Oduu Haaraya

SAMMUYYAA HABASHAA BARDHIBBEE 21-FFAA KEESSAA

Review Overview

User Rating: Be the first one !
                                                                   Taammanaa Bitimaa irraa
Akkan barreeffata kana dhiyeessuuf kan sababa naaf tahe, sammuyyaa Habashootaa isa kunoo gara torban sadii irraa kaasee biyyalafaa (addunyaa) tana irratti qullaa of- dhaabee of-muldhisaa jiruu kana. Habashoonni sammuyyaa isaanii isa: wallaalummaa, duubattafummaa, bineensummaa, bisaambisummaa fi doowa (“violence“) irratti dhaabate kan agarsiifatan (“exhibition” godhatan) sababa lama irraa ka’uudhaani. a) obboo Jawaar Mohaammad gaazexeessitootaan gaafatamnaan: “ani dursee Oromoo dha” waan jedheefi. b) Dhaabbata fagomuldhiftuu (telebiijinii) kan biyyalafaa tana keessatti beekamaa fi faarfamaa tahe, Aljaziiraa-n mataduree: “Oromo Seek Justice in Ethiopia” jedhamu jalatti waayee uummata Oromoo waan dhiyeesseefi. Isaan kun lamaan Habashoonni akkuma keenya biyyambaa keessa jiraatan, bututtuu isaanii gatanii akka maraatuu gabaa keessaa tahan isaan godheeti jira. Wanni isaan torban sadan kana keessa Oromoo irratti adeemsisaa jiran, jarri kun namoota ofis, uummata Oromoos kan sirriitti beekan akka isaan hin taane, nutti muldhisee jira. Jarri bakka jiranii fi bara keessa jiranillee wallaalanii jiru. Wallaalummaan kun garuu kan namni wayii isaan aguuggachiise otoo hin taane, kanuma isaan of-aguuggachiisani. Kanaaf, barreeffanni kiyya inni harraa kun sammuyyaa jarreen kanaa irratti kan xiyyeeffame taha.
Mee waan hundaafuu hiikkoo jecha “Sammuyyaa” jedhamuu kanaan durseetoo ibsuuf yaala. Jechi kun jecha Oromoo isa “sammuu” jedhamuu fi manxantuu “-yyaa” jedhamtu irraayyi baafame. Kunis: “summuu + -yyaa > sammuyyaa“. Sammuyyaan jecha Afaan Ingilizii isa “mentality” jedhamuuf kan kenname. Galmeewwan jechootaa kan Afaan Oromootiin bayan keessaa waanan jecha kana barbaadee dhabeefan, amma kanaa gaditti isuma Afaan Ingiliziitiin jiru isiniif qooda. Jechi kun afaan Ingiliziitiin waan hiikkolee lamaa-sadii qabuuf, isan ani ka’eef kan tahu callaan as irra kaaya. “Mentality – a way of thinking; mental inclination or character“. Egaa amma yaadundee (“concept“) jecha sammuyyaa jedhamuu erga qalbeeffannee, mee wajjumaan jala deemnee sammuyyaa Habashoota “keenyaa” kan durii fi kan ammaa haa xiinxallu.
Obboo Jawaar: “ati dursitee Oromoo dha moo nama Toopphiyaati?“, jedhamee gaafatamnaan ani “ani dursee Oromoo dha; Toopphiyummaan kan natti fe’ame“, jechuun deebii dhugaa irratti bu’ureeffame lafa kaaye. Deebiin kun mee waan Toopphiyaa isaanii ishii: dhiiga, lafee fi imimmaan uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaatiin hundeeffamtee, ammallee mana hidhaa uummatootaa fi sabootaa taatee jirtuu tana, kan isaan jalaa diiguu miti. Impaayera isaanii ishii bosobbofte tana keessa uummatoota garagaraa, kannneen afaanota garagaraa 76 ol tahe, akka jiran mootummaan isaanii inni duriis inni ammaas hin haalle. Mee akka Oromoonni tokko tokkoo fi jaarmoleen Oromoo lamaa-sadii abjootaa jiranitti, Toopphiyaan dimokiraateffamtee haqnii fi mirgi uummatoota ishii keessaa guutuu-dhumatti eegameefii, fidhee ofiitiin waliin jiraatu haa jennu. Amma Oromoo tokkoof, Afaar tokkoof, Hadiyyaa tokkoof yookaan Somaalee Ogadeeniyaa tokkoof yoo gaafiin kanaa olii sun dhiyaateef: “dursee ani Oromoo dha; dursee ani Afaari; dursee ani Hadiyyaa dha; dursee ani Somaalee Ogadeeniyaa ti” yoo jedhe, maali badiin isaa? Kun waan jiruu fi dhugaa ija banatee lafa taa’u waan taheef, wanni kana irratti nama falmisiisu wayiituu hin argamu. Oromoon yoomumaa Oromoo dha. Impaayerittii keessas jiraatu, Keeniyaa faas jiraatu, Ameerikaas jiraatu kan biraa hafee Maarsii irra bayeellee jiraatu Oromoodhuma. Biyya kam keessayyuu, uummata kam waliinuu jiraatu inni dursee Oromoodhuma. Jiraan isaas, du’aan isaas Oromoo dha. Dhumte dubbiin!
Garuu, kun carraa uummata Oromoo tahee gaafii fi deebiin kun amma otoo hin taane, waggaalee 35 dura ka’uun deebifamee ture. Kan oggaa san gaafate Amaartota Waashingitan Diisii jiraatan yoo tahu: “ani duris Oromoo dha; yoomuu dursee Oromoo dha“, kan jedheetoo deebise jagnicha Oromoo nama maqaa qalamaatiin kitaabee seena-qabeettii “The Kindling Point” jedhamtu baasuyyu, obboo Hordofaa Qabsiisaa Loltuu ture. Hubaddhaa, gaafiin sunis waggaalee 35 keessa tokkollee hin geeddaramnee! Habashoonni fi sammuyyaan isaaniis waggaalee 35 kana keessa tokkollee hin geeddaramnee! Afaan isaanii isa Afaan Amaaraa jedhamu keessa waan “bayyaallabbat rigax” jedhamu tokkotu jira; “bakkuma dhaabbattetti lafa dhiiti” jechuu dha. Jechi kun jecha loltoonni waraanaa ittiin leenjifamani. Kan biraa yoo dhiifne, muummiyyeewwan Amaaraa ammallee, kunoo waggaalee 35 guutuu bakkuma duraan jiran san dhaabatanii lafa dhiitaa jiru jechaa dha. Uggum yaa nama! Uggum yaa bara! Kanaan maal jechuu dandeenya?
Jarri kun Amaartota ta’anii otoo jiranuu, waarroo Toopphiyaa jedhamu jala of-galchuu dhaabbii fi imaammata ofii isa hangafa godhatanii argamu. Aadaa, afaan, polotikaa fi fedhii Amaaraa adeemsisaa otoo jiranuu, “kan Toopphiyaati” jechuun ifumatti nama gowwoomsuuf dhamawu. Maali amma gaafiin obboo Jawaariif dhiyaate sun otoo isaaniif dhiyaachuun: “dursitee ati Amaara moo nama Toopphiyaati” jedhamanii yoo sobuu baatan, “dursee ani Amaara; ittaansee-mmoo ani nama Toopphiyaati” akka jedhan ni beekama. Yoo isaan akkana jedhan kun dubbii dhugaa isa lafa jiru malee, waan biraa miti. Kun impaayera isaanii, ishii faashistichi isaanii kan Minilik jedhamu ijaareef san, kan isaan jalaa mancaasuu miti. Biyyuma kam keessattuu jechuun biyya, biyya sabdanee (“multi-national state“) tahe keessatti namni dursee kan himatu sabumu ofiiti. Dursanii saba ofii himachuun kun gonkumaa waan biyya sabdanee san miidhuu miti. Isaan jaalatanis, jibbanis harra obboo Hordofaa fi obboo Jawaar kophaa isaanii miti. Oromoota kitila (miliyoona) 46-tu isaan wajjin tarree galee: “nuti dursinees Oromoo dha, ammas daballee Oromoo dha!”, jechaa jira.
Gara qabxii isa duraa irraa gara isa lammaffaatti yoo dabarremmoo, “gudii/ guddii” fi salphina muummiyyeewwan Amaaraa kana, ee kan Habashaa haa jennuutii isa kanaa olii caala ifumatti agarra. Dhaabbanni telebiijinaa, Aljaziiraan mataduree: “Oromo Seek Justice in Ethiopia“, jedhamu jalatti waayee hacuuccaa fi roorroo uummata Oromoo irratti yeroo ammaa adeemsifamaa jiruu, akka oduu fi gabaasaatti dabarsuun isaa muummiyyeewwan Amaaraa bakka jiran maratti duula hamaa akka isa irratti oofan taasisee jira. Raajii Waaqaa, safuu namaa jarri kun silaa maal barbaadu? Sammuun isaanii hojii isaa san “yaaduu” dhaabee jira moo? Isaan akka uummanni Oromoo uummatoota Toopphiyaa isaanii keessatti argaman keessaa, isa tokko akka tahe ni beeku. Erga impaayera Toopphiyaa Wayyaanee jalaa baafnee, tokkummaa ishii kan Wayyaaneen mancaase san deebifneetoo ijaarra jedhanii, uummatoota harra kottee warra Wayyaanetiin dhiddhitamaa jiran bira dhaabachuu dha qabu. Ennaa Wayyaanonni uummata Oromoo, uummata Ogadeeniyaa, uummata Sidaamaa, uummata Gambeelaa fi uummatoota Laga Omoo itti-duulanii gandeen barbadeessanii, qeyee onsanii, lafa irraa buqqisanii, kaan ajjeesanii kanimmoo manneen hidhaatti naqan “uummatoota isaanii” kana cinaa dhaabachuu qabu; iyyannoo isaanii biyyoota alaatti dhageessisuufii qabu. Egaa kun nama loojika irratti of-dhaabe fi nama sammuun isaa hojjatuufi. Nama loojikni qeyee isaatti hin argamnee fi nama sammuu fi ijji isaa jibba, dabrees sanyummaa irratti hundeeffameef kan hojjatuu miti. Otoo mee sammuyyaan isaanii sammuyyaa abaabayyuuwwanii fi abbootii isaanii irra wayyaawee, sammuyyaa bardhibbee 21-ffaa keessaa tahee, isaan Aljaaziraa irratti duuluu mitii isaaf badhaasa erguuf ture. Erga isaan uummata Oromoo akka uummata Toopphiyaatti ilaalanii, erga “claim” godhatanii nama uummata isaanitiif dhaabate arrabaa fi shimalaan dura hin dhaabatanii eebbaa fi galtaan bira dhaabatuuyyu. Haatahu malee, muummiyyeewwan Amaaraa fi: loojikni, dhugaan, haqni ilmoo namaa, laga ofii ceyanii yaaduun, akka bardhibbee 19-ffaa yookaan 20-ffaa mitii akka bardhibbee 21-ffaatti yaaduun dugdaa fi garaa dha. Homaa wal hin argatan jechuu kiyya.
Namoonni fi jaarmoleen Oromoo tokko tokko impaayera Toopphiyaa dimokiraatessina nuun jechaati jiru. Nuti impaayeroota hurreeffamanii kosii seenaa keessatti darbataman malee, kanneen dimokiraateffaman ibsaan barbaannee arguu hin dandeenye. Dirqamni keenya, dirqamni dhalawwan Oromoo impaayerittii mana hidhaa hamaa nuuf taate tana, ofirraa darbannee darbachuu dha malee, ishii of irratti supphuu fi wawayyeessuu miti! Mee haa tahuutii, jarri keenya kun Habashoota impaayerittii wajjin nuuf supphan eessaayyi argatu? Biyyoota alaa irraayyi akka meeshaa daldalaatti: Jaappaani fi Shiinaa, Jarmanii fi Ameerikaa faa irraa ol nuuf galchuu? Moo Habashoota keessumaa Amaartota kiniinii wayii kan walqixxummaa fi haqa sabootaa isaan beeksisu kennuufi? Kunoo, dubbiin obboo Jawaari fi dubbiin Aljaziiraa akka muummiyyeewwan Amaaraa homaa hin jijjiiramne ballaq-godhee nutti agarsiisaa jira!
Biyyee fi Biyya Oromoo keessaa Oromiyaan erga mooticha Amaaraa, Minilik saniin duula waggaalee 31 (1868 – 1899) booda dirree waraanaatti cabsamuun qabatamee, kunoo barri sonaan dheeraa tahee jira. Ginni-bittee Hababashaa waggaalee 400 guutuu Oromootti duulaa turullee, oggas isaanis, Oromoonis: eeboo, shootalaa fi gaachana callaan waan lolaa turaniif isaan hamma tokkollee hin milkoofne. Walakkeessa bardhibbee 19-ffaa keessa garuu, isaan maqaa Kiristaanummaatiin meeshaa waraanaa kan ammayyaa humnoota Oroppaa ennasii: Biritaanii Guddoo, Faransaa, Xaaliyaa fi Rusiyaa irraa waan argataniif, san irrattuu leenjiftoota waraanaa, kaarta-qartuu fi riqicha-tolchituu faa waan argataniif uummata Oromoo moyanii koloneeffachuu dandayani. Uummannii fi sabni Oromoo keessumaa Oromoonni daangaa Biyya Habashaatiin timjeeffaman kanneen akka: Oromoo Raayyaa, Oromoo Walloo, Oromoota Oromiyaa Waltajjii (Tuulamaa fi Macca Bahaa) fi Oromoota Wallagga Bihaa (Guduru, Jimma Raaree, Horroo fi Amuuruu) isa akka dallaa sibiilaatti waraana Habashaa ofirraa ittisaa ture moyanii, Oromoota biroos qabatani. Dabraniiyyuu uummatoota Kibbaa qabachuu dandayani. Duula hamaa kana keessa wanni suukkaneessaan weerartoonni Habashaa uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa irratti hin adeemsifne hin jiru. Kanneen keessaa harma-muraa fi harka-muraan Aannolee inni Oromoo Arsii irratti, funyaan-muraa fi morma-muraan gorroo Calanqoo inni Oromoo Barentuu irratti, lafarraa duguuggiin inni Oromoo Gullallee fi Darraa (kaaba Salaalee) irratti, qaama-hormaata dhiiraa cirannaan inni Oromoo Sooddoo fi Walisoo irratti adeemsifame hanga harraattuu uummata keenyaan yaadatamaa jira. Ciibsanii akka hoolotaa nama qaluun inni uummata obbolaa keenyaa Walaayitaa irratti oofame, lafarraa duguuggiin inni uummatoota tiruu Oromoo Kafichoo fi Dimmee irratti adeemsifamauun uummatoota kana dhibbayyaa 70 (“70 %“) fixe homaa hin irraanfatamne; yoomiyyuu hin irraanfatamusi. Eekaa, dhibee namaa fi loonii kan isaan duukaa-dhufee fi waraana isaanii saniin uummanni Oromoo kitilli shan (5 000 000) dhumuun lakkoofsi uummatichaa kitila 10 irraa gara kitila 5-tti gadi bu’e. Kana amlees, lafti lafee Oromoo tahe, dhibbayyaan 70 irraa fudhatamuun uummanni Oromoo guddichi gabbaarii fi ciisii isaanii tahe. Carraan uummatoota Kibbaallee akkuma kan Oromoo kana tahe.
Kana caalayyuu uummatoota Laga Omoo, Laga Dhiddheessaa, Laga Abbayyaa fi daangaa Sudaanitti dhiyaatanii jiratan kan nu irras, isaan irraas (Habashoota irras) gurraachawan, garuu akka amantii Oromoo isa Waaqeffannaatti uumaa Waaqaa fi tiruuwwan Oromoo tahan itti-duuluun akka bineensaatti adamsanii qabachuun gabaa biyya keessaa fi gabaa addunyaatti ittiin daldalachaa hamma jaarmayaan addunyaa kan “League of Nations” jedhamu, bara 1922 isaan dhoorkutti ittiin daldalachaa turani. Habashoonni uummatoota kiyya kanaan duris, harras gabra (“baariyaa“) jedhuuni. Harrallee kan akkana jechuun isaan kana waamu Amaartota magaalaawwan Oromiyaa keessa jiranii fi kanneen Gondor faa jiran qofa otoo hin taane, Amaartota amma obboo Jawaar Mohaammadii fi gaazexeessitoota Aljaaziraa fannisuuf: Waashingitan Diisii, London, Torontoo faa keessaa wawwacaa jiranisi. Isaan USAa keessa jiraatan keessaa gariin san bira kutaniiyyuu harrumallee obbolaa keenya, Afroo-Ameerikaanotaan gabroota (“baariyaawooch“) jedhuuni. Ani kanan as irratti kana fideef, nuti uummatoonni impaayerittii isaanii keessatti ammaaf argamunu sammuyyaa akkamii wajjin qalamaanis tahu, qabsoo akkamii akka adeemsisaa jirru jala harriquufi.
Duulli hamaan isaan obboo Jawaar, Aljaziiraa fi achumaan uummataa fi saba Oromoo irratti oofaa jiran raasaa kana (jidduu kana) akka oddo-kabree isaanii san itti-hammaatee malee, kan harra jalqabame otoo hin taane, itti-fufiinsa duriiti. Bara 1992 keessa yommuu mootummaan isaanii kan Wayyaaneen gaggeeffamu qabsoo saba Oromootiin dirqisiifamee, rifoormii waayee afaanii gochuun ijoolleen Oromoo Oromiyaa keessatti Afaan Oromootiin, Qabee Oromootiin barachuu eegalte san duula hamaa fi fokkisaa Oromoo irratti oofuu jalqabani. Ijoolleen isaanii (kan warra Amaaraa) ishiin magaalaawwan Oromiyaa kanneen addaddaa keessa jirtu hiriira bawuun, barsiisonni Amaaraa barsiisuu dhaabuun haqaa fi mirga Oromoo dura ijaajjani. Raajii Waaqaa, namni “afaan kiyyaanan baraddha; afaan kiyya hin miidhinaa” jeedhetoo hiriira baya malee, “isin afaan keessan dhiisatii kan kootiin baraddhaa” jedhee hin bawu. Amman ani beekutti kun addunyaa tana keessatti takkaa tahee hin beeku. Isa duula badaa warri Amaaraa Oromoo fi Oromummaa irratti haaromsanii jalqaban, qeessonnii fi daaqonoonni isaanii kanneen Oromiyaa keessaa: “Qubeen hojii sheexanaati” jechuun dibbegudda rukutanii, shaashara facaasanii, dhaddhaabbata mirmirsanii olka’ani. Kan biraa hafee taabota isaanii kabajamaa sanillee daboo waammachuun laga ximqataa irraa: “taabonni hamma Qubeen sheexanaa kun biyyaa bawutti hin galu jedhe“, jedhani. Oromoon Amboo garuu taabotas, qeesotas achumatti dhiisee bakka Qubeen itti-baratamtutti qajeele. Taabonni isaanii silaa Afaan Oromoo “hin dubbatuu” turjumaannis, abbaan-murtiis (daanyaanis) isaanuma jechaa dha. Waan biyyaa baafamuu kana maaf simaamaloo dharaa taabotatti himuun: taabota, uummata Oromoo fi Waaqa duratti soba dubbatu? San bira kutaniyyuu intala Oromoo tan magaalaa Caancootti (naannoo Sulultaatti) Qubee Oromoo uummata Oromoo barsiisaa turteeyyu, lubbuun ishii jannatatti haa galtuutii ishiin duunaan “bataskaanatti hin awwaalamtu” jedhanii dhoowwani. Bataskaanni sun qabeenya fi humna eenyutiin, biyya eenyuu keessatti, lafa eenyuu irratti akka ijaarame isaan ija cufachuun of-wallaalchisanillee taabonnii fi Waaqni ni beeku. Uummanni Oromoo guddichi kunis sirriitti beeka.
Gara boodaas yeroo mootummaan USAa Waashingitan Diisiitti akka raadiyoon isaanii kan afaanota biyyoota danuutiin dabarfamu, Afaan Oromootiinis akka dabarfamuuf hayyamuun bansiise, ilmaan nafxanyootaa isaan dira (“metropolis“) sanii fi naannoo isaa jiraatan hiriira bawuun dura-dhaabatani. Kan nama dhibu ennaa mootummaan alagaa afaan “biyya isaanii” keessa jiruuf, afaan Afrikaa tokkoof raadiyoo banu, silaa mee otoo sammuun isaanii jibbaa fi sanyummaan cufamuu baatee, “asshuu baga bantaniif!”, jedhaniiti hiriira bawuuyyu! Haatahu malee, sammuun gara sammuu Raas Dargee fi sammuu Minilik faatti of gadi-deebise kana yaadaa-ree? Sammuun akkanaa kunimmoo amma obboo Jawaari fi gaazexeessitoota Aljaziiraa irraatti gocha Aaannolee fi gocha Calanqoo karaatu hin mijoofneef malee, adeemsisuu irraa hin deebiyu. Namni baraa fi sammuu Minilikii fi kan Raas Daargee faatti of gadi-buuse, gocha jarreen kanaa hordofuu irraa of hin qabu. Garuu, barris bara Minilikii fi bara Raas Daargee san miti. Oromoonis Oromoo bara sanii miti; dhaloonni Oromoos kan barasii miti; addunyaanis addunyaa bara sanii miti! Dhugaa, baraa fi haqa ilmoo namaa kan bardhibbee amma keessa jirruu kanaa beekudhaani malee, sheexanni isaan ganamaa-galgala kaasan sun obboo Jawaari fi Aljaziiraa faa isaanitti ergeetii miti! Barris, namnis kan biraa tahuu isaa ammallee isaaniif hin galle jechaa dha.
Waan hundaafuu duulli isaan amma obboo Jawaari fi Aljaziiraa irratti dabrees uummataa fi saba Oromoo irratti adeemsisaa jiran kun bokonnaa (“camp“) Oromoo qulqulleessaa, Oromoo walitti qabaa, humnaa fi irraa Oromoo jajjabeessaa jira. Bokonnaa Oromiyaa bira dabreetuu saboonni fi uummatoonni akkuma Oromoo harqoota gabrummaa Habashaa jalatti argaman: Afaaronni, Somaalonni Ogadeeniyaa, Sidaamonni, uummanni Gaambelaa faa kana irrattis mararfannoon (“solidarity“) akka uummata Oromoo cinaa goran isaan taasisaati jira. Eekaa, “yoo funyaan rukutan ijji boochi” jedha mitiiree mammaaksi Oromoo? Haatahuutii, isaan nutti haa duulanii, nutti haa wacanii mee nuti Oromoonni ammuma irraa kaafnee maal maal faa gochuu qabna? Qabsoon bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa qabsoo salphaa wayii otoo hin taane, qabsoo du’aa fi jireenyaa ti. Qabsoo du’aa-jireenyaa kana galma isaatiin gawuuf, wanneen godhamuu qabantu ija-babbaasanii nu eeggachaa jiru. Egaa wanneen kana akka dubbiin nuu gabaabbatuufan armaan gaditti tokkoo-lamaan lafa kaayuuf yaala:
1) Kan ammaa caala uummanni Oromoo alaa-manaa, gaaraa-dakaa, magaalaa fi baadiyaa irraa karaa addaddaatiin of-ijaaree, walis ijaaruu qaba. Uummata karaa hundaan ofi-jaaree ka’e callaatu waanjoo gabrummaa baatee jiru san caccabseetoo darbachuu dandaya. Of-ijaaruu oggaa jedhamu karuma taliigaa duwwaa-dhaan of-ijaaruu qofa miti. Uummannii fi uumeen keenya kun karaa garagaraatiin ijaaramuu jechaan: dubartoonni, dorgaggoo-shamarran, hojjattoonni, qotee-bultoonni, daldaltoonni, seedattoonni, gaazexeessituuwwan, barreessitoonni, artistoonni, barattoonni, barateeyyiin (“academicians“) faa of-ijaaruu-tu isaanis, uummataa fi biyya isaaniis kan baasu taha.
2) Warri akka irranatti ibsametti of-ijaaree, walis ijaare kun walitti qabamuun gaaddisa Odaa jalatti walgawuun ijaarsa ijaarsotaa tokko gurmeeffachuu qaba. Ijaarsi ijaarsotaa kun jaarmolee malbultii (siyaasaa) fi addoota bilisummaas of-jalatti hammachuutu irra jira.
3) Jaarmoleen taliigaa fi addoonni bilisummaa Oromiyaa kanneen sagantaalee walfafakkaatu qaban, fedhii ofiitiin walitti baquuf qabsaawuutu irraa eegama. Walitti baquun kun daddhabamnaan akka jaarmolee obbolaatti walilaaluun wajjin hojjachuu qabu. Wal-masaaneffachuu fi walirraa qoqollifachun kun kan isaanis, uummata Oromoos eessanuu gawuu miti.
4) Dureewwan Oromoo kanneen ijaarsa kamiyyuu tahan of-sirreessuu fi caala kutannoon ka’uudhaan akkuma dureewwan qabsoo tokkootti nu gaggeessuu qabu. Moggaa moggaatti qoqollifachuu kana dhiisuun uummata ofiitti hiiqanii, uummata ofii oolgatanii deemuutu isaan irraa eegama. Suuta suutas dhaloota haaraa gara oliitti akka siqan gargaaruunis dirqama Oromummaa fi dirqama hogganummaati.
5) Uummannii fi sabni Oromoo inni humna qawweetiin qabamee, ammallee humna qawweetiin bitamaa jiru karaa maraan hidhatee, wal-hidhachiisee olka’uutu galma bilisummaa isa dhaqqabsiisa. Diina hidhatee namatti dhufe hidhatanii ofirraa deebisuun namaanis, Waaqanis kan eebbifame. Namoonni fi jaarmoleen tokko tokko kanneen “qabsoon hindhannoo nu hin baasu” nuun jedhan, kun uummata keenya afaan yeeyyiiwwanii fi qarriffoo majaalee (waraabeyyii hamoo) keessatti hambisuuf waamicha gochuun walqixxee taha. Kanaaf, karaa hundumaa hidhannee, karaa hundumaas uummata keenya hidhachiifnee tarkaanfachuutu karaa nu baasu taha.
6) Tokkummaan Oromoo kan ammaa caala, ee hedduu kana caala jabaatee, dabreeyyuu akka sibiilaatti kan eenyuu dandayee isa hin cabsine nuuf tahee adeemuu qaba. Tokkummaan ani baanu kun tokkummaa addoota bilisummaa fi jaarmolee taliigaa qofa miti. Oromoonni alaa-manaa bakka jiran cufattuu tokkummaan ka’aniitoo tokkummaa isaanii kan jiru jabeeffachaa kan hin jirremmoo ijaarrachuu qabu. Tokkummaan kun warreen, gandeenii fi hawaasota irraa ka’uun jajjabeeffamaa ol-adeemuu-tu irra jira. Ol-adeemee sadarkaa biyyalafaa dhaqqaba jechaa dha. Uummanni Oromoo kan waldhabe araarsee, kan walitti diinome firoomsee, kan wal-ajjeesellee gumaan dubbii raawwachiisee, walitti qabee walitti gumeessuuf muuxannoo tuulamee, tuulamee jiru qaba. Olii-gadi ceccewuu irra gara madda keenyaatti deebinee, irraa waraabbachuun tokkummaa keenya cimsachuutu nu baasa!
7) Oromiyaa tan Oromooti. Haatahuu malee, haqni warra bicuu tahanii guutumatti eegamuu qaba. Kan nu gabroomfate, kan dhiiga keenya xuuxxachaa ture, kan ammallee xuuxxachaa jiru gita-bittee Habashaati malee, uummata Habashaa (uummata Amaaraa fi Tigree) miti. Kana nuti durattis, ammas addumaan baafannee beekna. Kanammoo gara biyyoota biroo adeemnee kan baranne wayii miti. Seenaa uummanni keenya bardhibbee akkaan danuu keessa qaxxaamuree as gaye sanitu manneen barumsaa nuuf taha. Qaroomina (“civilization“) Gadaatu akka gita-bittee Habashaa faa gulantaa bineensummaatti gadi hin buune nu dhoorka. Kanaaf, wacnii fi duulli muummiyyeewwan Amaaraa amma nu irratti oofaa jiran, ilaafii-ilaamee (dimokiraasii) Gadaa isa sirna siyaasaa bira dabree qaama aadaa keenyaa tahe kana gonkumaa nu dagachiisuu hin dandayu.

8) Oromiyaa keessatti afaan biyyaa Afaan Oromoo tahuu eenyumtuu beekuu qaba. Ijoolleen Oromoo manneen barumsaa kam keessattuu, yoo unibasiitotaa fi kolleejota Afaan Ingiliziitiin barsiisan tahe malee, afaan ofiitiin barachuu qabdi. Ammaan tana ijoolleen Oromoo afaan qawween nutti dhufee qawweenis nutti fe’ame san, Afaan Amaaraa wanni barattuuf sababni wayiitu hin jiru. Gayeen gayee dhaa afaan qawwee kun nu irraayyis, Oromiyaa irraayyis ka’uu dha qaba! San bira dabreeyyuu namoonni Oromiyaa keessa akkaa waaraatti jiraatan afaan biyya keessa jiraatanii kana, Afaan Oromoo barachuutu isaan baasa. Kun mee seera biyyoota addunyaatii! San irratti ijoollee Amaaraas tahee, kan warreen biroo bakka tuuta-tuutaan jiraatanitti afaan ofiitiinis barachuun seeruma. Kana irratti warri amma “Oromiyaa nutu bulchaa jira” nuun jedhan, warri OPDO miila isaanii lamaanin dhaabachuun isa jedhame kana hojii irra oolchuutu isaan baasa. Jalakaattummaan Afaan Amaaraas, jalakaattummaan warra Wayyaanees inni isaan adeemsisaa jiran kun eessumaanuu isaan hin gawu! Uummata isaanii, uummata Oromoo galaana Abbayyaa kana wantaa taasifachuun oljechuu qabu! Kana malees, kunoo jidduu kana namoonni akka dureewwan Oromootti of ilaalanii fi waldaaleen tokkoo-lama gara jalakaattuummaa afaan qawweetti, Afaan Amaaraatti ceyaa jiru. Jarri kun qaanii fi salphina kana mataa ofirraa akka darbatan abdii qabna!
9) Harra nuti Oromoonni bineensummaa fi bisaambisummaa mootummaa Habashaa kan durii fi kan ammaa baqachuun garaa waaqa jalatti akka urjii faffacaanee jirra. Kunoo, ardiiwwan (“continents“) ilmoon namaa keessa qubatee jiru jahan keessatti argamna. Ardii Afrikaa teenyaa kana keessayyuu Kaayiroo irraa hamma Keptaawon-itti, Daakaar irraa hamma Maqadisoo-tti faffacaanee muldhanna. Ardiin xiqqattiin sun Awustiraaliyaa-nillee, biyyi xiqqashoon sun Ayerlaandaa-nillee namummaan nu simatanii akka ilmoo namaatti nu ilaalaa jiru. Habashoonni biyyuma keenya keessatti, dacheedhuma teenya irratti bakka ilmaan bineessatti gadi nu buusanillee, biyyoota itti-baqannegara daran irra caalan keessa akkuma ilmoo namaatti jiraanna. Dhalawwan Oromoo dubartii-dhiirri gariin qurxummii nama-nyaataa, shaarkiin liqimfamanii hafanillee, kaan adaala Sahaaraa faa keessatti cirrachaan awwaalamanillee akkuma Waaqni ganamumaan Oromoo eebbise sanitti bakka deemne maratti wal-horree, hammi tokko ijoollee ijoollee teenyaa-llee agarree jirra. Badhaadhina Waaqni nuuf kenne kana gara badhaadhina uummataa fi biyya keenyaatti jijjiiruuf ka’uu qabna. Bakka jirru maratti akka lamii (ambasaaddara) Oromiyaatti oflaaluun uummataa fi biyya teenya, Oromiyaa beeksifachuu qabna. Gandi keessa jiraannu, manneenii fi unbarsiitiiwwan itti-barannu, bakkoonni itti-hojjannu cufti iddoolee waayee Oromoo fi Oromiyaa itti-beeksifannu tahuu qabu. “Eessaayyi dhufte?”, isa jedhamu yommuu gaafatamnu “Oromiyaa irraayyi” jechuu qabna! Sanumaan biyyaa fi saba keenya barsiifachaa adeemna. Kakuu dha; laguu dha; hoola; hooda: Toopphiyaan yoo waayee Oromoo fi Oromiyaa ibsuuf tahe malee, akka biyya teenyaatti hin himamtu! Toopphiyaan tun akkuma sammuu Dhaloota Qubee keessaa haqamtee calaate san sammuu keenya keessayyiis haqamtee calawuu qabdi! Bakki ishiif malu muuziyema malee, sammuu keenyaa miti.
10) Uummanni Oromoo dagabaafatoota (koloneeffattoota) Habashaatiin kan qabame kophaa isaa hin turre. Harra mana hidhaa Habashootaa kan jirus kophaa isaa miti. Saboota, sablammiiwwanii fi uummatoota baay’eetu isa wajjin ture, ammallee isa wajjin jira. Kanaaf, qabsoon saba Oromoo fi uummatoota Kibbaa akka gaariitti walitti hidhaa qaba. Karchallee wajjin itti-hidhamnee waggaalee 135 turre kana amma harka walqabannee, wajjin olkaanee caccabsuun keessaa bawuu qabna! Ijaarsi Oromoo inni dursee hundee Oromummaa gadi nuuf xirribe sun, jechuun Waldaan Maccaa-Tuulaamaa uummatoota Kibbaa 12 keessaa kanneen akka: Gimiraa, Beenishaangul, Moochaa, Kuulloo-Kontaa, Walaayitaa, Gaamo-Goofaa, Gede’oo, Koonsoo, Sidaamaa, Somaalee Ogadeeniyaa fi Afaar faa miseensota ofii godachuun waliin qabsaawaa ture. Qabsoon ijaarsi seena-qabeessichi kun Dastaa F. Xoonaa, ilma mootii Walaayitaa kan mootummaan Hayila-Sillaasee mijjiriitti (addabayiitti) baasee garafsiisuuf qopphaawaa ture, Waldaan Maccaa-Tuulamaa jalaa fashalsiisuun isaa akka bakkalcha ganamaatti seenaa saba Oromoo fi seenaa saba Walaayitaa dabreetuu seenaa uummatoota Kibbaa keessatti ifaa bara-baraan kan jiraatu. Uummatoota kanneen keessaa gara sonaan irra caalan, warra hortee Kuush tahan waliin walitti guduunfaa: aadaa, seenaa fi afaanii faa qabna. Uummatoonni Kibba Oromiyaa jiran kun: Silxee, Guraagee, Adaree, Hadiyyaa, Kambaataa, Ogadeen, Sidaamaa, Gedewoo, Alaabaa, Goofaa, Dorzee, Hamar, Koonsoo, Walaayitaa, Kuulloo-Kontaa, Gimiraa, Dimmee, Moochaa fi Beenishaangul faa kan Habashootaan qabamanii gabroomfaman erga dallaan sibiilaa kan Oromoo inni kanaa olitti tuqame sun cabee, sabni Oromoo qawwee ibiddaatiin qabamee asiiyyi. Ammas gaafa Oromiyaan teenya humna Oromootiin walaboomtee booda dallaan sibiilaa sun waan haaromfamee caalatti cimeetoo dhaabatuuf, uummatoonni kun cufti bilisaa fi walaba tahu. Garuu, guyyaa bilisummaa san shaffisiisuuf uummatoonni kun ammuma fedhii ofiitiin, fedhii ofiitiif qabsoo isaanii walitti qindeeffachuutu karaa Oromoos, isaanis baasu taha.
Keessumaa yeroo ammaa kana uummatoota Laga Omoo irratti mootummaa Habashoota Wayyaanetiin duula lafarraa isaan duguugutu adeemaa jira. Wayyaaneen waraana ishiitiin uummatoota kana qeyee isaanii irraa buqqisuun mooraa dhumiinsaatti naqaa jirti. Ishiin kan barbaaddu lafa isaaniiti malee, uummatoota kanaa miti. Dur abbootiin ishii fi abbootiin obbolaa ishii, warri Amaaraa uummatoota kana akka bineensaatti adamsanii qabachuun ittiin-daldalchaa turani. Uummatoonni kun waan sanyii duguuggiin inni hamaan irratti adeemsifamaa tureef, harra lakkoofsi isaanii sonaan gadi-xiqqaate. Uummanni Oromoo lafarraa duguuggiin inni hamaan irratti adeemsifamullee, kitilli shan dhumullee waan lakkoofsi isaa guddaa tareef irraa hafuun as gaye. Isaan kun amma kan lakkoofsaan: 3 000; 10 000; 20 000 yookaan 50 000 tahan yoo nuti namummaaf jennee namummaan cinaa isaanii dhaabanne malee, yoo nuti iyyineefii iyya uummatoota Afrikaatti, Afroo-Ameerikaanotattii fi biyyalafaa guutuutti dabarsineef malee, akkuma uummata Awustiraaliyaa durii, akkuma abbaa-biyyootaa kan Ameerikaa durii faa tahuu isaanii-ti. Ammoo, wajjumaan Habashootaan lafarraa nu duguugu malee, abadan isaan kophaatti hin dhiifnu. Kanaaf, ee kanaaf uummatoota Laga Omoos tahe, uummatoota Kibbaa wajjin karaa mara dhaabachuun qabsoo wajjummaa kan jiru cimsachuu, kan hin jirremmoo bu’ureeffachuu qabna! Toopphiyaa mana hidhaa sabootaa taate tana wajjin ofirraa gombifnee achi darbachuutu dirqama seenaa fi dirqama dhalootaa nutti taha!
11) Duula hamaa kunoo amma ginni-bittee Habashaa fi muummiyyeewwan Amaaraa nu irraatti oofaa jiran kana, isa obboo Jawaari fi Aljaziiraa irratti oofaa jiran kana irree tokkoon dura dhaabannee ofirraa faccisuu qabna. Erge isaanuu fidanii Aljaziiraa “keenya” bira dabarree, isa akka fakkeenyaatti fudhannee: BBC, CNN, VOA, DW (Voice of Germany) faatti iyyachuutu nurraa eegama. Luka koo, dugda koo jechuu dhiifnee olka’uun mataa olqabannee addunyaatti iyyachuu fi uummatoota Laga Omoofis iyya dabarsuu qabna. Oromummaan namummaa dhaa; namummaanis Oromummaa dhaa karaa kanaanis Oromummaa fi namummaa keenya haa cimsannu! Biyyoota keessa jirruu fi isaan kaanis jaarmolee namoomaa, gareewwan (paartiiwwan) garagaraa, mootummoota garagaraa, jaarmolee addunyaa fi ardiiwwanii: AI, Human Rights Watch, Eu, Au, UNO, UNESCO faatti waan uummata keenya fi uummatoota Laga Omoo irratti mootummaa Habashaatiin adeemsifamaa jiru itti-himachuu fi itti-iyyachuu qabna. Isaan nu hin dhagayan jenneetoo nuffinee dhiisuu hin qabnu. Hamma gurri isaan dhukkubuuttillee itti-iyyannee dhageessisiifachuu-tu nurraa eegama!
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo kanaa olitti yaadan kana irratti qabu hamma tokko lafa kaayeen jira. Anis, atis, innis (ishiinis), hayyee nuti marti akkka amma deemaa jirru kanatti itti-fufuu hin qabnu. Of-geeddaruu qabna. Biyya teenya harmee Oromiyaa, uummata keenya abbee Oromootiif jecha of-geeddarree waltahuun gara fuulduraatti tarkaanfachuutu dirqama. Dirqamni kun dirqama seenaan nu irratti dhiisee fi dirqama dhalootaa-ti! Dirqama kana eessattuu dhokannee jalaa miliquu hin dandeenyu. Kanaaf, waltahuun alaa-manaa ijaaramnee wal-ijaarree, karaa maraan hindhannee wal-hidhachiifnee, karaa maraan tokkoomnee waltokkoomsinee harqoota gabrummaa Habashaa of-irraayyis, wal-irraayyis caccabsinee haa darbannu! Akkuma jagnichi keenya Jaarraa Abbaa Gadaa jedhe san, bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa “akka du’aa waan ooluu mitii” mee haa jabaannu!
                              ==============    //    ==============

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *