Oduu Haaraya

Yoo ijoolleen isaa waliigalan, Oromoon akka dafee bilisoomu mamiin ykn shakkiin hin jiru

Abdii Boruutiin
Akkan raadiyoonii sagalee Oromiyaa irraa dhagayetti, tokkummaan jaarmayoota Oromoo sadii: AWDO -Adda Walabummaa Dimokraatummaa Oromiyaa, GABUO – Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa fi ATBUO -Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo, kan torban sadi dura labsamee ture, milkii dhaan akka xumuramee dha. Kanaaf, duraan dursee jaarmayoota keenya sadeen baga tokkummaan keessan milkaawe; baga uummata keenya gammachiftan; baga isin illee gammaddan jechuun barbaada.

 

Har’a tokkoomuu danda’uunuu injifannoo tokko waan ta’eef, uummata keenyatti abdii horachiiftanii hamilee diina keenyaa waan cabsitaniif, Oromoon hunduu kanatti gammaduu qabu. Seenaa boonsa barreessuuf boqonnaa duraa bantanii jirtu. Tokkummaan kun humna cimaa dhalchee, kan qabsoon ittiin finiinuu danda’u akka ta’u abdiin qaba. Tokkummaa dhaan humna horachuuf deemtanitti waaqayyo/rabbi dabalamee, galii barbaaddan (barbaadne) akka geessan (geenyu) isin (nu) haa godhu. Jabaadhaa qabsaa’ota Oromoo; abjuu (dream) fi hawwiin keenyas gaaf tokko dhugaa ta’ee argamuun isaa waan hin oolle dha.

Yeroo tokko tokko waayee qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) yoon gadi fageenyaan itti yaadu, waayeen kun Oromoo hundaafuu galee laata? jedheen yaada ykn of gaafadha. Gaafiin kun salphaa fakkaata malee qabiyyee fi hiika guddaa qaba. Kanaaf,  ammas irran deebi’aa: Waayeen QBO Oromoo hundaafuu galee ykn galaa laata? Yoon akkan jedhu, ilmaan Oromoo kan QBOtiif wareegama kaffalaa jiran; kanaaf jedhanii miidhaa guddaan irra ga’aa jiru; dhimma mataa ofii fi jiruu ofii kan dhuunfaa dhiisanii waayee kanaaf dursa kennuu dhaan yeroo, humna, qabeenya, beekumsa fi dandeettii ofii kanarra oolchan ykn oolchaa jiran gaafii keessa galchuu kiyyaa miti.

Qabsoo bilisummaa Oromoo jennee yoo dubbannu akka seera dubbii Afaaniitti (grammar) waan waayee nama sadaffaa (third person) dubbannu fakkaata. Qabiyyeen isaa garuu akkasitti ilaalamuun irra hin jiru. Kun waayee keenya kan Oromoo hundaa ti; yoo Oromoon hunduu kanatti amanan jechuu dha. Akkaataa dubbii (way of expression) qajeelchuu barbaadee otuu hin taane, wantin jechuu barbaade waayee qabsoo keenyaa jennee fudhachuu fi akkanattis ilaaluun barbaachisaa dha jechuu kooti. Waayee kanaaf hundi keenyaa ittigaafatama lammummaa qabna ykn nurraa eegama jechuu dha. Akka dhimma mataa keenyatti ilaaluu qabnna. Kanaaf illee gayee nurraa eegamu hundi keenyaa gumaachuu qabnna.

Nuyi Oromoon gabrummaa jalatti kan kufnne; bilisummaa fi biyyi keenya Oromiyaan kan nurraa fudhataman humnaani, qawwee dhaani. Wanta humnaan dhaban tokko ammoo deebisanii kan argatan humnumaani. Karaan biraa jiraachuu danda’u illee kun murteessaa dha jedheen yaada. Kanaaf ammoo humna cimaa amansiisaa fi kan waabii ta’uu danda’u qabaachuu ykn horachuu barbaachisa. Kuni hoo issaa dhufa? Hundee fi burqaan humna akkanaa hunda caalaa tokkummaa dha. Tokkummaan murteessaa dha; bu’ura waan hundaa ti. Karoora feene haa qabaannu, karaa feene haa filannee deemnnu shakkii tokko malee kan galii dhaan nu ga’uu danda’u tokkummaa qofaa dha. Tokkummaan hoo eessaa dhufa? Tokkummaan waliigalteerraa dhufa. Gabaabumatti, humni tokkummaarraa, tokkummaan ammoo waliigalteerraa dhufa jechuu dha.

Kanaaf barruun kiyya kan har’aa kan xiyyeeffatu, akkuma mata dureen agarsiisu, waliigaltee ilmaan Oromoo irratti. Makmaaksi “Waliigalan alaa galan” jedhu waan yeroo baay’ee dubbatmuu fi barameef akka salphaatti ilaalama malee qabiyyeen fi hiiknni yookaanis dhaamsi inni qabu guddaa dha. Waliigalteen ilmaan Oromoo maaliif barbaachisaa ta’e ykn ta’a? Tokkoffaa fi inni guddaan, akkuman kanaa olitti ibsuu yaale, waliigalteen tokkummaa fida (otuu walii hin galin tokkoomuun ykn tokkummaa ijaaruun waan hin danda’amneefi), tokkummaan ammoo humna ta’a. Lammffaa, akkuma “Yoo abbaan iyyate ormi namaa mirmata” jedhamu, yoo dura waliigalteen jiraatee, sagalee tokkoon dubbanne, addunyaan illee caalaatti nu dhaga’uu danda’a. Sadaffaa, yoo waliigaltee qabaanne, diinni nu jidduu seenee ykn galee gara gara nu hiruu dhaaf carraa hin argatu. Egaa bu’aan waliigaltee irraa argamu baay’ee dha. Kanan asitti dhiyeesse qofaa miti.

Namni tokko dura waa tokko argachuu barbaada ykn hawwa. Waan barbaadu sana yoo beeke fi isas argachuu dhaaf murteeffate booda, karaa waan sana ittiin argachuu danda’u barbaada. Waayeen qabsoo bilisummaa keenyaas akkanuma. Wanti barbaadnu bilisummaa keenya fi walabummaa biyya keenyaa ti. Kun kaayyoo keenya isa guddaa dha. Gaafiin ka’uu qabu garuu waan barbaadnu kana akkamitti arganna? ykn akkamitti kaayyoo kana galii dhaan geenya? kan jedhu dha. Kun karaa lamaan argamuu danda’a, karaan tokko qabsoo hidhannootin, qawwee dhaan, humnaan yoo ta’u; karaan biraa ammoo karaa nagaatiini. Karaa hidhannootiin galii barbaadne ga’uun salphaa ta’uu baatus karaa nagaatiinis waan barbaadne sana argachuun akkasuma salphaa hin ta’u. Yeroo ammaa karaan lamaanuu ulfaataa dha jechuu dha.

Haa ta’u malee, yoo waliigalteen jiraate; yoo kaayyoo tokkorratti waliigaluun danda’ame, karaa kaayyoon kun ittiin galii ga’uu danda’u argachuun ulfaataa waan ta’u natti hin fakkaatu. Wanti waliigalanii, tokko ta’anii waliin barbaadan dafee argamuu danda’a. Qormaanni guddaan (big challenge) garuu waliigalanii waan tokkotti amanuu fi kanas bakka brbaadameen ga’uu dha. Waliigalteen ilmaan Oromoo, akkuma ijaarsa mana gamoo (building) tokkoo hundee irraa jalqabuu qaba; jalatti jalqabee hamma baddaatti deemuu qaba jechuu dha. Yoon akkana jedhu maal jechuu kooti? Har’a waliigaltee fi tokkummaa qabsaa’ota fi jaarmayoota keenyaa qofaa otuu hin taane, waliigalteen ilmaan Oromoo hawaasa keessatti jalqabuu qaba; hundeen waliigaltee qabsaa’ota fi jaarmayootaa kana ta’uu qaba jechuu kooti.

Yoo akkanatti waliigaltee fi tokkummaan hundee gaarii irratti ijaarame, tokkummaa diinni keenya diiguu hin dandeenyetu ijaarama. Kana qofaa miti; yoo hundi keenyaa waliigallee, kaayyoos ifa goone, waan barbaadnu kana waliin argachuu dhaaf wal gargaarra, tumsa walii taana. Waliin mormuu fi wal dadhabsiisuun, karaa walitti cufuun hin jiraatu. Humna qabnu hundaa qindeessinee irree tokkoon diinatti duulla jechuu dha. Akkanatti bilisummaa fi walabummaan keenya dhiyaachuu danda’u. Kanaaf ammoo waliigalteen ilmaan Oromoo murteessaa dha. Yoo kaayyoo tokko qabaatan wanti waliigaltee nama dhoowwu hin jiru.

Namni tokko nama ykn namoota yoo yaamu, hamma namoonni sun owwaatanitti yaamicha isaa hin dhaabu; hinuma lallaba. Yaamicha kana otuma dhaga’anuu owwaachuu akka didan yoo beeke ykn hubate, maaliif otuu dhageessanuu na jalaa diddan? jedhee hamma deebii tokko argatutti gaafii kana dhiyeessaaf malee cal jedhee hin dhiisu. Namoonni kun ammoo deebii lama kennuu danda’u: tokko, sobaan, otuu yaamicha sana dhaga’anuu hin dhageenye jechuu yoo ta’u; inni biraa waan yaamich sana didaniif sababa kennu. Kan ta’es ta’u yaamicha tokkoof owwaachuun waanuma ilmaan namootaa irraa eegamu dha.

Fakkeenya yaamichaa kana kanan dhiyeesse, ammas ajandaa’uma dur sanattan deebi’aa, yaamicha uummanni keenya jaarmayoota bilisa baasota keenyaaf keessumaayyuu Adda Bilisummaa Oromootiif godhan kaasuufani. Hawwiin uummata keenyaa waliigaltee fi tokkummaa qabsaa’ota fi jaarmayoota Oromoo keessumaayuu kan ABO garee sadeenii akka ta’e waan hunduu itti amananii dha jedheen yaada. Jaarmayoonni keenya ammaoo yaamicha uummata keenyaa kanaaf owwaachuun dirqama isaanii ti. Erga uummata Oromootiif, bilisummaa isaa fi walabummaa biyya isaatiif qabsoofnna jedhanii qabsoo kana keessa seenanii, sagalee uummata kanaa dhaga’uu fi yaamicha isaatiif owwaachuun akka dirqama isaanii ta’e isaanitti himuun barbaachisaa miti. Kanaaf, ABO garee sadeenis yaamicha kanaaf owwaatanii oduu gammachiisaa dhaan gadi ba’uu qabu. 

Jaarmayoonni keenya sadeen AWDO, GABUO fi ATBUO yaamicha uummata keenyaa dhaga’anii kunoo owwaannaa isaanii hojiirra oolchaa jiru. Uummanni keenyas warra yaamicha isaatiif owwaatan hundaa duuba fi wajjin (waliin) hiriiruu dhaan qabsoo bilisummaa isaa cimsuu qaba. Qabsoon bilisummaa fi walabummaa kun kan qabsaa’ota ykn bilisa baasotaa qofaa otuu hin taane kan Oromoo hundaatuu ta’uu qaba. Oromoon hunduu bakka jiranitti qabsaa’ota ta’uu qabu. Qabsaa’aa ta’uu dhaaf ammoo qawwee qofaa baachuun namarra hin jiru. Qbsoo kanaaf gayee ofii gumaachuun; waan danda’aniin -qabeenyaan, barumsaan, beekumsaa fi dandeettii dhaan tumsa ta’uun ittigaafatama lammummaa ti.

Akka gabrummaa Habashaa jala jirru Oromoo dhiisii diinni keenyaa kanuma beeku dha. Kanaaf, Oromoon dhugaa kana beeku fi itti amanu hunduu gabrummaa kana jalaa ba’uu fi biyya ofii kan dhabe deebisee argachuu dhaaf qabsoo bilisummaa fi walabummaa kana akka dhimma dhuunfaatti fudhatee kanaafis hojjechuu qaba. Warri Oromiyaa keessa jiran akka hin warraaqne fi hin dubbanne qawwee diinaatiin ukkaamamanii jiru. Haa ta’u malee haala badaa kana keessatti illee qabsoo hadhaawaa otuu hin godhin oolanii hin bulan. Warri biyya alaa jiran garuu xinnaatu illee jireenya nagaa keessa waan jiraniif haalli isaan keessa jiran akka haala biyya keessaa ti miti. Yoo fe’ii qabaatan (kana qabaachuun dirqama), yoo egeree ofii yaadan, har’a waan danda’an, hamma danda’an qabsoo kanaaf gumaachuu dhaaf ittigaafatama qabu.

Yeroon cal jedhanii taa’an, dhimma dhuunfaa fi jireenya dhuunfaa qofaa yaadan; kan uummata irraa dhalatanii dagatan dabruu qaba. Badiin biyyaa fi saba keenyaa diinaan tottolfamaa fi qophaawaa waan jiruuf, hamma badiin kun dhufutti taa’aniituma eeguun booda nama gaabbisiisa. Gaabbuu qofaa otuu hin taane, biyya egereef hawwinu sana dhabuutu dhufa. Balaa nurra ga’uuf deemu alaalatti arguu qabnna. Kanaaf har’a itti yaaduun barbaachisaa dha. Yoo waliigalteen ilmaan Oromoo jiraate garuu, tokkummaa cimaa hunda hammataan ijaaramuu akka danda’u fi bilisummaa fi walabummaanis dafanii akka dhufan mamiin ykn shakkiin hin jiru. Galatoomaa.

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *