Oduu Haaraya

Gaafii fi Deebii obboo Battee Urgeessaa Bridge Media irratti Dr. Derejje Gerefaa Tulluu wajjiin godhe ilaalchisee.

Kurfeessaa Sararoo

Waxabajjii 21, 2023

   “Odeessaa jiruu, odeeffataa jiru, ilmi guddisaa hin dhokatu” jedha Oromoon yoo makmaaku. Kanaaf, yakki Daawud Ibsaa Ayyaanaa, ABO, qabsoo bilisummaa Oromoo, fi tokkummaa Oromoo irratti raawwate, Obbo Battee Urgeessaa dhuksuuf tattaafatullee dhoksuun akka hin danda’amne ibsa, makmaaksi kun. Obbo Battee Urgeessaa, Bridge Media irratti yakka waggaa digdamii shanii olii qabsoo Oromoo fi tokkummaa Oromoo irratti Dawud Ibsaa raawwate, dhoksuuf soba daangaa hin qabne kan dhugaarraa fagaate dubbataa ture. Dr. Dereje Gerefa Tullu, gaafii dhuga gaafate Bridge Media irratti. Gaafii qajeelaa gaafatuu isaatiif galata guddaa qaba. Gaafii sirrii fi dhugaa gaafataa ture.

Garu, Obbo Battee Urgeessaa, dubbataan ABO-shanee, akkauma amala isaanii soba ykn kijiba duwwaa dubbate. Garuu dhagaan himamuu qaba. Barruun kun, dhugaa fi ragaa rakkinna qabsoo bilisummaa Oromoof taasifamtu keessa ture dhiyeessa. Rakkinni kun, kan ABO diige, kan qabsoo Oromoo laamshesse, kan tokkummaa miseensootatti mudaa ta’ee, fi kan kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo faalleesse. Garuu har’a, sabboontootni fakkeessaa fi afaan mi’ooftootni, afaan tolfatanii miidiyaa irratti bahanii yakka daangaa hin qabne kan qabsoo fi tokkummaa Oromoo irratti raawwatan dhoksuuf, soba dhugaa fakkeessanii kan haasawaa jiran argina. Isaan kana keessaa, dhiyeenna kana Bridge Media irratti kan dhiyaate, dubbataa ABO-shanee Daawud Ibsaa Ayaanaa, Obbo Battee Urgeessaa ti. Dhugaa dhoksuuf tattaafataa ture. Akkuma seensa barruu kanaa irratti “odeefataa jiru, odeessaa jiru, ilmi guddisaa hin dhokatu” makmaaksi Oromoo jedhu san, dhugaan hin dhokatu. Hagamuu, dhoksuuf yoo tattaafatame illee abadan dhugaan hin dhokattu. Kanaaf, ABO-shaneen Daawud Ibsaa Ayyaana fi gareewwan isaa, yakka kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo, ABO, fi tokkummaa lammiiwwan Oromoo irratti raawwatan, hagamuu dhoksuuf tattaafatanillee, dhoksuun hin danda’mu. Barruun kun, dhugaa fi ragaa qabatee rakkinnaa fi hammeenna Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa uuman, himuu fi ifa godhuuf dhiyaate.

   Seenaa Oromoo keessatti gantoota heddutu beekama. Isaan keessa kan beekkaman Goobana Daaccee, Qadiidaa Wonaabee, Morodaa Bakaree, Abbaa Jifaa II, fi kkf turan. Garuu kun, seenaa turaa dha; jaarraa tokkoo fi cinaa ol laakkawatee jira. Kun akka seenatti himamullee, gantummaan har’a illee Jaaraa 21ffaa keessatillee Oromoo irraa hin dhaabanne; bifa jijjiirataa fi haarawoomfata itti fufee jira. Bara 1999, irraa jalqabee, har’allee, Oromoon haala balaa kana keessa jira.

   Daawud Ibsaa, Hoogganummaa ABO ji’oota muraasaaf kan itti keenname dhuma bara 1998 irratti. Bara kana miseensootni Gumii Sabaa kan qabsoo hidhannoo keessa turan baay’ee miti. Sababni kun tayeefis marfama Wayyaanee/TPLF bara 1992 gooteen miseensotni Gumii Sabaa hedduun mooraa galfamuu irraan kan ka’e, waan wareegamaniif. Kan marfama Wayyaanee irraa hafanii fi kan biyyaa bawuu didan, kan akka Guutamaa Hawaas, Nadhii Gammadaa, Mul’isi Abbaa Gadaa, Burisoo Booruu fi kkf wareegamanii jiru. 

Bara 1992, Daawud Ibsaa hoogganaa Humna Tikaa ABO ture. Isa ture, kan dame tikaa TPLF fi EPLF wajjiin hojjataa ture.Qunnamtii tikaa TPLF fi EPLF wajjiin qabu imam itti bayuun, hoogganoota biyyaa hin baanu jedhan dabarsee kan TPLF fi TPLFf keenne isa.

Rakkinna qabsoo Oromoo fi ABO keessatti kan uume gareewwan Waajjira ABO Suudan turan.Isaaniis, Leencoo Lataa, Diimaa Nagoo, Daawud Ibsaa, Abbaa Caalaa Lataa, Dr. Fido Eebbaa, Xahaa Abdii, fi kkf heddu. Rakkinna haga har’aati jiruu kana kan uume isaan kana. Murna kana kan WBO mooraa galche bara 1992. Bara kana Hayyuu Dureen ABO, Galaasaa Dilboo dhibee dirree lolaa keessatti mudate yaalamuuf biyya Awurooppaa ergamee ture. I/A Leencoo Lataa fi itti gaafatamaan Humna Tikaa fi nageenyaa/nagayaa, Daawud Ibsaa Ayyaanaa, carraa H/Dn biyya hin jirre kanatti fayyadamuun marii Wayyaanee/TPLF waliin geggeessaniin waraana bilisummaa Oromoo (WBO) mooraa galchan.

Bara 1997, jilli Dr. Diimaa Nagootiin durfamu barreessaa olaanaa Federeeshinii Luteraanii Addunyaa, Lutheran World Federation (LWF), Dr. Ishmael Noko/Ismaa’eel Nookoo waliin walgeettii godhee ture. Walgahiin kun beekumsaa fi raggaasifama Hayyu Duree ABO malee kan raawwatame. Dr. Nookoon haal-duree armaan gadii kan Ministirri Muummee Meles Zeenaawiin “Marii ABO” waliin” seenuu barbaadu jilla Dr. Diimaan durfamu kanaa hiheesseefi. Inniis akana jedha “All they [OLF leaders] have to do is to (1) publicly renounce violence and (2) work within the framework of the constitution and publicly announce acceptance of constitution.” 

   Yoo Oromiffaatti hiikame akkana jechuu ta’a. “Isaan [hoggantoonni ABO] wanti gochuu qaban (1) jeequmsa ifatti dhiisuu fi (2) bu’uura heera mootummaa keessatti hojjechuu fi fudhatama heera mootummaa ifatti beeksisuu qaba.” Dr. Diimaa Nagoo fi gareewwan isaa haal-dureewwan dursaa kana fudhachuun xalayaa Bitootessa/March 17, 1998 barreessan. Xalayaa sana keessatti, “I am writing this lettler…regarding two issues you wished to clarify with OLF as a preparation….to facilitate the resumption of dialogue between our Front and the Ethiopian government. After careful deliberation and several discussion with you, we are ready to state our position on the two issues raised in your communication.”

   Hiikaa kanaa akkana jedha:  Xalayaa kana barreessaa jiruuf…dhimmoota lama ABO waliin akka qophiitti qulqulleessuu barbaaddan ilaalchisee….marii Adda keennaa fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti akka deebi’ee eegaluuf haala mijeessuuf. Of eeggannoodhaan erga mari’annee fi marii hedduu isin waliin goonee booda dhimmoota lamaan qunnamtii keessan keessatti ka’an irratti ejjennoo keenya ibsuuf qophiidha.” Haal-duree Kana fudhatuun deebii jechoota akkana jedhuun barreeffamaan Dr. Ismaa’eel Nokoof kennan, Afaan Ingiliziin. Inniis akkana jedha:

“1. On the question of armed activities: We would like to inform you that OLF will immediately upon the commencement of the discussion with Ethiopian government in preparation for the resumption of dialogue, unilaterally suspend any and all armed activities pending the conclusion of termination of such discussion or dialogue.

2. On the issue of constitution: We are prepared to accept the present Ethiopian constitution as an existing reality, subject to the establishment of a mechanism of independent adjudication between government and individuals, parties or institutions on Constitutional legal matters, whilst reserving our rights to actively and publicly promote constitutional change.

We hope that these pronouncements indicate our willingness to accept risks for the sake of preparing the ground for genuine discussion with the other party. Hoping your success in your endeavor to promote peace and understanding in our country.We remain.”

Xalayaa kana maqaa Hayyu Duree Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Galaasaa Dilboon akka mallatteessu, I/A Hayyuu Duree Leencoo Lataa, ajaja Dr. Taaddasaa Eebbaa Fidof kenne. Dr. Taaddasaa Eebbaa Fido illee ajaja Leencoo Lataa fudhatee xalayaa kana mallatteessee Dr. Nokoof erge.

Waanuma asii oliti jedhame kana ilaalchisee, Hagayya/August 2011, David H. Shinn, duraan dippilomaatiin Ameerikaa, ammaa “professor in the Elliott School of International Affairs at George Washington University” akkana jechuun barreesse: “The OLF insists on holding substantive talks.without precondition…while “EPRDF [the government] has consistently required that the OLF first renounce the use of armed force and accept the Ethiopian constitution…” Dhumarratti, Leencoo Lataa, Daawud Ibsaa Ayyaanaa, Diimaa Nagoo, Baya Asoobaa, fi fakkaattootni isaanii sigigaatanii mooraa Impaayeera Itoophiyaa keessatti kufan. Kanaaf, wayyaaneef jilbiifatuudhaan waadaa qabsoo hidhannoo toobatuu fi heera Itoophiyaa fudhatanii mallatteessan. Asirrati hubatamuu kan qabu, Heerri daangaa aangoo naannoo biyyaa ibsa; akkasuma kan Itoophiyaa illee. Itoophiyaan garuu, Impaayera; biyya tokkoo miti. Seerri Impaayera daangaa Impaayeraa ibsa. Heera Itoophiyaa fudhachuun, Oromiyaan fedhiin isaatiin Impaayera Itoophiyaatti makame jechuu ta’a. Kanaaf, Oromiyaan qaama Itoophiyaati, Oromoo lammii Itoophiyaati jechuu ta’a. Amma, gaafiin hiree murteeffannaa, gaafii koloneeffataa irraa bilisa bahuu odoo hin taane, gaafii biyya haadhaa/biyya abbaa ofii irraa adda bahuu/fottoquu ta’a. Ergaan, gareewwan heera Impaayeera Itoophiyaa fudhatanii isa kana.

   Akkuma yaadannu, Chaartarri Yeroo Cehumsaa bara 1991 keeyyata 2, lakkobsa c, irratti “mirga hiree murteeffannaa walabummaa/independence” beekamtii kennee ture. Heerri bara 1994, keeyyata 39, laakoofsi 4 ““mirga hiree murteeffannaa hamma adda bahuu/secession” jechuun walabummaa bakka buuse. Asirratti, garaagarummaa beekkumtii walabummaa kennamee fi adda bahuu kenname addaan baasanii beekuun barbaachisaa ta’a. Akkumma armaan olitti ibsame, beekkumtiin Chaarteriin walabummaa kenne, Sabni koloneeffatame tokko, koloneeffataa irraa walabummaa gonfachuun mirga uumamaan qabu kan hin kennamne, hin fudhatamnee fi irraa hin sharafamne guutuu qaba jechuu dha. Garuu, Heeri bara 1994 keeyyata 39 irratti “adda bahuu/fottoquu” jedhuu beekkumtii kenne; Itoophiyaa keessa saba cunqurfame malee, sabni koloneeffatame hin jiru jechuu dha. Asirratti kan hubatamuu qabu, heera Itoophiyaa fudhatuun, Oromiyaan fedhiin Impaayeera Itoophiyaatti makame jechuu ta’a. Itoophiyaan biyyahaadha teennaa/biyya abbaa keennaa” ti jechuu ta’a. Kanaaf, gaaffiin hiree murteeffannaa erga heerri mootummaa fudhatama argateen booda ka’u kamiyyuu, gaaffiibiyya haadhaa/biyya abbaa” irraa “adda bahuu” ykn fottoquu/seseeshin ta’a. Eegaa, gaaffiin hiree murteeffannaa erga heerri Itoophiyaa fudhatama argatee boodda ka’u, gaaffiibiyya haadhaa” irraa “adda bahuu” ta’a. Jechuun, gaafiin Oromoo gaafii koloniitii miti jechuu ta’a. 

   TPLF maaliif walabummaa Chaarteriin Cehumsa 1991 beekumsa kenneef, heera bara 1994 keessatti “adda bahuu/fottoquu”-secession kan jedhuun bakka buusuu ilaalchisee Christopher Clapham akkana mata-duree EPRDF fi federaalizimii sab-daneessaa daba/shira TPLF jedhuun Konferansii irratti akkana jedhee dubbate:

….But within the country [Ethiopia], it is also important to remember the experience of the TPLF in Tigray, and the particular slant that this gave them on the ‘national question’ in Ethiopia. This in turn did much to shape the policies of the EPRDF regime. For a start, there was never any contradiction between ‘being Tigrayan’ and being ‘Ethiopian’. Tigrays remain proud of their historic role in the formation of the Ethiopian state, dating back to the time of the Axumite empire, and however great their resentment at their subordination to Amharas (and especially Shoans) to the south, they only ever really wanted autonomy within Ethiopia… Equally, Tigray as a deeply impoverished region is highly dependent on the rest of Ethiopia, and splitting away from it makes no economic sense. Tigray is also an exceptionally homogeneous region in ethnic terms, precisely because it is so poor that people have always migrated out of it and not into it, and it was therefore easy for the TPLF leaders to assume that the rest of Ethiopia could be divided into ethnic blocks equivalent to Tigray (Edited Pausewang, Siegfried. Exploring New Political Alternatives for the Oromo in Ethiopia, Chr. Michelsen Institute Report (CMIREPORT), Bergen, Norway, 2004, PP. 17).

   Leencoo Lataa, Diimaa Nagoo, Daawud Ibsaa Ayyaanaa, fi fakkaattootni isaanii shira kana xaxanii, itti yaadanii fi irratti mar’atanii heera Itoophiyaa fudhatan. Asirratti wanti hubatamuu qabu, akka amantaa siyaasaa murna kanaatti, gaafiin Oromoo, gaafii saba cunqurfameeti malee, gaafii saba koloneeffatameetii miti jechuudhaan heeraa Itoophiyaa fudhatan. Gaafiin Oromoo, Itoophiyaa keessatti hiikkama jedhu. Kanaaf, kallattii adeemsa qabsoo walabummaan Oromiyaa gara “federala dhugaa,” “diimookraasii dhugaa,” “lammummaa,” “walqixxummaa,” fi “mootummaa cehumsaa” jechuun qabsoo Impaayera Itoophiyaa suphanii haarayoomsuuf asii fi achii raatawaa fiigaa turan; ammallee, fiigumsuma raatuu keessa jiru.

   H/Dn Galaasaa Dilboo, fudhatama haal-duree xalayaan maqaa isaatiin mallateeffamuu hamma bareen boodda, xalayaa I/A Leencoo Lataaf Caamsaa 15, 1998 baarressee, waadaa seene Barreessaa Olaanaa WLFf akka haqamu xalayaa akka barreessu gaafate. Obbo Leecoo Lataa, gaaffii kana fudhatuu dide. Akkana jechuun H/D Galaasaa Dilboof diddaa isaa kenne:

Xalayaa akkasii barressuun anaafis ta’ee, namicha itti barreeffamuuf danqaa ta’a jedheen ilaala….Caallatti ammoo, ahadii seename sanatti jabeesseen amana…. Waan ta’eef, ajaja kee hojii irra olchuun amantii kiyya kan faalleessu ta’a. Kanaaf, xalayaa ati barreessi nan jettu barreessuu gonkumaa akka hin dandeenyeen si beeksisa.”

Kan nama dhibu, odoo Hayyuu Dureen ABO irraa hayyama hin argatin, sadarkaa kamiin Leencoo Lataa, Diimaa Nagoo fi Daawud Ibaa maqaa Hayyuu Dureen xalayaa dhoksaan barreessanii mallateessan. Sadaraa kamiin, H/D, Waajjira Hayyuu Duree (WHD), Koree Hogii Raawwachiiftuu (KHW) fi Koree Giddugaleessaa irra tarkaanfatanii dhoofsisa/negotiation diina wajjiin seenan kan jedhu gaafii ta’a. Lammaffaa, Hayyuu Dureen, waadaa maqaa isaatiin seename akka kaasan gaafannaan fudhatuu didan. Kanaaf, murni kun sirna dhaabni kamiyyuu addunyaan keessatti hojii ittiin geggeessuu faalleessan; Caalaa ammoo, qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO keessatti balaa daangaa hin qabne uuman. Akkasumas, seeraa fi heeran dhaabaatiin masakkamuu dhabuun isaanii, fakkeenna fi tilmaama gadhee ta’an dhaloota hegereetiifiis. Kun yakka, safuu cabsu, aadaa fi duudhaa saba Oromoof dantaa dhabuu dha. Kabajjaa fi ulfinna sirna dhaabni tokko ittiin hojjatu dhabuu dha. Gochi kun, heeraa fi seera ABO faalleese; sirna Gadaa Oromoo illee faalleese. Seenaan kan nama barsiisu, fashisimii fi abbaan irrummaa addunyaa keessatti sadarkaa akkanaa kanaan dhalatan. Murni kun, rakkoo har’a Oromoon keessa seene kana murna uume. Gaafiin ta’uu qabu, sirna dhabummaa murna kanarraa maaltu baratamuu qaba kan jedhu ta’uu qaba.

   Kanaan booda, Ebla 12, 1998, H/Dn ABO Galaasaa Dilboo, xalayaa I/A Leencoo Lataa fi gareewwan isaa, waadaa galamee fi haal-duree fudhatame, akka ABOn fudhatama hin qabne, xalayaa Barreessaa Waliigalaa LWF’f barreesseen beeksise. Qabiyeen xalayaa kanaa kunooti:

“The two fundamental issues dealt with in the letter have been repeatedly raised to the OLF by different groups and individuals who were and are attempting to conduct a meaningful peace negotiation between the OLF and the Ethiopian government. However, recent political and military development as well as widespread terror campaign unleashed on innocent Oromo people have forced us to give priority to these urgent matters and review all situations before going into further negotiation.”

   Ebla 15, 1998, Kora Sabaa Hatatamaa ABO geggeeffame irratti, Leencoo Lataa fi Diimaa Nagoo hin hirmaanne. Bara 1992, WBO Mooraa waan galchanii fi waraanni kun TPLF fi EPLFn marfamanii ajjeeffaman. Waayee dhumaatii WBO kana illachisee Waxabajjii 2011, dhabni maqaan isaa Jiddugalli Qorannoo Tarsiimoo fi Idil-addunyaa- The Centre for Strategic and International Studies (CSIS) jedhamu mata duree Ethiopia: Assessing Risks to Stability” jedhuun gabaasaa dhiyeessee keessatti, Terrence Lyons akkana jedhee baarreesse: “Whar is less likely to lead to regime change is rural insurgency…. The EPRDF nearly destroyed the OLF in 1992 and that it has kept the rebels to a very low level of insurgency since then.” Amma ammoo, seeraa fi heera dhaabaatii ala, akkasumas beekkumtii Koree Hojii Raawwachiiftuun (KHR) ala, dhoofsisa/negotiation diina wajjiin seenan, qabsoo hidhannoo kamiyyuu fi hunda gama ABOn toobbachuu fi heera Itoophiyaa fudhatuu murteessan. Kun yakka hamaa dha. Sodaa waan lamaan kanarraa kan ka’e, nu ajjeessuu danda’u jedhanii waan shakkaniif, Leencoo Lataa fi Diimaa Nogoo Kora Sabaa Hatattamaa ABO irraa qooda fudhachuu dhiisan. Garuu, wakkiiloota isaanii kan biyya alaa jiraatan, namoota akka Daawud Ibsaa, Abbaa Caalaa Lataa, Leencoo Batii, Haasan Huseen fi kkf ergatan. Bakka bu’oonni kun yeroo Kora irraa deebi’an miseensota Kora Hatattamaa irratti argaman keessaa, murni alaa dhaqe wayyaba ta’uu murna hin dhaqneef gabaasaniif. Garuu kun hoogganni ala jiru wayyaba ta’uu waan hubachiiseef, Leencoo Lataa, Diimaa Nogoo fi gareewwan isanii akkka malee gammachiise. Amma, mala Galaasaa Dilboo Hoogganummaa irraa kaasaniin mari’atan. Innis, hoogganii biyyaa bahuu qaba kan jedhu ture. Galaasaan akka didu beeku. Kana, Galaasaa irratti dhiibbaa godhan. Galaasaan H/D ABO qabadhee biyyaa hin bahu jedhe. Eega murtii Gumii Sabaa (GS) diddee hooganummaa gad lakkisuun dirqii ta’a jedhaniin. Galaasaan hoogganummaa gad lakkise. Maaliif, H/D ABO kan filu GS waan ta’eef. GS keessatti, yeroo kana wayyabni murna ala jiru ture. As irratti, amma H/D godhuu kan yaadan Abbaa Caalaa Lataa ture. Garuu, Leencoo Lataa I/A ta’ee, obbolee isaa Abbaa Caalaa Lataa H/D godhe kan jedhu rakkinna dhufuu danda’u sodaatanii yeroo ji’a jahaa hamma ji’a Sagaliif, hamma Kora Sabaa (KS) itti’aanuu ta’utti jedhanii Daawud Ibsaa yeroof H/D godhan. Kun, Eertiryaaf gammachuu guddaa ture. Ji’uma kana, Muddee 1999, akkuma hoogganummaa qabatteen, Oromiyaa gad-lakkissee baqatummaan Eertiryaa gale. Kanaan booda, dura taa’aan Galaasaa Dilboo sababa dhukkuba fayyaatiin aangoo waan gadhiiseef, Daawud Ibsaa Ayyaanaa Muddee 1, 1999 hoggansa ABO ta’ee filamuu isaa oduu miseensota keessa facaasan.

   Muddee 15, 1999, akkuma Etritiryaa gayeen turban lama booda, Dawud Ibsaa H/Dn ABO, gara Obbo Abiyyuu Galataa D/T Koree Haajaa Alaa (KHA) ABO fi Bakka Bu’aan Waajjiira Hariiroo Alaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Waashingtan DC jirutti xalayaaAjandaa Nagayaa” ibsa erge. “Ajandaan Nagayaa” kun kan TPLFf dhiyaatee fudhatama Ministirri Muummee Meles Zeenaawiin argate. MM Meles Zeenaawii waan Hoogganni ABO guutuu qabu lafa godhe. Filannoo bara 2005 ta’uuf deemu irraa qooda haqa qabeessaa fi bilisa irraa qooda fudhachuu hoogganni ABOn qabxiilee guutuu qaba jedhu Daawud Ibsaatti erge. Isaaniis:

  1.  Haal-duree tokko malee Heera Itoophyaa fudhatuu;
  2.  Hin tuqamnee daangaa Itoophiyaa fudhachuu fi kabajuu;
  3.  Qabsoo hidhannoo lagatuu;
  4.  Waraana hikkachiisuu fi diiguu.

Daawud Ibsaa fi miiltoowwan isaa haal-duree Meles Zeenaawiin lafa kaayeef kana fudhatanii ABO diiguu fi galii kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo maseensanii mancaasuuf tarkaanfii fudhatan. “Ajandaa Nagayaa” kun “ABOn, sirna polotikaa Impaarichaa kan maraaf wal-qixa ta’ee fi haqaa keessaa qooda fudhachuun qabsaawee mirga hiree murteeffannoo ummatootaa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsa.” Jedha.

Sadaasaa 15, 1999, “Ajandaan Nagayaa” kun gara Obbo Abiyyuu Galataa, D/T Koree Haajaa Alaa (KHA), ABO ergame. Kana ilaalchisee, KHA hamma irratti mar’ateen booda,yaada irratti waliigalan gama D/T KHA fi Bakka Bu’aan Waajjira Hariiroo Alaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), obbo Abiyyuu Galataa “Ajandaa Nagayaa” itti ergame kanaaf deebii kenname. Deebiin “Ajandaa Nagayaa” dura dhaabatuudhaan Koree Haajaa Alaa ABO kenne keessaa kan fudhatame kunooti. Inniis akkana jedha:

(a) Sagantaa (V.A) “…. sirna Impaayera Itoophiyaa diiguu dhaan, Oromiyaa…bilisa…” baasa jedha.  “Tuqaalee…”n ammo “Sirna polotikaa Impaayericha … keessaa qooda…” fudhanna jedha.

(b).Akka Sagantaan jedhutti Oromian koloneessamte bilisummaa gonfattee walabummaa dhaan “tokkummaa polotikaa haaraa ijaaruuf” mirgi murtii kan ummataa ti. Gama keenyaan akka hubannetti, ummanni Oromoo dhiibbaa alagaa irraa walaba ta’ee, hiree ofii akka murteeffatu qabsaawee qabsoofsisuuf malee ABOn sirna polotikaa impaayericha keessaa qooda fudhachuuf hin sagantteeffanne. Bakka biirookraasiin impaayerichaa caccabee loltuun isaa faca’etti, mootummaan cehumsaa kan mirga ummata Oromoo guutummatti beekee sirna akkaakuu haaraa ijaaruuf walta’insa seenee waliin hojjachuun, sirna politikaa impaayeraa keessaa qooda fudhachuu irraa adda akka ta’e ifaa dha. ABOn OPDO irraa adda kan ta’e, kabaja uummata ofii qaba yoo jedhame, waltajjii addunyaatti suraa fudhatama argate yoo jedhame, farreen mirga Oromoo biratti sodaachisaa horate yoo jedhame, caalaatti Sagantaa isaattu kanniin argamsiiseef.

(c).Sagantaa ABO kan murteesse Kora ABO ti. Fooyyessuu ykn jijjiiruu yoo feessise, akka Heera ABOtti mirgi kan Koraa ti.

(d) “Tuqaalee Yaada Furmaataa….” qabsoo Oromoof mararfannaa argamsiissuu dha….ABOn gaafii ummata Oromoo addunyaa hubachiissuuf rakkina qaba malee, addunyaan gaafii Oromoo irraa rakkina hin qabu. Idileetti yoo ilaalame, addunyaan nagaa fedha. Haata’u malee, ummatni garboofatame gaafii bilisummaa kaasuun addunyaa biratti akka farra nagaatti hin ilaalamu….Mootummaan Itoophiyaa furmaata nagaa akka hin feene addunyaa hubachiissuuf, nagaa akka fedhu dhiibbaa uumuuf, murteessaan JABINA QABSOO OROMOO qofa.

   Deebii kanaan Koreen Haajaa Alaa ABO, falmii Dura Taa’aan ABO Daawud Ibsaan furamuu qaba jedhee dhiheesse fudhatama dhabe. Xalayaa fudhatama dhabuu “Ajandaa Nagayaa” kana, KHA ABO gara WHD GS-ABO, Daawud Ibsaa Ayyaanaa deebisee erge. Waljijjiirraan xalayaa kun, garaagarummaa hooggansa ABO keessatti uume. Xalayaan Koree Hojii Raawwachiiftuu kun, rakkoo itti aanu kan bara 2000 keessa mul’ate Ajandaan Nageenyaaf sababa ta’e. “Ajaandaa Nagayaa” kana waggaa tokko guutuu odoo gara miseensaa gad hin basin, hoogganni ol’aanaan Koree Hojjii Alaa (ABO) duwwaan irratti walmormaa turan. Waliigalteen dadhabamnaan, bara 2000, miseensootaaf dhiyeeffame.

   Guraandhala 3, 2000Ajandaa Nagaa” kan dhoksaan Koreen Hojjii Alaa (KHA) ABO keessatti irratti haasawamaa ture amma ifatti gara Waajjiira ABO Waashington, DC jirutti dhiyeesse, akka miseensootni irratti mari’ataniifi. Duraanuu, hoogganni kun biyyaa fi qabsoo dhiisee baqatuun isaa mormii jabaa miseensoota dhaabaa keessatti deemaa ture. Hoogganni biyyatti deebuu qaba kan jedhu mormiin deemaa ture. Amma ammoo, “Ajandaan Nagayaa” kun itti dabalamee mormii baay’ee hammeesse. Ajandaan Nagayaa kun, Sagantaa Siyaasaa ABO kan faalleesu ta’ee argame.

   Ajandaan kun, Oromoo keessa summii siyaasaa xuraawaa facaase. Miseensoota ABO jiddutti Dallawa Barliin (Berlin Wall) ta’ee miseensoota diige; bakka lamatti miseensoota ilaalcha siyaasaatiin addaan qoode. Isaanis, garee Oromomummaa fi Itoophiyummaa jeddutti addaan bahan. Kan Itoophiyummaa filate dhaaba Amhaaraa Qinijjiiti kan jedhamu ilmaan Menelikii maatii bineessaa wajjiin tumsaa ykn Gamtaa Bilisummaa fi Diimookiraasii-Alliance for Freedom and Democracy (AFD) jedhu bara 2006ti uumate. Waan kanaa itti deebina. Summiin Ajandaa Nagayaa kun, waan seenaa Impaayera kamiiyyuu keessatti ta’ee hin beekkamne, filannoo haqa qabeessaa fi bilisaa gaafate. Xiyyeeffannaan isaa garuu, qabsoo Walabummaa Oromoo dhabamsiisuu kan aggaamate ta’ee argame. Jechuun, waan seenaa impaayeraa keessatti gaafatamee hin beekkamne, maqaa impaayera Federaalessuu fi dimookraatessuun gargaaramuudhaan, akkasumas filannoo haqaa fi bilisaa jecha jedhutti fayyadamuun, ABO-shaneen, siyaasaa Dallaa Barliin qabsaawoota Oromoo jiddutti gad dhabuuf, ABO diiguuf, fi qabsoo bilisummaa Oromoo dhabamsisuuf jecha “Ajandaa Nagayaa” kan jedhu kana uumuun isaa ifaa ta’e. Garuu, haga har’atti, muummeeyyiin/ elitootni siyaasaa fi aktivistootni siyaasaa Oromoo dukkana fi hurrii “Ajandaan Nagayaa” fidee facaase kana keessatti gangalataa jiru. Faallaa “Ajandaa Nagayaa” kan ta’e, Sagantaan Siyaasaa ABO kan Kora Sabaa Hatattamaa Ebila 15, 1998 akkana jedha:

 Hundeen akeeka qabsoo kanaa mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo argamsiisuuf sirna Impaayera Itoophiyaa diiguudhaan, Oromiyaa kolonii, hacuuccaa fi saaminsa jelaa bilisa baasuun mootummaa walaba diimookraatika riippablika Oromiyaa dhaabee iggitii itti godhuu dha. Kunis kan mirkanaawu mirga qabutti dhimma bahee ummatni Oromoo mootummaa walaba isaa labsachuu yookaan ummatoota biraa wajjin tokkummaa politiikaa haaraa ijaarrachuuf murtii kennatuun ta’a (Sagantaa Siyaa ABO, V.Sagantaa Qabsoo: A. Akeeka Siyaasaa, Kora Sababaa, Ebila 15, 1998).

   Dhugaan jiru, “Ajandaan Nagayaa” fi Sagantaan Siyaasaa ABO waan walfaalleessuu fi walitti araaramuu hin danda’amne. Kanaan duraanuu, hoogganni biyyaa bahuun isaatuu, miseensoota keessatti, hoogganni biyyatti deebi’uu qaba jechuun mormii cimatu deemaa ture. Sagantaa Siyaasaa ABO jijjiiruun ammoo, itti dabalame mormii jabeesse. Kanaaf, Qabsoon bilisummaa Oromoo, bara 1999 irraa eegalee dhawaata dhawaataan galii isaa gad-lakkisaa irraa fagaataa fi deemaa ture; ammallee itti fuufee jira. Barri 1999, akkumaa asii olti jedhame, bara hoogganni ABO, biyya isaa, saba isaa, WBO fi qabsoo bilisummaa Oromoo gad-lakkissee Eertiryaa seene ta’uun isaa waan waakkatamuu miti. Kun qabsoo Oromoo keessatti, jalqaba uumama rakkinnaa ture. Ammallee ittuma jira. Kana wajjiin, rakkinni guddaan qabsoo bilisummaa Oromoo mudate, hooggana samaanaa/commitment fi kutannoo/determination qabu kan qabsoo hidhannoo, siyaasaa, dippilomaasii fi diddaa sabaa adeemsisu dhabuu isaa ti. Kanaaf, akkamitti bakka amma jirruu kana geenne; akkamiiniis keessaa baana kan jedhu gaafii duraa kan Oromoon wal gaafatu ta’uu qaba.

   Gochi, saba, biyyaa, fi qabsoo sabaa keessaa baqatuun seenaa adunyaa keessattii fi seenaa Oromoo keessattis kan duraa ti. Baqattummaan Daawud Ibsaa seenaa qabsoo Oromoo keessatti kan duraati jechuu dha. Kana duwwaa miti, Seenaa Oromoo keessatti kan naannummaa fi gandummaa diriirrissee Oromoo addaan qoqoode hoogganummaa Daawud Ibsaa fi garreewwaan isaa ti. Kana callaa miti, seenaa qabsoo farra kolonii kan walabummaaf godhamu keessatti, Hayyuu Dureen sagantaa siyaasaa qabsoo, gara Impaayera tajaajjilutti jijjiiree fi dhaaba Impaayeraa wajjiin gamtaa tokkummaa kan ijaare Daawud Ibsaa Ayyaanaa duwwaa dha. Akkasumas, dhaalmaya aadaa Habashaa irraa fudhateen ABO keessatti qabsoo bilisummaa fi tokkummaa qabsaawotaa laamshessuuf ofittummaa fi of-tuullummaa kan daraarsee facaase Daawud Ibsaa Ayyaanaa fi gareewwan hordoftoota isaa qofa. Kun yakka ol’aanaa dha.

   Akkasumas, seenaa qabsoo farra koloneeffataa irratti walabummaaf geggeffamu keessatti, yeroo duraatiif kan gara biyya qabsoo bilisummaa saba isaa dura dhaabattutti baqate Daawud Ibsaa Ayyaanaa duwwaa dha. Kan itti baqatees biyya bilisummaa Oromiyaa dura dhaabbatu, Asmaraa, Eertiryaati. Eertiryaan qabsoo bilisummaa Oromoo heelgaddaas, dheengaddaas, fi kaleessaas dura dhaabataa ture; har’aas dura dhaabataa jirti. Kana duwwaa miti, seenaa qabsoo bilisummaa farra kolonii keessatti yeroo duraatiif, hoogganni waraana biyyaa bilisummaa saba isaa dura dhaabatutti fayyadamee, waraana bilisa baasaa saba isaa irratti duulchisee lammiiwwaan isaa galaafachiise Daawud Ibsaa duwwaa dha. Kun, bara 2002, waraana Eertiryaatiin gargaaramee, WBO Zoonii Kibbaa irratti waraana banee, lubbuu waraana WBO afurtamii jaha galaafachiise, Daawud Ibsaa Ayyaanaa ti. Akkasumas, Daawuud Ibaa, seenaa isaa keessatti, bosona Oromiyaa keessatti diinaan lolee fi lolchiisee nama beekuu miti. Jireenni isaa Waajjira Suudan, Leencoo Lataa fi Diimaa Nagoo fa wajjiin ture. Namni yeroo, duraatiif qabsoo bilisummaa keessatti, bosona, gaaraa, fi gammoojjii biyya fi saba isaa keessatti lolee fi lolichiisee hin beekne, kan garuu Hayyu Durummaa dhaabaa waraanaa ta’e Daawud Ibsaa Ayyaanaa duwwaa dha.

   Akkuma Oromoon makmaakaan jedhu, Simbirti afaan baruu yoo jalqabdu, jecha “Badii!” “Badii!” “Badii!” jedhuun jedhu. Kanarraan kan ka’e, simbirti waan sodaatu yoo argite jalaa baqati. Baqatuun, aadaa simbiraati. Kanumaan walfakkaata, kan Daawud Ibsaa Ayyaanaa illee. Gaafa dhuma bara 1998, hoogganummaa ABO itti kenname, afaan inni barate, “Baqadhu!” “Baqadhu!” “Baqadhu!” kan jedhu. Kanaaf baqate qabsoo keessa. Haalli kun, seenaa qabsoo bilisummaa ummata kamiiyyuu keessatti ta’ee hin beekamu. Kan Daawud Ibsaa, kan duraa ti. Obbo Battee Urgeessaa kana dhoksuuf tattaafataa akka ture namuu hin hubata. Yakka Daawud Ibaaa qabsoo Oromoo fi tokkummaa Oromoo irratti raawwatee turee fi jiru, dhoksuuf kan tattaafatu argina.

   Kan nama dhibuu garuu, hoogganni baqataan kun, qabsaawaa of fakkeessee saba gowwoomsuuf Alaabaa ABO uffatee, mallattoo ABO maxxanfatee, baarmexaa ABO mataa irra kaayatee, dhaadannoo bilisummaa dhaadataa, xalayaa maqaa ABOtiin barreessaa fi afaaniin tokkummaa faarsaa hojiidhaan garuu, ABO, qabsoo bilisummaa Oromoo fi tokkummaa qabsaawootaa dhabamsiisuuf diiggaa irratti bobba’e. Ammallee itti jira. Alaabaa ABO uffatuun fi afaaniin tokkummaa jechuun, fuuloo/mask Daawud Ibsaa fi kittillayyootni isaa ittiin of haguugaa turanii fi ammallee itti jiran. Gochootni Daawud Ibsaa fi fakkaattootini isaa hojjataa turanii fi jiran, faallaa tokkummaa ti; faallaa waan qabsaawootnii fi ummatni Oromoo hawwuu, amanuu, fi dhaabatuu ti. Hawwiin sabaa fi sab-boonoota Oromoo, hooggana tokkummaa ijaaru; hooggana jagna biyya keessatti loluu fi, saba gurmeessee lolchiisu, hooggana amanamaa fi fuuloo malee/unmasked qabaatuu barbaada. Garuu, rakkinni qabsoo bilisummaa Oromoo hooggana akkanaa qabaatuu dhabuu isaati.

   Dhugaan hubatamuu qabu, Daawud Ibsaa fi murni inni maqaa ABOn of jala hiriirsse kun, qabsoo Oromo, WBO, Oromiyaa fi saba Oromoo keessaa baqate. Dhugaa kana, haaluun hin danda’amu. Oromoon yoo makmaaku “Humni Naachaa bisaan/bishaanjedhu. Naachi bisaan/bishaan keessatti humna qaba jedhuu dha. Bishaantu isa gargaara jechuu dha; bishaaaniin ala, naachi humna hin qabaatu. Akkasumas, humni hoogganaa fi dhaaba tokkollee sabaa fi biyyya isaati. Sabni humna qabsooti. Hoogganni, waraana, sabaa fi biyya isaa keessaa baqate humna hin qabaatu. Biyyaa baqatuu jechuun, saba, biyya, tokkummaa dhaaboota bilisummaa illee, tokkummaa qabsaawootaa illee irraa baqatuu dha. Dhugaa kun, har’a hoogganummaa Daawud Ibsaatiin ifa ta’ee mul’ataa ture, ammaas jira. Kanarraan kan ka’e, Hoogganummaan Daawud Ibsaa, dhaaba laamshesse; qabsoo dadhabiise, miseensa diige; tokkummaa illee gaaga’e. Haalli kun, har’a warraaqsa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ifa ta’ee jira.

   Rakkinna fi hammeenna qabsoo bilisummaa Oromoo mudatuuf deemaa jiru kana hubatuudhaan General Waaqoo Guutuu, Jaaraa Abbaa Gadaa fi Galaasaa Dilboo marii godhan. Rakkinna qabsoo bilisummaa Oromoo irratti aggaammate kana furmaata argamsiisuuf dhaabotni sadiinuu humna tokkummaa ijaaruu murteessan. Asirratti Daawud Ibsaa illee wajjiin ture. Marii kana irraa kan ka’e, Tumma Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) ykn United Liberation Force of Oromia (ULFO) bara 2000 bu’uursan ykn ijaaran. D/T General Waaqoo Guutuu, I/A Jaaraa Abbaa Gadaa fi I/A Daawud Ibsaa yoo ta’an barreessan Galaasaa Dilboo ture. Kunis carraa jaarmiyaa, tokkummaa, fi qabsoo cimsuu ture. Daawud Ibsaa bu’uureeffama THBO kanatti gammachuu hin qabu ture. Sababni kanaas, General Waaqoo Guutuu, Sooressa Jaaraa Abbaa Gadaa, fi Hayyu Duree Galaasaa Dilboo namoota maqaa qaban, saba Oromoo keessatti; namoota waggaa dheeraaf qabsoo hidhannoo bosona, gaaraa fi gammoojjii Oromiyaa keessatti qabsoo hidhannoo adeemsisaa turan. Daawud Ibsaa, nama kanaan beekkamuu miti qabsaawotaa fi saba bal’aa Oromoo biratti. Hinaaffaan itti bule, jagnoota kana irratti. Kanaaf, isaan dhabamsiisuu barbaada ture, akka maqaan isaa ka’uuf. Eertiryaati fayyadamee ULFOn akka hin sochoone, akka laamshawu godhe. Akkasummas, Geneal Waaqoo Guutuu, Jaaraa Abbaa Gadaa fi Galaasaa Dilboo irratti duulli isaan galaafatuu jalqabame. Jireenna isaaniitiif jecha hundinuu Eertiryaa akka gad-lakkisan dirqaman. Hundi isaaniituu jireenna isaanii bosona Oromiyaa keessatti jagnoota, diina kufisaa turan.

   Bara 2001, ULFO diiguun dura, ABO keessatti walmormiin “Ajandaa Nagayya” irratti waggaa tokko guutuu adeemsifamaa ture. Jechuun, Walmormiin bara 1999, hoogganni biyyaa bahuun walqabattee “Ajaandaan Nagayaa” kan bara 2000 dhiyaate kun, hamma dhuma bara 2001 mormiin itti fuufe. Walmormiin kuniis, Impaayera diimookraatessuu fi biyya koloneeffatame walaboomsuun faallaa waliiti kan jedhu ture. Lachuu waan walitti araaramuu fi waliiin deemuu hin dandeenne, akkuma ifaa fi dukkanaa, jireennaa fi du’aa, dharaa fi dhugaa faallaa walii waan ta’aniif Waliigaluun dadhabamnaan, dhuma bara 2001, ABO mooraa lamatti gargar bahe. Isaaniis, mooraa walabummaa Oromiyaa fi mooraa diimookraateessummaa Impaayeera Itoophiyaatti/Abissiiniyaatti addaan fottoqe, ABOn. Mooraan Impaayera Itoophiyaa diimookraatessuu, jalqaba balaa duulaa fi lola kaayyoo siyaasaa qabsoo bilisummaa Oromoo dhabamsiisuu irratti adeemsifamuu jalqabee fi ammallee itti jiramu. Kanaan booda, Daawud Ibsaa ULFO irratti duula bane.

   Hagaya bara 2002, ABO-Shaneen akkuma Meles Zenawiif waadaa gale “Ajandaa Nagayaa” hojiirra oolchuuf jecha WBO Ajaja Zoonii Kibbaa, humnaan hidhannoo hiikkachiisuuf dunnuu ykn diingata/suddenly kaampii marsanii haleellaa hidhannoo irratti banan. Haleellaan sun ammoo loltoota mersenerii (mercenary) waraana biyya alaa, Eertiryaatiin gargaaramee dhiiga lammii qabsaawota bilisummaa Oromoo dhangalaasee ture. Akkumma asii olti jedhame lubbuu qabsaawota afurtamii jaha dhiiga jigsan. Hubatamuu kan nama irra jiru, Daawud Ibsaa waayee rephee lolaa Eertiryaa keessattii bara 1980 kan barsiise, EPLF. Daawud Ibsaa Ayyaanaa nama, Isaayyaas Afwerkii ABO keessatti akka gaafii Oromoo kolonii jedhu dura dhaabatuuf qopheeffate. Eertiryaan gaafiin Oromoo gaafii koloniitii miti jedha. Kanaaf, bara Elemoo Qilxuu fi qabsaawotni isa wajjiin turan, gargaarsa biyyaa Arabaa gaafataa turan, Isaayyaas Afwerkii faa akka gargaasi hin kennamnee fi waajjira banatuullee akka hin hayyamnee Araboota gaafataa fi irratti hojjataa turan. Eertiraan, Arabni akka gargaarsa Oromoof hin kennine duula geggeessite.

   Baruma 2002 kana, Wal-dhabdii ABO keessatti uumamee ABO, ABO-shanee fi ABO-TA (ABO-Transitional Authority yookin Oromiffaan ABO-Qaama Cehumsa) jedhamanitti addaan qoodamanii jiran, furmaata argamsiisuuf, gurmuun araarsaa kan Shanacha Jaarsummaa jedhamu ijaarame. Gurmuun kun, miseensoota shan kan akka Obbo Angaw Dhuguma, Luba Waaqitolaa Dinagde, Dr. Tilahun Gamta, Obbo Abdella Sulle, fi Dr. Hamdesa Tuso of keessaa qabu ijaarame. Xumarratti, walti araarsuu hin dandeenne. Maaliif yoo jedhame, ABO-shaneen, siyaasaa impaayera Itoophiyaa diimookraatessuun dunquqqooftee waan jirtuuf, gara ifa dhugaatti, gara kaayyoo qabsoo Oromiyaa walaboomsutti deebi’uu hin dandeenne. Kanaaf, Shanachi Jaarsummaa furmaata argamsiisuu hanqate. Barruun armaan jalatti Afaan Ingiliiziffaan maxanfame kun, gabaasaa/repoortii Shanachaa Jaarsummaa irraa kan fudhatame. Dheeraadha mee dubbisaa:

   This is the summary of Shanachaa Jarsummaa with the TA leadership. The Shanacha’s letter (p.3 #6) demands from the TA to make a “critical concession” to recognize the Shanee. The reason this critical concession is demanded, we are told, is “to save the organization”. QC fully agrees that we should “save the organization”. But, it is impossible to comprehend how an organization can be saved without saving its fundamental objective. In the case of the OLF, it must not be overlooked that it is the fundamental objective of liberation that has galvanized the Oromo people to make immeasurable sacrifices in life, limbs and property to achieve the objective. The TA also fully agrees that the OLF must have a unified leadership until the National Congress convenes and selects a new leadership. It is obvious that a divided leadership is a serious weakness for the OLF and for the liberation, unless the situation makes it impossible to protect the fundamental objective of the liberation itself. The situation must be seriously analyzed to save the organization, since, according to the TA, facts on the ground indicate that the Shanee cannot be trusted to protect the fundamental objective of the organization. When there is an objective situation that shows disloyalty of the leadership to the fundamental objective of the OLF, the TA needs a convincing reason from the Shanacha why it is critical to accept the same leadership instead of searching for an alternative option until a new leadership is elected.

   There are at least two objective reasons that, in TA’s view, make suspicious Shanee’s loyalty to the fundamental objective of liberation: There is a contradiction in what Shanee says and what it does in practice. The following can be cited as instances:

• It told the Shananacha that it (Shanee) is committed to the original objective of liberation and that it respects OLF constitution and byelaws. In practice, for instances:

a) The Shanee/Gumii declared on February 3, 2000 “Agenda for Peace” to work for the democratization of Ethiopia.

b) Shanee is working on the recommendation of a Task Force it created on 05/13/03 that the only viable option for the OLF is to accept the Ethiopian state and work for its democratization. c) According to information from a former functionary who resigned from the Voice of Oromo Liberation (VOL) in protest, a directive was given on January 11, 2004 from Shanee to abandon the original objective and focus on agitation for the democratization of Ethiopia

• While announcing acceptance of the peace proposal that includes a requirement for “both parties to participate in preparing the convening of the National Congress” (Peace Proposal p.8 #3[b]), the Shanee/Gumii unilaterally “decided to resume the preparation for the next OLF National Congress to be realized within a year” (Shanee/Gumii resolution posted on Oromianet on Dec. 10, 2003).

The second reason for suspecting Shanee’s loyalty to the fundamental objective of liberation is its deliberate avoidance of open discussion of the core issue of the conflict to find a genuine solution. Without any concern about the consequences of its actions for the national cause, Shanee has chosen character assassination, inciting parochialism and clannish differences to divert attention from discussion of the real issue. As observed by the Shanacha, the cost of the conflict to Oromo national cause has been “very serious”. If the Shanee were loyal to the national cause – i.e. the fundamental objective of the OLF – it would not dwell on doubletalk and hide-and-seek about the core issue of the conflict at the cost of the national cause.

   From the inception of the conflict, the Shanee was accused of duplicity regarding the fundamental objective of the OLF – liberation of the Oromo people from alien domination. It is a mistake to take this strategic difference as personal difference between OLF officials. Such approach overlooks the need to resolve the core issue of how to provide a meaningful mechanism to protect the fundamental objective of liberation against abuse of power. We would like to recall some of the moments we explained to the Shanacha that the conflict within the OLF is not due to personal differences between officials.

1. In the discussion on 05/13-4/02 between Jaal Galaasaa Dilboo, the former OLF Secretary General, and Dr. Hamdesa Tuso, Chairman of Shanacha, J/Galasaa explained the background of the problem and that the conflict is not on personal matters. He enumerated the points of differences between the TA and Shanee on strategic objective of the national struggle.

2. Jaal Abiyu Geleta, representative of the TA, met the Shanacha on 06/01/02 and showed them relevant documents that reveal Shanee’s decision to join the political process of the Ethiopian empire-state and TA’s objection on the ground that the decision violates the fundamental objective of the OLF.

3. In its reply to Shanachaa’s proposal, the TA said that Shanee’s “peace agenda” is a continuation of a trend followed by some members of the former OLF leadership (i.e. the current Yubaa) who had secretly agreed to renounce armed struggle and to accept the constitution of Ethiopian, which is basically an instrument of domination. The reply stressed that Shanee’s commitment to the objective of democratization of Ethiopia in violation of the fundamental objective of liberation is the primary cause of the conflict (Shanacha Jaarsummaa, A Report on the Peace Process to Resolve the Conflict within OLF Leadership, October 01, 2004, pp. 100-101).

   Bara 2003, gareen ABO-shanee kun kora isaa Eertiryaa, Asmaraatti taa’een sabboontotni Oromoo hundeessitoota Waraana Bilisummaa Oromoo ta’anii fi qabsoo kana hooggananii fi ammas hoogganaa jiran akka du’an murtee dabarsee ture. Namoota duutti itti murtaawe keessaa Galaasaa Dilboo, Abiyyuu Galataa, Dhugaasaa Bakakkoo fi kkf turan. THBO keessa General Waaqoo Guutuu fi Jaaraa Abbaa Gadaa turan. Hundi isaniituu “Ajandaa Nagayaa” dura dhabatan; fudhatuu didan. Odoo tarkaanfiin irratti hinfudhatamin hundinuu Eertiryaa gad-lakkisanii bahan. Galaasaa Dilboo gara UK, Jaaraa Abbaa Gadaa gara Yemeen, General Waaqo Guutuu gara Keeniyaa deeman. Keessattuu, hundi isaaniituu, jaalalaa, kabajjaa, ulfinnaa, fi beekkumtii ummata Oromoo irraa waan qabaniifi jecha, ABO-shaneen isaan jibbite. Ajandaa Nagayaa fudhachuun salphinaa, qaanii, fi kufaatii fudhachuu ta’a jedhan. “Ajandaa Nagayaa” jedhu diduudhaan Kaayoo Bilisummaa ganuu didan. Wanti Daawud Ibsaa fi deeggartoonni isaa hubachuu dadhaban, yaada miidhaa qabsoo fi tokkummaa irratti geessisu mormuun, diduun, saaxiluun, dura dhaabatuun dantaa sabaaf falmuun bifa sabboonummaa isa ol’aanaa ta’uu isaati. General Waaquu Guutuu, Jaaraa Abbaa Gadaa fi Galaasaa DilbooAjandaa Nagayaa” ABO-shanee, hin morman, saaxilan, dura dhaabatan. Kanaaf, Daawud Ibsaa Ayyaanaa fi maammiltootni isaa, jagnoota Oromo kanniin diineeffatan; ajjeechaa irratti murteessan. Haalli kun, akka Eertiryaa keesaa baqatan isaan dirqisiise.

   Bara 2004, gareen ABO-shanee kun Ministeerri Dhimma Alaa Noorweey konfiraansii sirna koloneeffataa Meles Zeenaawi waliin araara argachuuf karaa fi mala haaromsuu danda’u akka ispoonsara godhu gaafate. Gaafiin kun fudhatama argatee Konferaansii kana kan ispoonsara godhe Chr. Michelsen Institute (CMI) kan jedhamu. Sunis konfiraansii Bergen jedhamutti bu’aa isaa fide. Konfiraansiin kun, yaada sagantaa siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) jijjiiruuf qabxii ka’umsa ta’e.

Konfiraansii Fulbaana 27 – Onkololeessa 1, 2004 Bergen, Norway keessatti haga godhateen booda, ABO-shaneen jecha “STATEMENT OF THE CONFERENCE ON CONFLICT RESOLUTION” jedhu baase. Qabxiin armaan jalaa kan isa kana keessaa fudhatme akkana jedha:

“…..We take pride in that Oromos of all walks of life have come to the realization that they have one aspiration and goal: exercising their right to national self-determination and live in democracy, peace and harmony with all peoples in Ethiopia….We are convinced that the realization of the Oromo nation’s right to self-determination is a must for a peaceful, democratic unity, stability and coexistence of all the peoples in Ethiopia….We believe that free, fair and periodic elections are the cornerstones of democracy. And this requires the existence of the rule of law, a peaceful atmosphere, a level playing field, equal access to resources and a professional and independent election administration body… (Ibid PP. 66-67).

Akkuma barruu Afaan Ingiliizii kanarraa hubatamu, murteen Bergen konfiraansii irratti fudhatame Oromoon hawwii fi kaayyoo tokko qaba jedha. Hawwii fi kaayyoon isaan qaban kuniis, hiree murteeffannaa Itoophiyaa keessatti jedha. Rakkoon Oromoo Itoophiyaa keessatti furmaata argata jedha. Lammummaan Saba Oromoo, Itoophiyaawa jechuu ta’a. Akka murtee konfiraanii Bergen kanatti, Oromoon saba koloneeffatamee miti, saba cunqurfame; Oromiyaan qaama Itoophiyaati. Daawud Ibsaa Ayyaanaa fi kittillayyootni isaa, konfiraansii Bergen irratti kana murteeffatan. Kanaaf ABO-shaneeAjandaa Nagayaa” hafarsa; kanaaf dhaaba nafxanyootaa CUD wajjiin Gamtaa Bilisummaa fi Dimokiraasii- Alliance for Freedom and Democracy jedhamu gurmeeffate. ABO, dhaaba bilisa baasaa Oromiyaa odoo hintaane, paartii mormituu Itoophiyaati jechuu fudhatan. ABO-shaneen dhaaba mormituu aangoo siyaasaatiif dorgomii akka lammii Itoophiyaati kan godhu jechuu fudhatan. Fakkeennaaf, dhabni akka lammii Itoophiyaati of ilaalu, Koongiresii Federalawaa Oromoo (KFO), ABO-shaneenis isaan addaa miti. Asirratti kan irraanfatamuun hin qabne, paartii Mormituu jechuun dhaabni mormituun, lammii saba biyya sanaa ta’uu isaati; hundinuu biyya tokko waliin qabaatuudha. Dhaabni saba koloneeffatamee, Paartii mormituu ta’uu hin danda’u. Maaliif yoo jedhame, koloneeffataanii fi koloneeffatamaan biyya tokko waliin hin qabaatan; lammummaa waloo illee waliin hin qabaatan. Bilisa baasaan, paartii mormituu ta’uu hin danda’u.

Akkuma Konfiraansii Onkololessa/Oct. 1, 2004 kan Chr. Michelsen Institute (CMI) ispoonsara godhee qopheesse irratti hawwii fi fedhiin hiree murteeffannaan Oromoo Itoophiyaa keessatti furmaata argata jechuu murteessaniin booda, Obboo Daawud Ibsaa Ayyaanaa haasawa galatooffata isaa irratti akkana jedhe:

   Our struggle has come a long way overcoming many obstacles.  Viewed from a long-term perspective, our struggle is in a much better state than it has ever been. We are looking forward to the convening of the 3rd OLF Congress and we believe that it will enhance and further strengthen our organization and take the Oromo national liberation struggle to a new and promising phase.  And I call upon all of you to give the necessary support for the success of this upcoming Congress.

   Finally, Dr. Pausewang, I would like to assure you that in its part the OLF is ready to go extra miles to peacefully and democratically resolve the Oromo people’s quest for national self-determination. Let us please stand shoulder to shoulder in this noble endeavor. With your constant engagement we are confident that we will achieve peace of the brave.

Hiikkaan kanaa Oromiffaan akkana jedha:   Qabsoon keenna gufuulee hedduu irra aanuun karaa dheeraa deemee jira. Ija yeroo dheeraatiin yoo ilaalle, qabsoon keenna haala yeroo kamiyyuu caalaa baay’ee fooyya’aa/wayyaawa keessa jira. Walgahii Kora ABO 3ffaa hawwiidhaan eeggataa kan jirru yoo ta’u, jaarmiyaa keenya baay’ee guddisee fi baay’ee cimsee qabsoo bilisummaa saba Oromoo gara marsaa haaraa fi abdachiisaatti akka ceesisu ni amanna.

   Dhumarratti, Dr. Pausewang, gama isaatiin Addi Bilisummaa Oromoo gaaffii hiree murteeffannaa sabaa ummata Oromoo karaa nagayaa fi diimookiraatawaa furuuf maayilii dabalataa deemuuf qophii ta’uu isaa isiniif mirkaneessuu barbaada. Mee carraaqqii kabajamaa kana keessatti gurmuu fi gurmuu wal qabannee haa dhaabbannu. Hirmaannaa yeroo hunda gootan kanaan nagaa jajjaboo akka argannu amantaa qabna.

   Erga addaan bayamee booda,ispoonsara fi haala mijeessuu tattaaffii nagayaa Dr. Ismaa’eel Nokoo, Barreessaa Olaanaa Federeeshinii Luteraanii Addunyaa, Lutheran World Federation (LWF), MM Meles Zeenaawii fi hoggansa ABO-shanee jidduutti taasifameen Konfiraansiin Bergen (Bergen, Norway, Onkoloolessa 1, 2004) geggeeffamee ture. Asirratti filannoon bara 2005, filannoo haqa qabeessaa fi bilisaa ta’a jedhe. ABOn kana fudhatuu qaba jedhe.  Konfiraansii kanarratti haalli Meles Zeenaawii, Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa filannoo bara 2005 irratti akka hirmaatan gaafatee fudhatama argate. Innis, ABO hidhannoo hiikachuu, qabsoo hidhannoo lagachuu, Sagantaa Siyaasaa ABO jijjiiruu, heera Itoophiyaa fi tokkummaa Itoophiyaa fudhatuu, fi paartii hundeeffatuu kan jedhan turan. Konfiraansii Bergen irratti hirmaattonni hundi ABOn filannoo haqa qabeessaa fi bilisa ta’e fudhatuu irraa homaa akka hin dhabne waliigalan. ABO-Shaneen kana fudhate. Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa kana fudhatanii hojjiirraa olchuuf qophaawaa turan. Daawud Ibsaa mootummaa Meles Zeenaawii waliin mariidhaaf shaffisa guutuun deemee Sagantaa siyaasaa ABO guutummaatti dhiisuu barbaade.

   Haata‘u malee, yeroo gara biraa, odoo gareewwam ABO-shanee qophiirra jiran, Meles Zeenaawii yaada gara biraa lama dhiyeeseef. Isaaniis, tokkoofaan, yoo galame, yakka Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), yeroo mootummaa ce’umsaa keessa ture raawwateef, hoogganni ABO, mootummaa Itoophiyaa fi ummata Itoophiyaa TV fi Raadiyoo irratti bahee dhiifama gaafatuu qaba kan jedhu yoo ta’u; kan lammafaa, ammoo, yakka Baddanoo fi Arbaa Guugutti ABO raawwateef, yoo yakka ta’e saniif, maatiin yakki irratti raawwatame hooggana ABO irratti himannaa mana seeraa irratti dhiyeessan, mootuumaan waabii isaaf ta’uu hin danda’u kan jedhu beeksise.

   Kun waan ABO-shaneen, Meles Zeenaawii irraa, hin eegne ture. Asirratti haal-dureen, Meles Zeenaawii dhiyeesseef kun, ABO-shanee irraa miila kute; hin naaffise; hawwii galanii filannoo bara 2005 irraa qooda fudhachuu jalaa dukkaneesse. Aarii kana irraan kan ka’e, Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa mogoleen raafamee fuula isaanii gara dhaaba Amharaa Qinijjiitii (CUD) deebifatan. Akkuma beekamu, CUD gamtaa dhaaboota Amhaaraa afur kan akka Liigii Diimookiraatawaa Itoophiyaa, Paartii Tokkummaa Itoophiyaa Guutuu (AEUP), Paartii Diimookiraatawaa Itoophiyaa, Tokkummaa-Paartii Medhin, fi Rainbow Itoophiaa kan jedhamaniiti. ABP-Shaneen dhaaboota kanniin waliin miltoota siyaasaa Amhaaraa ta’utti seenan. Kanaaf, aarii kanaan akkuma Norway deebi’aniin Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa bara 2004 Muddee keessa Kora Sabaa qopheefatan. Kora kana irratti Sagantaa ABO kan bara 1998 jijjiiran. 

Dhaaba Amhaaraa, Qinijiitiin waliin tokkummaa uumatuuf jecha tokkummaa Itoophiyaa fi qabsoo Impaaeyera Itoophiyaa diimookraatessuu fudhatan. Amanamummaa impaayera Itoophiyaa diimookraatessuu fi miiltoo siyaasaa Amhaaraa hordofuuf kutannoo qaban mul’isuuf, ABO-Shaneen Kora Sabaa 3ffaa Muddee bara 2004 Asmaraa, Eertiryaatti, qopheeffate. Asirratti Sagantaa Siyaasaa ABO, bara 1998, qabxiilee heddu keessaa haqee, Sagantaa Siyaasaa haarawa bara 2004 tolfate. Korri Sabaa ABO-shanee murtee Afaan Ingiliziitiin akkana jedhuun Sagantaa Siyaasaa haarawa tolfate. Inniis akkana jedha:

The Congress came out with a more pragmatic political program. The new OLF political program focuses on freeing the Oromo and other peoples from subjugation, marginalization and exploitation by the minority. The program envisions that it will be in the best interest of the Oromo to seek new and diverse forms of association with all other peoples in Ethiopia … to jointly advance common interests and face common challenges together…. The OLF is determined to pool the voices and energies of the various stakeholders to make this vision a reality. To this effect, the Congress delegated the Council to bring its policies in line with changing realities and its modus operandi in tune with this new vision…. The Congress devised a new organizational model that can best rally the Oromo people as well as other peoples. The chief weapon in the hands of the Oromo movement is the number of its target constituency….and its appeal to many other peoples in Ethiopia…. (Ibid p. 71)

Ibsa armaan olii kana keessatti Dhaaba nafxanyootaa CUDtti makamanii gamtaa tokkummaa ijaarachuuf, goobanoonni haarawwan (neo-gobanist) Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa, Sagantaa Siyaasaa ABO bara 1998 keessaa Keeyyatoota armaan gadiitti tarreeffaman haqan. Isaaniis kunooti:

Keeyyata II. Diinoota Qabsoo Kanaa

1. Ummatni Oromoon erga kiyyoo kolonii Itoophiyaa jelatti kufee koloneeffatamee kaasee mootummoota Itoophiyaa kanneen darabee aangoo qabatan hundaan mirga isaa sarbamee, qabeenyaa isaa saamamee, biyya isaa irratti mirga abbaa biyyummaa dhabee jiraate,diina qabsoo bilisummaa ummata Oromoo ti.

2. Humnootniin nafxanyootaa aangoo harkaa buute deebifachuun sirana impaayerummaa biyyichaa turfachuu dharraa’anii fi mirga hiree murteeffanna ummatootaa dura dhaabatan diina qabsoo Oromoo ti.

3. Humnootni alaa kanneen impaarummaa Itoophiyaa tiksuu irraa daantaa qabaachuun mirkanaawuu mirga hiree murteeffannaa, diimokraasii, nagaa fi kabajjamuu mirga dhala namaa dura dhaabbatan diina qabsoo bilisummaa Oromoo ti.

4. Oromoonni gantoonni murnaannis ta’ee nam-tokkeen impaayerichi tiksfamuu irraa dantaa qabaachuun bilisummaa Oromoo dura dhaabbatan diina qabsoo bilisummaa Oromoo ti.

Keeyyata III: Utubaa Qabsichaa.Ummatni bal’aan Oromiyaa fi sab-boontotni Oromoo akeeka sagantaa ABO fudhatanii Qabsichatti hiriiranii fi dirmatan utubaa qabsoo kanaa ti.

Keeyyata V. laakoofsa A.Akeeka Siyaasaa jedhu keessaa “ Hundeen akeeka qabsoo kanaa mirga hiree murteeffanna ummata Oromoo argamsiisuuf sirna Impaayera Itoophiyaa diiguudhaan, Oromiyaa kolonii, hacuuccaa, fi saaminsa jelaa bilisa baasuun mootummaa walba diimookraatika riipppaablika Oromiyaa dhaabee iggitii itti godhuu dha” kan jedhu sagantaa siyaasaa keessaa haqe.

Isa kana, akkana jechuun bakka buufate ABO-Shanee Sagantaa isaa bara 2004 keessati. Afaan Ingiliziitiin”The fundamental objective of the liberation struggle is the fulfilment of national aspiration of the Oromo people to exercise its legitimate right of self-determination.”

   Afaan Oromootti yoo hiikame:”Kaayyoon bu’uuraa qabsoo bilisummaa hawwii sabaa ummanni Oromoo mirga hiree murteeffannaa seera qabeessa ta’e hojiirra oolchuuf qabu galmaan ga’uudha” jedha. Sagantaa Siyaasaa ABO kan bara 1998, hamma jijjiireen booda tokkoffaa maqaa Koree Hojii Raawwachiiftuu (KHR) kan jedhamuun ABO ittiin hojjataa ture, akkuma Hoogganummaa ABO fudhateen bara 1998 ABO-shaneen jedhee moggaafatee ittiin fayyadamaa ture. Amma kora ABO-shanee bara 2004 godhate kanarratti seeran gara maqaa ABO-Shanee jedhutti jijjiirate. Kanaaf, bara 2004 irraa jalqabee hamma har’atti Daawud Ibsaa fi gareewwan isaan hoogganamu seera kora bara 2004n ABO-Shanee jedhamanii waamamu. 

   Kanaan boodda, Kora Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa qopheessan kan bara 2004 irraatti, sagantaa Siyaasaa ABO bara 1998 jijjiiran. Baruma kana, bara 2004, dhaabni Adda Walabumma Oromiyaa (AWO) ofiin jedhu irra fottoqe.

Caamsaa 22, 2006 ABO-shaneen, dhaba nafxanyoota Amharaa “Coalition for Freedom and Democracy (CUD)” jedhu kan Afaan Amhaaraatiin Qinijiiti jedhamutti makamuudhaan konfiraansii Utrecht, Holland keessatti taasisaniin “Gamtaa Bilisummaa fi Dimokiraasii” –Alliance for Freedom and Democracy (AFD) jedhu dhaaba ijaaratan. Kun, gamtaa tokkummaa cunqursaa fi cunqurfamaa ti; gamtaa koloneeffataa fi koloneeffatamaa ti; gamtaa garboomfataa fi garboomfatamaa ti. Seenaa Oromoo keessatti, yeroo duraatiif finxaaleeyyii qubattoota koloneeffatoota Habashaa kanniin duguuggaa sanyii, harmaa-harka muraa Aannolee fi Calii Calanqoo Meneliki Oromoo irratti raawwate dhugaa miti, asoosama jedhee murna murmuu fi waakkatu wajjiin gamtaa tokkummaa kan ijaarate, ABO-shanee Daawud Ibsaa Ayyaanaa hoogganamu duwwaa dha. Daawud Ibsaa Ayyaanaa, ABO diigee, kaayyoo qabsoo Oromoo faalleessee fi tokkummaa Oromoo xireeffatee ilmaan Menelikii maatii bineessaa irree qabatee gamtaa tokkummaa AFD ijraate. Afaan Amhaariffaan “Oromummaa yiwudam”-Oromummaan diigamuu, dhabamuu qaba jedhee hiriira bahuun ifaa fi ifatti jibbiinsaa fi diinummaa Oromoorratti adunyaa duratti labsaa turee fi jiru wajjiin tumsa tokkummaa ijaarate.  

   Asirratti,karaa gara biraatiinillee yoo ilaalame, dhaaboota Oromoo wajjiin odoo tokkummaa hin uumne, Qinijjiitiin, dhaaba naxayaa diina Oromoo fi qabsoo Oromoo wajjiin tokkummaa uumuun “salaamaawii oneg” jedhamaa kan ture dhoomfate. Firaa diinaa irraa gurmuu horatuudhaan qabsoo Oromoo dadhabsiisuu gocha aggaatame.  Kun, seenaa keessatti yakka hiriyaa hin qabne. ABO-shaneen, Shanee Qinijjiiti jedhamuun beekama ture.

  Tokkuummaan Itoophiyaa haa daraaru! YeItoophiyaa andinnati yilamlim!

Tokkummaan Itoophiyaa haa daraartu jechuudhan Daawid Ibsaa irree finxaaleeyyii Amhaaraa qabate. Garuu, guyyaa tokkollee tokkummaa Oromootiif irree qabsaawoota lammii Oromoo qabatee hin beeku. 

   Gaabaabamatti tarkaanfiin jalqabaa kan Daawud Ibsaa Ayyaanaa (CUD) wajjiin Gamtaa Bilisummaa fi Dimokiraasii (AFD) ijaaruuf qabxiileen inni sagantaa Siyaasaa ABO keessaa haqe kaniin. Isaaniis:

  1. Sirna Impaayera Itoophiyaa diiguu;
  2. Oromiyaa kolonii, hacuccaa fi saaminsa jala bilisa baasuu;
  3. Mootummaa walaba Oromiyaa dhaabee iggitii itti godhuu
  4. Qabsoo farra koloneeffataa fi farra impaayeraalistii geggeessuu;
  5. Republika Dimokrasii Oromiyaa ijaaruu;
  6. Rippabiliika Dimookiraatawaa Ummataa Oromiyaa/People’s Democratc Republic of Oromiyaa;
  7. Utubaan qabsoo Oromoo ummata Oromoo fi saboboonoota Oromoo;
  8. Humnootni impaayerummaa turfachuu dharraa’anii fi mirga hiree murteeffanna ummatootaa dura dhaabatan kkf diina qabsoo Oromoo ti jedha.

Mee qalbiin dubbisaa, waan Awurooppaatti Bakka Bu’aan ABO-shanee, Dr. Shiguxi Galataa, Koreen Waloo Dhimma Alaa Aayilaandi irratti dubbate kana.

   Muddee/Dec 10, 2006 (DUBLIN) Sudan Tribun reported “OLF urges Ireland to press for democratic change in Ethiopia….. In a speech before the Irish Joint Committee on Foreign Affairs, the OLF Representative in Europe, Dr. Shigut Geleta, We are still committed to enabling our people to exercise its inalienable right to self-government…. But given its huge democracy and central location, the Oromo bears great and special responsibility in creating the conditions for democracy and stability. It is in our self-interest to champion democracy and freedom for all….It is in this spirit that OLF took a key role in the formation of the Alliance for Freedom and Democracy (AFD). AFD brings together the major Ethiopian opposition parties and liberation organizations. Its birth has created hope that a new beginning is possible. By bringing together the cross section of the society across the divides, AFD and its inclusive vision have offered a real alternative to the regime on power.

   ABO-Shaneen Daawud Ibsaan hoogganamu akkaataa kanaan lammiiwwan Oromo kan hubannoo hin qabne, gowwomsaa turan; ammallee gowwomsaatuma jiru. Sabni Oromoo diinaaf gowwoomee hin beeku seenaa isaaa keessatti. Kanaaf, waggaa dhibbaa fi shantamii oliif qabsoo farra koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa dura dhaabataa turan. Har’a kan nama gaddisiisu, kan mana barumsaa deemee, BA, Masters fi PhD qabatee siyaasaan hin galeeftu Oromiyaa keessa guute. Kun gadda guddaa dha. Yaa jarana damaqaa. Dukkanaa fi hurrii siyaasaan impaayerri Itoophiyaa keessa isin seensifte keesaa baha.

   Adooleessa 19, 2007, ABO-shaneen gargaarsa CUDn, ABO-Qaama Cehumsaa irratti Magaalaa  Miniyaapoolis, Minnesota, Ameerikaa Kaabaa keessatti himata bane. Himannaan ABO-Shanee, ABO_Qaamni Cehumsa, maqaa ABO, asxaa ABO, fi Alaabaa ABO fayyadamuu hin dada’u kan jedhu sababa himannoo isaa ture.

   Himannaan kun maqaa ABO, mallattoo daldalaa Shanee-ABO ta’uu himate; Kanaaf, Qaamni Cehumsa-ABO, maqaa ABO, asxaa isaa, fi alaabaa isaa fayyadamuun “Uniform Deceptive Trade Practices Act” cabseera, akkasumas “Prospective economic advantage” Shanee-ABO keessa seene jechuun falme. Himannaan ABO-shaneen, ABO-Qaama Cehumsaa maqaa ABO fi asxaa isaa fayyadamuudhaan miidhaa diinagdee fi bu’aa irratti kasaaraa ABO-shanee irratti fide jechuun raga tokko malee mana murtii seeraa irratti himannaa dhiyeeffate. Manni Seeraas ragaa hin qabdan jedhee himannaa ABO-Shanee jalaa kuffise. Manni murtii dhimma erga dhaggeeffatee booda dhimma kuffisee waan ta’eef Qaamni Cehumsa-ABO mana murtii Seeraa irratti injifate. Jechuun, ABO-Qaamni cehumasaa himannoo ABO-shanee dhiyyeefate injifannoon irra aane murtee mana seeraatiin. Manni Seeraa, seenaa ABO haga qorateen booda, ABO maqaa daldalaa akka hin taane ifaa fi ifatti ABO-Shaneetti hime. Himannoon ABO-shanee seera qabeessa akka hin taane itti hime. Hundinuu alaabaa, asxaa fi mallattoo isaa hundaa itti fayyadamuu dandeetu jedhe. Maqaan ABO fi alaabaan kuniin qabeenna Oromooti jedhe. Asirratti, mani seeraa ABO-shanee saaxile.

STATE OF MINNESOTA COUNTY OF HENNEPIN, DISTRICT COURT

                                                        MEMORAMDUM OF LAW

The Plaintiffs (Plaintiffs OLF) filed claims against the Defendants (Defendants OLF):

“This case arises out of Defendants use of the name “Oromo Liberation Front” (“OLF”) and logo. Plaintiffs claim exclusive right to this name and logo and have brought claim against Defendants for violation of deceptive trade practices act, interference with prospective economic advantage, false statement in advertisement declaratory judgment.”  In bringing this action, plaintiffs have assert that they are seeking injustice relief. In response to Plaintiffs’ action, Defendants assert that they are entitled to use both the OLF name and logo. The parties have now brought cross motion for summary judgment.

   The OLF began in Ethiopia in 1973 with the objective of establishing an independent Oromia for the Oromo people. The Oromo people make up approximately 40% of the population of Ethiopia. The OLF uses a flag. It is disputed whether the symbol on the flag was created for, and solely represent, the OLF or whether it is a symbol used by the Oromo people regardless of their affiliation with the OLF.

   The individual Defendants were members of the OLF.  Some individual Defendants have been members of the OLF since its inception in 1973. Beginning in 1999 through approximately 2001, the OLF members began disputing the methods of accomplishing their mission.

   In 2001, the National OLF began supporting the policy of recognizing the Ethiopian government. There were members who did not agree with this policy. The Defendants rejected the authority of the National OLF, but also continued operating under the name of the OLF.

In or around July 2007, both the plaintiff OLF and the Defendant OLF advertizd and held conferences in the same building on the same date. Both indicated that their conferences were under the auspices of the OLF. The purpose of the conferenes was to raise awareness of the issues surrounding the Oromo people and there is no evidence that either the Plantiff OLF or the Defendant OLF made statements damaging the other.

The above-entittle matter came on for hearing before the undersigned Judge of District Court on June 18, 2008 Pursuant to cross motions for summary judgment.

Attorney Paul Overson appeared representing Plaintiffs.

Attorney Beau McGraw appeared representing Defendants.

Based on files, records, and proceedings herein, together with the argument of counsel, the Court makes the following:

                           ORDER

It is Hereby Ordered That:

  1. The Plaintiffs’ motion for partial summary judgment is denied.
  2.  The defendants’ motion for partial summary judgment is Granted.
  3. The Plaintiff OLF’s claims against the Defendants are Dismissed without prejudice. Defendants are awarded costs and disbursements.
  4. The attached Memorandum of Law is made a part of this order

                    LIST JUDGMENT BE ENTERED ACCORDINGLY.

                               BY THE COURT:

                                Deborah Hedlund

Date: September 8, 2008         Judge of District Court

Hiiikkaa gara Afaan Oromootti:

KOONYAA MINNESOTA KUTAA HENNEPIN, MANA MURTII AANAA

                      YAADANNOO SEERAA

Himattoonni (Himattoonni OLF) Himatamtoota (Himatamtoota OLF) irratti himannaa dhiyeessan:

Dhimmi kun, kan ka’e Himatamtoonni maqaa “Addi Bilisummaa Oromoo” (“ABO”) fi asxaa fayyadamuu irraati. Himattoonni maqaa fi asxaa kanaaf mirga addaa kan himan yoo ta’u, seera gocha daldalaa gowwoomsaa cabsuu, faayidaa dinagdee dhufu jidduu seenuun, murtii labsii beeksisa keessatti ibsa sobaa himatamtoota irratti himannaa dhiyeessanii jiru. Himattoonni himannaa kana dhiyeessuun haqa dhabuu irraa bilisa ta’uu barbaadaa akka jiran mirkaneessanii jiru. Tarkaanfii Himattootaa kanaaf, deebii kennuudhaan Himatamtoonni maqaa fi asxaa ABO lamaanuu fayyadamuuf mirga akka qaban mirkaneessan.

   ABO bara 1973 Itoophiyaa keessatti kan eegale Oromiyaa walaba taate ummata Oromoof hundeessuuf kaayyeffatee ti. Ummanni Oromoo ummata Itoophiyaa keessaa tilmaamaan dhibbeentaa afurtama (40%). Mallattoon alaabaa irra jiru kana kan uumame, kan bakka bu’u qofaa isaa ABOf moo mallattoo Ummanni Oromoo hidhata ABO waliin qabu osoo hin ilaalin itti fayyadamu ta’uu isaa hin falmisiisa.

  Himatamtoonni dhuunfaa miseensota ABO turan. Himatamtoonni dhuunfaa tokko tokko erga bara 1973 hundeeffamee kaasee miseensa ABO ti. Bara 1999 irraa eegalee, haga tilmaamaan bara 2001tti miseensonni ABO mala ergama isaanii galmaan gahuuf wal falmuu jalqaban.

   Bara 2001 ABO Biyyaalessaa imaammata mootummaa Itoophiyaa beekamtii kennuu eegale. Miseensonni imaammata kana irratti walii hin galle turan. Himatamtoonni aangoo hooggana ABO diduu malee maqaa ABO jedhuun sochii itti fufan.

Ji’a Adoolleessaa/July 2007 keessa ykn naannoo sanatti himataan ABO fi Himatamaan ABO lamaan isaaniiyyuu guyyaa tokkotti gamoo tokko keessatti beeksisa baasanii konfiraansii gaggeessanii jiru. Lamaanuu konfiraansiin isaanii to’annoo Waraana Bilisummaa Oromoo jala akka ture agarsiisan. Kaayyoon konfiraansii kanaa dhimmoota uummata Oromoo marsanii jiran irratti hubannoo uumuu waan ta’eef Himatamaan ABO ykn Himatamaan ABO ibsa isa kaan miidhu akka kenne ragaan hin jiru.

Dhimmi mata duree armaan olitti ibsame kun Abbaa Murtii Mana Murtii Aanaa armaan gaditti mallatteesse duratti Waxabajjii 18, 2008, Bu’uura yaada qaxxaamuraa murtii gaggabaabootiin dhiyaateera.

Abukaatoon Paul Overson Himattoota bakka bu’ee dhiyaate.

Abukaatoon Beau McGraw Himatamtoota bakka bu’ee dhiyaate.

Manni seeraa murtii yoo kennu Afaan Oromoottiin akka jedha: Faayilota, galmeewwanii fi adeemsa as keessatti dhiyaate irratti hundaa’uun falmii abukaatoo waliin ta’uun Manni Murtichaa kanneen armaan gadii ni taasisa:

                        AJAJa

Akkasitti Ajajameera:

  1. Himattoonni murtii gaggabaabaa gartokkee akka kennamuuf dhiyeessan ni haalameera.
  2. Himatamtoonni murtii gaggabaabaa gartokkee akka kennamuuf dhiyeessan Raggaasifame.
  3. Himatamaan ABO Himatamtoota irratti dhiheesse loogii malee Kufaa ta’a. Himatamtoonni baasii fi kaffaltii ni badhaafamu.
  4. Yaadannoo Seeraa walitti qabame qaama ajaja kanaa taasifama

                MURTII TARREESSAA AKKAATAAN GALMAAN TA’UU.

                       MANNI MURTII:

                       Deborah Hedlund

                       Abbaa Murtii Mana Murtii Aanaa

Guyyaa: Hagayya 8, 2008

Hubachiisa: Asirratti kan hubatamuu qabu, seenaa Oromoo keessatti yeroo duraatiif garaagarummaa siyaasaatiif jedhee, mana seeraa alagaa irratti himannaa dhaaba Oromo irratti dhiyeesse ABO-shanee Daawud Ibsaa Abyyanaatiin hoogganumu duwwaa dha. Daawud Ibsaa Abyyaanaa goobana haarawa. Kan ABO diige, Oromoo gandaan, naannoo,fi lagaan facaase, kan qabsaawota Oromoo diinaaf dabarsee kennee, fi kan diina wajjiin tumsa tokkummaa uumate seernaa Oromoo keessatti Daawud Ibsaa Abyaanaa fi gareewwan isaati. Kun, yoomiyyuu taanaan seenaa kessatti hin irraanfatamne.

   Kaayyoon “Uniform Deceptive Trade Practive Act” jedhu kun daldaltoonni amanamoo hin taane daldala amanamoo gabaa isaanii keessatti dorgoman sana irratti miidhaa akka hin geessisne dhoogga. “Prospective economic advantage” jechuun ammoo faayidaa dinagdee gara fuula duraa qabnu keessa seene ABO-Qaamni Cehusa bu’aa nurraa fudhatuu keessa seenee jira jedhee himate ABO-Shaneen. Manni Seeraa kana lachuu ABO-Shanee jalaa kuffisse.

   Hagayya 8, 2007, Dawud Ibsaa, the Chairman of the group, told The Horn of Africa Journalist Association, “The OLF wants to participate in the political process as a party or as a political organization” 

Oromiffaan: Gaafa Hagayya 8, 2007, Dura Taa’aan garee kanaa Dawud Ibsaa Waldaa Gaazexeessitoota Gaanfa Afrikaatti, “Addi Bilisummaa Oromoo adeemsa siyaasaa keessatti akka dhaabaattis ta’e akka jaarmiyaa siyaasaatti hirmaachuu barbaada” jedhaniiru.

   Baruma 2008 kana, ABOn Koree Yeroo kan boodda ammoo ABO-Jijjiiraa jedhamu ABO-shanee irraa fottoqe. Bara 2009, Daawud Ibsa, Leencoo Lataa nama dhuma bara 1998 hoogganummaa ABO irra isa kaaye, ammaa hoogganummaa irraa na kaasuu barbaada jedhee akkuma Oromoon makmaaksaan “Gowwaan waan qabe gad hin dhiisu” jedhu, hoogganummaa yeroo dheeraaf heeraa fi seera ABO cabsuu fi faalleessuun irra turee fi jiru gad hin dhiisu jechuudhaan, miseensummaa ABO Leencoo Lataa irraa mulqe. Sababa miseensummaa ABO irraa mulqamuu kana irraa ka’uun, Leencoo Lataa bara 2012, Adda Diimookraatawaa Oromoo-Oromo Democratic Front (ODF) kan jedhamu ijaare. ODF kan Leencoo Lataa fi Diimaa Nagoon hoogganamu meeseensoota ABO-shanee dhibbeentaa saddeettama (80%) irraa fudhate. Asirratti ODF,dubbi himaa ABO-shanee Toleeraa Adabaatii ala, namoota akka Leencoo Baatii, Dr. Bayan Asoobaa, Hasan Huseen, fi Boruu Baraaqaa odoo hin hafine irraa fudhatee fottoqe. Kana duwwaa miti, bara 2018 eega biyya galameen boodaas, OLA-WBO kan Jaal Maroon hoogganamu ABO-Shanee irraa fottoqe; bara 2021 irrattillee ABO-shenee irraa ABOn Aaraasoo Biqilaatiin hoogganamu irraa fottoqe. Daawud Ibsaa, ammallee achuma taa’a H/D ofiin jedhaa waggaa digdamii Shan ol. Gaafa hoogganummaa qabate irraa jalqabee, Daawud Ibsaa Ayyaanaa, har’a waggaa digdamii shanii ol irra jira. Sirna Gadaa Oromoo keessatti, kun hin hayyamamu. Akkasumas, heerri ABO daangeffama heeraan kennameen ala, aangoorra turuu hin hayyamu. Lachuu waggaa saddeeta callaa hin hayyaman. Haata’u malee, Daawud Ibsaa hoogganummaan sirna Gadaatiin dhalootarraa dhalootatti akka hin darbine fakkeenna gadhee ta’uudhan haga har’atti waggaa digdamii shanii caalaa ofii isaatii hooggansa irra jira. Dhugaan beekuu qabnu, dhalootni kaleessa hinhubatin, kan har’aa hubachuu hin danda’u, kan har’aa yoo hin hubatin, kan hegeree qiyaabatuu hin danda’u.

   Hojjiin Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa kana duwwaa irratti hin dhaabanne. ABO keessatti, miseensota siyaasaa duwwaan odoo hin taane naannoon addaan qoodutti tarkaanfate. ABO naannummaan diigan. Dhugaan jiru garuu, Daawud Ibsaa siyaasaaniis, naannooniis Oromoo addaan qoode. Fakkeennaaf, General Kamal Galchuu Arsii, Arsii ta’uu isaatiif itti duule; General Hailuu Gonfaa Tuulamaa dha; Tuulamaa ta’uu isaatiif itti duula; Kolonel Abebe Garasuu, Iluu’abbaabor, Oromoo Iluu ta’uu isaatiif itti duule. Koloneel Gammachuu Ayyaanaa maaliif itti hin duule; Wallagaa Horo Guduruu waan ta’eefi. Dhugaan jiru, Daawud Ibsaa fi fakkaattootni gareewwan isa jibba Oromoof qabu. Kun hubatamuu qaba. Obbo Battee Urgeessaa murna kana keessa nama tokko. Iniis Horoo Guduruu dha. Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa yeroo hundaa Oromoo caalaa alagaa filatu. Kun raga lafa jiru.

   Haalli faca’uu kun dhaabatuu dhabuu irraan kan ka’e, ABO-Qaamni Cehumsa, dhaaboota hundattuu rakkinni kun furmaata argachuu qaba kan jedhuun qunamtii godhe. Kanaaf, waliitti dhufnee mala tokkummaan deebi’ee ijaaranu mari’atuu qabna kan jechuun qunnamtii hundaa waliin godhame. Hundinuu yaada kana fudhatan. Garuu, duraan dursa gareen dura addaan baatan ABO-Qaama Cehumsaa fi ABO-Shaneen tokkoomuu qabdu jedhan. Yaada kana fudhatee ABO-TA, ABO-shanee wajjiin waggaa 2012 irraa jalqabee hamma dhuma bara 2013 waggaa lama guutuu Kampalaa, Yugaandaa hamma mari’ataniin booda walii galame.

   Waxabajjii 28, 2014, waliigaltee, Kampala, Yugaandaa kana irraan kan ka’e, Berlin, Jarmanii keessatti Waxabajjii 23-28 mariin haga geeggeeffameen booda, ABO-shaneen gara Sagantaa siyaasaa ABO bara 1998 deebi’uudhaan tokkummaa deebisanii haaromsiisuun mallattoo isaaniitiin mirkaneessan.Suuraan kun, waliigaluu san mul’isa. Asirratti, maqaan ABO Qaama Cehumsaa fi ABO-shanee jedhaman hin kaafaman. Gama ABO-shaneen kan mallatteesse, Daawud Ibsaa Ayaanaa yoo ta’u, gama ABO-TA ykn ABO-Qaama Cehumsaan Prof. Mekuria Bulchaa ti.G:\download.jpg

Tokkoomuu ABO-Qaama Cehumsaa fi ABO-Shanee bara 2014

Walgeetiin kun, kan murteesse Korrii Sabaa ji’a jahaa hamma ji’a sagalii keessatti akka qopheeffamu murteesse. Korri kun, kan hooggana haarawa filu jechuu dha. Kanaaf, korri taa’ee hooggana haarawa hamma filutti Daawud Ibsaa H/D, Bultum Biyyoo fi Dhugaasaa Bakakkoo I/A Hayyuu Duree akka ta’an murtaawe. Kanuma wajjiin, Koriilee fi miseensootni gama lachuu akka walitti dabalamantu murtaawe. Kun, murtee waliigaltee ture

   Waliigalteen kun haal milkaawuu malee, Daawud Ibsaa KHRtu gama lachuu jiran walitti fiduu dhiise. Kan nama ajaa’ibu, waggaa tokko guutuu, guyyaa tokkollee koree gama lachuu odoo hin haasofsiifne hafe. Miseensoota dirqamni itti kenname kana haasofsiisuu irra, iccitiin nam-tokkee ABO-QC keessa turan “Ajandaa Nagayaa” amansiisee fi hawatee gara ABO-shanee fudhatuu filate. KHRtu walgeennaan, Kora Sabaa qopheessuu irratti dubbata. Daawud Ibsaa korri Sabaa akka waamamu hin barbaadne. Sababni isaas, Korri Sabaa yoo taa’e, akka deebi’ee hin filamne dhibbaa dhibbatti beeka. Daawud Ibsaa, nama aangoo irraa bu’uu barbaaduu miti. Eegaa, Hayuu Durummaa irra turuuf, waliigaltee godhame diiguu filmaata godhate. Kana milkeessuuf, hoogganootaa fi miseensoota isaa namoota ganda isaatiin guutate. Kun, dhugaa lafa jiru.  Kanaaf, bara 1999 irraa jalqabee haga har’atti waggaa digdamii shan guutuu aangoo irra jira. Haala akkanaatiin diigame, waliigaltee bara 2014 godhame. Adda durummaan diiggaa kan raawwate Daawud Ibsaa ti. Daawud Ibsaa Ayyaanaa akkuma Idi Amin Dadaa Yugaandaa, akkuma Mobutuu Seesee Seekoo Rippabiliika Diimookiraatawaa Koongoo, fi akkuma Chaarlis Teeylar Laayibeeriyaa, nama of jaallachuu garmalee qabu. Kanaaf, ofii isaatii jedhee farra qabsoo bilisummaa Oromoo fi tokkummaa ABO wanni ta’eefi. Kanarraa kan ka’e, Oromoo dhiisee alagaa wajjiin tumsa ykn gamtaa uumate.

   Onkololeessa 23, 2015, Oslo, Norway, Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa amallii baratan isaan dhiisuu didee waliigaltee bara 2014 diigee, ammallee gara Itoophiyaa diimookraasii, bilisummaa, walqixxummaa jedhuudhaan danqaraa fi sakkaalaa kaayyoo bilisummaa Oromoo fi tokkummaa Oromo irratti jalqabe. PAFD for Freedom and Democracy Alliance

People’s unity, freedom, democray for all Ethiopians

AFD waan du’eef, amma fuula gara nam-tokkee fi murna lammiiwwan Ogaadeen, Sidamoo, Benshingul fi Gambeellaa namoota Awurooppaa keessaa jiraatan barbaadatee walitti funaanee dhaaba maqaan Gamtaa Ummataa Bilisummaa fi Diimookiraasii, “Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD),” jedhu bu’uursan. Dura Taa’aan PAFD Daawud Ibsaa Ayyaanaa ti. Akkuma suuraan asirratti mul’atu, gama ABO-Shaneetiin waliigaltee kana bakka bu’ee kan mallatteesse, Dr. Shiguxi Galataati, Awurooppaati Bakka Bu’aa ABO-shanee. Akkuma AFD du’e, PAFD illee akkuma dhalateen du’e. Duraanuu kan bu’uurfameef, akka ABO hin tokkoomneef ture. Isa kana garuu, itti milkaawame. PAFD odoo woma tokko hin hojjanne jijjiiraan 2018 dhufe. Oromoon hammeennaa, shiraa, fi yakka Daawud Ibsaa maqaa ABO haguuggatee qabsoo bilisummaa Oromoo fi tokkummaa Oromoo irratti raawwataa turee fi jiru kana xiyyeeffanaan hubatuu qabu. Keessattuu, qabsaawootni Oromoo hubatuu qabu.

   Daawud Ibsaa, akkumma dhuma bara 1998, hoogganummaan itti kennameen sarara badii maraatummaa qabate. Sararaan badii maraatummaa kuniis, akkuma asii olti jedhame, qabsoo hidhannoo, WBO, saba Oromoo fi Oromiyaa keessaa baqatuu duwwaa osoo hin taane, kan itti baqatees biyya qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabattutti baqate; koloneeffattoota qubsiistota Habashaa nafxanyoota, diina qabsoo bilisummaa Oromoo waliin gamtaa uumate. Daawud Ibsaa ofuma isaa callaaf amanamummaa qaba. Yeroo hundaa dinqisiifamuu fedha; faarfamuu ykn leellifamuu fedha. Kanaaf, namoota ganda isaa, aanaa isaa, namoota yeroo hundaa waan inni jedhu hundaa eeyyee/ee, eeyyee/ee, maarre, maarre jedhaniin ofin marsuu fi hooggana ABO-shanee illee isaaniin guutuun beekkama. Kanaaf, qeeqa bifa kamiyyuu hin fudhatu. Daawud Ibsaa Ayyaanaa, yoomiyyuu, takkaa ittigaafatama badii hoogganummaa isaa jalatti raawwatameef fudhatee hin beeku. Yeroo hundaa badii dhalatu maraaf, namoota biraatti quba qaba; namatti hallaaqata. Hojjii akkanaa hojjatuu irratti, dabballeeyyiin hiriirfaman ykn bobbaafaman murna akka Obboo Battee Urgeessaa fa’a. Murna akkanaa kana, kan miidiyaa irratti bobbaafamanii odeeffannoo dogoggoraa fi odeeffannoo sobaa kan kennaa turaanii fi ammallee kennaa jiran. Gaafii fi deebii Dr. Dereje Gerefa Tullu wajjiin Bridge Media irratti kanuma godhe, Obbo Battee Urgeessaa. Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa dhugaa turee fi jiru guutummaatti haguuggu, beekaa dhiisu, hin jibbu, irraa dheesu, iraa baqatu. Seenaa hoogganummaa Obbo Daawud Ibsaa jalatti, ABO-shaneen gochaa fi amala kanaan hoogganamaa as gahe. Dhugaan jiru, rakkinna “Ajandaan Nagayaa” ABO-shaneen uumeen, har’a muummeeyyiin/eelliittootni Oromoo, qabsoo dimookraateessuu ykn federaalessuu impaayera Itoophiyaa fi qabsoo walabummaa Oromiyaa jidduu karaa qaxxaamuraa taa’aa jiran. Kana callaa miti, Oromootni baayeen, nuy sabboontota Oromootii ofiin jedhaa turan. Garuu, har’a yeroo qabsoo bilisummaa Oromoo fi saba Oromoo haala hamaa fi hammaataa keessa seenanii jiran, biraa baqatan; baqataas jiru. Murni kun, sabboontota fakkeessaa Kan haaluma dhufaa darbu wajjiin deemu; qaanii achi, wanti qajeelaan baqattummaan irraa argamu hin jiru. Qaanii kana, hoogganummaa Daawud Ibsaan ifa ta’ee jira. Kana duwwaa miti, odoo Sabni Oromoo diina keessaa fi diina alaatiin lafarraa haxaawamaa jiru, odoo qabeenni isaanii saamamaa jiru, odoo ijaa isaniitiin argaa jiran harka maratanii fi afaan qabatanii jidduu karaa qaxxaamuraa taa’aanii balaa raawwatamaa jiru kana daawwataa jiru. Kun, qabsoo bilismuaa Oromoo irratti rakkinna, sakaalaa, fi danqaraa ta’ee jira. Dhugaan jiru qabsoo bilisummaa kana keessatti, ABO kumaatamootaan qabsaawoota fi sabboonoota itti wareegee jira. Har’a garuu lammiiwwan Oromoo, Oromiyaa fi diyaaspooraa keessa jiraatan, suutuma suuta sabboonnummaan isaanii qadhataa/qallataa fi qancaraa deemuudhaan, ayyaanlaallatummaan baayy’innaan horatamuu fi diriirfamuu eegale. Kana irran kan ka’e, haalli gaddisiissan jidduu karaa qaxxaamuraa taa’anii yakka hamaa fi hammaataa qabsoo bilisummaa Oromoo irratti, tokkummaa Oromoo irratti, saba Oromoo irratti, fi Oromiyaa irratti raawwatamu ilaaluun ifatti dhalatee jira. Ayyaanlaallatummaa kana irraa kan ka’e, har’a yoo gantootni mootummaa Oromooti ofiin jedhaa Wallaggaa, Shawaa, Booranaa, fi Gujii keessatti duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwatu, Oromoon gad bahee saba kanaaf dubbate tokkollee hin jiru. Gaafiin ayyaanlaallatoota kana, dhumaatii Oromoo irratti raawwatamaa jiru osoo hin taane, gaafiin isaanii gaafii “federaala dhugaa,” “diimookraasii dhugaa,” fi “mootummaa cehumsaa” koloneeffataa Impaayeera Itoophiyaa keessatti gaafatu. Har’a, mootummaan Impaayera Itoophiyaa yoomiyyuu caalaa Oromoo dhabamsiisaa jira, saamaa jira, fi hiyyoomsaa jira; ayyaanlaallattootni Oromoo ammoo, jidduu karaa qaxxaamura taa’anii ilaalaa jiru. Asirratti, kan ajeessuus lammii Oromoo ti; kan ajjaafamuus lammii Oromoo ti; kan guraaruus lammii Oromo to; kan guraaramuus lammii Oromoo ti; kan cal jedhee taa’ee laaluus lammii Oromoo ti. Kun, baasa addunyaa keessatti ta’ee hin beekamne, kan garuu Oromiyaa keessatti saba Oromoo irratti ta’aa jiru.

   Har’a yoo ummanni Oromoo yeroo kamiyyuu caalaa sirna koloneeffataa impaayerri Habashaan raawwataa jiru, cunqursaan, duguuggaan, ajjeechaa seeraan ala, bilisummaa, kabajjaa fi ulfina dhabuun, ukkaamsaan siyaasaa, hiyyummaan, fi beelan saaxilamaan jiran kana keessatti jidduu karaa qaxxaamuraa dhaabatanii daawwatuun yakka seenaati, kan yoomuu hin irraanfatamne. Gantummaa fi ayyaanlaallatummaa kana Oromoo keessa kan facaase, karaa “Ajandaa Nagayaa” Daawud Ibsaa Ayyaanaa fi gareewwan isaa murna ABO-shaneeti. Rakkinna bara 1999, Daawud Ibsaa Ayyaanaa fi gareewwan isaa karaa “Ajandaa Nagayaa” uuman kun har’allee rakkinna ta’ee jira.

   Akkuma kanaan dura ibsame, siyaasaan “Ajandaa nagayaa” “Impaayera federaalaa dimokraatawaa Itoophiyaa” du’a afaan jiru, suphanii haarayoomsuu fi jiraachisuuf summii Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa qabsoo walabummaa Oromiyaaf godhamu keessatti facaasan, Adda Bilisummaa Oromoo tartiibaan qoqqoodinsaan suuta suutaan dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatanii. Waan armaan olitti jedhame irra deebi’uuf, “Ajandaa nagaa” “federaalaa dimokiraatawaa Impaayera Itoophiyaa” jedhuun, summiin Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa, aarsaa qabsoo Oromoo walabummaa Oromiyaaf godhamu keessatti Adda Bilisummaa Oromoo keessatti tartiibaan wal qoqqoodinsa suuta suutaan uume. Bara 1999 irraa eegalee summiin “Ajandaa nagaa” kun ergaa Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa, lammiilee Oromoo suuta suuta gargar cicciruu keessa jira. Diyaaspooraa keessatti yeroo dheeraaf garee irraa gara gareetti qoodaa turan, amma ammoo Oromiyaa keessatti jalqabamee jira. Dhuma irrattis, sirreeffamni rakkoo kanaa yeroon hin argamu taanaan saba Oromoo guutuu akka Somaalatti liqimsa.

Waayee federaalizimii fi Hiree murteeffannaa

   Waayee Federaalizimii fi mirga hiree murteeffannaa maqaa kaasuu malee gaafataanii fi gaafatamaaniis, yaada irratti wal hin jijjiire. Waayeen federalizmii fi here murteeffannaa, qabsoo Oromo keessatti rakkinna turan; ammallee rakkinna ta’anii jiru. Maaliif yoo jedhame, ifaa fi ifatti ragaa wajjiin Impaayerri dimokraatawuu danda’a; Impaayeerri fedealizmii dhugaa ta’uu danda’aa kan jedhu irratti dubbatamee hin beekamu. Daawud Ibsaa Ayyaanaa fi gareewwan isaa jecha “mirga hiree murteeffannaa” jedhu haguuggatanii fi keessatti dhokatanii Oromoo ittin gowwomsuu tooftaa godhatanii jiru. Mirgi hiree murteeffannaa hiikkaa addunyaa keessatti bifa lama qaba. Innis afaan Engilifaan Internal self-determination and external self-determination yoo jedhamu Oromiffaan hiree murteeffannaa keessaa fi hiree murteeffanaa alaa jedhamanii bakka lamatti hiramanii beekkamu.

   Kanuma wajjiin Obbo Battee Urgeessaa waayee hiree murteeffannaa fi federalismii keessa seenee woma OPDOn jettu jedhaa jira. Kana argee Gaazexeessan Bridge Media, ati federalistima Impaayeraati jedheen. Obbo Batteen, kan hubatuu qabu hiree ofii ofiin murteeffannaan bifa lama qaba. Isaaniis: Internal self-determination is for right to self-determination of an oppressed people while external self-determination is for the right of self-determination of a colonized people.

   As irratti, Hiree murteeffannaa keessaa mirga hiree murteeffannaa ummata cunqurfameef yoo ta’u, hiree murteeffannaa alaa ammoo mirga hiree murteeffannaa ummata koloneeffameeti. Hiree murteeffannaa keessaa haala daangaa mootummaa jiruu keessatti furmaata barbaaduu dha.  Asitti furmaanni bifa diimookiraatessuu fi/ykn federaaleeshinii mootummaatiin ta’uu danda’a. Federaalismii isaaniin kan akka Indyaa fi Nijeeriyaa ta’a. Haa ta’u malee, gaaffiin saba tokkoo kan koloneeffataa yoo ta’e, hiree murteeffannaan, hiree murteeffannaa siyaasaa ykn walabummaa siyaasaa ti – mootummaa walabaa fi abbaa biyyummaa qabu hundeessuu ta’a.Yoo biyyitti walabooman, abbaa biyyuummaa ofii qonfatan walitti dhufanii federalismiin walliin jiraanna jedhan federalismii akka biyyoota Ameerikka kudhanii sadii kan Yunaayitid Isteetis Ameerikaa (United States of America) uumuu ta’a.

   Akkasumas, federaalizimii jechuun callaan uguruu nama hin geessu. As irratti wayee kana irratti waa jechuu hin barbaadu. Garuu, wanti sadiin kun hubatamuu qaba.

  1. coming together Federalism – Federaalizimii walitti dhufuu;

Fakkeenni kanaa: Kolonii Ameerikaa kudha sadii; jechuun biyya walabatu walitti dhufa jechuudha;

  1. holding together federalism-federaalizimii walitti qabuu;

Fakkeenni kanaa, Indiyaa, fi Naayijeeriyaa kkf gaafa Impaayera Ingilizii irraa walabooman ijaaratan. Koloneeffataan hamma irraa bahee, koloneeffatamaan walitti hafan, waliin jiraatu jechuudha.

  1. Putting together federalism- federaalizimii walitti qabanii/qineddeessuu. Koloneeffataan koloneeffattoomata walitti qabee federeeshiina sobaa uuma jechuudha.

Fakkeenni kanaa: Imaayeera Federeeshinii Rippabilikoota Sooshaalistii Sooviyeet fi Impaayera Itoophiyaati kkf.

Fakkeennaaf, bara 1991 federeeshinii rippabilikoota sooshaalistii sooviyeet diigamuu isaatiin, rippabilikoonni walaba ta’an kudha lama irraa bilisa bahanii ijaaraman. Akkasumas Federeeshinii Yugoslaaviyaa irraa biyya jahatu bahe. Impaayeri Itoophiyaas kanaan alaa miti. Impaayeri hin ijaarama hin diigama; hin ka’a, hin kufa; hin jiraata, hin du’a. Hireen Ipaayera Itoophiyaa/Abissiiniyaa illee kanuma. Yeroof, namootni hin iyyuuf ta’u. Garuu, dhaabuu hin danda’an. Oromootni kana hubatuu qabu. Impaayeera Itoophiyaa ijaaruu irratti Habashootni miliyoona Shan Oromoo sanyii duguggaa irratti raawwatan. Haga har’atti, kun Oromoo irraa hin dhaabanne. Kanaaf, Federalizimiin Itoophiyaa akkuma federalizimii Raashiyaa kan sobaati malee kan dhugaa ta’uu hin danda’u. Yoo federalizimii dhugaa ijaarama ta’e, biyyoonni Impaayeera Itoophiyaa jalatti kufan, walaba ta’anii, bilisaan walti dhufanii federalizimii dhugaa ijaarachuu danda’u. ABO-Shanee, yeroo hunda, waayee “Ajandaa nagayaa,” federaaleessuu impaayeraa, fi dimokraateessuu impaayera fi mootummaa ce’umsaa impaayera keessatti ijaaruu dubbata. Oromoon saba koloneeffatame; Oromiyaan biyya koloneeffatame. Kanaaf, qabsoo Oromoo, qabsoo farra kolonii ti; qabsoo walabummaa gonfachuuf adeemsifamaa turee fi jiru. ABO-shaneen, isaa kana irraa hin dubbatu. Seenaa addunyaa keessatti, impaayera jalqabaa waggaa 4,300 dura ture Impaayera Akkaadiyaa jedhamu irraa kaasee haga har’atti impaayera federaalawaa dhugaa ta’ee fi dimokraatawaa dhugaa ta’ee hin beeku, akkasumas impaayeri Itoophiyaa illee kanaan adda miti. Haata’u malee, ABO-shaneen yaada Impaayera diimookraatawaa fi federaalawaa ta’uu danda’a jedhuun dargaggoota Oromoo tokko tokko summii itti naqxee jirti. Gaafiin Oromoo gaafii koloniitii miti jedhu; gaafii walqixummaa fi gaafii lamummaati jedhu. Kana dhugoomsuufii, Itoophiyaa diimookraatessuu fi federaalessuun, Itoophiyaa haarawa ijaaruudhaan jedhu. Kanaaf, dargaggoonni kun ejjennoo siyaasaa sobaa kanaan gowwoomfamanii jiru. Abbaa biyyummaa, hiree ofiin murteeffanna jedhu. Garuu, Abbaa biyyummaa jechuun maal akka ta’e hin himan; hiree murteeffannaa maal akka ta’e hin himan. ABO-shaneen kan jettu, gaafiin Oromoo deebii kan argatu Itoophiyaa hunda hammattu, dimokiraatawaa, fi federaalawaa keessatti jedhu; isa kana barbaanna jedhu.

Mirga Hiree murteeffannaa Ilaalchisee

   Asirratti kan hubatamuu qabu, ABO/ABO QC, ABO-shaneen, OPDO, fi KFO hundinuu “Mirga hiree murteeffannaa ummata” jedhu. Gaafiin ka’uu qabu, garaagarummaan isaan mirga hiree murteeffannaa irratti qaban maali kan jedhu ta’uu qaba. Hiikkaan ABO-shanee, OPDO, fi KFO mirga hiree muteeffanaaf kennanii fi hiikkaan ABO/ABO QC kennuun adda, walfaalleessu. ABO-sh, OPDO, fi KFOn, heera Itoophiyaa, federaalawaa fi diimookraatawaa Itoophiyaa fi Itoophiyummaa waan fudhataniif Oromiyaan qaama Itoophiyaa ti; Oromoon saba Itoophiyaawaa jedhu. Kanaaf, mirgi hiree murteeffannaa Oromoo Itoophiyaa keessatti bifa federeeshina, qeenxee/tokkummaa, ykn bifa konfedereeshinaa ta’uu filatu. Faallaa kanaa, ABO/ABO QC Oromiyaa biyya koloneefatamte; Oromoo saba koloneeffatame, kanaaf, mirgi hiree murteeffanaa Oromoo, duraan dursa haal-duree tokko malee koloneeffataa irra bilisa bahuun Oromiyaa walabaa fi mootummaa walaba Oromiyaa ijaaratuutu dursuu qaba jedha. Asirratti akeekiin ABOn, hiree murteeffannaan dura: “Mootummaa walaba diimookraatika riippablika Oromiyaa dhaabee iggitii eerga itti godhee booda, ummati Oromoo, dhiibbaa tokko malee, mootummaa walaba Oromiyaa labsachuu ykn ammoo ummatoota biraa wajjin tokkummaa politiikaa haaraa ijaarrachuuf fedha isaa irratti hundaawe keessatti akka murtii filannoo kennatu haala aanjessuufii dha.” Murteen kanaa, kan saba Oromoo ti. Har’a garuu, garaagarummaan, mirga hiree murteeffanaa saba hin koloneefatamee fi saba koloneeffatameef kennamuu hubatuu dadhabanii jidduu karaa qaxxaamura ta’anii mugaatii keessa jiran baay’innaan argamu; garaagarummaaa hubatuun ni feesisa.

   Dhaloonni, seenaa qabsaawoota dhaloota darbanii hin yaadanne, hin kabajine, ulfina hin kenninee, fi qabsoo isaan wareegamaniif kutannoon galiin gahuuf karaa isaanii hin hordofnee fi hegeree boruu tilmaamuu hin dandeenne, dhaloota yeroon ammaa dukkanaawaa, sodaachisaa, fi abdii kutachiisaa itti ta’e. Isaan kana, kaayyoo qabsoo, qabsoo, fi qabsaawota irraa qabatu; tokkummaa fi dhaaba bilisummaa diigu. Dhaloota kana, kan har’a, Impaayeera Itoophiyaa federaalawaa dhugaa, diimookraatawaa dhugaa, fi mootummaa Cehumsaa ijaaruu galii godhatanii qabsoo walabummaa Oromiyaa ganan. Haalii kun, Oromoo keessatti bara 1999 irraa hamma har’atti itti fufee jira. Jechuun, bara 1999 irraa eegalee hoggansa Daawud Ibsaa Ayyaanaan jalatti ABO haga har’aatti jeeqama irraa gara jeeqamatti tarkaanfataa deemaa as gayee jira.

   Har’a sabni Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo dhaaba cimaa fi hooggana tarkaanfataa, murtaa, qabsaawaa, fi ititaa kaayyoo ifaan masakkamu barbaadu. Hoogganni saba ijaara, tokkummaa tiksa, saba isaa daangaa hama daangatti walqunnamsiisa. Hoogganii, sabni yeroo gaarii akka waliin jiraatanii fi yeroo hamtuullee akka walii birmatan godha. Oromoon yoo makmaaku, “Madaa quba miilaa irra jiruuf, mudaamuddiin nama dhukubdi” jedhu. Yoo naannoo tokkotti galteen galte dhalate, naannoo gara biraattittille galteen kun, itti dhagayama jechuudha. Waliif birmata jechuudha. Kanaaf, yoo naannoo Oromoo tokkotti hammeenni dhalate, Oromoon guutuu Oromiyaa irraa birmatuuf qaba. Oromoon waliin dhaabtuu qaba; waliif dirmatuu qaba; irree waliif ta’uu qaba. Oromoon dhiyaa hamma bahatti, kibbaa hamma kaabatti waliif birmatuu qaba. Kun hojjii hoogganaati. Hoggansi siyaasaa, qabsoo hidhannoo qofaa osoo hin taane, diddaa ummataa kaka’umsa olaanaa fi haala gaarii qindaaween hooggana. Sabni tokko yoo hooggana hin qabaanne, rakkinna addaan cicituutu uumama. Kan har’a Oromoo mudate kana. Mudaan kanaaf sababaa kan ta’e, hooggana ABO-shanee kan Daawud Ibsaa Ayyaanaa fi hordoftoota isaati. Dhumarratti, ABO-Shaneen Daawud Ibsaa fi gareewwaan isaa kan akka Battee Urgeessaa faa bara 1999 irraa eegalanii, qabsaawotni Oromoo mirga hiree murteeffannaa walabummaa akka dhiisaniif yaalaa turan, ammaas ittuma jiru. Duula kana kan adeemsisaa jiran maqaa mootummaa cehumsaa fi diimookraatessuu impaayara Itoophiyaatiin. Faallaa kanaatiin sabboontotni, duula kana mormuun caalaatti jabaatanii fi kutannoon qabsoo itti fuufan. Murannoo fi kutannoo kana ilaalchsee, Dr. Haayilee Fidaa, saba dammaqe, ijaarame, hidhate, fi qabsaawetu injifata jedha. Qabsoon bilisummaa Oromoo kana gaafata. Haalli kun guutamuu jechuun, sabni koloneeffate akka duraanitti koloneeffataaf buluu diduu ta’a; koloneeffataaniis akka durti bulchuu akka hin dandeenne dirqamee hubata. Xumurri kanaa bilisummaa ta’a. Garuu, akka kun hin milkoofne kan danqaa ta’an, qabsoo Oromoo keessatti humnoota afurtu walxaxaa jira. Isaaniis, tokkoffaam murna mootummaa Dargii keessatti “Itoophiyaan haadursitu, Itoophiyaa yookiin du’a” jedhaaturan. Isaan kun murna “Ajandaa Nagayaa” qabatee heera Itoophiyaa fudhate; mootummaa Cehumsaa gaafatu; Itoophiyaa diimookraatawaa fi federaalawaa fi Itoophiyummaa fedhate. Isaan kun ABO-shanee fi KFO dha. Kan lammaffaa, garee Wayyaaneen/TPLF uumtee guddifate-OPDO dha. Dhaadannoon isaanii “Itoophiyaan haadursitu; Aangoo haadursitu; Aangoo yookiin du’a” jedhu. Aangoo fi ajjeechaan madda saamicha isaaniiti. Saamichaan durooman; saamicha kanaan badhaadhan. Kanaaf, OPDOn maqaa badhadhinna moggaate. Kan badhaadhe OPDO malee, sabaa miti. Hojjiin OPDO, saba ajjeessuu fi qabeenna saamuu dha. Garuu, ABO-shanee, KFO, fi OPDO aangoorratti wal haadhaban malee, Itoophiyaan haadursituu irratti tokko. Oromoo yoo makmaaku, “Qottoon maal nu goote, jallaa keennatu, nu fixe jedhe muknijedhu. Dhugaan kanuma. Fixamuu mukaa, kan qoottoo gargaare jallataa mukaati. Akkasuma, diinnillee jallaa Oromootiin, Oromiyaa koloneeffate. Har’as, jallaattoota Oromootiin koloneeffataataan Oromiyaan tiksaa jira. Diinni Oromiyaa koloneeffatuufis, bulchuufis dandeetti hin qabu. Garuu, kaleessaas, har’aas diinaaf irree kan ta’e jallaattoota Oromooti. Kan sadaffaa, qabsaawota Oromooti “Oromiyaan ni bilisoomti” jehdaa abdiin qabsoo bilisummaa keessatti wareegaman, kan itti miidhaman, kan diinaan guraaraman, qaamni isaanii dhidhate fi kan jireenna isaanii guutuu saba isaaniitiif dhaabatanii, fi qabsaawaa turanii fi jiran. Murni kun, murna kaayyoo qabsoo walabummaa Oromiyaa irratti cichee jiru. Kan arfaffaa, Oromoota callisanii karaa qaxxaamuraa siyaasaa jidduu taa’anii haala suukessaa hamaa fi hammaataa siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa fi ummata Oromoo irratti raawwatamaa turee fi jiru daawwatu. Gareewwan jidduu karaa qaxxaamura taa’ee daawwatu, murnoota sabaa fi biyya isaaniitiif daantaa hin qabne. Jireenni murna arfan kanaa, saba dhamaasanii jiru. Haala arfan kanatu, qabsoon bilisummaa Oromoo xaxama keessa seensisee jira. Kana keessaa bahuuf, OPDOn siyaasaanis, hidhannoonis mooyatamuu qabdi; akkasumas, siyaasaan “Ajandaa Nagayaa” ABO-shanee fi KFO kan Oromoo facaase kun mooyatamuu qaba. Mooyanna murna kana lamaaniitiin qaboo bilisummaa Oromoo of-dura tarkaanfachiisuu fi xumuraan gahuun danda’ama.

   Obbo Battee Urgeessaa, akkuma kaadiree tokkootti woma hoogganni isaa itti himu dubbataa ture, gaafii fi deebii Bridge Media waliin godhe irratti. Gaafiin Oromoo, gaafii koloniitii miti kan saba curqufameeti jedhaa ture. Kun, dogoggora odoo hin taane, beekaa saba gowwoomsuuf waan itti bobba’amee jiru. Obbo Baatteen, dubbi himaan ABO-shanee kana dubbatuu hin barbaadu; irraa dheesse, gaafii fi deebii irratti. Hamma danda’etti dhoksuuf yaalaa ture, gaafii fi deebii irratti. Obbo Battee Urgeessaa dhugaan akka bahuu dandeetu beekuu qaba. Soba odeessuun akka nama saaxilu beekuun barbaachisaa ta’a. “Dhugaan hin qadhatti malee hin duutu” jedha Oromoo yoo makmaaku. Kijibni dhugaa hin ta’u; dhugaanis kijiba hin ta’u. Qabsoo hiree murteeffannaa walabummaaf godhatu gonkumaa hin dhiisinaa. Qabsii hiree murteeffanna hamma fottoquu dabalatee jedhu shira waan qabuu hin fudhatinaa.Fottooquu jechuun biyya abbaa ykn haadha ofii irraa fottoquu jechuudha. Itoophiyaan biyya Oromootii miti. Kaayyoon qabsoo Oromoo inni jalqabaa mirkaneessuu guutuu walabummaa Oromiyaati.

   Asitti, hoggansi jaarmiyaa Bilisummaa kamiyyuu yeroo hunda xiinxala balaa taateewwan gara fuula duraatti mudatuu danda’an kanneen qabsoo bilisummaa sabaa irratti dhiibbaa hamaa geessisuu danda’an adda baasuu fi xiinxaluu qaba. Kunis balaa qabsoo hidhannoo fi siyaasaa mudatuu malu salphisuuf ykn dhabamsiisuuf gargaara. Daawud Ibsaa kana gochuu dhiisee mooraa diinaatti makame; mooraa qabsoo bilisummaa facaase; ABO caccabse.

   Silaa kan of gaafatuu fi walgaafatuun gareewwan kana irra ture, yoo dhaaba koloneeffataatti makamne, tokkummaan Oromoo maal ta’a, ABO hoo, maal ta’a, tokkummaan qabsaawotaas maal ta’a; qabsoon bilisummaa illee maaltu mudatuu danda’a, diiggamuu fi faca’uun dhufuu danda’aa laata jedhanii walgaafatuu qaban turan. Daawud Ibsaa Abyyaana, ani hayyuu duree dhaabaati ofiin jedhaa waggaa digdamii shanii ol yeroo of dhaadhessu, garuu yeroo hoogganunnaa isaa jalatti ABOn bakka jahatti caccabuuu, qaaniin itti dhagayama laata kan jedhu gaafii duraa ta’a. Dhuugaan garuu, yoo hoogganni tokko tokkummaa dhaabaa tiksuu hin dandeenne, dhaabaas hin diiga, miseensootaas hin facaasa. Kanatu mudate ABO fi miseensoota isaa, hoogganummaa Daawud Ibsaa Ayyaanaa fi gareewwan isaa jalatti. Akkasumas, hoogganni tokkummaa biyyaa fi sabaa tiksuu yoo hin dandeenne, biyyaas hin diiga; saba illee hin facaasa. Diigamsi Somaaliyaa fi facaa’insi saba Somaalee illee, haaluma hanqinna hooggansa tokkummaa biyaa fi sabaa tiksuu dhabuu iraa uumame. Asii olitti hooggansi Daawud Ibsaa tokkummaa dhaabaa fi miseensoota tiksuu akka hin dandeenne arginee jirra. Ammallee, gaagaa’ama hooggansi tokkummaa biyaa fi saba tiksuu hin dandeenne fidu diigama Somaliyaa fi faca’a Somaalee irraa hubannee jirra. Kana irraa ka’uun, gareen Daawid Ibsaa kun, odoo Oromiyaa walaboomte keessatti hiree aangoo bulchiinsaa argatee, Oromiyaa fi Oromoo irratti balaa fiduu danda’uu laata kan jedhu gaafii ta’uu qaba. Waan haga ammaa, xiinxalline irraa, deebii gaafii kanaa tilmaamuun nama hin dhibu. Gochi gareen kun, ABO fi Oromoo irratti raawwataa jiruu fi ture, daawwitii daandii diiggama fi faca’iinsa Somaalee fi Somaaliyaan deeman akkeeka.

   Woyta amma kana qoqqoodama WBO Zoonii adda addaa jiddutti mul’ataa jiru kun, akka uumamuu kan godhe, ammalee hooggansa gandummaa irratti ijaarame ka Daawud Ibsaa fi garee isaati. Gochootumma Daawud Ibsaa fi gareewwan isaa kanatu har’a WBOn bilisa baasaa moo shifta jedhanii adunyaan akka of gaafatan kan taasise. Kanaaf ragaa ka tayu, barreefama gaazeexaan Washington Post Caamsaa 21, 2023 “REBEL OR BANDIT? HIS LIFE LLUMINATES ETHIOPIA’S HIDDEN INSURGENCY” jedhee waayee sochii Fekede Abdisa maqaa WBOtiin godhu illachisee baase laaluun gayaa dha. Gandummaa Daawud Ibsaa fi gareen isaa ABO fi WBO keessatti dagaagsan kanaan wal qabatee, komiiwwan dhiyeenna kana namoota WBO wajji jiran irratti ka’aa jiran tuffatamee bira taruun hin danda’amu. Maaliif yoo jedhame, komiin dhibdeen gandummaa kun hagam WBO keessatti hidda akka godhatee fi hagam waraanaa fi ummata Oromoo addaan diiguu akka dandayu waan akeekuuf. Komiin tibbana Addee Saamiyaa Osman namoota akka Jambaruu, Jireenyaa Guddataa, fi kan kanniin fakkaatan gandummaan ijaaramanii mallaqa WBO saamaa jiran jettee himuun, waan nama rifachiisu. Jarri kun, namoota dhalootan naannoo Horoo Guduruuti. Ammallee namoota walitti dhiyeennaan ajajaa WBO Jaal Marroo Dirribaa waliin hojjataa jiran. Bakka har’a dhaabni bilisummaa Oromoo irra jiru kana, diigamaa ABO fi faca’insa miseensoota dhaabaa kanaan gaye, hooggansa Daawud Ibaati. Dheebuu aangoof qabuu fi aangoorra turuuf jecha, namoota ganda isaatiin (Horro Gudduruu) of marsuun, ABO diiguunii fi Oromoota naannoo biraa fanfaanuun ashaaraa (legacy) Daawud Ibsaa fi garee isaati. Summii gandummaa kana Warana Bilisummaa Oromoo (WBO) keessatti biifuun, WBO illee bifuma gandummaa kanaan akka ijaaramuu fi qoqqoodamuu shoora guddaa taphate. Shoorri Daawuud Ibsaa taphate, haga humna diinaatti gargaaramuun, ajajoota waraanaa fi loltoota naannoo biraa ficisiisuu gaye. Qoqqoodamni hojjatan, keessattuu Jireenyaa Guddataa gorsaa Jaal Marrootiin beekama. Komiin kun yoo dhugaa taye, diiggamaa fi faca’insa guddaa WBO fi ummata Oromootti fida. Dhibdeen barruun tun irraa dubbatuuf xiyyeefatte, gantummaa kaayyoo qabsoo bilisummaa fi gandummaa hoogganni Daawud uume waan tayeef, dhibee kana akka Obboo Battee Urgeessaa dhoksuu odoo hin taane, ifatti baasanii irraa haasawuun fala barbaaduu barbaachisa. Dhibdee dhoksanii dawaan hin gargamu akkuma jechamu, rakkinna dhoksanii furmaanni hin argamu. Saaxiluun itti fufa. Kanuma wajjiin odeeffannoo dogoggoraa fi odeeffannoo sobaa kan Obbo Battee Urgeessaatiin facaafamaa turee fi jiru, dhugaa akka hin taane mul’isuuf.

   Akkasumas, Obboo Battee Urgeessaa, dubbi himaan ABO-shanee, qaaniin itti dhagayama laata yeroo Bridge Media irratti bahee soba daangaa hin qabne odeessu kan jedhu gaafii gara biraati. Asirratti gaaffiin gaafatamuu malu, Obbo Battee Urgeessaa wayyee ABO-shanee fi Daawud Ibsaa dhugaa dhoksee ummata Oromoo sobuu isaatiif gaabbiin itti dhagahama laata kan jedhudhu ta’a. Kun hundinuu gaaffii, safuu, aadaa, naamusaa, fi siyaasaati.

   Xumurarratti ergaan barruu kanaa, ummata Oromootii fi qabsaawota Oromootiif. Inniis, yakka fi shira  bara 1999 irraa jalqabee, Daawuud Ibsaa Ayyaanaa fi gareewwan isaa sagantaa siyaasaa ABO fi kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo irraa maqanii ABO-shanee ijaaratanii, finxaaleeyyii koloneeffatoota Habashaa kanniin duguuggaa sanyii, harmaa-harka muraa Aannolee fi dhumaatiin Calii Calanqoo Meneliki Oromoo irratti raawwate dhugaa miti, asoosama jedhan kan har’allee Oromummaan barbadaawuu (annihilate) qaba jedhaa addunyaa keessatti ifatti hiriira bahuun Oromoo balalleessatan wajjiin hiriyyummaam fi tumsa tokkummaa ijaarate. Barruun kun ragaa kana qabatee isiif dhiyeessee jira. Dubbisaa, sobaa fi dhugaa addaan baafadhaa; dhugaan bilisa nama baafti.

Dhugaan hin qadhatti malee hin duutu!

Dhugaan Hin Injifatti!

Oromia Shall be Free!

Ijifannoo Ummata Oromoo!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *