Oduu Haaraya

Egereen uummata Oromoo maali?

 

 

Abdii Boruutiin
Akkuma yaadatamu dhiyoo kana Afaan Ingiliziitiin “PANNEL DISCUSSION – What is next for the Oromo people?” kan jedhamu mariin tokko biyya Ameerikaa magaalaa Minessota keessati godhamee ture. Meediyaalees ta’ee marsaalee gara garaa irratti kan dhaga’amaa fi argamaa jirus waayee’uma kana ilaalchisee ti. Marii sana jalqabaa hamma dhumaatti hordofuu dhaaf carraa hin arganne. Kutaa tokko tokko garuu hubachuu yaaleen ture. Anis barruu kiyyaa kan har’aa marii’uma kana wajjin walqabsiiseen dhiyeessa.

Akka yaada namoota tokko tokkoo irraa hubatamutti, kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) waan gara lamatti baye ykn ba’uuf deemu fakkaata. Garri lamaan kunis, akka naaf galetti, walabummaa Oromiyaa fi walfaanummaa Itiyoophiyaa ti jedheen yaada. Egaa kuni akka namoonni yaada ofii kennanitti ykn ibsanitti dha. Yaada ykn ilaalcha dhuunfaa qabaachuu fi dhugaan jiru garuu tokkoo miti. Dhugaan jiru maali inni? Uummanni tokko gaafii bilisummaa fi walabummaa kan kaasu, yoo gabrummaa jala/keessa jiraate, biyya ofii dhabe fi kana jalaa/keessaa ba’uu fi biyya dhabe sanas deebisee argachuu barbaaduu dha. Yoo gabrummaan hin jiraanne ykn biyya ofiis hin dhabin, gaafii bilisummaa fi walabummaa kaasuunis barbaachisaa miti jechuu dha. Dhugaan jiru ammoo kana dha.

Uummanni Oromoo bar-dhibbee tokkoo fi walakkaa ol gabrumaa Habashaa jala akka jiru dhugaa fi seenaa ragaa qabu malee dhiibboo miti. Kanaaf, gaafii bilisummaa isaa fi walabummaa biyya isaa kaasa. Erga gabrummaa kana jalatti kufee kaasee qabsoo hadhaawaa kan godhaa ture fi ammas itti jiru; ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaawwaman kan wareegamanii lubbuu isaanii itti dhabanis gaafii’uma kanaaf deebii argachuu dhaafi. Otuu dhugaan kana ta’ee jiruu, otuu hunduu kana beekanuu, lafee fi dhiiga ilmaan Oromoorra dhaabbatanii, kaayyoo isaan itti wareegamaniif jallisanii gara biraatti oofuun sirrii miti; gaddisiisaa dhas.

Uummanni keenya qawwee diinaatiin, humnaan ukkaamamee akka hin dubbanne, akka hin warraaqne godhame malee, otuu carraa argate, kan inni sagalee tokkoon dabarsu bilisummaa isaa fi walabummaa biyya isaatiif jedheen amana. Garanas ilaallu, garasis ilaallu, gadis buunu olis baanu, mirgas deemnnu, bitaas deemnnu, dhugaa bira dabruu hin dandeenyu. Qabsoon bilisummaa fi walabummaa kun dhaloota irraa dhalootatti dabra malee galii booddee otuu hin ga’in akka hin hafnne Oromoo dhaafis ta’ee alagaa fi diina isaatiif ifa ta’uu qaba. Kuni uumaa waaqayyoo/rabbii ti; akkuma xinaan guddachuu hin oolle, kan lubbuun jirus du’arraa hin hafnne, kan gabroomes bilisa bawuu fi walaba ta’uun isaa hin oolu jechuu dha.

Gaafii bilisummaa fi walabummaa ilaalchisee, yaada namoota adda addaa irraa burqan yoon ilaalu, warri kaayyoo guddaa uummata keenyaa kana gara biraatiin ilaaluu yaadan karaa lamaan natti fakkaata. Karaan tokko warra durumaanuu walabummaa Oromiyaatti hin amanne fi walfaanummaa Itiyoophiyaa qofaa kaayyoo godhatan; warra tokkummaa Itiyoophiyaatti amanan yoo ta’an; karaan lammataa ammoo warra bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa barbaadani fi kanattis amanan, garuu haala yeroo ammaa keessa jirru sodaachuu dhaan, karaa biraatiin (filannoo – option) biraatiin tarsiimoo jijjiiruu dhaan galii tokko ga’uu warra barbaadani dha jedheen yaada. Egaa, akkuman kanaa olitti ibse, kaayyoon lamaan yeroo ammaa dubbatamaa jiran kun akkanatti gabaabinaan ibsamu: 

 

Akka yaada fi ilaalcha ykn hubannoo kiyyaatti, waayeen kuni afaanfaajjessaa natti fakkaata. Walabummaa Oromiyaa jechuun bilisummaa Oromoo waan ta’eef kun lamaan addaan ba’anii ilaalamuu hin qaban. Yoo Oromiyaan walaboomte Oromoonis bilisummaa argate jechuu dha. Yoo biyyi ijaaramuuf deemtu tun biyya diktaataraa kan taatu ta’e fi bilisummaan uummataa gaafii keessa gale malee, kuni lamaan waan addaan hin baane dha jechuu kooti. Bilisummaa Oromoo fi kana…, bilisummaa Oromoo fi sana… yoo jennu, bilisummaa Oromoo qofaa kophaatti baafnnee waan ilaallu fakkeessa. Gaafii uummata keenyaa dogoggora keessa galcha. Karaa biraatiin ammoo gaafiin uummata Oromoo gaafii bilisummaa malee gaafii abbaa biyummaa akka hin taane fakkeessuu danda’a jechuu dha.

Yoo akkanatti waayee afaanfaajjessaa kana mariitti dhiyeessinu fi kana irratti waliin morminu, ammas diinaaf karaa baasuu keenya dha. Qaawwa kanaan nu keessa seenanii ammas akkuma dur kaayyoo keenya isa guddaa akka dagannu fi waliin morminu, walirratti duullu, wal dadhabsiifnnu nu godhu. Kan dabre irraa barachuun sun amma barbaachisa. Waayee ykn agandaa akkanaa kana gadi fageenyaan ilaaluu fi xinxaaluu barbaachisa. Otuu yaada tokko gadi hin baasin dura sirriitti itti yaaduu nama barbaachisa. Yoo kuni hin taane ammas naannofnnee naannofnnee rakkoo’uma dur sanatti deebina.Tarkaanfii tokko illee gara fuulduraatti deemuu hin dandeenyu jechuu dha.

Waayee walfaanummaa yoo kaafnnu ammoo kunis gara lamaan ilaalama. Karaan tokko walfaanummaa isa walabummaa Oromoiyaa duraa yoo ta’u, inni lammaffaan kan walabummaa booda ti. Inni walabummaa duraa kaayyoo dhaabileen Oromoo biyya keessa jiran OFCn dhaabbataniifi dha. Kuni tokkummaa Itiyoophiyaa mirkaanessuu dha. Impaayarittii diimookraatessuufi natti fakkaata. Uummata Oromootiif bu’aa tokko kan fidu yoo ta’e (xinnaatu illee jijjiirama fi bu’aa tokko akka fiduu danda’u nan yaada) qabsoo keenya itti fufnnee galii barbaadameen ga’uu dhaaf haala tolchuu danda’a jedheen yaada. Karaan biraa ammoo walfaanummaa walabummaa Oromiyaa booda dhufu dha; walfaanummaa saboota walaba ta’anii (ba’anii) jechuu dha. Egaa akkuman kanaa olitti ibsuu yaale, yoo kaayyoo adda addaa kaafnnee, mariitti kan dhiyeessinu ta’e, kaayyoo karaa saditti baafnnee ilaaluun waayee kana waan ifa godhu natti fakkaata:

 

Yoo akkana hin taane, yoo bilisummaa Oromoo fi…. jennee dubbannu, akkuman jedhe, afaanfaajjessaa ta’uu danda’a. Yoo bilisummaa Oromoo kophaatti baafnnee dubbannu, kun karaa lamaan rakkoo nutti fiduu danda’a. Tokko, xinnuma illee milikkeenni bilisummaa uummata keenyaa Impaayara kana keessatti kan mul’atu yoo ta’e, gaafiin: Kunoo waan barbaaddan argattanii maal jettu? kan jedhu ka’uu danda’a. Gaafiin abbaa biyyummaa dagatamee hafuu danda’a jechuu dha. Lammaffaan, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa yoo jennu, Oromiyaa walaba baatu keessatti bilisummaa Oromoo malee bilisummaan uummatoota achi jiranii hin ka’u, uummatoota kanaaf waabiin hin jiru jedhanii diinni keenya uummatoota fi addunyaa illee afaanfaajjessuu danda’u. Kuni yaada kiyya; waan natti fakkaatu dha. 

Gara bilisa baasota keenyaa itti deebi’uu dhaaf asirrattis waan tokko tokko kaasuun barbaada. Akka madda odeeffannoo gara garaa irraa mul’atutti, bilisa baasonni keenyas, kaayyoo ilaalchisee, garee lamatti waan hiraman fakkaatu. Gareen tokko warra walabummaa Oromiyaa kaayyoo godhatan yoo ta’u, gareen biraa warra walabummaa bira dabranii sana booda illee walfaanummaa sabootaa kaayyoo godhatanii dha. Gareen kun lamaan kan waliin qaban kaayyoo guddaan tokko “walabummaa Oromiyaa” ti. Kuni ammoo kaayyoo hal-duree hin qabnne dha; kan abbootiin, obboleewwan fi obboleettiiwwan keenya miliyoonaan lakkaawwaman itti wareegamani waan ta’eef kanarratti asii fi achi jechuun hin jiru. Kuni kaayyoo guddaa bilisa baasaa ti. Kan bilisa baasaa ofiin jedhan hunduu kanatti amanuu qabu; kanaaf illee wareegamuu qabu. Hamma kuni argamutti qabsoon hin dhaabbatu; dhaabbachuu illee hin danda’u; dhalootarraa dhalootatti dabra. 

Bilisa baaftonni keenya kan irratti walii galuu qaban, waan walabummaa booda dhufu sanarratti. Akka ilaalcha kiyyaatti, erga walabummaa biyya keenyaa (Oromiyaa) argannee, harka keenyatti galfanne, kan sana booda dhufu – walfaanummaan saboota walaba ta’anii – bu’aa nuuf fida malee kan nu miidhu natti hin fakkaatu. Guddina diinagdee, nagaa fi tasgabbii naannoo gaafa Aafrikaatiif kuni murteessaa dha. Uummatoonni shakkii nurraa qabani illee karaa kanaan waabii argachuu danada’u jedheen yaada. Karaa biraatiin ammoo walabummaa biyya keenyaa takkittiif qofaa otuu hin taane waan biraatiif illee banaa akka taane addunyaatti agarsiisuu qabnna. Nagaa gaafa Aafrikaatiif bu’ura akka taanu beeksisuu qabnna jechuu dha. Kuni gaafii tarsiimoo ti. Kanaaf, kaayyoon (option) kun gaarii natti fakkaate. Bilisa baaftonni keenya hunduu waliin mormuu dhiisanii, kaayyoo kanarratti yoo walii galan, tokkoomanii humna fi irree tokkoon kaayyoo kanas akka galii dhaan ga’uu danda’an abdiin qaba.

Asirratti wanti lama akka hubatamun barbaada. Tokko, kaayyoon walfaanummaa Itiyoophiyaa jedhu (kan walabummaa duraa) haalli qabsoo akka nuuf toluuf malee kun furmaata dhumaa ta’uu akka hin dandeenye dha; yoo uummanni keenya kana barbaadan malee jechuu kooti. Ammas irran deebi’a, walabummaa Oromiyaatiif haal-dureen jiraachuu hin qabu. Lammaffan, waayeen hiree murteeffannaa yoo ka’u, kan dursa qabu sagalee fi filannoo uummata keenyaa ta’u illee (waayee kana yeroo biraan bal’inaan itti deebi’a), duraan dursee garuu bilisa baaftonni keenya hunduu kaayyoo tokko irratti (akkan kanaa olitti ibsetti) walii galanii, mamii tokko malee waan uummata keenyaaf gaarii ta’u ykn ta’uu danda’u waliin itti himuu fi amansiisuu qabu; yoo carraan hiree murteeffannaa argame jechuu kooti. Nuyi hundi keenyaa walii gallee kan dhaabbannu fi kan qabsoofnnuf kaayyoon keenya kana; bu’aan isaas kana; amma filannoon keeti jedhanii uummata keenyatti himuu qabu malee gara gara deemanii kaayyoo gara garaa qabaachuun ammas bu’aa tokko otuu hin fidin hafuu danda’a. Kanaaf, waliigaltee fi kaayyoo tokko qabaachuun keessan murteessaa dha. Gaafii “Egereen uummata Oromoo maali?” jedhuuf deebiin harka keessan jira. Deebii kanas waliin argadhaa; seenaa boonsaa barreessaa. Galatoomaa.

 

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …