Oduu Haaraya

Dhagayaa ilmaan Oromoo yaamicha Tokkummaa Kana furmanni keenya yeroon isaas ammaa

Abdii Boruutiin
Tokkummaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hoo yoomi?

Jalqaba bara kanaa (2010) irratti yeroo oduu gaddisiisaa fi hamilee cabsaa dhageenyu, barri haarayaan kun Oromoo dhaaf bara gaddaa ta’inaa laata? jennee otuu of hin gaafatin waan hafnne natti hin fakkaatu. Gantuuleen mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessaa ba’anii, qawwee gootonni keenya qabatanii bilisummaa uummata keenyaaf ittiin wareegaman fuudhanii haraka diinaatti yeroo galchan waan QBOn dhabamu itti fakkaate. Diina bitamaniif gammachiisuu dhaaf waan isaan hin dubbatinis hin jiru. QBO garuu humni fe’ee dhaabuu ykn dhabamsiisuu hin danda’u. Uummanni keenya fi qabsaa’onni bilisummaa isaas ba’aa bu’ii fi rakkoolee kana caalan keessaa dabranii waan as ga’aniif gochaa gantuutiin hamileen isaanii cabuu hin danda’u.

Akkuma oduu gaddisiisaa dhageenyetti otuu hin hafin, waaqayyo/rabbi galanni haa ga’u, kunoo baatii lama booda oduu gammachiisaas dhaga’uu dandeenye. Jaarmayoonni bilisa baasaan Oromoo sadi AWDO – Adda Walabummaa Dimokraatummaa Oromiyaa, GABUO – Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa fi ATBUO – Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo tokkoomuuf akka deeman dhiyoo kana labsa baasan. Anis barruu kiyya kan har’aa gabaabaa kana kanan dhiyeesse gammachuu kiyya ibsuu fi jaarmayoota keenya kanaan hojii gaarii dalagaa waan jirtaniif jabaadhaa jechuufi.

Jaarmayoota keenya sadeen AWDO, GABUO fi ATBUO, baga walii galtanii, sadarkaa kana irra geessanii nu gammachiifttan; isini illee baga gammaddan. Haala biyyi keenya keessa jiru fi rakkoolee uummata keenyarra ga’aa jiran xinxaaluu fi hubachuu dhaan; tokkummaa ijaartanii karaa kanaan qabsoo finiinsuu dhaaf murteeffachuun keessan baay’ee gammachiisaa waan ta’eef seenaa boonsaa barreessaa jirtu. Kanaaf galanni keessan bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ti. Kana argachuu dhaaf ammoo wareegama guddaa kaffaluun waan hin oolleef humna keessan qindeessuu dhaan uummanni keenya irree tokkoon akka isin duuba hiriiru akka gootan mamiin hin jiru. Qabsoo kanas akka galii dhaan geessan waaqni/rabbi humna keessanitti haa dabalamu. Jabaadhaa, yoo isin jabaattan kan isin duuba fi isin waliin hiriirus ni jabaata.

Waayee uummata Oromoo fi qabsoo bilisummaa isaa ilaalchisee ergan yaaada koo barreessuu jalqabee yeroo gabaabaa ta’us barruulee hamma har’aatti dhiyeesse keessatti waayee tokkummaa otuun hin kaasin dhiisee hin beeku. Maaliif? Tukkummaan ilmaan Oromoo keessumaayuu ammoo tokkummaan jaarmayoota Oromoo qabsoo bilisummaa uumata keenyaa fi walabummaa biyya keenyaaf furmaata guddaa fi murteessaa waan ta’eefi. Humna cimaa horachuu fi qabsoo kana dafanii galii dhaan ga’uu dhaaf tokkummaan hunda caalaa barbaachisaa fi bu’ura waan hundaa ti. Tokkummaa dhaan malee gara gara hiramanii, kophaa kophaa qabsaa’anii diina injifachuun akka hin danda’amne waan ifatti ba’eefi. Kuni ammoo gaafii guddaa yeroo ammaa ta’ee argame ykn argama.

Tokkummaan barbaachisaa fi gaafii yeroo akka ta’e ragaaleen gara garaa ni agrasiisu. Fakkeenya tokko tokko kaasuu dhaaf bara 2006 jaarmayoonni siyaasaa Oromoo lama – Gumii Bilisummaa Oromiyaa (GBO) fi Adda Bilisummaa Uummata Oromiyaa (ABUO) walittibaqanii jaarmayaa tokko Gumii Adda Bilisummaa Uummata Oromiyaa (GABUO) yoo ijaaran; bara dabre 2009 Oromiyaa keessattis dhaabileen Oromoo lama Konggireesii Uummata Oromoo (OPC) fi Warraaqsa Fedaraalistii Dimokraatawa Oromoo (OFDM) tokkummaa OFC (Oromoo Federalist Congress) ijaaran. Baruma kana keessa, baatii Onkoloolessa keessatti qabsaa’onni, gurmuulee fi jaarmayoonni tokko tokko KY ABO warra jijjiiramaa wajjin (waliin) tokkummaa akka ijaaran kan yaadatamuu dha. Egaa kuni hunduu kan agarsiisan tokkummaan hammam barbaachisaa fi qabsoo finiinsuu dhaaf murteessaa akka ta’e dha. Humni cimman diina injifachuu danda’u ammoo tokkummaa irraa dhalata. Waabii qabsoo bilisummaa ta’a jechuu dha.

Hojiin akkanaa kun Adda Bilisummaa Oromootiif fakkeenya ta’uu qaba. Akkuma beekamu ABOn hangafa jaarmayoota hundaa ti. Akka aadaa fi seera Oromootti hangafatu waan gaarii hojjetee, karaa gaarii agrsiisee quxusuu dhaaf fakkeenya ta’a. Karaa jaarmayootaatiinis yoo ilaalle silaa ABOtu dura tokkoomee jaarmayoota hafan illee tokkoomsuun isarra ture. Kan ta’e ta’ee, ammumaa kan dabre irraa baratanii, amma nu gaye jedhanii, rakkoolee isaan jidduu jiraniif furmaata argatanii, jaarmayoota tokkummaa ijaaran kana illee ilaalanii deebi’anii tokkoomuu qabu. Isaaniis akkuma jaarmayoota kaanii yaamicha uummata keenyaaf owwaachuu qabu. Yoo uummata dhaabbanneef jedhan kana gabrummaa Habashaa jalaa dafanii baasuu barbaadan tokkummaa dhaan malee karaan biraa waan jiru natti hin fakkaatu. Kan jiraatu illee yoo ta’e kan dafee bilisummaa fiduu miti jedheen yaada.

Akka meediyaalee gara graaa irraa dhaga’ametti ABO gareen sadeen marii irra akka jiranii dha. Isaanis marii kana fiixa baasanii, waliigaltee uumanii, deebi’anii tokkoomuu isaanii oduu gammachiisaa dhaan gadi ba’anii uummata keenyatti labsuu qabu. Bar-krnee jalqabe (2010) kan keessatti seenaa boonsaa barreessuu qabu. ABOn bara 1992 duraa sun bifa biraatiin deebi’ee mul’achuu qaba. Bifa biraa jechuun koo ammoo balleessa dabre irraa baratamee, muuxannoon irraa argamee of haaromsuu fi aayinaa biraatiin qabsoo finiinsuu jechuu dha. Kanaaf dura nagaa fi araarri bu’ee, waliigalteen godhamee tokkummaa dhugaatiin injifannoo agarsiisuu dha. Har’a waliigalanii tokkoomuunuu injifannoo guddaa tokko dha. Waliigaltee fi tokkummaan Oromoo hamilee diina keenyaa cabsee uummata keenyatti abdii horachiisa. Gantuulee qaanessa. Kana godhuu dhaaf ammoo tokkummaan ABO hunda caalaa murteessaa dha; furtuu QBO ti.

Akkuma beekamu fi amanamu Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO ykn ULFO) bara 2000 yoo ijaaramu abdii guddaan irraa eegamu illee bar-kurnee tokko bu’aa tokko illee otuu hin agarsiisin hafe. Yoon akkana jedhu ammoo komachuu kiyyaa fi humnoota bilisummaa Oromoo irraa abdii kutachuu kiyyaa miti. Wantin jechuu barbaade, tokkummaan ammaa kunis akkuma yeroo sanaa abdii’uma duwwaatti akka hi hafne, kan dabre irraa barachuu dhaan, qabsoon kun akka ittiin finiinuu danda’u tooftaa fi tarsiimoo haaromsuu fi kanarratti ciminaan hojjechuu dha. Kan dabre irraa waan baay’een akka baratame fi muuxannoo gaariin irraa argatamuu akka danda’u abdiin qaba. 

Kaayyoo tokkoof karaa tokkorra kan wajjin (waliin) deeman yoo ta’e, wal amantiin jiraatee, wal kabajuu, wal obsuu, wal gorsuu, walirraa barachuu, waabii walii ta’uun yoo jiraate wanti galii hawwame sana irraa nama tursiisu hin jiru. Duruu kun dhabamnaan qabsaa’onni gara gara hiraman qabsoonis qancartee hafte jedheen yaada. Yoo garaa qulqulluu dhaan waliin hojjettan gantuun illee yoo jiraatte dafanii of keessatti arguu danda’u. 

Dhumarratti, walaloo barreessuu jaalachuu baadhus, akkuman mata duree barruu kanaa ittiin jalqabe, mee walaloo gabaaba kanaan xumuruun yaala. 

Dhagayaa ilmaan Oromoo, yaamicha tokkummaa

Kana furmaanni keenya, yeroon isaas ammaa

Gooticha Oromoo, Gen. Waaqoo Guutuu

Qabsaa’atu du’a malee, qabsoon yoomuu hin duutuu

Kunoo ka’ii ilaali, waan ijoolleen kee (ATBUOn) gootuu

Saba gammachiisanii, guban garaa gantuu

Bareedaan Oromoo, qal’aa akka migiraa

Sisaay Ibsaa yoom du’e, kunoo nu bira jiraa

Jaarmayaan kees (GABUOn) dhagaye, yaamicha tokkummaa

Ciminaan ijaaruuf, humnoota bilisummaa fi walabummaa

Sooressa qabsoo bilisummaa, Jaaraa Abba Gadaa

Humna bilisummaa cimsuuf, kunoo seene waadaa

Jaarmayan isaas (AWDOn) owwaate, yaamicha uummataaf

Tokkummaa ijaaranii, qabsoo finiinsuu dhaaf

ABO (garee sadeen) atis owwaadhu, yaamicha hin didinii

Eessaanu nu hin geenye, addaan hiramuunii

Qabsoo naaffisuu malee, bu’aan argame hin jiruu

Tokkummaa dhabuutu, nu laaffise duruu

Isinis (SG,QC, KY) agdi ba’aa, oduu gammachiisaa dhaan

Dafaa nu beeksisaa, deebitanii tokkoomuu keessan

Tokkummaan humna. Galatoomaa.
Abdii Boruuaboruu@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …