Oduu Haaraya

Kaleessa WBO Hidhannoo Guutuu Waliin Hiriirsanii Karaa Baalee Ganan; Har’a Ammoo Suufii fi Saamsoonaayitaan Karaa Boolee Galan


‘Waraabessi Biyya Isa Hin beekne Dhaqee Kaldhoo Naa Afaa Jedhe’

(Argan Beeko)

Mammaaksi akka mata duree barruu kanaatti dhihaate kun dubbii warra ODF ibsuuf karaa gabaabsa. Murni namoota yeroo adda addaatti badii adda addaa raaw’atanii ABO keessaa ari’aman yookiis fottoqanii bahan irraa walitti dhufe kun, daandii faallaa fedhii ummata Oromoo irratti kan argamu tahuun isaa amma hundaafuu ifee jira. Namoonni baay’een dhalachuu murna kanaa waggaa tokko qofatti gabaabsanii hubachuu malu. Haa tahu malee murni kun akka murnaatti dhalachuuf kan karaa eegale waggaa jaha dura. ODF jechuun murna ‘Jijjiirama’ jedhamee bara 2008 keessa ABO irraa fottoqe irraa dhalate. Murna kana gochaa fi kaayyoo isaa irraa ka’uun namoonni baay’een ‘Micciirama’jedhuuni. Ani garuu barruun kun arrabsoo karaa irraa akka hin fakkaanneef jecha maquma isaan moggaafataniin ‘Jijjiirama’ jedhee waamuun filadhe.

Ofii ka’umsii fi seenaan gabaabaan murna kanaa maal fakkaata? Eessaa ka’ee eessatti deemaa jira? Gaaffiilee deebii kanaa gabaabsee ibsuufan tattaafadha. Mataan murna amma ODF jedhamuu kun, Obbo Leencoo Lataa, gaafa Jijjiiramni labsamu suduudaan harka keessaa qabaachuu haa mormatan malee, duubaan garuu mahaandisa fottoqiinsa gaafasii tahuun qooda hogganummaa akka bahachaa turan warra dhimma kanaaf keessummaa hin tahin biratti beekamaa dha. Itti aanaan ODF har’aa, Dr. Diimaa Nagawoo ammoo, gorsaa (advisor) murna Jijjiiramaa tahanii labsamuun ifaan ifatti (officially) hojjechaa turan. Maqaa ‘bu’uressitoota ABO’ fi ‘hogganoota gameeyyii’ jedhamutti dhimma bahuun jarri kun lamaan ummata Oromoo afaanfajjessuuf karaan deemaa turanii fi deemaa jiran gaddisiisaa qofa osoo hin taane qaanfachiisaa dha. Haasawa yeroo adda addaatti miidiyaalee diinaa kan akka ESAT irratti bahanii haasawaniin kabajaa ummatni Oromoo isaaniif qabaachaa ture of irraa mulqanii of salphisan. Gaaffii bilisummaa ummata Oromoo, kan qabsaayonni kuma kudhanootaan itti wareegaman salphisanii fi gara dabarsanii ‘gaaffii ambummaa’ (citizenship)tti gad xiqqeessan. Kana qofaanuu hin dhaabbanne. ‘Nuti takkaa bilisummaa Oromoo gaafannee hin beeknu, gaafa ABO bu’uressinus Oromiyaa bilisoomsuu waan jedhamu yaadnee hin beeknu’ jedhani. Kanaanis Habashoota waan gammachiisaniif ESAT irratti baay’ee harki rukutameef. Oromoon garuu bakka jiruu ‘Safuu!’ jedhee isaan taajjabe.

Jara kana lamaanii gaditti kan argaman Obbo Leencoo Baatii fi Obbo Hasan Huseen hoo eenyu? Jarri kun lamaan ammoo warra ifatti labsatee maqaa ‘Jijjiirama’ jedhuun bara 2008 irraa qabee ABO diiguu irratti bobba’e.  Warra ummata Oromoo fayyaaleyyii hedduu afaanfajjeessuun Menneapolis irratti harka rukuchiifatani. Jarri kun warra ifaan ifatti ‘’Shanee ABO gaafatama irraa ariinee jirra; Kana booda ABOn Shanee Gumiitiin hogganamtu hin jirtu’’ jedhee ummata Oromoo sobe. Yakka qabsoo Oromoo fi dhaaba kallacha qabsoo Oromoo, ABO irratti dalagan kana jalaa of baasuuf jechas murna fottoqxummaadhaan ‘Jijjiirama’ jedhanii jaarratan sana irratti Kamaal Galchuu akka hayyu-dureetti muudan. (Akka afaan isaanii gaafasiitti ‘dura deemaa’ jedhamaa akka ture hin dagatamu). Kamaal akka bolola aangoo qabu waan beekaniif badii ofii dalagan hunda namtichatti haqachuuf jecha gowwoomsanii maqaaf of dura kaa’ani. ‘Hoggansa Kamaal’ jalatti yakka dirree qabsoo fi hawaasa Oromoo biyya adda addaa keessatti raaw’atameefis nuti itti hin gaafatamnu, nuti keessaa hin qabnu jedhanii Kamaalii fi warra isa waliin turetti haqachuuf tattaafatan.

Kamaal Galchuu Hagayya bara 2006 keessa gaafa qaamaan ABOtti makamu nama nagaa qabu, kan Oromummaaf laalatu akka ture warri isatti dhihoo ture ragaa bahaaf. ABOnis murannoo Oromummaa isaa kana laalee akka qabsoo Oromoo furgaasuu keessatti qooda ogummaa waraanaa bahatu haala aanjessuufiif jecha gara miseensa Hogganummaa (Gumii Sabaatti) ol guddise. Tarkaanfiin toltuuf godhame kun garuu osoo oolee hin bulin hammeenyaaf gumaameche. Kamaal ABO seenee ji’oota muraasa keessa Obbo Hasan, Obbo Leencoo fi fakkaatota isaanii kanneen hoggas waliin shubbisaa turaniin micciiramee daandii haqaa kan irbuu itti seeneef irraa jal’ifame. Kamaal daldaltoota siyaasaa kana lamaaniin dogoggorfamee naamusa dhaabaatiin ala deemee yakkoota gurguddootti cuuphame. Qajeelfamaa fi barsiisa namoota maqaa dhawaman lamaanii fi fakkaatota isaanii jala deemuu filatee Hayyu Duree dhaabichaa tuffatee qajeelfamas irraa fudhachuu dide. Kana birayyuu dabree qabsaayota ABO gidduutti walitti bu’iinsi hamaan akka dhalatuu fi keessumattuu waraana gaafas ajaja isaa jala ture keessatti dhiigni ilmaan Oromoo tokkummaa qabsaayotaaf lallabaniidhaa akka bishaaniitti akka dhangala’u tarkaanfii fudhachiise. Yakka gaddisiisaa kana hunda duubaan kan ture ammoo warruma har’a ODF jedhee gilindisaa jiru kana akka ta’e yaadachiisuu feesisa.

Yakkoota waraanaa gaafas murna ‘Jijjiirama’ jedhamuun raaw’ataman keessaa kan akka malee hamaa fi yoomuu seenaan hin irraanfanne Zoonii Kibbaa keessatti ta’e. Ijoollee Oromoo bilisummaa Oromoof jecha irbuu waliin seentee, dhagaa waliin boraafattee, diina ishii irratti qiyyaafattee jirtu gosummaa fi ilaalchaan qoqqoodanii walitti diran. Ijoolleen Oromoo afaan qawwee ishii diina irraa buqqiftee walirratti akka deebiftu taasisan. Kanaanis qabsaayonni Oromoo diina ajjeessuuf manaa bahan wal galaatafanii irbaata allaatii wal taasisan. Yakki warri ‘Jijjiiramaa’ sun (Kan Leencoo Baatii fi Hasan Huseeniin hogganamu) zoonii sanatti raaw’achiise kana qofas miti. Itti Aanaa Dura Deemaa isaanii kan ture Lichoo Bukraa ilmaan Oromoo diina kuffisanii kufuuf irbuu seenanii dirree qabsoo irratti argaman dhibbootaan hiriirsee Wayyaaneetti galche. Qawwee qabsaayota Oromoo kan gumaata qaalii sabboontota Oromoo biyya alaa fi biyya keessaatiin horatamte walitti qabanii Wayyaaneef galii godhan. Kunis isaan hanqatee miidiyaa Wayyaanee irratti bahanii hanga dandeettii isaanii ABO ummata biratti jibbamsiisuuf xibaaran. Arraata Wayyaanee tahanii olola farra QBO oofani. Kanuma waliinis miseensotaa fi deeggartoota ABO cichoo tahan bakka addaa addaa irraa qabsiisanii hiisisani. Kanaanis Wayyaanee biraa fuula bitachuuf haa dhama’an malee Wayyaaneen garuu torbaan tokko lama eega dheebuu ololaa ittiin bahattee booda akka xaasaa cabaatti lafatti darbite. Amma wayta kana namni haaturuutii hantuutninuu bakka jiranitti isaan hin fuunfattu.

Yeroo kun hundi tahu ‘Jijjiiramni’ isaanii, kan hoggansa isaa jalatti yakki kun hundi qabsoo Oromoo irratti raaw’atame, guyyaa tokko illee gadi bahee ummata Oromoo dhiifama hin gaafanne.  Waraana Oromoo nama isaanii lammaffaa (Lichoo Bukraa)tiin dirqisiifamee Wayyaaneetti gane ilaalchisee ummata Oromoof ibsa kennan hin qabani. Oromoo tuffatan. Akkuma Adoolessa bara 2008 keessa qabsaayota fayyaaleyyii hanga tokko dogoggorsanii harka rukuchiifatan sanatti, baruma baraan Oromoo gowwoomsuutu danda’ama jedhanii saba guddaa kana tuffatani. Tarkaanfiin ganiinsaa taasifame sun qooda fudhannoo fi itti amantaa isaaniin alatti akka hin raaw’atamin kan ragaa bahu tokko isa kana. Yakki raaw’atame kun garaa ummata Oromoo akka laalesse wayta hubatan, Leencoo Baatii fi Hasan Huseen gaafatama kana jalaa of baasuuf jecha namicha akka afiishalootti of dura kaa’an (Kamaal Galchuu) qeequu fi hamachuu hojii godhatan. Kamaalis akkuma isaan isa barsiisanitti qajeelfama isaanii fudhachuu dide. Dabaree isaa miseensummaa fi hogganummaa ‘Jijjiiramaa’ keessaa isaan ari’eyyu. Nama akka meeshaatti itti dhimma bahuuf moggaafatanii turantu fuula itti naanneffatee isaan salphise.

Qaanyii isaanii kana garuu ifatti baasanii dubbachuu mannaa, faana dabarsuuf jecha falaasama bishaan hin fuuneen Oromoo gowwoomsuuf tattaafatan. Maqaa ‘araara’ jedhuun ammas ABO gowwoomsanii harkatti galfachuudhaan kaayyoo dhaaba kana hiikkachiisanii Wayyaaneetti galchuuf qaban dhugoomfachuuf hojjechuu faashina haaraa godhatan. Sana duras taanaan ABO irraa fottoqanii murna ‘Jijjiirama’ jedhamu bixxiluuf wanni isaan dirqes, akka ofii barbaadanitti dhaabicha dhunfatanii diinatti oofuuf hiree dhowwatamuu isaanii ture. Projektiin maqaa ‘Jijjiirama’ jedhuun ABO dhabamsiisuuf eegalame yoo milkaawuu didu, warri fedhii kanaan wal fakkaatu wal suufanii projektii isaanii kan namni irraa bitu dhabame haaromfachuuf ammas arreedan. Warri hogganummaa ‘Jijjiiramaa’tiin yakka gurguddaa qabsoo Oromoo irratti raaw’ate sun, karaa maraan kasaaraa mudatan. Miseensota ABO fi sabboontonni Oromoo fayyaaleyyiin kan gaafas jaraan afaafajjeeffamanii turan osoo hin turin dhugaa fi soba adda baafatanii isaan ganani.  Bakki itti dahatan tokkichi bobaa Obbo Leencoo Lataa tahe. ‘’Wal fakkaattiin wal barbaaddi’’ jedha mitii ree Oromoon?

Obbo Leencoo Lataa fi Dr. Diimaa Nagawoo ABO harkatti galfatanii akka fedha isaaniitti dhaabicha hiikkachiisanii harka wayyaaneetti galchuuf jecha eega hojjechuu eegalanii waggaa 15 caalee jira. Sun milkaawuufii dinnaan maqaa ‘’Manguddummaa Araaraa’’ jedhuun akka ofii barbaadanitti jara reefuu maqaa dhoofne kana mataa ABO irratti irroomsuuf ijibbaatan. Kunis cichoomina hogganoota haqaatiin harkatti fashale. Akkasitti ABO irraa gaafa abdii muratan yakkamtoonni kaleessaa fi har’aa bakka jiranii wal barbaadanii maqaa ODF jedhuun of labsan. ‘Jijjiirama’ kaleessa gatatetu ‘ODF’ jedhamee booda keessa as bahe. ‘Jijjiirama’ Kamaal Galchuu kaleessa akkuma dhalateen gatate sanaa fi ‘Jijjiirama/ODF’ jara Leencoo har’aa kana wanni adda taasisu waanuma tokko qofa. ‘Jijjiiramni’ Kamaal Nafxanyoota kan waaqeffatu (Amhara-worship) yoo tahu, ‘Jijjiiramni/ODF’ jara Leencoo ammoo Wayyaanee-TPLFiin kan waaqeffatu (Tigray-worship) tahuu isaa ti. Lamaanuu Oromoon akka saba guddaatti miila lamaan of danda’ee dhaabbachuun egeree mataa isaa akka tolfatuuf osoo hin taane, maxxantuu fi ergamtuu Habashootaa tahee akka jiraatu hawwu.

Murni Kamaal hangamuu Habashoota gammachiisee harka haa rukuchiifatu malee Oromoo biraa guutummaatti waan tufameef battalumatti seenaa tahee darbame. Kan jara amma shubbisaa jiruus hiree Kamaal faa mudatan irraa adda hin jiru. Obbo Leencoo Lataa gaaffii fi deebii miidiyaa Oromoo tokko waliin amma dura geggeessan keessatti “Gaafa Amaarri yookiis Tigireen na faarsuu baay’isan rakkoo wayiitu jira jechuu dha.” jedhanii turan. Egaa har’a kunoo Oromoo osoo hin taane Amaaraa fi Tigireetu adeemsa ODF faarsaa jira. ‘Oromiyaa gananii Itoophiyummaa fudhataniiru’ jechuun lamaanuu gammadanii dabaree dabaree harka dhawaafii jirani. ‘Qubee fi alaabaa ABO sanas of irraa dhiisaatii sirriitti nu fakkaadhaa’ jedhaniis warri Amaaraa dhaamsa itti ergataa bahani. Tigiroonni aangoo irra jiran ammoo lammummaa biyya lamaatiin isin hin simannu, passport keessan isin irraa guurree isin simanna, jedhanii waadaa naqsiifataniin. Kunis harka kennannaa haal-duree tokko malee (unconditional surrender) tahuu isaa ti.

Yeroo dhihootii as waa’ee adeemsa ODF irratti odeessi haaraan bal’inaan kan gabaafamaa jirus marsaalee Oromoo irratti osoo hin taane marsaalee Habashaa kan akka Zehabesha.com, Ethiomedia.com, Ethiopianreview.com faa irratti. Kun kan agarsiisu yaaddoon Obbo Leencoo dhugoomaa jiraachuu isaa ti. Akkuma jedhanitti yoo isaanii galeef, jara (ODF)fi ummata Oromoo gidduu rakkoon guddaan akka jiru mul’isaa jira. Ammatti Habashaa Amaariffa dubbatuu mannaa Habashaa Tigiriffa dubbatu filachuun homaa garaagarummaa hin qabu. Habashaan Habashaadhuma. Oromoon ammoo Habashaa lamaan keessaa kamiinuu waliin firoomas tahee hariiroo qabsoo hin qabu. Haleellaa jarri lamaan isarraan gahaa jiran wal tahee of irraa qolachaa jira sabni Oromoo. Keessumattuu dargaggoon Oromoo eenyummaa saba isaa fi sadarkaa qabsoon isaa irra gahe sirriitti wayta diinatti agarsiisuu danda’e keessatti argamna. Oromoon akka Oromootti irree tokko tahee biyya isaa Oromiyaa irratti abbaa tahuu fedha malee, Amaara filatee Tigiree kan balaaleffatu yookiis, Tigiree firoomfatee Amaara kan jibbu akka hin taane diinota isaatti himaa jira!

Ofii warri ODF Wayyaaneetti galuuf sababni keeyyatan maal faa dha? Dhuguma akka afaaniin himatanitti ‘karaa nagaan qabsaayanii Wayyaanee kuffisanii Oromoo bilisoomsuu’ dha moo kaayyoo dhokataa biraa qabu? Yoo karaa nagaan Wayyaanee irratti qabsaayuuf kan garaa irraa yaadan taheef maaliif waggaa 23 booda har’a reef murtee kana irra gahani? Hireen isaanii hoo maal tahuuf deema? Kutaan lammaffaan barruu kanaa torbaan dhufu dhihaatu gaaffiilee kanaa fi kana fakkaataniif deebii gahaa qabaata.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Argan Beeko

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Pathogenicty of the pathogen

By Dr. Baaroo Keno Deressa March 10, 2017 I wrote this: Revelation of enemy secret …

One comment

  1. Laffaatii/dhamaatii isaanitif badhaasni isaani maal akka tahe arkuuf jirra. Nama harree koobe, galatni dhuufu akka je’an san duraa tahuu hin oolu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *