Oduu Haaraya

WAAMICHA HARMEE OROMIYAA

                                             Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII

Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo akkuma dhagayaa, argaa jirtan haalli biyya keenya keessaa irra-caala uummata keenyatti hammaachaa, diinni isaa irra-caala gara bineensaatti of-geeddaraa jira. Kunoo, torban lamaan dabran kana keessa ijoolleen Oromoo akka baala mukaatti nu jalaa harcaatee jirti. Kaan immoo mootummaa Habashaa kan Wayyaanee ofiin jedhuun gaadamtee qabamuun, manneen hidhaa impaayertii keessatti dararamaa jirti. Kaan immoo achi-buuteen ishiituu hin beekamne. Barattuuwwanii fi barattoota Oromoo callaa otoo hin taane, barsiisonni, qonnaan-boltoonni, daldaltoonni fi Oromoonni kaan heddumminaan manneen hidhaatti guramnii, ammallee guuramaa jiru. Hiriirri, diddaan, dabreeyyuu fincilli Oromootaa kun kan akka ennaa biraa godinaalee lama yookaan sadii faa irratti tahee miti. Inni ammaa kun Oromiyaa guutuu irratti kan adeemsifame. Kunis Baabbilee irraa hamma Beegiitti, Kamisee fi Baatii irraa hamma Mooyaleetti, magaalaa fi baadiyaatti walqabachuun kan godhame.

Oromoon akkanatti waltayee olka’a jedhee namni eege, namni ciicate tokkollee hin argamu. Burkaanni (“volcano“) riphee ciisu kun akkanatti dafeetoo dhowa jedhanii xiinxaltoonni taliigaas, xiinxaltoonni waraanaas hin eegne. Haalli kun Oromoota Oromiyaa keessaa duwwaa otoo hin taane, Oromoota bineensummaa mootummoota Habashaa kanneen durii fi isa ammaa baqachuun addunyaa mara keessa faffacayanii jiraatanis akka nama tokkootti, waltahuun akka uummata ofii bira goran taasisee jira. Hiriira gaafa 09. 05. 14 tahe qofa irratti, Oromoonni fi namoonni biyyoota isaan keessa jiraatanii kanneen kuma dhibba hedduun lakkaawaman gayyaa’anii turani. Hiriirri seena-qabeessichii fi boonsisaan kun ardiiwwan shan: Ameerikaa Kaabaa, Oroppaa, Afrikaa, Asiyaa fi Awustiraaliyaa keessatti kanneen argaman biyyoota 37 keessatti adeemsifamee ture. Gaazexoonni, tiibiiwwan, raadiyooleen, weebonnii fi kanneen faffakkaatan isaan biyyoota garagaraa waayee Oromoo baldhinaan dhiyeessanii argamu. Ministeeronni, miseensonni paarlamaa fi manneen marii biyyoota garii, waayee saba Oromoo irratti mootummaa Toopphiyaa balaaleffachuun bira-dhaabannoo Oromoof qoodanii jiru. Gabaabumatti torban lamaan kana keessa, Oromoo fi Oromiyaan arrabaa fi sammuu addunyaa tanaa keessa turani.
SEENSA

Mootummaan Habashoota Tigraay kan Wayyaaneen ofiin jedhuu kun erga waggaa 23-n harraa, kilaashoo fannifatee, harroota ooffachaa, barabaasoon deemaa Oromiyaa seenee wanneen suukanneessoo fi hameenyaa daran hedduu tahan uummata Oromoo irratti adeemsiseeti jira. Inni maqaa nagaatiin biyya keenya seenee uummata keenya nagaa fi nageenya-maleessa taasisee argama. Qabeenyaa fi leecalloo keenya saammachuun biyya ofii ijaarrachaa, uummata keenya kaan gorra’ee, kan manneen hidhaatti naqee jira. Kan biraa hafee, bosona keenya barbadeessee, laggeeni fi harawwan keenya summeessee, ammallee summeessaa jira. Inni oggaa biyya isaa Tigraay keessa ture qabsaawaa, oggaa Biyya Amaaraa Gondorii fi Goojjam faa seene shiftaa, erga Oromiyaa seenee immoo aggaamiddoo taheeti argama. Ee, “aggaamiddooafaan durii isa afaan isaanitiif obboleessa tahe, Afaan Gi’iizii saniin:gaadduu, saamtuu kan jedhamu sanitti of-geeddare. Kunoo, inni Oromiyaa keessaa gaaddatee, saammatee, raammatee buluu tahe hojiin isaa!

Yoom kana duwwaatti dhaabata gochii fi hojiin TPLF kun? Qabeenya fi leecalloo Oromoo ofiif gaadachuu fi saammachuu bira dabree, saamtuuwwanii fi yeeyyiiwwan akka isaa baar-gamaa harkisee nutti fiduun nu saamsisaa jira. Akka aadaa fi seera Oromootti lafa lafee Oromoo tahe uummata keenya buqqisuun qabachaa, gurgurachaa jira. Araddaa fi qeyee Oromoo gurgurachuu callaatti otoo hin dhaabatin, kaabbaawwanii (bakka awwaalotaa) fi odaalee, caffeewwanii fi tolchawwan (bakka Waaqa itti-kadhatan) faas buqqisaa, gurgurachaa jira. Odaa Nabee isa Oromoon waggaalee 1300 ol-caayeffachuun yaa’ii isaa jalatti adeemsisaa ture, isa harrallee jalatti adeemsifachaa jiru kana abbaan-macaas kun mancaasuuf adeema.  Otoo dubbiin kanaan jirtuu, akkuma mammaaksi Oromoo tokko: “kan qabuufan dabala jettee harreen lagatti fincoofte“, jedhamu sanaa, hacuuccaa irratti hacuuccaa, roorroo irratti roorroo Oromoof dabaluuf jecha, magaalaawwan naannoo Finfinnee Shaggaritti argaman kanneen lakkoofsaan 36 tahanii, harma Oromiyaa jalaa baasee, bobaa Habashaa jala galchuuf dukkana oolgatee karoorfate san amma ifa taasise. Isa kanatu jiraa Oromoo dhiisitii isa du’ee ciisuyyuu aarii fi xiiqii, booree fi seexaa garaa kaawuun tokkoomsee olkaase. Inni harra maqaa guddinaatiin, maqaa misoomatiin magaalaawwanii fi aanalee Oromiyaa Finfinnee jala galchuun, boru immoo Finfinnee Shaggar kana akkuma jirutti Biyya Habashaa isa Manjii jedhamu jala galchuuf deema. Kan nama dhibu, karoorri kun durii, kan bara mootichaa fi bara dargichaa irraa kaasee jiru. Amma warri Wayyaanee akka isa kana galmee awwaaraa fi tukaaniin weeraramte keessaa fudhuun maaf irratti hojjachuuf ka’e, kan jedhu nama maraaf ifaa miti. Tarii sheexana Habashoonni harkisanii, wajjin biyya keenya seenan sanitu itti-ususe taha. Tarii abbootiin garaa kun, isaan kan harraa malee, kan boruu hin yaanne kun horii fi horoo ammaan tana lafa Oromoo gurgurachuun, qabachuun argatan san callaatu itti-muldhate taha.
Waan hundaafuu jarreen kun ibidda saafaa ofumaan ofitti qabsiisanii jiru. Haa tahuutii, maaliif Oromoonni Oromiyaa mara irraa sagalee fi yaada tokkoon waltahuun akkanatti ka’an, isa jedhu deebisuun sonaan barbaachisaa taha. Naannolee kana magaalaa Shaggar jala galchuun, uummanni Oromoo naannolee kana keessa jiraatu aadaa fi afaan isaa dhiisuun akka aadaa fi afaan warra Habashaa, Afaan Amaaraa fudhatu gochuu dha. Amaaromsii nafxanyoonni Amaaraa qawwee fi fannoo-dhan, ajjeechaa fi buqqusiin waggaalee 120 yaalanii daddhaban san isaan kun haaromsanii itti-ka’an jechaa dha. Qabeenyi fi leecalloon Oromoo inni naannolee kanaa Oromiyaaf mitii, warreen birootiif ooluu isaati. Kana malees, Oromiyaan bahaa fi lixatti qoodamuu handhuurri Oromiyaa teenyaa gargar-cituu isaati. Oromoon tokko Jimma, Mattuu yookaan Naqamte irraa ka’ee Dirree Dhawaa, Asallaa, Gobba,  Adoolaa yookaan Nageellee Booranaa dhaqu, biyya ofii keessaa mitii biyya alagaa keessa dabree deemuu isaati. Finfinnee Shaggar keenya kanatu ijuma teenya duratti Gondor yookaan Maqalee taha jechaa dha. Uummata Oromoo beekaa fi fageessee-ilaalaa kanaaf waan dubbiin kun sirriitti galeef, alaa-manaa waltahuun olka’e-kaa! Qaama biyya keenyaa, nafa Oromiyaa addaan-mummuruun kun gocha faashistummaa Minilik bowwaa Aannoleetti harmaa fi harka muraa adeemsise sanii fi isa inni gooroo Calanqootti funyaani fi morma Oromootaa mummursiisee sanii gadii miti. Nuuf haati teenya ishiin nu deessee fi Oromiyaan teenya ishiin irratti dhalannee, biyyee daakaa, biyyii darbachaa irratti guddanne tun wanneen adda tahan wayii miti. Kanaafi-kaa, Oromoon keenya alaa-manaa buqqayee bawuun sagalee diddaa fi sagalee qabsoo ofii kan dhageessise. Ammas Aannolee lammaffaa fi Calanqoo lammaffaa nu godhu malee, otoo lubbuun teenya jirtuu harmi harmee teenyaa lamuu hin mummuramu!
QAAMADUBBII
Torbaan lamaan dabran kana keessa mootummaan warra Wayyaanee kun dhiiga ijoollee Oromoo Oromiyaa guutuu keessatti lolaasaa ture. Raajii Waaqaa ginni-bittee Habashaa kan warra Tigree kun, ijoollee harka duwwaa hiriiraaf yaate rasaasa itti-roobsisuun ficcisiisuun kun maal akka isaa fayiduufi? Akkana gochuun uummata Oromoo jilbeeffachiisee qabeenya Oromoo saammachaa barabaraan jiraachuu barbaadaa? Mee yaa Waaq oftuulummaan, ofguurummaa fi sanyummaan akkanatti ijjeen namaa cufaa? Akkanatti sammuu ilmoo namaa, isa yaaduuf uumame sana, gara sammuu horiitti geeddaraa? Mee akka dubbiin tun nuu gabaabbattuufan, barreeffama tokko isan kanaan dura waayeedhuma kanaa irratti mataduree: “BUQQIFAMA OROMOOTA SHAGGARII FI NAANNOO ISAA“*, jedhamu kutaa shanaffaa keessatti kaafame tokkon kanaa gaditti isiniif tuqaa, mee na hoofkalchaa!
Isaan nu takka Biyya Hindii nu geessanii nu fidanis, takka Biyya Faransaa nu geessanii nu deebisanis, takka akka Alaqaa Taayyeen jedhe san “bishaan Haroo Walaabuu keessaa” akka qorxummii nu baasanis,nutii fi isaan akka biyyoota ollaa tahaniitti waggaalee kuma danuu fi bardhibbee meeqa meeqa walmaddii jiraannee jirra. Isan jaalatanis, jibbanis uummata Oromoo kitila 46 (46 000 000 +) ol tahe kana Gaafa Afrikaa irraa buqqisuun ardiiwwan biroo geessanii qubachiisuu hin dandayanii, akkuma biyyoota ollaalee tahaniitti walcinaa jiraanna. Ennasis uummata isaanii rakkatee namummaan namummaf nutti dhufu, akkuma aadaa keenya isa boonsisaa kanaatti waan qabnu maraan keessummeessina. Kanaaf, lafarraa-duguuggii (“ethnic cleansing”) isaan kunoo amma ijjeen teenya fi ijjeen addunyaa fuulduratti uummata Oromoo isa naannoo Finfinnee Shaggar irratti adeemsisaa jiran waltaanee oljechuun ofirraa qolachuu malee, filmaata biraa hin qabnu. Jarri kun uummata keenyatti ba’aa inni baatee deemuu hin dandeenye itti-fe’aa jiru. Akka nama tokkootti waltahuun akka fincila-diddaa gabrummaa jabaannee itti-fufnuuf nu dhiibaa jiru. Egaa, erga isaanumtuu barbaadanii akkuma Falastiinotaa, isaan akkuma keenya qeyee fi araddaa ofirraa buqqifamnaan intifaadaan olka’anii sanaa nutis: intifaadaa, intifaadaa jechuun garuma fuulduraatti tarkaanfachuu qabna!
Maarree, ijoolleen Oromoo Oromiyaa guutuu irraa olka’uun torban lamaan dabran kana keessa: “intifaadaa, intifaadaa” jechuun impaayerittii moofomtee, moofomtee bututtuu fakkaatte tana raasaa turte. Nuti Oromoonni jaalannus, jibbinus akkanuma ginni-bittee Habashaa fi illiitonni isaanii jalatanis, jibbanis intifaadaa kana irraa kaasee, uummannii fi sabni Oromoo akka kanaan duraatti, kottee koloneeffatoota Habashaatiin dhiddhiitamanii buluu gonkumaa hin dandayani. Habashoonni nu bitaa turanii fi isaan amma nu bitaa jiran, Oromoo fi Oromiyaa ammas akkuma bara Yohaannis Afraffaa fi bara Minilik Lammaffaa sanatti ilaalu. Ammas “Gaallota” isaanii durii “Woromoota” isaanii harraa akkuma gabbaarota isaanii durii, isaan qawween doorsisuun qochisiifatanii sanaatti ilaalu. Amma isaanitti namummaa fi mirgi namummaa otoo hin taane: dhadhaa fi damma, aannanii fi daadhii, biddeena maanyaa fi murachiisaa Biyya Gadaatu isaanitti muldhata. Gita-bittee fi muummiyeewwan Habashaa isaan duriis tahee, isaan ammaa kana oftuulummaa, ofguurummaa fi sanyummaan sammuu fi onnee isaanii waan sonaan cufeef, cobni namummaa wayiituu keessatti hin argamu. Nuti Oromoonni kana beeknee, uummatoota Kibbaa isaan akkuma keenya harqoota gabrummaa jala jiran wajjin, karaa maraan obbolummaa fi mararfannoo jabeeffannee garuma fuulduraatti bilisummaa fi walabummaa keenyaaf tarkaanfachuu malee, filmaata tokkollee hin qabnu.
Kanaa olitti: “intifaadaa kana irraa kaasee, uummannii fi sabni Oromoo akka kanaan duraatti kottee koloneeffatoota Habashaatiin dhiiddhitamanii buluu gonkumaa hin dandayani.” Jedhameeti ture. Eekaa, nuti Oromoonni akkamitti, maal taanetoo, maal goonetoo kichuuwwan Oromoo, qacaleewwan Oromoo torban lamaan dabran kana keessa loltoota fi hidhattoota Wayyaanee-tiin: gorra’aman, garafaman, waadaman faa irraanfachuu dandeenya? Akkamitti mucayyoon teenya, intalli Oromoo ishiin magaalaa Roobee Baaletti, ajjeefamte tana, ilma Oromoo Hara Maayatti mataan isaa dhoofamee dhiigni irra galaanu sana, humna Waaqatiin du’a irraa haftullee intala Oromoo magaalaa Naqamteetti diinaan reebamtee hidhiin ishii dhoofame sana, Abdiisaa Guutuu mucaa waggaa 9 kan magaalaa Gudaritti ajjeefamee reeffi isaa daggala keessatti gatame sana, jaarsa Oromoo Nagaasaa Lammeessaa kan umuriin isaa waggaa 80 isa Waddeessatti (naannoo magaalaa Ambootti) galaafatame sana, eekaa kam himnee kam dhiifnaa mitii, maal himnee dandeenyaa mitii: ijoollee Horroo Guduruutti, Naqamtetti, Gimmbiitti, Najjootti, Mandiitti, Dambi Doollootti, Jimmatti, Gudaritti, Ambotti, Dirree Dhawaatti, Hara Maayaatti, Roobeetti eessa eessa faatti ajjeefamte, madoofte, hidhamtee waxalamaa jirtu tana maal gooneeti sammuu fi qalbii teenya keessaa haqnee baasuun irraanfachuu dandeenya?
Akka ijaarsonni namoomaa kanneen addaddaa gabaasannitti keessumaa akka “HRLHA” ibsetti, godina Oromiyaa Waltajjii isa “Shawaa Lixaa” jedhamu keessaa qofa Oromoota kuma shantamatu (50 000) manneen hidhaatti guuramanii jiru. Godina tokkicha callaa irraa yommuu akkana tahu, godinaalee Oroiyaa 17-n keessaa namoota kuma dhibba afurii oli tahu jechaa dha. Kunoo, akkanatti ijjeen teenyaa fi kanneen uummatoota addunyaa duratti warri Wayyaanee Oromiyaa gara manneen hidhaatti jijjiiranii argamu. Kakuu dha; laguu dha; kakuun kakuu Oromootii, laguun laguu Oromiyaatii isa kanatu akka alaa-manaa waltaanee intifaadaa keenya itti-fufnuuf, caalayyuu daran cimsachaa deemnuuf nu dirqisiisa! 
XUMURADUBBII
Kunoo hiriirri torban lama otoo walirraa hin citin Oromiyaa mara keessatti adeemsifame kun uummanni Oromoo mirgaa fi haqa uumaan qabu, isa irraa sarbame deebisee gonfachuuf karaa nagaatiin oljeddhee ture. Garuu, Habashoonni Wayyaanee isaan meeshaa waranaa bakka amantii ofii buufatan kun, uummata nagaan hiriira baye kana garii ajjeesanii, garii madeessanii, garii immoo manneen hidhaatti naqanii jiru. Tahus Oromoon keenya uummata nagaa kan nagaan ka’eetoo mirgaa fi haqa ofiitiif takaanfatu tahuu isaa, uummatoota addunyaatti muldhifatee jira. Dabalees amma irraa kaasee Oromoonni bisummaa keenya karaa nagaatiini moo, karaa qabsoo hindhannootini jechuun walfalmuun, akka isaan irra hin jirre ifumatti ka’iifni kun nutti agarsiise. Uummata keenya isa humna meeshaa waraanatiin qabamee, ammallee humna meeshaa waraanatiin dhiddhiitamee bitamaa jiru kun, karuma qabsoo hindhannootiin akka bilisummaa ofii gonfatu, amma irraa kaasee mamiin tokkollee kan argamuu miti! Kana jechuun immoo ulaalee karaa nagaatiin argamanitti dhimma ittiin hin banu, yookaan immoo isaan lachuunuu dhimma hin baanu jechaa miti. Uummanni fi sabni keenya akka haalli fi humni isaa hayyameefitti qabsaawuun sirriidhuma.
Mee waan hundaafuu, kanaa gadittan wanneen amma nu irraa eegaman tokko tokkoon tarreessuun, Oromoota barreeffama kana dubbisan hundi akka naaf qalbeeffatanii fi akeekkatan jala-harriquun dhaamsa kiyya dabarfaddha:
1) Uummanni Oromoo bakka maraa waltahuun yoo olka’e, akka humna daran cimaa eenyuyyuu cabsuu hin dandeenye tahuu isaa suduudumatti muldhifatee jira. Alaa-manaa Oromoonni waltahuun tokkummaa isaanii sirriitti agasiifatanii argamu. Si-achi Oromoo amantiin, gosaan, godina fayiin addaan-qoqqoodanii bituuf warra abjootaniif, kun akka matumaa hin dandayamne amma ifa taheefii jira. Haatahu malee, jaarmoleen Oromoo hundumtuu hatattamaan odaa tokko jalatti walitti qabamuun akka isaan irraa eegamu, dhiignii fi lafeen ijoollee Oromoo dhumtee sun isaanitti iyyachaa jira. Kanaaf: a) jaarmoleen bilisummaa Oromoo hundi b) dhaabni hawaasota Oromoo marti c) ijaarsi dubartoota Oromoo d) ijaarsi dargaggoo-shamarran Oromoo e) ijaarsi qorannoo fi barateeyyii Oromoo f) ijaarsi artistootaa fi barreessitoota Oromoo g) waldaaleen amantii kan Muslimoota Oromoo, kan Kiristaanota Oromoo fi kan Waaqeffatootaa fi kanneen as irratti hin tuqamne hundi ariitiin walagayanii walmariyachuun kan beellamni kennamuufii miti.
Walgayanii marii adeemsisuu callaa otoo hin taane, Gumii Saba Oromoo hundeeffachuun dirqama isaanitti taha. Kora sabaa kana bakkaa fi yeroo jaarmolee maraaf mijjaawutti waamuunis sirriidhuma. Dursee eenyutu kana waamaan anaaf dubbii rakkiftuu wayii miti. Eenyu fi eenyumtuu haa waamuu, dubbiin hundee Oromoonni walgayanii mariyachuu isaaniti. Otoo Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) walgayii kana waamee irrayyuu bayeessa taha.
2) Sana dursuun fakkeenyaaf, ijaarsonni dargaggoo-shamarranii kanneen biyyoota addaddaa keessatti of ijaaranii argaman, sadarkaa ardii keessa jiranitti walitti dhuufuu qabu. Kan dubartootaa, kan hawaasotaa, kan artistootaa faas akkanumatti taha jechaa dha. Ardiiwwan immoo gara kan biyyalafaatti ol-siquun waanuma jiru.
3) Jaarmoleen bilisummaa Oromoo isaan addaddaa uummata ofii keessa kan durii caala seenuun, isa uffatanii, isa oolgatanii, isa irraa baratanii deebisanii isa barsiisaa deemuun daran barbaachisaa dha. Qabsaawota Oromootiif bosona Oromiyaa irra uummata Oromootu caala. Uummata Oromoo galaana kana keessa seenanii akka isaatti nyaatanii, akka isaatti uffatanii, akka isaatti jiraatanii wajjin warraaquun kan borutti dabarfamuu miti.
4) Oromoonni fi jaarmoleen Oromoo alaa-manaa namoota fi jaarmolee uummatoota Kibbaa waliin, obbulummaa irratti hundaawuun walbira-dhaabannoo fi walmararfannoo buufachuu qabu. Kunoo, hiriirota nuti addunyaa mara irratti goone irratti obbolaan keenya warri Ogaadeniyaa akka gaariitti nu cinaa goranii jiru. Kanaaf, nuti warra Gambeellaa, Benshaangul, Sidaamaa, Ogaadeniyaa faa waliin hojjachuu qabna. Dabrees, lafarraa buqqifamaa fi lafarraa duguuggii mootummaan Wayyaanee uummatoota Sulula Laga Omoo irratti amma adeemsisaa jirtu, akkuma isaa keenyaatti addunyaatti dhageessisuufii qabna! Isaan hamma keenyallee carraa argatanii biyyoota alaa kana keessa hin jiraani. Namummaa fi Oromummaa keenyatu sagalee isaanii akka dhageessifnuuf nu taasisa.
5) Nuti Oromoonni biyyambaa (“diaspora“) humna daran cimaa tahuu keenya hiriira torban dabree biyyalafaa mara irratti adeemsifne irraa hubanneeti jirra. Ammammoo kana caala jabaannee hojjachuun akka nu irraa eegamu hunda keenyaaf ifa tuhuu qaba. Uuummannii fi sabni Oromoo nu malee, dhaaba waayee lamummaa (dippilomaasii) adeemsisu waayii hin qabu. Nuti bakka jiraannu, bakka itti-barannu, bakka hojjannu faa maratti waayee: biyya, sabaa fi uummata keenyaa beeksifachuuu qabna. Kun qabsoo isa bosonaa fi dirree Oromiyaa keessatti loltuuwwan keenya fi ijoolleen teenyaan adeemsifamaa jiruu gadii miti. Karaa kanaan qabsoo saba keenyaa beeksifachuu callaa otoo hin taane, mararfannoo fi bira-dhaabannoos horachuu dandeenya.
6) Ijoollee teenya ishii madoofte waldhaansisuuf, ishii manneen hindhaa jirtu hiiksisuuf, ishii galaa hin qabneef galaa dhiyeessuuf, manneeni fi qabeenya warreen isaanii kanneen barbadaayan san hamma wayii bakka-buusuuf, abukaatota isaanii dhaabuu fi kanneen fafakkaataniif gargaarsa bakka marattuu waltiqabuun dansa. Barattootaa unibarsitii irraa hariyaman akka barumsa isaanitti deebiyaniif, karaa addaddaatiin gargaaruu qabna. Jaarmoleen namoomaa isaan biyyoota Ameerikaa fi Oroppaa keessatti argaman akka dhaqanii warra hindame gaafatan, hiiksisan, waayee isaanii qorataniif itti-iyyannee, kakaafnee qoricha faa wajjin gara Oromiyaatti erguu qabna! Akka hojiin kun laafaa hin taane, sirriittan beeka. Garuu, waltaanee yaaluun ni dirqii dha.
7) Akka bultii sadii dura tiibii warra Amaaraa kan “Isaat” jedhamu irraa dhagayametti, jarri kun qabsoo uummata keenyaa busheessuu fi xureessuu irratti argamu. Oduu sobaa ololaaf jecha, Oromoonni keenya namoota Amaaraa magaalaa Gimbii irraa akka hariyaanitti dhiyeessaa jiru. Amma jarreen kun maaluma barbaadu? Qabsoo saba Oromoo isa mootummaa Habashaa irratti xiyyeeffatee deemaa jiru kana akka waan uummata Amaaraa irratti xiyyeeffameetti nutti gurgurachuu fedhuu? Kana irratti waraqaan obboo Jawaar Mohaammad “The Gulele-Post”  irratti nuuf dhiyeesse, dabaa fi jibbaa-sodaa (” Oromophobia“) isaan Oromoo irratti qaban akka gaariitti nuuf ibsaa, mee isa ilaaluuf yaalaa! Duris, harras, borus lammiiwwan Habashaa kan warra Amaaraas tahee, kan warra Tigree biyya keenya keessa nagaan jiraachaa turan, nagaan jiraatusi. Qabsoon keenya gita-bittee Habashaa irratti malee, uummata irrattii miti. Kana nafxanyoonni “Isaat” boongoo (waasshaa) godhachuun uummata nagaan waliin jiraatu waltti naquuf, oduu sobaa sobaan labsan kun hojii fi ergaa sheexana isaanii saniti malee, kan nama itti-gaafatamni uummata isaas, kan namummaas itti-dhagayamuu miti. Nuti nagaa uummata biyya keenya keessa jiraatuu eegaa, qabsoo keenya hammas akkuma duraanii mootummaa gabroomfataa kanatti xiyyeeffachaa sochowuu qabna. Aadaan Oromoo boonsisaa fi raajeffatamaan kun, nagaa ilmoo namaa dhiisitii kan bineeyyii fi kan mukaa-margaatuu ni tiksa. Aadaan keenya kun dabaa fi soba warri “Isaat” dabarsan kanaan boorawuu hin qabu!
Yaa lammiiwwan kiyya warra barreeffata kana dubbiftanii, hiriirri fi diddaan ijoolleen Oromoo biyya guutuu irratti olkaateef sun homaayyuu hin dhaabannee, kunoo kaleessa magaalaa Naqamtee keessatti itti-fufee jira. Kana irratti kunoo, achuma Naqamteetti dhalawwan keenya sadii galaafatamanii isaan kaanimmoo akka malee madaayanii jiru. Mee “gadaa.com” isa hardhaa ilaalaa! Akka fakkoolee kana irraa agarrutti, biyya ofii keessatti warra qawween namatti dhufeen dhiddhiitamanii jiraachuun, kan onnee namaa madeessu. Kan aarii fi xiiqiin ol nama kaasu. Ijaarsuma kiyya qofaa, yaaduma kiyya qofaa, maaloo maaloo kiyya qofaa, inni jedhamu amma dhiiga kichuuwwan keenyaa kanaan haqamee hafuu qaba! Amma arrabni keenya, qalamni keenyaa fi eeboon keenya wal-irrattii mitii, gara diina uummata keenyaatti xiyyeeffamuu qaba!
==============    //    ==============

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …