Paartii Warraaqaa Ummata Ixoophiyaa) akkuma MEISO,  kanneen aangoo irratti isaan dorgaman billaa ittiin ciru fi itti aansuun ammoo ABO ittiin dhabamsiisu kan ta’uuf dhaaba Oromoo,Oromo People Democratic Organizaation (OPDO) ykn ammo Dhaabbata Dimookraasummaa Ummaa Oromoo (DHDUO), kan booda irra TPLF irraa ergifatte, ijaarrate. Dargiinis akkasuma, Oromoota tokko tokko of jalatti ijaaruun akkuma MEISON fi EPRP meeshaa ittiin aangoo irratti ol bahu, aangoo irra ittiin turu fi ABO ittiin dhabamsiisu godhateera.

Dhaabota Oromoo, Habashooti of jalatti ijaarratanii riqicha ittiin aangoo irratti ol bahanii fi  ittiin ABO dhabamsiisan  godhatuuf hedduu tattaafatan  keessaa kan qooda guddaa taphate, dhaaba Oromoo, Sochii Dimookraasii Ummata Oromoo jedhamu MEISON jalatti ijaarame ture. EDU’n, Haayile Sillaasee bakka bu’anii Impaayeratti bulchuuf dorgommi godhamu keessa guddoo osoo  hin turre laaffatee oggaa bahu, dhaabota saden: Dargii, MEISON, fi EPRP gidduutti, Haayile Sillaasee bakka bu’anii impaayeratti bulchuuf dorgommiin godhame lubbuu hedduu kan galaafate ture. Dorgommii dhaabota kana saden gidduutti godhame kana keessatti, ajandaan Dargii, gaaffii ummata Oromoo haga tokko  kan deebisu itti fakkaatee, MEISON, booda irra Dargiitti dabalamee EPRP irratti oggaa duulu, EPRP’s, Dargii fi MEISONiin diina godhatee adamsaa fi ajjeesaa ture. Dargiin, deggersa MEISONiin, kan dhaabi Oromoo, Sochii Dimookraasii Ummata Oromoo, Haayilee Fidaatiin hoogganamu keessatti argamu  qabatee EPRP fi ABO irratti duulee magaalaa  fi baadiyyaa keessatti  haga tokko eerga laaffisee booda, dhuma irratti, MEISON mataa isii irratti duula baneen hoogganoota dhaaba kanaa hedduu ajjeesee fi hedduu mana hidhaatti naqe. Hoogganooti gariin qabsoo hidhannoof bosona seenanii osoo hin turin harka Dargiitti kufanii  oggaa ajjeefaman, gariin ammo ni hidhaman.

Gaaffii ummata Oromoo kan deebisu itti fakkaatee Dargiitti  dabalamanii eerga aangoo irratti isa cimsanii booda hoogganoota MEISON Dargiidhumaan ajjeeffaman keessaa tokko Haayilee Fidaa ture. Akka kanatti,kufaatii Haayile Sillaaseetti dhimma bahuun, bilisummaa Oromiyaaf qabsaawu irra, Oromooti gariin,  meeshaa dhaabota Amahaaraa ta’uun Amaharaaf hojjechaa turanii fi Dargii aangootti ol baasuun ABO irratti duulchisan qabsoo bilisummaa Oromiyaatti gufuu ta’an galata homaatu maleee dhuma irratti dhaabotuma Habashaa kanaa fi Dargiin ajjeeffaman. Kasaaraa siyaasaa kana hunda ofii fi dantaa walabummaa Oromiyaa irraan akka gahaniif sababi guddaan, ilaalcha siyaasaa seenaa ummata Oromoo irraa hin maddine hordofuu fi warri Ixoophiyaa, ilkaaniin koflaa harkaan ammoo  awwaala akka namaaf qotan wal’aaluu isaanii ti. Kan guddoo nama ajaa’ibu garuu,  Oromoo: MEISON, EPRP, fi Dargii jalatti ijaaraman kun hundi, MEISON fi  EPRP’f meeshaa ta’anii eerga hojjetanii booda, akkasumas, eergaDargii aangoo irratti   cimsanii booda, haaduudhuma ABO’f qaraniin ogguu qalamani fi dhabaman, gootummaa fi muratnoo cimaadhaan dhabama irraa dandamatee, guddatee fi babal’atuun ABO’n kufaatii mootummaa Dargii keessatti qooda ol aanaa taphatuu danda’uu isaa ti.

Dargii kuffisuufis haa ta’u kufaatii Dargii boodas, haala siyaasaa wal fakkaatutu mul’ate. Eerga Dargiin qabsoo hidhannootiin aangoo irraa darbamee booda, humnoota siyaasaa gurguddoo lamatu Impaayericha keessatti waliin dorgomaa ture. Humni siyaasaa Adda Bilisummaa Umamta Tigraayiin (ABUT/TPLF) durfamu, tokkummaa Impaayera Ixoophiyaa, olaantummaa Tigrootaa jaltti tiksuun: cuunqursaa siyaasaa, saamicha diinagdee fi tuffii aadaa  ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa irratti itti fufsiisuuf kan qabsaawu ogguu ta’u, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO/OLF) ammo, akeeka bara 1973 bakkaan gahuuf ijaarame  irraa osoo hin maqin, Impaayera Ixoophiyaa diiguudhaan, mootummaa walaba kan mataa isaanii ijaarratuuf mirgi ummattooti cunqurfamoon qaban akka  mirkaneessuuf kan qabsaawu ture.

Armaan olitti akkuma ibsame, akeeki dhaabota lameenii uumaan gargar ta’uu isaa irraa  walitti araaramuu kan  hin dandeenye ture. Impaayerri Ixoophiyaa, olaantummaa Tigroota jala galtee, qabeenyaan ummattoota cunqurfamoo akka saamamuuf dhaabi bilisummaa ummattoota cunquramoof qabsaawu dhabamuu qaba. Laftii fi qabeenyaan uumaa ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa to’annoo tigrootaa jala akka galuuf, dhaabi mirga ummattoota kanaatiif qabsaawu dhabamuu qaba. Waan kana ta’eef, tooftaa fakkaataa, MEISON, EPRP fi Dargiin bara Haayile Sillaasee  olaantummaa siyaasaa wal irratti argachuuf dhimma bahan, TPLF itti fufee dhimma  bahuu eegale. Akka kanaan, ummata Oromoo gargar qooduun wal irratti duulchisuun mormii ummata kana irraa itti dhufu laaffisuuf, akkasumas, ABO fi akeeka isaa dura dhaabbachuuf ummata Oromoo keessaa tokko tokko bu’aa diinagdee fi aangoon bitatee, TPLF OPDO (Oromoo People Democrati Organization) booji’amtoota Dargii keessaa walitti qabee bara 1990 keessa Tigraay keessatti ijaarrate. Dhaabi kun, ABO fi akeeka isaa ummata Oromoo keessaa haqee fi dhabamsiisee, ummatni Oromoo tigroota jala jilbeenfatee akka elmamu godhuu dha.Haa ta’u malee, osoo afaan qawweetin hin taane, ummatni Oromoo guyyaa tokkoof illee fedha isaatiin OPDO jala buluuf hin hayyamne ture. Yoomi iyyuu caalaa kun ifatti kan mul’ate, yeroo amma kana, yeroo itti  ummatni Oromoo ifatti murtii fi caasaa OPDO irratti fincilee diigaa jiru kanatti. Akkuma MEISON, EPRP fi Dargiin Oromoota tokko tokko dantaa diinagdee fi aangoon  bitanii saba Oromoo  fi akeeka bilisummaa Oromiyaa ABO’n durfamu irratti duulchisuun olaantummaa Habashootaa Oromoo irratti tiksuuf haa hojjetan malee, osoo umurii hin dheeratin, mormii ummata Oromootiin  maseene, OPDO dhimma bahuun ummata Oromoo takaalanii elmachuunii fi ABO dhabamsiisuuf shirri TPLF’n xaxame ammaan tana tufamee darbamee, ummatni Oromoo, sadarkaa addunyaa ajaa’ibsiisetti: maqaa, alaabaa, kaayyoo fi dhaadannoolee ABO qabatee harka duwwaa rasaasa TPLF dura dhaabbatee bilisummaa Oromiyaaf falmaa jira.

Haalli har’aan tana Impaayera Ixoophiyaa keessatti mul’atu, kufaatii Haayile Sillaasee fi Dargii jala haala mul’ataa tureen wal fakkaata. Kufaatii Haayile Sillaasee fi Dargii jala, humnooti siyaasaa adda addaa, kan tokkummaa Impaayeratti olaantummaa Habashootaa jalatti itti fufsiisuu barbaadanii fi kan Impaayeratti diiguun mootummaa bilisa kan mataa isaanii ijaarrachuuf mirga sabooti cunqurfamoon Impaayera  Ixoophiyaa qaban mirkaneessuuf qabsawan turan, har’a illee humnoota kana lameentu, kufaatii TPLF booda, egeree Impaayeratti irratti murteessuuf, akeeka waliif faallaa qabatee socho’aa jira. Kanneen olaantummaa tigrootaa bakkaa kaasanii tokkummaa impaayeratti to’annaa fi  olaantummaa Amahaaraa jalatti deebisuun ummattoota cunqurfamoo irratti cunqursaa fi saamicha  itti fufsiisuuf qabsaawan dhaabota akka: G-7, Arbenyoch, Blue Party, Medrek, fi kkf ogguu ta’an, akeeka bara 1973 ijaarameefi irraa osoo hin maqne, mootummaa walaba kan mataa isaanii ijaarrachuuf mirga uumaa fi seeraan ummattooti cunqurfamoon impaayera Ixoophiyaa qaban mirkaneessuuf  itti fufee kan qabsaawaa jiru ABO dha.

Akkuma abbootii isaanii: MEISON, EPRP,Dargii fi TPLF, dhaaboti Amaharaa armaan olii kun, Oromoo keessaa namoota tokko tokko dantaa diinagdee fi aangoon bitatuun  meeshaa ittiin TPLF fi ABO dura dhaabbatan godhatuuf hojjechaa jiru. Akkukma MEISON, Sochii Dimookraasii Ummata Oromoo of jalatti ijaarrate,  EPRP’n, Dhaabbata Dimookraasummaa Ummata Oromoo of jalatti ijaare, Dargii Ormoota, Dhaabbata Markisist fi Leninistii Ixoophiyaa jalatti ijaarratee, fi  TPLF  OPDO of jalatti ijaarratee meeshaa godhatuun aangoo Ixoophiyaa akeeka bilisummaa Oromiyaa ABO’n hoogganamu dura ittiin dhaabbatan, Oromoo dhimma bahanii TPLF fi ABO cabsuun aangoo Ixoophiyaatti al bahuu fi irra turuuf jecha dhaaboti Amaharaa kunneen, biyya alaa fi biyya keessa lafa jala Oromoota OPDO Amahaaraa ta’uuf fedhii qaban ijaarrachaa jiran. Oromooti kun, yeroo gabaabaa booda, ABO fi TPLF’n balaaleffatanii, dhaabota Amahaaraa waliin hojjehuuf waadaa seenanii as bahuuf deemu. Akeeki isaanii, fincila ummata Oromoo ABO’n hoogganamee gabrummaa ummata Oromootti xumura godhuuf deemu dura dhaabbachuun, dhaabota Amaharaa aangnoo Impaayera Ixoophiyaatti ol baasuu, cunqursaa fi saamicha diinagdee jaarraa tokko oliif  ummata Oromoo irra ture itti fufsiisuu dha. Oromooti billaa ittiin dhaaboti Amahaaraa kun ABO fi akeeka isaa qalan ta’uuf deeman kun, warra seenaa Oromoo hin barannee fi yoo baratan illee irraa barachuuf fedhii hin qabne gantoota sabaa ti. Isaan kun, warra dhiiga ilmaan Oromoo dhugee fi lafee ummata Oromoo caccabsee of qofa jiraachisuuf murteeffatee qofa osoo hin taane, egereen Oromoo fi Oromiyaa akka dhabamuuf warra Habashootaaf daboo ykn guuza bahu yakkamtoota sabaa ti.   Haa ta’u malee, dhummi Oromoota kanaa, dhuma: Goobanaa Daaccee, Sochii Dimookraasii Ummata Oromoo kan MEISON, Dhaabbata Dimookraasii Ummata Oromoo kan EPRP,EMLO (Ethiopian Marxist –Leninist Organization) kan Dargii, Dhaabbata Dimookraasummaa Ummata Oromoo( OPDO) kan TPLF,irraa adda hin ta’u. Akeeki ABO kan : abboommii Waaqaa, seera ummaa, seera addunyaa fi seenaa haqa irratti hundaawe kun, dhaabota Oromoo Habashooti ijaarratuun ittiin isa dhabamsiisuuf qiyyaafatan kana hunda dhabamsiisee of  jiraachisuun akeeka walabummaa Oromiyaa jiraachisee galma isaatti dhiyeessee jiru kun, dhaabota Oromoo haaraa dhaaboti Amahaaraa ABO irratti ijaaruuf hojjechaa jiran kana illee akka  injifatuu shakkiin tokko hin jiru. Shirri fi lolli hangamuu yoo irratti qiyyaafate, dhaabi haqa fi mirga ummata bal’aaf qabsaawu, akeeka isaa bakkaan gahuu irraa kan isa dhaabu humni kamuu  kan hin jirre oggaa ta’u, kan bu’aa yeroof akeeka haqaa ummata bal’aa dura dhaabbatu garuu dhummi isaa qabsoo ummata bal’aa Oromootiin akka awwalamu  seenaa armaan olii kan mirkaneessuu dha.

Waan kana ta’eef, ummatni Oromoo, Oromoota badii darbe  irraa barachuu diduun akeeka bilisummaa Oromiyaa ABO’n durfamutti gufuu ta’uuf jecha  badii fakkaataa deddeebi’anii ummata Oromoo fi mirga isaa irratti hojjechuuf dhaabota Amahaaraatti eerumuu fi xuuxxoo siyaasaa dhaabota Amahaaraa hodhuuf qophaahutti jiran kana dhiifama tokko malee dura dhaabbachuu, adabuu fi carraa amma argame kanatti dhimma bahee, akka Oromoo qofatti,  ABO  jalatti ijaaramuun mootummaa walaba isaa labsatee: bilisummaa, nagaa, badhaadhinaa fi gammachuun jiraachuu qaba. ANC (African National Congress) qofa jala hiriiree, ummatni Afriikaa Kibbaa, gabrummaa Ingilii jalaa bilisa akka of baase, EPLF (Eritrean People Liberation Front) qofa jala hiriiree gabrummaa Ixoophiyaa jala ummatni Eritrea akka of bilisoomse fi SPLM (Sudan People Liberation Movement) jala qofa hiriiree ummatni Kibba Sudaan, bilisummaa isaa akka gonfatetti, ummatni Oromoos, dhaaba isaa tokkicha, ABO jala  hiriiruun qofti bilisummaa isaa akka mirkaneessu beekee,  Oromoota dantaa diinagdee fi aangoo qofaaf jecha dhaabota Amaharaa jalatti ijaaramanii isaaniif meeshaa ta’uun guyyaa bilisummaa Oromiyaa dheerressuu fi  bulchiinsi Tigree bulchiinsa Amaharaatiin  bakka akka buufamuuf objuwatan doomsuu qaba. Ummata isaanii, gabrummaan Impaayeera Ixoophiyaa hammeenyaa hamaa irratti raawwataa jiru fi jaarraa tokko oliif bilisummaa dheebotee ittiin dararamaa jiru gananii Oromoota dantaa Amaharaa guutuuf of qopheessaa jiran, gochaan isaanii kun, gochaa farra:  seenaa, haqaa, dimookraasii, seeraa uumaa fi addunyaa fi mirga dhala namaa  waan ta’eef, irree cimaan dura dhaabbatamuu qaba.  Akeeki ummatni Oromoo jaarraa tokko oliif qabsaaweefi, gabroomfataa lama keessaa ykn gooftaa lama keessaa tokko filachuuf osoo hin taane, gabrummaa kallattii hundaa irraa bilisa bahee: walabummaa, nagaa, badhaadhinaa fi gammachuun jiraachuu dha. Akkuma Oromooti bara: Haayile Sillaasee, Dargii fi Wayyaanee Habashoota jala kurkuruun akeeka bilisummaa Oromiyaa dura dhaabbatanii umurii gabrummaa, ummata Oromoo irratti dheeressan sanitti, Oromooti ammaan tana Habashootatti eerumuun, ummata Oromoo ammoo  irreedhaan tokkummaa Ixoophiyaatti eerumsiisuu barbaadan milkaahuu hin qaban. Ummatni Oromoo, dhaaba siyaasaa: akeeka ummata bal’aa Oromoo baatu, jaal’atamaa, amanamaa, faarafamaa, muratnoo fi of kenniinsaan, kaayyoo ummata bal’aa Oromoo irraa osoo hin maqin qabsaawaa jiru kan qabu malee yaatima siyaasaa (political orphan)  harma siyaasaa (political breast)  barbaadu miti. Carraan ammaa kun, carraa  ummatni Oromoo mootummaa walaba Oromiyaa itti labsatuu dha. Carraa kana, humni kamuu harka keenya keessaa akka hin baafne tikfachuu qabna.Waan kana ta’eef, akeeki cubbamaan Oromoota kanaa, qacalummaatti cabuu qaba. Kanaafis, ummatni Oromoo, irree isaa hin dabne kan gara bitaa, OPDOta Amaharaatti, kan gara mirgaa ammo, Wayyaanetti  itti fufee agarsiisuun dirqama.

Leelloo Sabaa,

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *